Amaloota Milkaa’inna Saddeet

Daldala keessattis ta’ii jireenya keessatti namni tokko milkaa’uf amaloota filatamoo fi gaggaarii ta’an qabachun isarra jira. amaloonni kunniin takkaa uumaman takkaa immoo adeemsa keessa argamu. Namni amala badaa yoo qabaate jireenya keessatti milkaa’u akka hin dandeenye beekun amala badaa kana ofirraa kaasuf haa carraaqu. Namni tokko milkaa’uf xiqqaate xiqqaatu amaloota armaan gadii saddeet horachu qaba.

1.Galata (Gratitude)– tarii amalli kuni bu’uura fi garmalee barbaachisa kan ta’e amaloonni biroo irratti ijaarramaniidha. Galata galchuun faaydaa baay’ee qaba. Inni guddaan garuu karaa jaalala Rabbii itti argatanii fi ibidda irraa baraaramuun Jannata itti seenaniidha. Galata galchuu dhiisun kufritti nama geessa. Namoonni fiixe milkaa’inna irra ijjatan amalli guddaan isaanii galata galchuudha. Galata galchuun haafayu fi waanyuf gabra akka hin taane nama taasisa qananii qaban akka beekan waan nama godhuuf.

Ammas galata galchuun akka of hin tuulle nama gargaara. Namoonni galata hin galchine baay’een isaanii of tuulu fi dhaadachuun ofii fi namoota biroo miidhu. Wanta xiqqoo hojjatanii ittiin waan oftuulaniif uguruu osoo hin gahiin bakka hin taanetti kufu. Garuu namni galata galchuu madaala ofii eeggachuun sadarka sadarkaan fiixe milkaa’inna irra gaha. Akka shaakalatti galata galchuuf- hojiin gaariin ati hojjatte ykn daldalli daldaalte bu’aa irraa buufatte, bu’aan kuni kan argame humna fi beekumsa kee qofaan akka hin taane beeki. Akkana jedhi, “osoo Rabbiin kana naaf laaffisu baate silaa wanti naaf dhufu tokkollee hin jiru. Kanaafu, Rabbii kana naaf laaffiseef galanni haa galu.” Ammas galata galchuu jechuun arrabaan qofa Alhamdulillah jechuu qofa osoo hin ta’in wanta Rabbiin itti nu ajaje hojjachuu fi wanta Inni irraa nu dhoowwe dhiisudha. Fakkeenyaf, nama waan gaarii siif hojjate tokko arrabaan ‘Galatoomi’ jetteenii ergasii gocha keetin isatti yommuu finciltu (faallessitu) kuni galata ni jedhamaa?

Dhugumatti, galata galchuun bu’uuralee milkaa’innaa keessaa tokko akka ta’e Qur’aana keessatti ni arganna:

وَإِذْ تَأَذَّنَ رَبُّكُمْ لَئِن شَكَرْتُمْ لَأَزِيدَنَّكُمْ ۖ وَلَئِن كَفَرْتُمْ إِنَّ عَذَابِى لَشَدِيدٌۭ

Yeroo Gooftaan keessan [akkana jechuun] labse [yaadadhu], “Yoo Na galateefattan [qananii Kiyya irraa] isiniifin dabala. Yoo Natti kafartan dhugumatti adabbiin Kiyya akkaan hamaadha.” Suuratu Ibraahim 14:7

Kanaafu, galata galchuun bu’uura milkaa’innaati, galata galchuu dhiisun immoo bu’uura kufaati fi adabbiiti.

2.Hojiif naamusa cimaa qabaachu– naamusa hojii yommuu jennu hojii tokko hojjachuuf fedhii cimaa qabaachu fi qulqullinnaan hojii san hojjachuudha. Akkasumas, yeroo hojiin itti jalqabu fi xumuramu kabajuudha. Wanta hojjatan san yeroo kenname keessatti xumurun naamusa hojiiti. Biyya keenyatti naamusni hojii haala nama jibbisisuu irra jira. ofuma irraa kaane naamusni nuti hojiif qabnu kan badeedha. Kanaafu, rakkoo kana sirreessun harqoota hiyyummaa jalaa yoo bahuu barbaanne naamusa hojii cimaa qabaachuf tattaafachu qabna. Hojii keenya qulqullinnaa fi yeroo jedhame keessatti xumuruuf tattaafachun nurra jira. Yoo akkana goone carraan baay’een nuuf banamu. Garuu naamusa hojii cimaa yoo hin qabaatin ofumaa carraa ofitti cufne.

