Naamusa Du’aayi-Kutaa 2ffaa

Naamusa du’aayi kutaa darbe irraa itti fufuun ammallee In sha Allaah ni ilaalla.

7.Cubbuu fi balleessaa ofii amanuu– naamusa du’aayi keessaa tokko cubbuu fi hanqinna ofii Uumaa fuunduratti amanuudha. Yommuu balleessa fi hanqinna kee amanuun qalbiin tee Rabbiin fuunduratti cabdu, du’aayin tee deebii argachuu carraa guddaa qabdi. Kanaafi, du’aayin araaramaaf kadhatan, balleessaa fi hanqinna ofii amanuu kan of keessaa qabuudha. Sayyidul istighfaar-

شَدَّادُ بْنُ أَوْسٍ ـ رضى الله عنه ـ عَنِ النَّبِيِّ صلى الله عليه وسلم ‏”‏ سَيِّدُ الاِسْتِغْفَارِ أَنْ تَقُولَ اللَّهُمَّ أَنْتَ رَبِّي، لاَ إِلَهَ إِلاَّ أَنْتَ، خَلَقْتَنِي وَأَنَا عَبْدُكَ، وَأَنَا عَلَى عَهْدِكَ وَوَعْدِكَ مَا اسْتَطَعْتُ، أَعُوذُ بِكَ مِنْ شَرِّ مَا صَنَعْتُ، أَبُوءُ لَكَ بِنِعْمَتِكَ عَلَىَّ وَأَبُوءُ لَكَ بِذَنْبِي، فَاغْفِرْ لِي، فَإِنَّهُ لاَ يَغْفِرُ الذُّنُوبَ إِلاَّ أَنْتَ ‏”‏‏.‏ قَالَ ‏”‏ وَمَنْ قَالَهَا مِنَ النَّهَارِ مُوقِنًا بِهَا، فَمَاتَ مِنْ يَوْمِهِ قَبْلَ أَنْ يُمْسِيَ، فَهُوَ مِنْ أَهْلِ الْجَنَّةِ، وَمَنْ قَالَهَا مِنَ اللَّيْلِ وَهْوَ مُوقِنٌ بِهَا، فَمَاتَ قَبْلَ أَنْ يُصْبِحَ، فَهْوَ مِنْ أَهْلِ الْجَنَّةِ ‏”‏‏.‏

Shaddaad bin Aws akka dabarsetti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Sayyidul Istighfaar (karaan araarama itti kadhatan hunda caalu) akkana jechuudha,’Allaahumma anta Rabbii laa ilaha illaa anta, Khalaqtani wa ana Abduka, wa ana ala ahdika wa wa’dika mastaxa’tu, A’uzu bika min Sharri ma sana’tu, abuu’u Laka bini’matika alayya, wa abuu’u laka bizanbii faghfir lii fa innahu laa yaghfiru zzunuuba illa anta.

Yaa Rabbii! Ati Gooftaa kiyya. Dhugaan gabbaramaan Si malee hin jiru. Na uumte jirta, ani gabricha keeti. Hanga danda’een ahdii fi waadaa Kee irra jira. Badii hojjadhe irraa Siin tiikfama. Qananii narratti oolte nan amana, badii hojjadhes nan amana. Naaf araarami. Badii kan araaramu Si malee hin jiruuti.”

Itti aansun Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan, “Namni du’aayi tana yaqinan (dhugaan sirritii itti amanuun) guyyaa jedhe galgalaa’un dura guyyama san du’e, warra Jannataa irraa ta’a. Ammas, namni halkan du’aayi tana yaqinan jedhe lafti bari’uun dura du’e, warra Jannataa irraa ta’a.” Sahih al-Bukhari 6306

