Gaarummaa fi Faaydalee Du’aayi

Du’aayin Rabbii faarfamaa ta’e biratti gocha garmalee kabajamaa ta’eedha. Faaydalee du’aayi keessaa muraasni isaanii kanneen armaan gadiiti.

1.Du’aayin mataan isaatu ibaadadha

Akkuma yeroo darbee eerame, Ergamaa Rabbii (SAW) akkana jedhan:
“‏الدعاء هو العبادة‏”

Du’aa’in Ibaadadha.”
Du’aayin gabrichaa fi Gooftaa waan wal-qabsiisuuf hojiiwwan ibaada garmalee gaarii ta’an keessaa tokko akka ta’etti ilaalun ni danda’ama. Namtichi yommuu du’aayi godhu hiyyummaa, dadhabinna, haajaa fi dhiphina isaa Gooftaa Dureessa fi Jabaa ta’etti himachaa jira. Kuni immoo gabricha Gooftaa isaatif akka gadi of qabuu fi salphatu taasisa. Gooftaaf of gadi qabuu fi itti warwaachun immoo dhuka ibaadati. Kanaafi du’aayin ibaadadha kan jedhameef.

2.Du’aayin mallattoo imaana nama tokko agarsiisa
Namtichi yommuu du’aayi godhu Rabbitti amanu isaa agarsiisa. Kana jechuun Rabbiin jiraachu fi Gooftaa dhugaa ta’uu ni amana. Akkasumas, kan kadhatamuu fi gabbaramu Rabbiin qofa akka ta’e, Maqoolee fi amaloota guutu kan qabu Rabbiin akka ta’e ni amana, Inni kadhaa gabrichaa awwaachu fi deebii deebisuufii waan danda’uf. Kanaafi, du’aayin gocha ibaada keessaa isa guddaa kan ta’eef. Yommuu Rabbiin ala wanta biraa du’aayi kadhatan, shirkii ifa bahe ta’a.

3.Du’aayi gochuun Rabbiif ajajamuudha
Rabbiin Qur’aana keessatti akkana jedha:
  ۚ وَأَقِيمُوا وُجُوهَكُمْ عِندَ كُلِّ مَسْجِدٍ وَادْعُوهُ مُخْلِصِينَ لَهُ الدِّينَ
Masjiida hunda biratti fuula keessan [ibaadaf gara Isaa] sirreessaa. Amanti Isaaf qulqulleessun Isa gabbaraa (kadhaa).” Suuratu Al-A’araaf 7:29
Ammallee Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) akkana jedha:

ۚ وَقَالَ رَبُّكُمُ ادْعُونِي أَسْتَجِبْ لَكُمْ

“Gooftan keessan ni jedhe, ‘Na kadhaa isiniifan awwaadhaa.” Suuratu Al-Ghaafir 40:60

Kanaafu, du’aayin gochuun ilmi namaa Rabbiif ajajamaa jiraa jechuudha.
Nama du’aayi godhu Rabbiin mindaa ni kafalaaf, osoo du’aayin isaa fudhatama argachuu baatteyyu. Sababni isaas, ajaja Rabbii waan tole jedheef.

4.Rabbiin nama du’aayi godhutti dhiyoodha
Rabbiin Qur’aana keessatti akkana jedha:
وَإِذَا سَأَلَكَ عِبَادِي عَنِّي فَإِنِّي قَرِيبٌ ۖ أُجِيبُ دَعْوَةَ الدَّاعِ إِذَا دَعَانِ ۖ فَلْيَسْتَجِيبُوا لِي وَلْيُؤْمِنُوا بِي لَعَلَّهُمْ يَرْشُدُونَ
Yeroo gabroonni Kiyya waa’ee Anaa si gaafatan, “Dhugumatti Ani isaanitti dhiyoodha.” [Jedhiin]. Kadhaa kadhataatiif yeroo inni Na kadhate Nan awwaadha. Akka qajeelaniif jecha Naaf haa awwaatani; Nattis haa amanani.”  (Suuratu Al-Baqaraa 2:186)
Kanaafu, Rabbiin gabroota Isaatti dhiyoo fi yommuu Isa kadhatan kadhaa isaanii kan jala awwaatudha. Aaya tana keessatti Rabbiin gabrootatti dhiyaachu erga dubbateen booda waa’ee du’aayi (kadhaa) kaase. Kuni immoo du’aayin karaa namni tokko gara Rabbii itti dhiyaatu fi Rabbiin isatti dhiyaatu akka ta’e agarsiisa.