3.Xiyyeefannoo-xiyyeefannoo jechuun qalbiin bakka hojii jiraachu jechuudha. xiyyeefannoo bakka lamatti qoodu dandeenya. Tokko xiyyeefanno kaayyoo- jireenya keessatti milkaa’uf kaayyoo kee murtaa’a ta’uu qaba. Kaayyoo erga murteessite booda kaayyoo kana irratti xiyyeefachuf ni tattaafatta. Daldalas ta’i wanta biraas, tokko keessaa filadhu irratti xiyyeefadhu. Wantoota kudhan bakka tokkotti nan hojjadha yoo jette, suni ni ulfaata. Xiyyeefannaan lamaffaa immoo hojii yeroo gabaaba hojjattu irratti xiyyeefachuu fi wantoota nama jeeqan ofirraa fageessudha.  Xiyyeefannoon hojii keenya qulqullinnaan akka hojjannuu fi yeroo gabaaba keessatti akka xumurru nu taasisa.

Wanti armaan olitti hubatamuu qabu fi dagatamu hin qabne, addunyaa irratti xiyyeefadhu Aakhiraa dagadhu jechuu keenya miti. Ammas aakhira qofa irratti xiyyeefadhu addunyaa dagadhu jechuu keenya miti. Kana irra aakhiraa kaayyoo ol’aanaa kee godhachuun addunyaa immoo karaa irra deemte aakhiraa ittiin geettu haa taatudha. Maallaqa argachuuf wanta tokko irratti xiyyeefadhu. Maallaqa argatte san immoo jireenya kee ittiin fufsiifta. Sadaqaa kennuun ganda aakhiraa ittiin geessa.

4.Itti fufiinsa– wanta qabatan tokko hanga galmaan gahanii obsaan itti fufuun furtuwwan milkaa’innaa keessaa tokko. Xiqqoollee haa taatu wanti ati guyyaa guyyaan hojjatu walirra tuulamun milkaa’inna dilbii (guddaa) taati. Dhugumatti hojiin gaariin Rabbiin biratti jaallatamaa ta’e hojii yeroo hundaa hojjatamu akka ta’ee Ergamaan Rabbii (SAW) nu beeksisu:

وَاعْلَمُوا أَنَّ أَحَبَّ الْعَمَلِ إِلَى اللَّهِ أَدْوَمُهُ وَإِنْ قَلَّ

“Beekaa! Hojiin Rabbiin birratti garmalee jaallatamaa ta’e,osoo xiqqaateyyu hojii itti fufaa ta’eedha (yeroo hundaa hojjatamuudha).Sahih Muslim 2818

Akkuma Turkoonni jedhan, “Damlaya damlaya göl olur. (Bishaan cophe cophe haroo ta’aa)” Wantoonni xixiqoon yoo walirra kaa’aman wanta guddaa ta’u.

Kanaafu, milkaa’inna yoo barbaadde wantuma xiqqoo dandeessu irraa ka’i itti fufi. Kufaati yeroo gabaaba fi gufuwwaniif harka kennu osoo hin ta’in obsaan itti fufi.

5.Nashaaxa (Passion) qabaachu– wanta gaarii tokko fedhii cimaan hojjachuun dandeetti ofii akka abuuran, balballi carraa akka banamu fi argannoo haarawa akka argatan nama taasisa. Tarii wanta tokko hojjachuu fedhii hin qabnu ta’a. Hin dhiphatin fedhii kana argachuu dandeessa. Akkamitti? Jalqaba bu’a wanta hojjattu kana ilaali. Ergasi itti siqii hojjachuu eegali. Guyya guyyaan sa’aati ykn daqiiqa muraasa hojjachuuf itti of dirqisiisi. Yeroo muraasa yommu itti of dirqisiistu hadhaa ni dhandhamta. Garuu san booda mi’aa argachuu eegalta, hulaan wayii siif banama. Fakkeenyaf, kitaaba dubbisuu fedhii yoo hin qabaanne, guyyaa guyyaan daqiqaa 30f fuula muraasa dubbisuuf murteessi. San booda nashaaxan (fedhii cimaan) ni dhufa.

