Naamusa Du’aayi -kutaa 1

Naamusa du’aayi yommuu jennu yeroo du’aayin godhamu sirnaa fi adaba hordofuu qabanii jechuudha. Du’aayin teenya fudhatama akka argattuuf naamusa akkamii akka hordofu qabnu muraasa isaanii mee haa ilaallu.

1.Yommuu du’aayi jalqaban Rabbiin faarsu fi Ergamaa Rabbii (SAW) irratti salawaata buusu– Sababni kanaa, namtichi Gooftaa isaatirraa araarama, rahmata fi soorata waan kadhatuuf, kadhaa isaa faaruu Rabbiitin jalqabuun wanta gabricha irraa eeggamuudha. Fudaalah ibn Ubayd akka dabarsetti gaafa tokko Ergamaan Rabbii (SAW) osoo masgiida keessa taa’u, namtichi tokko dhufe raka’aa lama salaate. Erga salaate fixe booda, “Yaa Rabbii naaf araarami, Yaa Rabbii rahmata naaf godhi.” jedhe. Ergasii Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhan: “Yaa gabricha! Jarjartee jirta. Salaata kee yommuu fixxu, gadi taa’i faaru Rabbii maluun Rabbiin faarsi. Narrattis salaawata buusi. Ergasi du’aayi tee jedhi.”

Achiin booda, namtichi biraa dhufee salaate. Ergasii Rabbiin faarse, Ergamaa Rabbii (SAW) irratti salawaata buuse. Ergamaan Rabbii (SAW) isaan ni jedhan: “Yaa gabricha! Du’aayi tee godhi, ni qeebalamti.” (Jami’a at-Tirmizi fi An-Nasaa’i gabaase- Albaniin Sahiih al-Jaami lakk.3988 keessatti eere jira)

Rabbiin faarsu yommuu jennu maqaalee fi amaloota miidhagoo fi guutu ta’aniin Isa faarsudha. Ergamaa Rabbii irratti salawaata buusu yommu jennu immoo “Salallaahu aleyh wa sallam (Nageenyi Rabbii isarratti haa jiraatu)” ykn “Allaahumma Salli alaa Muhammadin wa ‘alaa `Aali Muhammadin, kamaa salleyta ‘alaa ibraahiima wa ‘alaa aali ibraahima innaka Hamiidun Majiid.” (“Yaa Rabbi akkuma Ibraahiimiifi maatii Ibraahiim irratti Rahmata buufte Muhammadiifi Maatii Muhammad irratti Rahmata buusi; Ati faarfamaa guddaa waan taateef.) jechuudha.

Rabbiin faarsuf Qur’aana fi sunnaah irraa fayyadamu dandeenya. Akka fakkeenyatti Qur’aana irraa:

ٱللَّهُ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ ٱلْحَىُّ ٱلْقَيُّومُ

Allaahu laa ilaha illa huwa-l-hayyul Qayyuum

Rabbiin malee kan dhugaan gabbaramu hin jiru. [Inni] Al-Hayyul-Qayyuum (Inni yeroo hundaa Jiraataa gonkumaa hin duunedha. Wanta hundaa kan jiraachisuu fi kan dhaabudha. Uumamtonni Isatti hajamu (Isa kadhatu), Isarratti hirkatu. Garuu Inni dureessa homattu hin hajamneedha.) Suuratu Ali-imraan 3:2

Al-Hayyul-Qayyuum maqaa gurguddaa Rabbii keessaa tokko. Maqaalee kanniin Isa kadhachuun du’aayin teenya fudhatama akka argattu taasisa. Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Maqaan Rabbii garmalee guddaa ta’e fi yommuu maqaa kanaan kadhatamu awwaatu, suuraa sadii keessa jira. Isaanis: Suuratu al-Baqara, Ali-Imraan fi Xaaha.” (Ax-Xabaraani- 8:282) Suura Al-Baqara 2:255 keessatti argama. Suuratu Ali-imraan immoo aaya armaan oliiti. Suura Xaaha keessatti immoo lakkoofsa 111 keessatti argama.

2.Booyu– karaa dhugummaa fi of gadi qabuun itti mul’atu keessaa tokko, yeroo du’aayi godhan booyudha. Kuni immoo hiyyummaa fi dadhabinna ofii Rabbitti himachudha. Namtichi yommuu booyun du’aayi godhu carraan du’aayin isaa deebii argachuu baay’ee guddaadha. Garuu yommuu booyu namoonni na haa arganiif jedhe yaadu hin qabu.