5.Du’aayin karaa xiyyeefannoo Rabbii itti argannuudha

Rabbiin akkana jedha:
قُلْ مَا يَعْبَأُ بِكُمْ رَبِّي لَوْلَا دُعَاؤُكُمْ ۖ فَقَدْ كَذَّبْتُمْ فَسَوْفَ يَكُونُ لِزَامًا
Jedhi “Odoo kadhaan (du’aayin) keessan jiraachu baate, silaa Gooftaan kiyya homattu isin hin lakkaa’u ture. Dhugumatti isin sobsiiftani jirtu. Kanaaf, adabni [isiniif qophaa’e] kan yeroo hundaa isin waliin jiraatu ta’a.” Suuratu Al-Furqaan 25:77

Al-Shawkaani akkana jedha, “Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) ibaada nama kamiittu haajaa akka hin qabne ifa godha. Ibaadatti kan isaan ajajeef matama ofii akka fayyadaniif. Jechi Arabiffaa maa ya’aba’u  jedhu hiika kana qaba: “Isaaf haajaa hin qabu ykn sadarka wayiitu na biratti hin qabu.” Kanaafu, hiikni Aaya, “Osoo Rabbiin kadhachuu baattanii, silaa Inni isiniif haajaa hin qabu, wayittu isin hin lakkaa’u.” ta’a.” (Fath Al-Qadiir, 3/121)

Wanti dagatamu hin qabne asitti du’aayin gosa lama. Isaanis du’aa al-Mas’alah (du’aayi gaafi ykn kadhaa) fi du’aa al-ibaadah (du’aayi ibaada). Du’aa al-Mas’alah yommuu jennuu namtichi faayda wayii argachuuf ykn miidhan isarra akka ka’u Rabbiin kadhachuu jechuudha. Fakkeenyaf, “Yaa Rabbii addunyaa fi aakhiratti waan gaarii naaf kenni.” Yoo jedhe kuni du’aa al-Mas’alaa (du’aayi gaafi) jedhama.

Du’aa al-Ibaadah (du’aayi ibaada)- gochi ibaada kamiyyuu du’aayi kana jalatti ramadama. Yommuu mu’iminni Rabbiin faarsu, salaata salaatu fi gochoota gaggaarii Rabbiin biratti jaallatamoo ta’an hojjatu, “Yaa Rabbii gocha ibaada kana kan hojjadhuuf Ati hundarra Jabaa fi abbaa aangoo waan taatefi. Faarun hundi Siif ta’a. Yaa Rabbii hojii kana narraa qeebali (ol fuudhi).”jechaa jira. Kanaafu, yommuu namtichi Alhamdulillaah, ykn subhaanallah jedhu du’aa al-ibaadah gochaa jiraa jechuudha. Akkasumas, salaannis, zakaa kennunis fakkeenya du’aa al-ibaadahti. (Yommuu namtichi hojii ibaada kanniin hojjatu , “Yaa Rabbii narraa qeebali.” Jedhe kadhataa jira.) Gosoonni du’aayi lamaan kunniin wal keessa kan galanii fi hariiroo cimaa kan qabaniidha.

Gara mata duree keenyatti yommuu deebinu, namoonni Rabbiin wayitti lakkaa’u fi sadarkaa Isa biratti qaban warroota amananii fi du’aayi godhanii jechuudha.

6.Du’aayin Arjoominna Rabbii agarsiisa
Maqoolee Rabbii keessaa tokko al-Kariim (Yeroo hundaa Arjoomaa)dha. Wanti uumame hundi halkanii guyyaa, ganamaa galgala Rabbiin ni kadhatu. Innis ni kennaaf. Sababa kanaaf, du’aayin Arjoominna Rabbii daangaa hin qabne agarsiisa.
يَسْأَلُهُ مَن فِي السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ ۚ كُلَّ يَوْمٍ هُوَ فِي شَأْنٍ
Wanti samii fi dachii keessa jiru hundi Isa kadhata. Guyyaa hundaa Inni hojitti jira.” Suuratu Ar-Rahmaan 55:29

7.Du’aayin mallattoo of gadi qabuuti– namni yommuu du’aayi godhu dadhabinna, dhiphinnaa fi rakkinna ofii Rabbi Dureessaa fi Jabaa ta’etti himachuun of qadi qaba.
8.Du’aayin dallansuu Rabbii namarraa deebisa- Abu Hureeyraa irraa akka odeefametti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:

“‏ مَنْ لَمْ يَسْأَلِ اللَّهَ يَغْضَبْ عَلَيْهِ ‏”
“Namni Rabbiin hin kadhanne, Rabbiin isatti ni dallana.” Jaami’a at-Tirmizi 3373
Sababni kanaa, namtichi yommuu du’aayi dhiisu, gocha ibaada isa kabajamaa ta’e dhiisaa jira. Dabalataan, of jajuu ykn miira of-gahuu (self-sufficiency) irraa kan ka’e du’aayi kan dhiisu yoo ta’e, kuni dhugumatti, Rabbitti kafaruu ta’a.
Hadiisa kana ilaalchise walaleessan tokko akkana jedhe:
Rabbiin sitti dallanaa yoo Isa kadhachuu dhiiste
Ilmi Aadam ni dallanaa yoo kadhaa itti baay’iste

