Adabbii Gara-Jabaataa ilmaatif Malu

Namni sooressi tokko yommuu du’u ilma ofiitif qabeenya baay’ee dhiise du’e. Ergasi gurbaan kuni qabeenya abbaa irraa dhaale fedhii haadhaa guutuf oolche. Haala gaarii fi gammachuun akka jiraattuf wanta ishii barbaachisu hundaa guutun mirkaneesse.
Achi guyyaa tokko intala bareeddu takka fuudhe.

Haa ta’uu malee, niitin isaa tan of jaallattuudha. Soddaati ishii (haadha dhiirsa ishii) jechoota jajjaboon itti dubbachuu eegalte. Yeroo hundaa dubbii badaan soddaati rakkisti. Miira isaanitiif haajaa hin qabdu. Kanarraa kan ka’e jireenya isaanii itti dhiphiste.
Fedhii Rabbii ta’e, soddaatin ishii dhukkuba nama kuffisuun waan qabamaniif nama isaan kunuunsu barbaachisa. Kanaafu, akka feete isaan gochuu dandeessi.
Sodaattin dhibeen isaanii itti abaase. Kunis rakkoo baay’ee itti fide. Yeroo kanatti niitin ilmaa soddaatin ba’aa guddaa ishitti ta’uu itti mul’ate. Maarree guyyaa tokko dhiirsa ishiitin, “Anaa fi haadha tee kan itti filattu yeroon amma. Ammaan booda isaan waliin jiraachu hin danda’u.”jetteen. Ilmi haati niiti waliin nageenyan akka jiraattuf niiti amansiisuuf haa carraaquyyu malee niitin isaa hin fudhanne. Maarree, filannoo gaddisiisaa lamatti kufe. Haadha irraa addaan bahuu moo niiti hiiku??? Yeroo murtaa’ef filannoo isaa itti yaade. Haa ta’uu malee, dhumarratti haadha dhiisee niiti filate.
Ilmi dhiibbaa sheyxaanaa jala waan tureef murtii sirrii akka kennetti itti dhagahame. Haati isaa isa guddisuuf wareegama (aarsa) baay’ee akka kafalte tilmaama keessa hin galchine.
Gaafa toko halkan garmalee qorru keessa, haadha isaa gara gamoo (fooqi)erga olbaase booda fooqi irraa isaan dhiibe kuffise. Jaartin dulloomtun akkuma lafa gahaniin yeroo muraasa qofaaf aadan. [San booda ni du’an jechuudha]. Firii gadaamessa isaanii kan ta’e ilmi jaallatan kuni akkanatti yommuu garaa isaanitti jabaatu amanuu hin dandeenye.
Hojii badaa ofii hojii gaariin haguugun amala yakkamtoota fi finciltootati. Sirna awwaalcha haadhaa booda namoonni booya akka itti dhufanii fi achumaan haadha dhabuu isaatin Rabbiin akka obsa isaa kennu du’aayi akka godhaniif, waltajjii tokko qopheesse. Rabbiin Gooftaa jinnoota fi namootaa ta’e gocha sukaneessaa kana akka isatti beeku namtichi kuni hin hubanne. Rabbiin olta’e kan hirribni Isa hin qabne wanta onnee keessa jiru hundaa ni beeka.
Guyyoota itti aanan ilmi jaarti duute tanaa akka fedhetti osoo sirbuu fi bashannanuu oole. Dallansuu Rabbiitif kan haajaa hin qabne ture. Dhara isaatiif adabbi isatti bu’u hin sodaanne. Rabbiin hanqinna tokko malee murtii ni kenna. Haalli murtiin itti raawwatamu haa turuyyuu malee murtiin Isaa hin hafu. Adabbiin kan dhufu yeroo Inni murteessetti waan ta’eef.
Yeroo dheeraa booda ilmi dharaa kuni adabbii Rabbii ofirratti fudhate. Dhukkubni haadha isaa qabee ture isallee ni huube (miidhe). Ergasii dhukkubni nama kuffisuu fi dhibeen sammuu isa qabe niiti isaa ni dhiphise. Akkuma haadha isaa rakkisaa turte niitin isaa tuni isallee rakkisuu jalqabde. Ammaan booda akka feete isa gochuu dandeessi jechuudha. Namni kuni yommuu gara fooqi olbahu halkan garmalee kan qorru ture. Achumaan deeme bakka haadha isaa itti darbe sanirra dhaabbate. Haadha isaa gara du’aatti kan gaggeesse bakka kanarra dhaabbate ture. Yeroma san namni kuni fooqi irraa darbame lafatti daaraa ta’e.
Ajjeechaa sukaneessaa inni raawwateef adabbi isaaf malu argate! ( Walaajochin lamaasdasat,  fuula 15-17-Hiikan Huseen Idriis Muhammad)

