Maallaqa Irratti Too’anna Argachuuf

Yeroo ammaa dhimmi maallaqaa sammuu namoota baay’ee maraachisaa fi dhiphisaa kan jiruudha. Gara tokkoon hoji-dhabdummaan baay’achuun yaaddoo fi rakkinnaaf kan nama saaxilaa jiru yommuu ta’u gara biraatin immoo maallaqni warroota dureeyyi biratti baay’achuun ibidda dhiphinnaa isaanitti qabsiisa jira. Kabajamtoota barruu tana dubbisaa jirtan, tarii baay’een keessan maallaqa argachuuf oli gadi jettu. Akkamitti maallaqa argachuu danda’aa? Jechuun halkanii guyyaa yaadda’u dandeessu. Keessattu, warroota yeroo ammaa Saa’ud Arabiyaan ariite gara biyyaa galchite, yaaddo cimaa keessa jiru. Yaaddoo fi dhiphinna isaanii Rabbiin isaan irraa haa kaasu jechuun gara barruu teenyatti ceena.

Dhimmi maallaqaa dhimma nama baay’ee dhiphisaa jiru waan ta’eef torbaan baay’eef In sha Allaah bal’innaan kan ilaallu ta’a. In sha Allaah kitaaba “Five Pillars of Prosperity- Essentails of Faith-Based Wealth Building (Utubaalee shanan Badhaadhinnaa- Amantii Hundee godhachuun Karaa barbaachiso Qabeenya itti ijaaran) fi kitaabban biroo fayyadamuun hanga danda’ameen waliin ilaalla. Abbaan kitaabaa utubaalee shan maallaqa itti argatanii fi diinagde itti ijaaran shan lafa kaa’e jira. Isaanis: Earning (Argachuu), Saving (Qusachuu), Investing (Maallaqa wanta bu’aa argamsiisu irra oolchu), Spending (Baasu ykn itti fayyadamuu) fi Giving (Kennu)dha. In sha Allah gargaarsa Rabbitiin kanniin hundaa gabaabbinaan tokkon tokkoon ilaalla. Har’a Earning (Argachuu) irraa mee haa jalqabnu.

UTUBAA TOKKOFFAA: EARNING (ARGACHUU)

Mata duree kanatti osoo hin seenin duratti barreessan kitaaba akka seensatti tuqaalee ijoo ta’an Afur kaasee jira. Isaanis, liqii (idaa) irraa dheessu, Ribaa (dhala) hundemaa dhiisu, fedhii fi wantoota maatii barbaachisan miseensa maatitiif guutu fi hawaasa gargaaru. Dhugumatti, liqiin kan nama maraachisuu fi rakkinnaa baay’etti kan nama galchuudha. Namni hanga danda’ameen liqii irraa dheessu qaba. Yoo rakkoon cimaan isa qunname malee wanta dabalataa guuttachuuf fakkeenyaf kan akka konkolataa bituuf liqitti seenu hin qabu. Ribaa (dhala) nyaachu fi nyaachisun wanta Islaama keessatti guutumaan guututti dhowwameedha. Akka lugaa Arabiffaatti Riba jechuun dabalata, hortee, guddinna, amaariffaan immoo araaxaa isa jedhamuudha. Karaa shari’aatin ribaa jechuun dhala ykn namni liqeefataan nama isaa liqeessef maallaqa haadho waliin maallaqa dabalataa kennuudha, yeroo liqii san itti deebisu waan tursiiseef. Fakkeenyaf, liqeessan liqeefataaf qarshii 1000 ji’a lama keessatti deebisu qabda. Ta’uu baannan ji’a lama yoo dabarsite 1200 kafalta yoo jedhen kuni Ribaa (dhala) 200 dabalata waan taateef. Namni ribaan daldala daldaalu, daldalli isaa barakaa hin argatu. Qabeenyi inni argatu sun ibidda dhiphinnaa itti qabsiisa. Guyyaa tokko qabeenyi sunis jalaa barbadaa’a. Akkuma Rabbiin (Subhaanahu wa ta’aala) jedhe:

يَمْحَقُ ٱللَّهُ ٱلرِّبَوٰا۟ وَيُرْبِى ٱلصَّدَقَٰتِ ۗ وَٱللَّهُ لَا يُحِبُّ كُلَّ كَفَّارٍ أَثِيمٍ

Rabbiin dhala [keessaa barakaa] ni haaqa; sadaqaa immoo ni guddisa. Rabbiin warraa akkaan kafaraa, dillaawa hundaa hin jaallatu.” Suuraa Al-Baqaraa 2:276