9.Du’aayin karaa ibidda irraa ittiin baraaramaniidha
A’ishaan (Rabbiin ishii irraa haa jaallatu) waa’ee nama waan gaarii hojjataa ture garuu Islaama hin fudhanne ilaalchise Ergamaa Rabbii (SAW) gaafatte. Ishiin akkana jette, “Yaa Ergamaa Rabbii! Ibn Jud’aan yeroo jaahilummaa (wallaalummaa) firoota isaa kunuunsa fi hiyeeyyi nyaachisaa ture. Gochi isa kuni isa ni fayyadaa?” Ergamaan Rabbiis (SAW) akkana jechuun deebisan:
Lakki, yaa A’ishaa! “Yaa Allaah! Guyyaa Murtii cubbuu kiyya naaf araarami.” jedhe waan hin beeknef.” (Sahiih Muslim)

Kanaafu, hadiisa kana keessatti Ergamaan Rabbii (SAW) ibn Jud’aan hojii gaarii isaatirraa homaa akka hin fayyadamne fi ibidda Jahannam akka seenu A’ishatti beeksisan. Sababni isaas, Rabbiin akka araaramuuf du’aayi gonkumaa hin goone. Hadiisni kuni ibn Jud’aan Islaama kan hin fudhanne ta’uu ni akeeka. Garuu Islaama fudhachuun (qeebaluun) Rabbiin irraa araarama akka kadhatan nama kan dirqisiisu waan ta’eef Ergamaan Rabbii (SAW) Islaama fudhachuu dhiisu du’aayi dhiisun wal-qixxeessan.

10.Du’aayi dhiisun mallattoo dadhabii mul’isa
11.Du’aayin mallattoo Gamnummaati– namni tokko wanti hunduu fedhii fi Aangoo Rabbiitin akka uumamu ykn dhufu yoo beeke, karaan hundarra gaariin kaayyoo ofii ittiin gahu Rabbiin kadhachuu akka ta’e ni hubata. Kanaaf du’aayi baay’ise godha. Akkasumas, galma ofii gahuuf garmalee carraaqa.
12.Du’aayin amala mu’iminaati- Qur’aana keessatti Rabbiin Nabiyyoota, Malaykoota, fi Mu’imintoota du’aayi godhan deddeebise kaasa. Keeyyatoonni Qur’aanaa kunniin du’aayin mallattoo mu’imina akka ta’e agarsiisu. Aayat muraasa keessatti Rabbiin gabroonni filatamoon Isaa warroota du’aayi yeroo hundaa godhan akka ta’e ibsa.

إِنَّهُمْ كَانُوا يُسَارِعُونَ فِي الْخَيْرَاتِ وَيَدْعُونَنَا رَغَبًا وَرَهَبًا ۖ وَكَانُوا لَنَا خَاشِعِينَ
“Dhugumatti isaan toltutti kan ariifatanii fi kajeellaa fi sodaan [guuttamanii] kan Nu kadhatan (du’aayi godhan) turan. Kanneen Nu sodaatanis turan.” Suuratu Al-Anbiyaa 21:90

13.Du’aayin sababa injifannooti– Du’aayin obsaa fi humna fida, diina akka moo’ataniif sababa ta’a. Kanaafi, dirree waraanaa Musliima fi Musliima hin taane jiddutti waraana adeemsifame irratti du’aayin godhame fudhatama akka argatu waadaan galame. Mu’iminoonni dirree waraanatti yommuu du’aayi godhan Rabbiin Qur’aana keessatti ni kaasa. Akka fakkeenyatti waraana Daawud (AS):
“Yommuu isaan (Daawudi fi Xaalut) jaaluutiifi waraanaa isaatif dirretti bahan ni jedhan, ‘Gooftaa keenya! obsa nurratti dhangalaasi. Faana keenya gadi dhaabi. Ummata kaafirotaa irrattis nu tumsi.’
Hayyama Rabbiitin isaan ni injifatan. Daawudis Jaalutin ni ajjeesse. Rabbiin mootummaa fi ogummaa isaaf (Dawuudif) ni kenne, waan fedhe irraas isa ni barsiise.” Suuratu Al-Baqara 2:250-251

Agartanii du’aayi godhuun mu’imintoonni ummata kaafira akka itti injifatan! Daawudi fi mu’imintoonni waliin jiran du’aayi gochuun Jaaluutii kaafira ta’e irratti injifannoo argatan.

14.Du’aayi rakkoo, dhiphinni fi balaan akka namarraa ka’uuf sababa ta’a– Namtichi garmalee rakkatee fi dhiphate yommuu gara Rabbii iyyu,Rabbiin kadhaa isaa ni deebisaaf.

Du’aayin faayda lakkaawame hin dhumne qaba. Nuti faayda du’aayi irraa argachuuf yeroo hundaa du’aayi gochuuf of leenjisu qabna.

Kitaaba wabii: Du’a Weapon Of the Believer fuula 33-52 By Abu Ammar Yasir Qaadi

Hanga torbaan waa’ema du’aayi ilaalchise mata duree biraatin walitti deebinutti Assalaamu aleykum warahmatullahi wabarakatuh

Haal-Dureewwan Du'aayi
Maalummaa Du’aa’ii
Kana Raabsi

Leave a Reply

Your email address will not be published.