Haal-Dureewwan Du’aayi

Haal-duree du’aayi yommuu jennu du’aayin dura haalota guuttamu qaban jechuu keenya. Du’aayin teenya fudhatama akka argattuuf (qeebalamtuuf) mee haal-durewwan du’aayi muraasa isaanii haa ilaallu.

1.Kan du’aayif deebii namaa deebisu Rabbiin qofa akka tae hubachuu– Kuni hundee tawhiidati. Kadhaa isaa kan dhagahuu fi deebii gahaa deebisuufii kan danda’u Rabbiin qofa akka ta’e namtichi sirritti beeku fi itti amanu qaba. Wanta namni fedhe hunda kan namaaf kennuu danda’u Rabbiin qofa akka ta’e yoo amanne, yeroo hundaa Rabbiin kadhanna. Kuni immoo du’aayiin teenya deebii akka argattuuf karaa bana.

(أَمَّنْ يُجِيبُ الْمُضْطَرَّ إِذَا دَعَاهُ وَيَكْشِفُ السُّوءَ وَيَجْعَلُكُمْ خُلَفَاءَ الْأَرْضِ ۗ أَإِلَٰهٌ مَعَ اللَّهِ ۚ قَلِيلًا مَا تَذَكَّرُونَ)

Sila Isa yeroo namni rakkataan (muddamaan) Isa kadhate jalaa awwaatee hamtuu irraa saaqu fi bakka bu’oota dachii isin taasisu [moo waan isin Rabbitti dabalantu caalaa?] Sila Rabbiin waliin gabbaramaan biraa ni jiraa? Hangi isin gorfamtan xiqqaadha. Suuratu An-Naml 27:62

2.Du’aayi Rabbi qofaaf qulqulleessu– Du’aayi namaatif deebii deebisu kan danda’u Rabbiin akka ta’e namtichi erga beeke, haajaa isaatif Rabbiin qofa kadhachuu qabaa jechuudha. Gargaarsaf ykn barakaaf jedhe nama du’e ykn taboota yoo kadhate, wantoonni kunniin kadhaa isaa dhagahu waan hin dandeenyef, deebii homaatu isaaf hin deebisan. Rabbiin qofa du’aayi kadhachuun du’aayi teenya fudhatama akka argattu taasisa. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala Isa qofa kadhachuu akka qabnu Quraana keessatti nuuf dhaama.

Masjidoonni kan Rabbiiti. Rabbiin wajjiin homaa hin waammatinaa.” Suuratu al-Jinn 72:18

Kanaafu, du’aayin teenya fudhatama akka argattu yoo feene, du’aayi teenya Rabbiif qulqulleessu qabna jechuudha. Kana jechuun haajaa keenya hidda onnee jalaa Rabbitti himachuu fi Isa qofa kadhachuu qabna.

3.Jarjaruu dhiisu-Jarjaruun sababoota du’aayin fudhatama akka hin arganne taasisan keessa isa tokko. Abu Hureeyran akka dabarsanitti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Du’aayin gabrichaa qeebalamu (fudhatama argachu) itti ni fufti, namtichi badiif yookiin hariiroo firummaa addaan kutuuf yoo hin kadhatinii fi hin jarjarin.”

Ni gaafatame, Yaa Ergamaa Rabbii, Jarjaruu jechuun maal jechuudhaa? Ergamaan Rabbiis (SAW) akkana jechuun deebise: “Gabrichi ni jedha, Du’aayi ima godha, ammas du’aayi ima godhaa, kan fudhata argattu (qeebalamtu) hin argine. Ergasii du’aayin qeebalamuu abdachuu ni dhiisa, duaayis achumaan addaan kuta.” (Kana jechuun ‘Duaayin tiyya hin qeebalamtu.’ jechuun abdi kuta, ergasi du’aayi gochuu ni dhaaba.) Sahiih Muslim

