Maallaqa Irratti Too’anna Argachuuf

Yeroo ammaa dhimmi maallaqaa sammuu namoota baay’ee maraachisaa fi dhiphisaa kan jiruudha. Gara tokkoon hoji-dhabdummaan baay’achuun yaaddoo fi rakkinnaaf kan nama saaxilaa jiru yommuu ta’u gara biraatin immoo maallaqni warroota dureeyyi biratti baay’achuun ibidda dhiphinnaa isaanitti qabsiisa jira. Kabajamtoota barruu tana dubbisaa jirtan, tarii baay’een keessan maallaqa argachuuf oli gadi jettu. Akkamitti maallaqa argachuu danda’aa? Jechuun halkanii guyyaa yaadda’u dandeessu. Keessattu, warroota yeroo ammaa Saa’ud Arabiyaan ariite gara biyyaa galchite, yaaddo cimaa keessa jiru. Yaaddoo fi dhiphinna isaanii Rabbiin isaan irraa haa kaasu jechuun gara barruu teenyatti ceena.

Read more

Naamusa Du’aayi-Kutaa 2ffaa

Naamusa du’aayi kutaa darbe irraa itti fufuun ammallee In sha Allaah ni ilaalla.

7.Cubbuu fi balleessaa ofii amanuu– naamusa du’aayi keessaa tokko cubbuu fi hanqinna ofii Uumaa fuunduratti amanuudha. Yommuu balleessa fi hanqinna kee amanuun qalbiin tee Rabbiin fuunduratti cabdu, du’aayin tee deebii argachuu carraa guddaa qabdi. Kanaafi, du’aayin araaramaaf kadhatan, balleessaa fi hanqinna ofii amanuu kan of keessaa qabuudha. Sayyidul istighfaar- Read more