Mindaa haadha fi abbaa hajjisiisu
Seenan kuniin dargaggeessa Arabaa tokkoon kan dubbatameedha. Amala warra ofiitiif qabu odeessa. Barreefamni kan fudhatame kitaaba “Sa’adata daareyni fii birril waalideyni” jedhamu irraayyi. Dargaggeessichi akka dubbatetti gaafa tokko kaampani hojjatu keessaa hojii gadi furuuf murteesse. Kaampanii keessatti tajaajila kennaa tureef dinaara kuma soddomii lama (32,000) fudhate gara manaa qajeele. Maallaqni Isaaf barbaachisaa ture. Sababni isaas, qabeenya biraa hin qabuu ture.
Kuni kan ta’e bara 1424 akka lakkoofsa hijraatti waqtii hajjiin dhiyeete keessa ture. Yeroon kuni waqtii namoonni baay’een hajjii hajjuuf qophii barbaachisaa itti godhaniidha. Yommuu mana gahu maallaqa kaampani irraa fudhate warra isaatti hime. Haadha fi abbaan, “Dirqama hajjii akka raawwannuuf osoo maallaqa kee nuuf kennite hawwii keenya.”jedhan.
Ilmi yeroma san tole jechuun maallaqa kenneef. Maallaqni isa haa barbaachisuyyu malee fedhii warraa dursuun caalatti barbaachisaa akka ta’e ni amane. Ergasi warraaf haala deemsa hajji mijeesuf gara ejansii imala hajjii deeme. Sirnoonni barbaachisan erga guutani booda warri isaa akka hajjaniif erge. Rabbiif galanni haa galu! sirna hajjii haala milkaa’en erga raawwatani torbaan lamaan booda gara mana isaanitti deebi’an.
Kuni akkuma jirutti ta’ee, dargaggeessa kanaaf hojii raawwachisaa kaampani duraani irraa bilbilli bilbilameef. Waggoota dheeraaf tajaajilu isaatif maallaqni inni hin fudhanne akka hafe hojii raawwachisan itti hime. Kaampanicha irraa altokkotti maallaqa waan fudhateef maallaqni hafe xiqqoodha jedhe yaade. Gara kaampani deeme hojii raawwachisaa waliin wal qunname. Hojii raawwachisan cheeki poostaa keessa jiru erga itti kenne booda gurbaan kuni isa galatefate gara manaa deebi’e. Akkuma mana gaheen yommuu poostaa banu hangi maallaqaa cheeki irratti barraa’e hanga maallaqa warra hajjii geessuf kenneen wal-qixa. Dhugumatti Rabbiin abbaa kabajaati!  (Walaajochin lamaasdasat, fuula 63-64-Hiikan Huseen Idriis Muhammad

Kanaafu, haadha fi abbaa keenyaf tola ooluf carraaqu qabna. Tola isaanii oolun balbala milkaa’inna fi gammachuu banachuudha. Kan isaan miinu fi kan hin kabajne yoo ta’e balbala milkaa’inna fi gammachuu ofitti cufaa fi balbala adabbii ofitti banaa adeemna; miidhan isaan miidhaa turre numarratti deebi’a.

Maalummaa Du’aa’ii
​Garaagarummaa Jaalala fi hariiroo Haraamaa
Kana Raabsi

One comment

Leave a Reply