Imaam ibn Al-Qayyiim (Rabbiin rahmata isaaf haa godhu) akkana jedha: “Dhukkuboota du’aayi haleelani fi fudhatama akka hin arganne dhoowwan keessaa tokko namtichi jarjaruu fi deebiin du’aayi turuudha. Ergasi namtichi abdii kuta, du’aayis ni dhaaba. Fakkeenyi isaa akka namticha biqiltuu dhaabe ykn sanyii facaase, ergasi biqiltu tana kunuunse fi bishaan obaaseti. Garuu yommuu biqiltuun firii kennuu fi bilchaachu irraa turtu, kana booda kunuunsu dhiiseti.” Jawaab al-kaafi-fuula-10

4.Waan gaarii kadhachuu fi niyyaa gaarii qabaachu- namni tokko du’aayin isaa akka qeebalamtu yoo barbaade, wanti inni Rabbiin kadhatu suni gaarii fi qulqulluu ta’uu qaba. Hadiisa armaan olitti eerame keessatti,” namtichi badiif yookiin hariiroo firummaa addaan kutuuf yoo hin kadhatinii fi hin jarjarin, du’aayin isaa qeebalamu itti fufti.” jedha. Kanaafu, namtichi cubbuuf ykn hariiroo firummaa kutuuf du’aayi gochuu hin qabu.

Akkasumas, wanta gaariif yommuu du’aayi godhu, namtichi niyyaa gaarii qabaachu qaba. Fakkeenyaf, yommuu Rabbiin irraa qabeenya kadhatu, niyyaan isaa qabeenya saniin maatii ofitii fi hiyyeeyyi gargaaruf ykn waan gaarii hojjachuuf ta’uu qaba. Fuggisoo kanaa qabeenya saniin wanta badaa fi zulmii (cunqursaa) hojjachuuf du’aayi gochu hin qabu.

5.Qalbiin xiyyeefattu jiraachu-umamanuu qalbiin yoo wanta tokko irratti hin xiyyeefatin, hojii san qulqullinnaan hojjachuun hin dandaamu. Abu Hureeyran akka dabarsanitti Ergamaan Rabbiin (SAW) akkana jedhan: “Du’aayin teessan akka qeebalamtu dhugaa (irgixanyaa) ta’uun Rabbiin kadhaa. Beekaa! Rabbiin qalbii gaafilaa taate irraa du’aayi hin qeebalu.” At-Tirmizi https://sunnah.com/tirmidhi/48/110

Gaafila yommuu jedhu dagataa, wanta hojjatu irratti kan sirritti hin xiyyeeffanne jechuudha. Dhugumatti namoota meeqatu du’aayi godha. Arrabaan jechoota ni jedhu. Garuu qalbiin isaanii gara biraa jirti. Wanta jedhan quba hin qaban. Mi’aa du’aayi irraa argachuu fi du’aayin tee akka qeebalamtu yoo barbaadde, qalbii tee walitti sassaabi. Wanta jettu san qalbii irraa kadhu. Ani yeroo baayee yommuu dhiphadhu, salaata erga salaate booda du’aayi onnee irraa Rabbiin kadha. Keessattu araarama fi qajeelchaaf Rabbitti warwaadha. Yommuu kana godhu, rakkoo fi dhiphinni koo narraa deema. Garuu qalbiin tiyya gaafila taate yommuu du’aayi godhu, wanti naaf siqu (jijjiramu) hin jiru. Kanaafu, du’aayin teenya akka qeebalamtu yoo feene, yaada keenya sassaabun qalbii teenyan wanta dubbannu irratti xiyyeefachu qabna.

