Maalummaa Du’aa’ii

Piroojekti ‘Du’aayi’ jedhu torbaan baay’eef turuu kan danda’u qabachuun har’a waa’ee du’aayi ilaaluuf carraaqna. Dhugumatti du’aayin furtuu milkaa’innaa keessaa tokko. Garuu namoonni baay’een furtuu kanatti fayyadamanii balbala milkaa’innaa fi gammachuu banachuu hin dandeenye. Maaliif banachuu dadhabanii? Sababni isaa maaliidhaa? Akkuma furtuun ilkaan qabu, du’aayinis ilkaan qaba. Ilkaan san sirritti qaranii jiru? Ilkaan sunniin maal akka ta’e sirritti beekani jiru? In sha Allaah gaafile kanaa fi kkf waa’ee du’aa’i ilaalchise walumaan ilaalla. Barreefamni waa’ee du’aa’i ilaalchise asitti barraa’u kitaaba “Du’a The Weapon of the Believer” jedhamu irraa fudhatama.

I.Du’aa’i jechuun maal jechuudhaa?
Jechi Arabiffaa Du’aa jedhu maqaa xumura irraa ijaarrameedha. Xumurri sunis, ‘Da’aa’ hiikni isaas, ‘waamu, kadhachuu’ ta’a. Afaan Oromootin jecha du’aa jedhu du’aa’i ykn du’aayi jenne waamna. Jechi du’aa jedhu Qur’aana keessatti hiika adda addaa agarsiisuuf maqaan isaa dhahame jira.

1.Ibaada (gabbarrii) agarsiisuuf:

وَلَا تَدْعُ مِن دُونِ اللَّهِ مَا لَا يَنفَعُكَ وَلَا يَضُرُّكَ ۖ فَإِن فَعَلْتَ فَإِنَّكَ إِذًا مِّنَ الظَّالِمِينَ

Rabbii gaditti waan si hin fayyannee fi hin miine hin gabbarin. Yoo akkas goote dhugumatti ati yeroo san miidhaa hojjattootaa (zaalimtoota) irraa taata.” Suura Yuunus 10:106

2.Gargaarsa barbaaduf:

وَإِن كُنتُمْ فِي رَيْبٍ مِّمَّا نَزَّلْنَا عَلَىٰ عَبْدِنَا فَأْتُوا بِسُورَةٍ مِّن مِّثْلِهِ وَادْعُوا شُهَدَاءَكُم مِّن دُونِ اللَّهِ إِن كُنتُمْ صَادِقِينَ

Yoo waan Nuti gabricha keenya irratti buufne [Qur’aana] irraa mamii keessa taatan, yoo kan dhugaa dubbattan taatan, suuraa akka isaa tokko fidaatii ragoota (gargaartota fi deeggartoota) keessan kanneen Rabbiin ala jiranis waamadhaa.” Suuratu Al-Baqaraa 2:23

3.Waamicha agarsiisuuf:

يَوْمَ يَدْعُوكُمْ فَتَسْتَجِيبُونَ بِحَمْدِهِ وَتَظُنُّونَ إِن لَّبِثْتُمْ إِلَّا قَلِيلًا

“Guyyaa Inni (Rabbiin) isin waamu fi isin Isa faarsaa awwaatanii fi yeroo gabaaba malee [addunyaa irra] kan hin turre ta’u yaaddan.” Suuratu Al_Isra 17:52

Jecha du’aa jedhu Qur’aana keessatti hiika baay’ee qaba. Kanneen armaan olii muraasa.

Akkasumas, hayyoonni Islaama du’aayif hiika itti kennanii jiru. Isaan keessaa:

Al-Khaxxaabi akkana jedha: “Du’aayi jechuun gabrichi Gooftaa isaa gargaarsa fi deeggarsa itti fufaaf kadhachudha. Haqiiqan du’aayi gabrichi garmalee wanta tokko Rabbiin irraa barbaadu agarsiisu fi wanta tokko mataa ofitiin jijjiruuf humna ykn mala kamirraayyu of bilisoomsudha. (Kana jechuun wanta tokko humna ofii qofaan akka hin hojjanne amanuun gargaarsa fi mala Rabbiin irraa kadhachuudha). Kuni mallattoo namni tokko Rabbiif gabricha ta’uu agarsiisudha; miira namni Rabbiif harka kennu mul’isuudha. Du’aayin hiika Rabbiin faarsu, arjoominna fi tolummaan Isa ibsu kan qabuudha.”