3.Rabbiin irraa waan gaarii eegu-Naamusa du’aayi keessaa tokko namtichi du’aayi godhu waan gaarii Rabbiin irraa eegu fi deebii argachuu akka danda’u abdachuudha. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) Zakariyya (AS) akkana jechuun kaasa:

هُنَالِكَ دَعَا زَكَرِيَّا رَبَّهُۥ ۖ قَالَ رَبِّ هَبْ لِى مِن لَّدُنكَ ذُرِّيَّةًۭ طَيِّبَةً ۖ إِنَّكَ سَمِيعُ ٱلدُّعَآءِ

“Bakka sanitti Zakariyyaan, ‘Gooftaa kiyya! Ati Sima biraa ilmaan gaarii naaf kenni. Dhugumatti Ati Dhagayaa kadhaati (Kadhaa namoota hundaa ni Dhageessa).” jedhe. Suura Ali-Imraan 3:38

Kanaafu, Rabbiin du’aayi teenya deebisu akka danda’u itti amanuun (yaqinan), wanta barbaanne Rabbiin kadhachuu qabna. Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhanii jiru: “Du’aayin teessan akka qeebalamtu dhugaa (irgixanyaa) ta’uun Rabbiin kadhaa.” Jaami’a at-Tirmizii https://sunnah.com/tirmidhi/48/110 Du’aayin teenya deebii akka argattu erga dhugaa taane booda wanti dagatamu hin qabne, wanta barbaannu san erga argannee booda akkamitti akka itti fayyadamnuudha. Fakkeenyaf, qabeenyaf Rabbiin yoo kadhanne, qabeenya san erga arganne booda maal ittiin goona? Sadaqaa ni kenninaa?, Yookiin badii ittiin hojjannaa? Dhugumatti, Rabbiin waa hunda beeku, amala nama qabeenyaf du’aayi godhe fi erga qabeenya argate booda maal akka ta’e haala kanaan ibsa: “Isaan irraas namoota, ‘Yoo [Rabbiin] tola isaa irraa nuuf kenne, dhugumatti silaa ni arjoomna, warroota gaggaarii irraas ni taana.’[jechuun] Rabbiif waadaa seenantu jiru. Yeroma [Rabbiin] tola Isaa irraa isaaniif kenne, doy’omanii kan garagalan ta’anii duugda duuba deebi’an.” Suuratu At-Tawbaa 9:75-76

Kanaafu, du’aayi yommuu goonu wanta arganneen waan gaarii hojjachuuf yaadu fi erga arganne booda, wanta Rabbii waadaa galle hojii irra oolchudha. Fakkeenyaf, yoo dhibamte, dhibee kana Rabbiin akka sirraa kaasu hidda onnee jalaa kadhu. Maaliif dhibeen kuni akka sirraa ka’u hawwita? Deebiin isaas, fayyaa argadhe hojiwwan gaggaari gara Rabbii nama dhiyeessu hojjachuuf. Rabbiin dhibee kee akka sirraa kaasu danda’u sirritti itti amani.

4.Gadi of qabuu fi sodaan Rabbiin kadhachuu- akka of gadi qabnuu fi sodaan Rabbiin kadhannu Rabbiin itti nu ajaja.

ٱدْعُوا۟ رَبَّكُمْ تَضَرُّعًۭا وَخُفْيَةً ۚ إِنَّهُۥ لَا يُحِبُّ ٱلْمُعْتَدِينَ

“Gooftaa keessan gadi of qabuu fi dhoksaan kadhaa. Dhugumatti, Inni daangaa darbitoota hin jaallatu.” Suuratu Al-A’araaf 7:55

إِنَّهُمْ كَانُوا۟ يُسَٰرِعُونَ فِى ٱلْخَيْرَٰتِ وَيَدْعُونَنَا رَغَبًۭا وَرَهَبًۭا ۖ وَكَانُوا۟ لَنَا خَٰشِعِينَ

“Dhugumatti isaan toltutti kan ariifatanii fi kajeellaa fi sodaan [guuttamanii] kan Nu kadhatan (du’aayi godhan) turan. Kanneen Nu sodaatanis turan.” Suuratu Al-Anbiyaa 21:90