Hiika jechootaa: Allaahummaa (Yaa Rabbii), anta (Ati, Si), Rabbii (Gooftaa (Rabbii) kiyya), Laa (hin jiru), ilaha (dhugaan gabbaramaan), illaa anta (Si malee), Khalaqtanii (na uumte), ana (ani), alaa (irra), ahdika (ahdii Keeajajoota Rabbii erga beeke hojii irra oolchu), wa’dika (Waadaa Keewarroota waan gaarii hojjataniif Jannanii jiraachu fi warroota waan badaa raawwataniif Jahannam jiraachu nan dhugoomsa. Garuu ani waadaa Kee irra jira, kana jechuun hanga danda’een waan gaarii hojjadha.), mastaxa`tu (hanga danda’een), A’uzu (tiikfama), bika (Siin), min (irraa), Sharri (sharrii, badii),  sana`tu (hojjadhe), abuu’u (nan amana), ni`matika (qananii Kee), alayya (narratti), zanbii (cubbuu kiyya), faghfir (araarami), lii (Naaf), innahu (dhugumatti), laa (hin jiru), yaghfiru (kan araaramu), zzunuuba (cubbuuwwan). 

Badii hojjadhe irraa Siin tiikfama” yommu jedhu namni waan gaarii hojjate mindaa argata. Akkasumas, waan badaa hojjate ni adabama. Yommuu “Badii hojjadhe irraa Siin tiikfama” jettu ‘Adabbii sababa badii hojjadheetin dhufu irraa na tiiksi, naaf irra darbi.’ jechaa jirta.

8.Wanta kadhatan san ijjannoon kadhachuu– Abu Hureeyran akka dabarsanitti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:

 ‏ “‏ لاَ يَقُولَنَّ أَحَدُكُمُ اللَّهُمَّ اغْفِرْ لِي، اللَّهُمَّ ارْحَمْنِي، إِنْ شِئْتَ‏.‏ لِيَعْزِمِ الْمَسْأَلَةَ، فَإِنَّهُ لاَ مُكْرِهَ لَهُ ‏”‏‏.‏

Tokkoon keessan akkana hin jedhin, ‘Yoo feete, Yaa Rabbii naaf araarami, Yaa Rabbii rahmata naaf godhi.’ Garuu kana irra, ijjannoon Rabbiin haa kadhatu, Rabbiin kan dirqu homtu waan hin jirreef.” (Sahiih Al-Bukhaari 6339)

Wanti barbaadamu, namtichi yommuu du’aayi godhu kadhaa isaa keessatti ijjannoo qabaachu qaba. Garuu namtichi ‘Yaa Rabbii! Yoo feete du’aayi tiyya naaf qeebali’ yoo jedhe, kuni ijjannoo fi kutannoo kan faalleessudha. Akka waan akkana jechaa jiruuti, “Yaa Rabbii du’aayi tiyya yoo narraa qeebalte (deebii deebisteef) Si galateeffadha. Ta’uu baannan, Si hin kadhu.” Kuni immoo Rabbii Olta’ee fi Farfamaa irratti oftuulu kan agarsiisudha. Akkasumas, of gahiinsa (self-sufficiency) nama du’aayi godhuu mul’isa. Namni yeroo hundaa gargaarsa fi deeggarsa Rabbii kan barbaadudha. Kanaafu, haala hiyyummaa fi dadhabinnaa isaa agarsiisuun Rabbiin kadhachuu qaba.

9.Du’aayi baay’isuu fi yeroo hundaa gochuu– namni du’aayi yommuu godhu dhimma duniyaa qofa irratti daangessu hin qabu. Aakhiraas (Jireenya Booda) sirritti kadhachuu qaba. Akkasumas, yeroma rakkoo ykn wanta gaarii argachuuf qofa Rabbiin kan kadhatu osoo hin ta’in yeroo hundaa Rabbiin kadhachuu qaba. Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:

 ‏ “‏ مَنْ سَرَّهُ أَنْ يَسْتَجِيبَ اللَّهُ لَهُ عِنْدَ الشَّدَائِدِ وَالْكُرَبِ فَلْيُكْثِرِ الدُّعَاءَ فِي الرَّخَاءِ ‏”‏ ‏

“Namni yeroo rakkoo fi gaddaa Rabbiin akka isaaf awwaatu fedhe, yeroo laafinnaa du’aayi haa baay’isu.”  ( Jami’a At-Tirmizi 3382)

Akkuma mammaaksi Arabaa jedhu, “Namni yeroo hundaa balbala dhadhayu, gara keessa seenun hin oolu.”
Tuqaa kana irratti sirritti itti xinxalluun yeroo hundaa du’aayi gochuu hin dhiisin.