Ibn Al-Qayyiim Du’aayi akkana jechuun hiike: “Wanta nama fayyadu kadhachuu fi wanta nama miidhu akka namarraa deemu kadhachuudha. Yookiin wanti miidhaa geessu kuni isatti bu’uun dura akka isarraa Rabbiin deebisu kadhachuudha.”

II. Du’aa’in Gosa Ibaadati

Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) akkana jedha:

وَقَالَ رَبُّكُمُ ادْعُونِي أَسْتَجِبْ لَكُمْ ۚ إِنَّ الَّذِينَ يَسْتَكْبِرُونَ عَنْ عِبَادَتِي سَيَدْخُلُونَ جَهَنَّمَ دَاخِرِينَ

“Gooftan keessan ni jedhe, ‘Na kadhaa isiniifan awwaadhaa. Dhugumatti, isaan Ana gabbaruu irraa boonan, salphattoota ta’anii Jahannam seenuf jiru.’” Suuratu Ghaafir 40:60

Aaya tana keessatti Rabbiin akka Isa kadhannuu fi itti iyyannu nu ajaja. Akkasumas, warroota Isa hin kadhanne namoota boonaf Isa hin gabbarre keessatti lakkaawa. Kanarraa ka’uun, du’aa’in gochoota ibaada keessaa akka ta’e ni hubatama.  Hiikni kuni ifaan ifatti Ergamaa Rabbii (SAW)’n ibsame jira. Nu’maan ibn Bashir akka gabaasetti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:

“‏الدعاء هو العبادة‏”

Du’aa’in Ibaadadha.” Ergasii Ergamaan Rabbii (SAW) Aaya armaan olii qara’an. (Abu Daawud tu gabaase)

Kanaafu, du’aa’in gosoota ibaada keessaa tokko. Inuma gocha ibaadaa keessaa isa guddaadha.
Du’aa’i irraa faayda argachuuf haalli fi adeemsi du’aa’i itti godhan Qur’aana fi Sunnaa Ergamaa Rabbii (SAW) irraa kan fudhatamee fi waliin kan deemu ta’uu qaba. Namni tokko salaata salaatuf ykn soomuf sammuu ykn fedhii isaatiin akkuma hin deemne du’aayis gochuuf Qur’aana fi sunnatti of daangeessu qaba. (Du’aayi gochuuf gochoota Qur’aana fi sunnaa faallessan raawwachuu hin qabu)

III. Hariiroo Du’aayin Aqiidaa waliin qabu
Du’aa’in Aqiida fi tawhida waliin hariiroo cimaa qaba. Du’aa’in karaa hundarra caalu imaana ofii itti dabalanii fi Maqoolee (Asmaa’a) fi sifaata (amaloota) Rabbii itti dinqisifataniidha. Sababa adda addaa irraa kan ka’ee du’aa’in imaana namticha ni dabalaaf. Namtichi dhuma isaa irratti too’anna homaatu akka hin qabne yookiin humna of fayyadu kan hin qabne ta’uu ykn wanta badaa ofirraa deebisu akka hin dandeenye du’aa’in ni agarsiisa. Du’aayin miira Muslimni Rabbiin garmalee barbaadu agarsisa. Namtichi dhugaan du’aayi godhu Rabbiin akka dhagayuu fi isaaf awwaatu ni amana.

Karaan biraa barbaachisummaa du’aayi itti mul’atu tawhiida keessatti. (Tawhiida jechuun Tokkichummaa Rabbii agarsiisudha. Tawhiida bakka saditti qoodun ni danda’ama. Isaanis:
1.Tawhida al-Rubuubiyyaah– Tawhiida Gooftummaa, kana jechuun Kan wanta hundaa uumu Rabbiidha, Gooftaa fi Mootiin wanta hundaa Rabbiidha, wanta hundaa bakka isaaf maluu kan kaa’u (Mudabbir) Rabbiidha.
2.Tawhiida al-uluuhiyyah– kana jechuun gabbarrii keessatti Rabbiin tokkichoomsu (Rabbiin qofa gabbaruu, homaa Isatti qindeessu dhiisu).
3.Tawhiida al-Asmaa wa al-sifaat– amaloota gaggaarii, kabajamoo, guutuu fi maqoolee gaggaariin Isa wassafuu (ibsuu)dha. Tawhidni hundee Islaamati fi jalqabaa hanga dhumaatti waamicha Ergamtoota Rabbiiti. )