Kanaafu, namni jireenya keessatti badhaadhinna fi barakaa barbaadu, carraaqqi maallaqa argachuu keessatti ribaa (dhala) irraa of eegu qaba. Badhaadhinna galmaan gahuuf tuqaan dagatamuu hin qabne maatii fi hawaasa ofii gargaarudha. Tarii sababni maallaqa itti argachuuf carraaqnu keessaa tokko maatii keenya itti gargaarufi. Garuu maatii yommuu jennu niiti fi ijjoolle irratti kan daangeefame ta’uu hin qabu. Haadha abbaa fi firoota dhiyoo kan akka obboleessaa fi obboleetti kan of keessatti hammate ta’uu qaba. Akkasumas, maallaqa arganne garaa keenya qofatti kan fixnu osoo hin ta’in hawaasa keenya kan ittiin gargaarru ta’uu qaba. Kanaafi, iccitiin badhaadhinnaa fi misooma itti argatan keessaa tokko hariiro firummaa sufuu ykn eegudha. Ergamaan Rabbii (Nageenyi fi rahmanni Rabbii isaan irratti haa jiraatu) akkana jedhu:

“‏ مَنْ أَحَبَّ أَنْ يُبْسَطَ لَهُ فِي رِزْقِهِ، وَيُنْسَأَ لَهُ فِي أَثَرِهِ، فَلْيَصِلْ رَحِمَهُ ‏“‏‏.‏

“Namni sooranni (rizqiin) isaa akka bal’attuu fi umriin isaa akka dheeratu barbaade, hariiroo firummaa haa sufu (eegu).” (Sahiih Al-Bukhaari)

Kanniin akka haal-duretti qabachuun amma maloota maallaqa ittiin argatan ilaalla. Napoleon Hill kitaaba isaa “Think and Grow Rich” jedhu keessatti tarkaafilee maallaqa itti argatan 6 kaase jira. Isaaniis:

1ffaa: maallaqa hangamii akka argachuu feetu sammuu kee keessatti murteessi. “Maallaqa baay’ee barbaada” jechuun gahaa miti. Hanga isaa murteessi.

2ffaa: Maallaqa murteessite harkatti galfachuuf wanta niyyatte (yaadde) murteessi. Jecha biraatin maallaqa san argachuuf wanta hojjachuu qabdu itti yaadi.

3ffaa: Maallaqa barbaadde san argachuuf Guyyaa Murtaa’a lafa kaa’i. (Akkana gochuun kee cimte akka hojjattu si taasisa.)

4ffaa: Fedhii kee galmaan gahuuf karoora baasi. Karoora kanas sirritti erga itti yaadde booda takkamaan jalqabi.

5ffaa: maallaqa hangamii argachuu akka barbaadde, yeroo maallaqa itti argachuu feete, maal hojjatte maallaqa argachuu akka qabduu fi karoora kee waraqaa irratti jecha ifaatin barreessi.

6ffaa: Wanta barreessite kana sagalee olkaasi dubbisi. Yeroo dubbistu kana maallaqa san fedhii Rabbitiin argachuu akka dandeessu of amansiisi. (In sha Allah nan argadha jedhi).

Kana hundaa galmaan gahuuf FEDHII barbaachisa. Fedhii yoo jennu immoo haafayuu osoo hin ta’in hanga nama gahu argachuuf tattaafachuudha. Tarkaanfilee armaan olii keessaa tarkaanfin rakkisaan tarkaanfi lamaffaadha. “Akkamitti maallaqa argachuu danda’a?” Robert Kiyosaki kitaaba isaa “Rich Dad and Poor Dad” jedhu keessatti, maallaqa argachuuf buqqee mataa keeti fayyadami (Use your Head) jedha. Wanta hojjachu barbaadde takkaa yaadi. Teknolojii fi industriwwaan yeroo ammaa arginu kunniin sababni argamiinsa isaanii “YAADA” nama tokkooti ykn muraasati. Wanta hojjachuu qaban ni yaadu ergasii hojii irra oolchu. Wanta yaanne kana hojii irra oolchuf beekumsa nu barbaachisa. Sababni isaas, wanta yaanne san galmaan akka geennuf beekumsi sababa nuuf ta’a. Garuu beekumsa maallaqa itti argannu akkamii nu barbaachisaa? Kitaabota fi seeminaarota waa’ee maallaqa barsiisan dubbisuu fi irratti argamuun beekumsa funaanun ni danda’ama. Namoonni gariin waa’ee daldalaa ilaalchise barnoonni yommuu kennamu ‘Yeroo kiyya gubuu hin barbaadu’ jechuun waltajjii kana irratti hin argaman. Akkasumas, kitaaba dubbisuu fedhii hin qaban.

Karaalee maallaqni itti argaman keessaa; Qaxaramuu, hojii mataa ofii uumu, Gareen waligalanii daldala daldaalu fi kkf hojjachuun ni danda’ama.

Nashaaxaa (Passion), Dandeetti waa uumu (Creativity) fi Nama maallaqa oomishuu ta’uu (Entrepreneur)

Namni wanta argachuu barbaadu san fedhii cimaan (nashaaxan) guuttame wanta argachuu barbaadu saniif karaa sirriin yoo carraaqe fi gargaarsa Rabbirraa barbaade, wanta san ni argata. Kufaati yeroo gabaaba fi gufuwwan karatti isa qunnamaniif harka hin kennu. Wanta tokko hojjachuuf erga yaadde fi qoratte booda hanga galmaan geessu hin dhiisin. Yeroo jalqabaatif namtichi Ampuuli iftu tana argate, Thomas Edison, si’a 999 yaalun 1000ffaa irratti ampuuli iftu argate. Wanta jalqabaaf yaadde kufuu danda’a. Garuu kufaati kanaaf harka hin kenniin. Malaa fi karoora adda addaatti fayyadamuun irra deddeebi’i yaali. Hin kufa jette sodaachun duubatti hin rincicin.