10.Du’aayi yeroo du’aayin qeebalamtu gochuu-tola Rabbii keessaa tokko yeroo murtaa’o ta’an yeroo biraa irraa adda baasun filate. Yeroo kana filachuun gabroonni mirqaansun akka eeganii fi du’aayi sirritti akka godhaniifi. Osoo yeroon hunduu wal qixa ta’ee silaa fedhiin gabricha ni du’a. Kanaafu, gabrichi du’aayin isaa akka fudhatama argattuuf yeroo kanninitti fayyadamu qaba. Yeroon du’aayin fudhatama itti argattu keessaa

A). Du’aayi halkan gara dhumaatti tokko sadaffaan yommuu hafu gochu– Afaan keenyan ‘obboroo’ jennaan. Yeroo namoonni hirriba cimaa keessa jiran mu’iminni (namni dhugaan amane) olka’e Rabbii isaatti warwaata. Dhugumatti Rabbiin mu’imintoota dhugaa akkana jechuun ibse:

كَانُوا۟ قَلِيلًۭا مِّنَ ٱلَّيْلِ مَا يَهْجَعُونَ
وَبِٱلْأَسْحَارِ هُمْ يَسْتَغْفِرُونَ

Halkan irraa xiqqoo qofa rafuu turan.
Isaan yeroo hiraabaa (obboroo) araarama kadhatu” Az-Zaariyat 51:17-18

Kana qofaa mitii, Rabbiin halkan irraa tokko sadaffaan yommuu hafu bu’iinsa Isaaf maluun gara samii duniyaatti akka gadi bu’u Ergamaan Rabbii (SAW) ni beeksisu:

أَنَّ رَسُولَ اللَّهِ صلى الله عليه وسلم قَالَ ‏ “‏ يَتَنَزَّلُ رَبُّنَا تَبَارَكَ وَتَعَالَى كُلَّ لَيْلَةٍ إِلَى السَّمَاءِ الدُّنْيَا حِينَ يَبْقَى ثُلُثُ اللَّيْلِ الآخِرُ يَقُولُ مَنْ يَدْعُونِي فَأَسْتَجِيبَ لَهُ، مَنْ يَسْأَلُنِي فَأُعْطِيَهُ، وَمَنْ يَسْتَغْفِرُنِي فَأَغْفِرَ لَهُ?”

“Gooftaan keenya Kan toltuun Isaa baay’attee fi Olta’aan halkan gara dhumaatti tokko sadaffaan yommuu hafu halkan hundaa gara samii duniyaatti bu’uun, ni jedha, ‘Eenyutu Na kadhata, isaaf Nan awwaadhaa; Eenyutu waa Na gaafata, Nan kennaafii; Eenyutu araarama Narraa barbaada, Nan araaramaafii?” (Sahiih Al-Bukhaari 6321, Sahiih Muslim 758)

Dhugumatti halkan ka’anii salaatu fi du’aayi gochuun gammachuu fi tasgabbiin keessa namaatti akka bubbisu taasisa. Yommuu namoonni hirribatti lixan ati immoo dhaabatte Rabbitti warwaattu, guyyaa nagahaan oolta, rakkoo fi dhiphinnii kee sirraa hir’ata.