Namni tokko yommuu du’aayi godhu, keessoo isaatti Rabbiin jiraachu fi Gooftaa haqaa akka ta’e ni amana. Namtichi du’aayi gochuun Rabbiin wanta hundaa akka too’atu hojiin agarsiisaa jira, du’aayi isaatiif deebii deebisuuf humnaa fi dandeetti kan qabu Rabbiin qofa waan ta’eef. Rabbiin Nyaachisaa, Jiraachisaa, Uumaa fi Bulchaa uumama guutuu akka ta’e namtichi du’aayi godhu amanaa jira. kuni hundii hundee tawhiid ar-Rubuubiyyaati.

Karaa biraatin du’aayin Rabbiin qofti gabbaramuu akka qabu agarsiisa (Tawhiida al-Uluuhiyyah). Namni tokko Rabbiin too’annaa guutuu uumamtoota irratti qabaachu fi kadhaa nama dhiphinna keessa jiru kan deebisuuf Rabbiin qofa akka ta’e erge beeke, gabbaruu kan qaban Rabbiin qofa akka ta’e amanu fi hojii irra oolchu qaba.

Akkasumas, du’aayin Rabbiin maqoolee fi amaloota guutu akka qabu agarsiisa. Hasaasa garbichaa kan dhagahu Rabbiin qofa waan ta’eef. Gabrichi bakka fedhe haa jiraatu haala inni keessa jiru Rabbiin ni beeka.

IV. Rabbiin ala wanta biraa du’aa’i kadhachuun Shirkiidha
Akkuma duratti jedhame, du’aa’in Rabbiin qofatti qajeelu qaba. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala akkana jedha:

قُلْ إِنَّمَا أَدْعُو رَبِّي وَلَا أُشْرِكُ بِهِ أَحَدًا

Jedhi ‘Ani kan kadhu (gabbaru) Gooftaa kiyya qofa. Isattis waan tokkollee hin qindeessu.’” Suuratu Al-Jinn 72:20

Rabbiin alaa wanta biraa du’aayi kadhachuun shirkii qulqulluudha.  Sababni kanaas, namtichi wanta biraa du’aayi kadhatu amala Rabbiin qofa qabu wanta saniif kennaa jira. Fakkeenyaf wanta qalbii namaa keessa jiru kan beeku Rabbiin qofa; nama rakkate rakkinna keessa kan baasu Rabbiin qofa. Kanaafu, namni waliyyoota, taabota, dhagaa, nabiyyoota, malaaykota fi kkf du’aayi kadhatu, wantoonni inni kadhatu kunnin kadhaa isaa ni dhagayan, jireenya yeroo hundaa qabu, kadhaa isaa jalaa awwaachu ni danda’an, haala inni keessa jiru ni beekan, ni argan, wanta inni fedhu ni kennaniif jedhe amanaa jira. Garuu amaloonni guutun armaan olii Rabbii qofaaf kan maluudha. Rabbiin qofa wanta hundaa kan dhagahu. Rabbiin haala keenya hundaa sirritti kan beeku. Rabbiin qofa kadhaa keenyaf deebii kan deebisu. Wantoota du’aayin itti godhamu aaya tana keesatti Rabbiin haala Kanaan ibsa.

إِن تَدْعُوهُمْ لَا يَسْمَعُوا دُعَاءَكُمْ وَلَوْ سَمِعُوا مَا اسْتَجَابُوا لَكُمْ ۖ وَيَوْمَ الْقِيَامَةِ يَكْفُرُونَ بِشِرْكِكُمْ ۚ وَلَا يُنَبِّئُكَ مِثْلُ خَبِيرٍ

Yoo isaan kadhattaniis kadhaa keessan hin dhagahan. Osoo dhagahaniillee isiniif hin awwaatan. Guyyaa Qiyaamaas shirkii (Rabbitti qindeessu) keessan ni mormu. [Yaa Muhammad] akka Rabbii keessa beekaatti homtuu siif hin odeessu.” Suuratu Faaxir 35:14

Kanaafu, wanti Rabbii gaditti kadhatamu taabota ta’I waliyyi ta’ii kadhaa kana gonkumaa hin dhagahan. Amala guutu Al-Samii’ (Wanta hundaa dhagahaa) qabu waan hin qabneef. Osoo kadhaa isaanii kana dhagahaniyyuu isaan jalaa awwaachu akka hin dandeenye Rabbiin ibsa.