Karaa maallaqa itti oomishan biraa Dandeetti Rabbiin nama kennetti fayyadamuun maallaqa oomishudha. Dandeetti kanniin keessaa beekumsaa fi humna qabanitti fayyadamuudha. Nama maallaqa oomishu ykn dhaaba hogganu (Entrepreneur) ta’uuf barreessan kitaaba jalqaba irratti eerre qabxilee armaan gadii lafa kaa’a.

1.Gocha ykn hojii akkami irratti dandeetti qabdaa? 2.Nashaaxan (fedhiin cimaan) kee eessa jiraa? Maal hojjachuu feetaa?

3.Eessarraa ka’uu barbaaddaa? (Muxannoo, qabeenya (resourse), qunnamtii akkamii qabdaa?)

4.Oomisha ykn tajaajila akkami kennuu barbaadda? Eenyuf?

5.Namoonni oomisha ykn tajaajila kana ni barbaadu? 6.Waa’ee kanaa ilaalchise qorannoon ati adeemsifte ni jiraa?

7.Kutannoon kee hangamii? (Tarkaanfi hangami fudhatte? Qorannoo wayii adeemsiftee?)

8.Kana gochuuf kakka’uumsi kee maalii?

Gaafilee kana fi kan kana fakkaatan of gaafachun namni tokko karaalee maallaqa itti oomisha barbaadachu danda’a. Ammas barreessan kitaabaa M.Yaquub wanta itti dabalu qaba. Karaan biraa maallaqa itti oomishan mala SWOT qorachuudha. Malli kunis Jabinna (Strength) fi Dadhabbinna (Weakness) ofii qorachuu, Carraa (Opportunity) jiruu ilaalu fi wantoota Sodaachisaa (Threat) (fakkenyaf, hanqinna muxannoo fi kaapitala fi kkf qabaachu, dorgommiin baay’achuu) fi kan kana fakkaatan qorachuu fi hojii irra oolchuf tattaafachun gara maallaqa oomishutti tarkaanfachun ni danda’ama. Gabaabumatti jabinna qabdu jabeessun, dadhabinna fi wanta nama sodaachisan hambisuuf carraaqu fi carraa argametti fayyadamuun gara fuunduratti tarkaanfachuun ni danda’ama. In sha Allah torbaan “Amaloota Milkaa’inna Saddeet” jedhuun hanga wal arginutti assalamu aleykum wa rahmatullahi wa barakaatuh.

Kitaabban wabii: √Five Pillars of Prosperity- Essentails of Faith-Based Wealth Building- Dr. M.Yaquub Mirza- fuula 10-13 •Think and Grow Rich- Napolien Hills- fuula 35-36

Barruu Tana Irraa Maal Hubatte?

♣Furtuwwan Dinagdee itti ijaaran shanan: Argachuu, Qusachuu, Maallaqa wanta bu’aa argamsiisu irra oolchu (Investing), Maallaqatti fayyadamuu (Spending), Kennu (Giving)

♣Haal-duree badhaadhinnaa fi misooma itti argatan keessaa liqii fi idaa irraa dheessu, Ribaa fi nama gowwoomsu dhiisu, maatii fi hawaasa ofii gargaaru, sadaqaa kennu fi Rabbiin sodaachudha.

♣Tarkaanfileen maallaqa itti argatan jahan: maallaqa hangami argachu akka feetu murteessu, akkamitti akka argachu qabdu mala dhayu fi hojjachuu, karoora baasu, yeroo itti argachuu qabdu murteessu, wantoota armaan oli waraaqa irratti barreessu fi wanta barreesan irra deddeebi’ani dubbisuu.

♣“YAANNI” ka’uumsa badhaadhinnaati. Jalqaba wanta hojjachuu qabdu sirritti gadi taa’i itti yaadi. Ergasi yaada kana gara KAROORATTI dabarsi. Karoora immoo gara hojitti jijjiri.

♣Namni wanta gaarii argachuu barbaadef fedhii cimaan yoo ka’ee fi Rabbiin irratti hirkate, kufaati yeroo gabaabatii fi gufuwwaan isa qunnamaniif harka hin kennu. Hanga dhumaatti ni carraaqa.

♣“Wanta addaa namootaf dhiyeessu barbaaddu, baay’inna namoota wanta san barbaadanii fi dhiibban (bu’aan, barbaachisummaan) wanta ati dhiyeessitu hangam namoota irratti akka fidu qorachuun maallaqa oomishuuf carraaqu dandeessa.” M.Yaaqub Mirza-fuula 6

Istiqaama
Kana Raabsi

Leave a Reply

Your email address will not be published.