Yaa mi’aa salaata halkanii!
Yaa du’aayi yeroo sanii!
Tasgabbii fi gammachuu akkamii!
Yaa nama yeroo san hirribatti lixee
Carraa meeqatu si lufee

B).Du’aayi yeroo Azaana fi Iqaamaa jiddu

عَنْ أَنَسِ بْنِ مَالِكٍ، قَالَ قَالَ رَسُولُ اللَّهِ صلى الله عليه وسلم ‏ “‏ لاَ يُرَدُّ الدُّعَاءُ بَيْنَ الأَذَانِ وَالإِقَامَةِ ‏”‏ ‏.‏

Akka Anas ibn Maalik dabarsetti, Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan, “Du’aayin Azaana fi iqaama jiddutti godhame hin deebifamu.” (At-Tirmizi 212, Abu Dawud 521)

C).Du’aayi yeroo salaata– salaanni guutun isaa faaru Rabbiiti fi du’aayi kan of keessatti qabateedha. Dhugumatti, namni sirritti yoo itti xinxallee fi hiika wanta jedhu beeke, du’aayiwwan miidhagon salaata keessa akka jiran ni hubata. Mee suurama Faatiha irraa jalqabi hanga xumura salaata itti xinxalli, hiika isaa baruuf mee tattaafadhu, waan ajaa’iba argita. Wanti ati Rabbiin irraa kadhachuu barbaaddu salaata keessatti siif guduunfame jira. Milkaa’inni fi gammachuu ati dheebottu salaata keessa jira. Kanaafu, hiika du’aayiwwan salaata keessatti jedhan baruuf tattaafadhu. Erga barte immoo yommuu salaattu irratti xinxalluu fi xiyyeefachuf carraaqi.

D). Du’aayi yeroo sujuudaa– sujuunni gocha Rabbiin biratti garmalee jaallatama ta’eedha. Kanaaf, Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:

‏ “‏ أَقْرَبُ مَا يَكُونُ الْعَبْدُ مِنْ رَبِّهِ وَهُوَ سَاجِدٌ فَأَكْثِرُوا الدُّعَاءَ ‏”‏

Gabrichi Gooftaa isaatti daran (caalatti) dhiyoo kan ta’u yommuu sujuuda bu’uudha. Kanaafu,[haala kana keessatti] du’aayi baay’isaa.” Sahiih Muslim 482

E.Du’aayi dhuma Salaata fi boodaa- salaama baafachun duraa fi salaama erga baafatanii booda du’aayi baay’isuun, carraa du’aayin fudhatama argachuu dabala. Ammas, yeroon du’aayi itti baay’isu qaban kanneen armaan gaditi; wudu’a erga godhanii booda, ji’a Ramadaanaa, Laylatul Qadr, Guyyaa Arafaa, Guyyoota kurnan jalqabaa Zul Hijjah fi kkf.

Guduunfaa

Mata duree darbee fi kana walitti yommu qabnu du’aayin teenya fudhatama akka argattuuf tarkaanfiwwan kana hordofu dandeenya:
•Badii fi wantoota fokkuu irraa dheessu —Hojiwwaan gaggaarii baay’isanii hojjachuu—Salaata sirnaan salaatu—Rabbiin qofa du’aayi kadhachuu — Yommuu du’aayi godhan yaada ofii sassaabu—wanta du’aayi keessatti jedhan hiika isaa beeku fi irratti xinxalluu— Badii ofii amanuu fi araarama Rabbiin kadhachuu—Rabbiif of gadi qabuu fi sodaachuu—dhoksaan ykn sagalee gadi qabuun du’aayi gochuu—Du’aayi baay’isuu fi yeroo hundaa gochuu—Rabbiin irraa waan gaarii eegu fi Jarjaruu dhiisu.
•Rabbiin Faarsu fi badii ofii amananii Rabbiin irraa araarama kadhachuun, balbala milkaa’innaa fi gammachuu bana.
•Yommuu namoonni hirribatti lixan ka’anii salaatu fi du’aayi gochuun jireenya namaatti qilleensa tasgabbitii fi milkaa’innaa afuufa.
•Du’aayi baay’isuu fi yeroo hundaa gochuun burqaa gammachuu fi milkaa’innaa itti fufsiisudha.

Kitaabban wabii: Du’a Weapon Of the Believer fuula 87-101 fi 117-131 By Abu Ammar Yasir Qaadi
Sharih Riyaadu saalihiin-Jiildi-6, fuula 718, Ibn Useymiin

Amaloota Milkaa’inna Saddeet
Naamusa Du'aayi -kutaa 1

Leave a Reply