Wantoota Rabbii gaditti gabbaraman (kadhataman) Rabbiin ammas haala Kanaan ibsa.

يَدْعُو مِن دُونِ اللَّهِ مَا لَا يَضُرُّهُ وَمَا لَا يَنفَعُهُ ۚ ذَٰلِكَ هُوَ الضَّلَالُ الْبَعِيدُ
يَدْعُو لَمَن ضَرُّهُ أَقْرَبُ مِن نَّفْعِهِ ۚ لَبِئْسَ الْمَوْلَىٰ وَلَبِئْسَ الْعَشِيرُ

Rabbiin ala waan isa hin miinee fi hin fayyadne kadhata. Suni isatu jallinna fagoodha.
Nama miidhaan isaa bu’aa isa irra dhiyoo ta’e kadhata. Jaalalle ta’uun isaa waa fokkate! Ammas hiriyyaa ta’uun isaa waa fokkate!” Suuratu Al-Hajj 22:12-13

وَمَنْ أَضَلُّ مِمَّن يَدْعُو مِن دُونِ اللَّهِ مَن لَّا يَسْتَجِيبُ لَهُ إِلَىٰ يَوْمِ الْقِيَامَةِ وَهُمْ عَن دُعَائِهِمْ غَافِلُونَ

Nama Rabbiin ala waan hanga Guyyaa Qiyaamaatti homaa isaaf hin awwaannee fi isaan (warri kadhataman) kadhaa isaanii irraa dagatoo ta’an gabbaru caalaa jallataan eenyu?” Suuratu al-Ahqaaf 46:5

Kana jechuun wanti Rabbiin ala kadhatamu (gabbaramu) sun kadhatamu (gabbaramu) isaatu hin beeku. Du’aa’in osoo hanga Guyyaa Qiyaama isaanitti godhameyyu wanti uumamu hin jiru.Kanaafu, asirraa ka’uun namni Rabbiin ala wanta biraa du’aayi kadhate, shirkii guddaa hojjate jiraa jechuudha.

Kanaafu, namni Rabbiin alatti waliyyi du’e ykn Nabiyyi ykn malaaykaa ykn taabota fi kkf kadhatu yakka guddaa raawwataa jiraa jechuudha. “Yaa Rasulallah harka kiyya qabi, Yaa shek huseen ilma naaf kenni, Madanaalami na baraari, Gabra’el na eegi, Iyyasuus na eegi, qabri bira dhaqanii yaa ebalu na gargaari, akkas naaf godhii fi kkf jechuun shirkii guddaadha, yakka hamaa adabbi Jahannamatti nama geessudha. Shirkiin zulmii guddaa hojii gaarii nama jalaa balleessu beekun namni hunduu gocha kana irraa fagaachu qaba. Rabbiin akkana jedha:

وَلَقَدْ أُوحِيَ إِلَيْكَ وَإِلَى الَّذِينَ مِن قَبْلِكَ لَئِنْ أَشْرَكْتَ لَيَحْبَطَنَّ عَمَلُكَ وَلَتَكُونَنَّ مِنَ الْخَاسِرِينَ

“Dhugumatti gara keetii fi gara warra siin duraa turanitti “Yoo Rabbiin wajjiin waan biraa gabbarte dalagaan kee ni bada; warra hoonga’an irraas taata.” Jechuun wahyiin (ergaan) buufameera.” Suuratu Az-Zumar 39:65

Kitaaba wabii: Du’a Weapon Of the Believer fuula 21-30 By Abu Ammar Yasir Qaadi

[email-subscribers namefield=”YES” desc=”” group=”Public”]

Gaarummaa fi Faaydalee Du’aayi
Adabbii Gara-Jabaataa ilmaatif Malu

2 comments

Leave a Reply