Kajeellan (abdii), gadi of qabuu fi sodaan dhuka du’aayiti jechuun ni danda’ama. Gadi of qabuu jechuun dugdaan gadi jechuu osoo hin ta’in, qalbiin Gooftaa ishii fuunduratti cabuu fi gadi of qabuudha, oftuula fi quufinsa irraa bilisa ta’uun akka miskiina (hiyyeessa) homaa hin qabne ykn homaa hojjachuu hin dandeenye ta’anii Rabbiin kadhachuudha. Kana gochuuf qalbii tee Rabbiin fuunduratti gadi cabsi. Humna kee qofaan homaa hojjachuu akka hin dandeenyetti yaadi. Kanaafu, keessa kee irraa “Yaa Rabbii! Ani miskiina waa hin qabne, humna kiyya qofaan homaa hojjachuu hin dandenyedha; balaa ofirraa deebisu humna kan hin qabneedha. Yaa Rabbii kophatti na hin dhiisin, na gargaari.” Jedhi.

5.Rabbiin qofatti iyyachuu– Rabbiin qofatti iyyachuun guutu tawhiida nama tokko agarsiisa. Ergamtoonni Rabbii yommuu haalli ulfaata fi wal xaxaan isaan qunnamu gargaarsaf gara Rabbii fiigu turan.

6.Sagalee gadi qabuun du’aayi gochuu-namni tokko yommuu du’aayi godhu, jama’adhaan yoo hin ta’in namooni biroo akka dhagahanitti sagalee isaa olkaasu hin qabu. Karaan sirriin du’aayi itti godhan sagalee ofii gadi qabuudha. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) du’aayi Zakariyyaa akkana jechuun faarse:

إِذْ نَادَىٰ رَبَّهُۥ نِدَآءً خَفِيًّۭا

“Yeroo inni Gooftaa isaa kadhaa dhoksaatin kadhate [yaadadhu].” Suuratu Mariyam 19:3

Ayaa lakkoofsa afur jalatti eeramte keessatti Rabbiin cal’isaa fi dhoksaan akka Isa kadhannu itti nu ajaja. “Gooftaa keessan gadi of qabuu fi dhoksaan kadhaa.” Al-A’araaf 7:55 Sagalee gadi qabanii du’aayi gochuun faayda baay’ee qaba. Isaan keessaa; ciminna imaana nama sanii agarsiisa, karaa iklaasa galmaan ittiin gahaniidha. Namtichi yommuu sagalee olkaase du’aayi godhu na argaa fi na dhagayaa irraa qulqullaa’un isatti ulfaata. Sagalee gadi qabuun Rabbiin fuunduratti gadi of qabuu fi of xiqqeessu agarsiisa. Gabrichi bulchaa isaa fuunduratti sagalee ol ni kaasaa? Sagalee yommuu gadi qabu kabaja Gooftaa isaati qabu agarsiisaa jiraa jechuudha. Ammallee sagalee ofii gadi qabuun du’aayi irratti akka xiyyeefatanii fi yaada ofii sassaaban nama taasisa.
kitaaba wabii: Du’a weapon of the believer fuula 70-86
Guduunfaa
•Du’aayi Rabbiin faarsu fi Ergamaa Rabbii irratti salawaata buusun jalqabuun mi’aa du’aayi akka argatanii fi du’aayin deebii akka argattu taasisa.
•Rabbiin faarsuf maqaa garmalee guddaa ta’an (Greatest Name) keessaa Al-Hayyul Qayyuum du’aayi keessatti fayyadamuun, carraa du’aayin deebii argachu dabala.
•Yeroo du’aayi godhan dhoksaan booyanii Rabbiin kadhachuun ba’aa rakkoo, dhiphinnaa fi cubbuu namarraa buusa.
•Akkuma ati Rabbiin irraa waan gaarii eegun du’aayi gootu, balballi milkaa’innaa fi gammachuu siif banamaa adeema.
•Yeroo du’aayi godhan abdachuun, gadi of qabuu fi sodaachuun du’aayin deebii akka argattu taasisa.
•Dhoksaa fi sagalee gadi qabuun du’aayi gochuun wanta barbaadan Rabbitti akka himatanii fi du’aayi keessatti iklaasa akka qabaatan nama taasisa.

Naamusa Du'aayi-Kutaa 2ffaa
Haal-Dureewwan Du'aayi
Kana Raabsi

Leave a Reply

Your email address will not be published.