6.Galiin qulqulluu ta’uu- Hadiisa Abu Hureeyran gabaasan keessatti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Yaa namoota! Dhugumatti Rabbiin al-Xayyib (Gaarii, Qulqulluudha), wanta gaarii (qulqulluu) ta’e malee hin qeebalu (ol hin fuudhu). Wanta Ergamtoota itti ajajee mu’imintootas (warra dhugaan amananis) itti ajajee jira. Rabbiin akkana jedhee waan jiruuf: “Yaa Ergamtoota wantoota gaggaarii irraa nyaadhaa. Dalagaalee gaggaariis hojjadhaa. Dhugumatti Ani waan isin hojjatan akkaan beekaadha.” Suuratu al-Mu’iminuun 23:51 Dabalataanis akkana jedhe: “Yaa warra amantan gaggaarii waan Nuti isiniif kennine irraa nyaadhaa. Yoo kan Isa gabbartan taatan Rabbiifis galata galchaa.” Suuratu Al-Baqaraa 2:172

Ergasii namticha karaa dheeraa deemaa osoo jiru rifeensi mataa isaa bittinnaa’e fi awwaaran kan haguuggame ta’e gara samii harka isaa lamaan olkaasun, ‘Yaa Rabbii! Yaa Rabbii!’ jedhe ilaalchisee Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: nyaanni isaa haraama, dhugaatin isaa haraama, uffanni isaa haraama, kan soorame (gabbate) haraaman ta’ee osoo jiru, du’aayin isaa akkamitti deebii argatti (qeebalamtii)?” Sahiih Muslim

Kanaafu, ulaagaalee du’aayin akka qeebalamtu taasisan keessaa tokko galiin ykn nyaata fi dhugaatin halaala ta’uu qabu. Halaala yommuu jennu wanta karaa seera qabeessan argamee fi seera Islaamaa keessatti dhowwamaa kan hin taanedha. Haraama jechuun immoo wanta dhowwamaa ta’ee fi adabbi namatti fiduudha. Fakkeenyaf, hatanii nyaachun haraama, ribaa (dhala) nyaachun haraama, akkasumas, foon booyye nyaachun, alkooli dhuguun haraama. Kanaafu, galiin keenya karaa seera qabeessatin ta’uu qaba, wanti nyaanne dhugnus qulqulluu ta’uu qaba.

Ammas du’aayin akka qeebalamtuf sababa kan ta’u taqwaa (sodaa Rabbii) qabaachudha. Dhugumatti, Rabbiin akkana jedhe jira: “Rabbiin [hojii] kan qeebalu warra Isa sodaatan (muttaqiin) qofa irraayyi.” Suuratu Al-Maaida 5:27

Kanaafu, namni taqwaa qabu du’aayin isaa akka qeebalamtuuf carraa guddaa qabaa jechuudha. Karaa halaalaa (hayyamamaa) qofaan galii argachuun taqwaa irraayyi.

Guduunfaa
¶ Duaayin teenya qeebalamuuf haal-durewwan guuttamu qaban ni jiru. Isaan keessaa gurguddoon; Rabbiin qofa du’aayi kadhachuu, jarjaruu dhiisu, waan gaarii kadhachuu fi niyyaa tolu, qalbiin wanta dubbatan san irratti xiyyeefachu, halaala qofa soorachu fi sodaa Rabbii qabaachudha.
♦Osoo abdii hin kutinii fi du’aayi hin dhaabin, obsaan du’aayi yeroo hundaa gochuun duaayin akka qeebalamtuuf sababa ta’a.
♦Qalbiin gaafila (dagattuu) taate du’aayi yoo godhan balbala du’aayin deebii argachuu cufti.
♦Akkuma yaada kee sassaabde hidda qalbii jalaa wanta barbaadde Rabbiin kadhattuun, akkasumas du’aayin tee deebii argatti.
♦Taqwaan of faayun, duaayin akka qeebalamtuuf balbala bana.

Kitaaba wabii-Du’a Weapon of the Believer -fuula 59-67

Naamusa Du'aayi -kutaa 1
Gaarummaa fi Faaydalee Du’aayi
Kana Raabsi

One comment

Leave a Reply