6.Amanamummaa– amanamummaa qabaachu jechuun namni tokko gumaacha, dirqamoota fi waadaa isaatif sirritti itti gaafatamummaa fudhataa jechuudha. Karaa biraatin amanamummaa jechuun jecha ofitiif dhugaa ta’uu jechuudha. Kana jechuun wanti dubbatanii fi hojjatan dhugaa fi haqa irraa kan fagaate ta’u hin qabu. Namni tokko milkaa’inna fi gammachuu dhugaa yoo barbaade amanamummaa qabaachu qabaa jechuudha. Faallan amanamummaa kijibaa fi ganuudha. Namni kijibuu, waadaa diigu fi nama ganuu gonkumaa hin milkaa’u. Ati, “Ani nama akkanaati.”jechuun abdi kutuu dandeessa. Lakki! Abdi hin kutin. Amaloota fafee armaan olii jijjiruun amala amanamummaa qabaachuf carraaqqi. Yoo akkas goote nama milkaa’u taata.

Daldalla keessatti milkaa’u yoo feete amanamummaa qabaadhu.

7.Amala gaarii qabaachuu- amala badaa (Negative personality) qabaachun milkaa’inna irraa duubatti nama harkisa. Namni amala gaarii qabu nama kamiyyuu waliin salphatti walii gala. Amala gaarii yommuu jennu wanta gaarii hunda kan of keessatti qabatuu fi wanta fafee irraa fagaachudha. Namootatti amala gaarii yommuu agarsiisnu isaan kabajuu, itti oftuulu dhiisu fi haqa malee isaan miidhu dhiisudha. Daldala keessatti ykn bakka hojitti amala gaariin isaan waliin hojjachuun akka maagnetti ofitti harkisuudha.

8.Namoota biroo tajaajilu– yommuu milkaa’inna dhandhamtu akkamitti akka argatte hin dagatin. Osoo kortoo milkaa’inna koraa jirtu, namoota biroo tajaajiluf fedhii qabaadhu. Namoonni dursa ati tajaajilu qabdu haadha fi abbaa keeti. Milkaa’inna kana akka geettuf sababa kan ta’an isaan waan ta’aniif. Wanta ykn humna qabduun akkuma nama tajaajiltuun milkaa’inni kee dabalaa adeema.

Gudunfaa

•Galata galchuun bu’uura milkaa’inna fi gammachuuti. Galata galchuu dhiisu fi ganuun immoo bu’uura kufaati fi adabbiiti.

•Namoonni hojiif naamusa gaarii fi cimaa qaban namoota yeroo baay’ee milkaa’aniidha.

•Sa’aati tokkoof xiyyeefannoon hojii tokko hojjachuun sa’aati kudhaniif xiyyeefannoo malee hojjachuu caalaa.

•Yeroo takkaan wanta guddaa fi baay’ee hojjatanii dhiisu irra xiqqaattullee yeroo hundaa itti fufanii hojjachuutu caala.

•Fedhii cimaan wanta tokko hojjachuun nuffii (hifannaa) fi dukkana jireenyaa namarraa oofa, balbala carraa bana, hojiin qulqullinna akka qabaatu taasisa.

•Namni amanamummaa qabu nama balballi milkaa’innaa, gammachuu fi badhaadhinnaa banamtuufi.

•Daldala keessatti milkaa’u yoo barbaadde amala gaarii qabaadhu. Waadaa hin diigin, hin kijibin, nama hin gowwoomsin, nama hin ganiin, beellama kabaji, hin hatin. Maamiltoota kee kabaji, itti of hin tuulin, itti seeqadhu, amaanaa eegi, hin arrabsin, osoo isaanis ofis hin miidhin gatii madaallamaan itti gurguri. Amaloota Turkoota keessaa tokko yommuu namni wanta tokko bituuf itti dhufu, Hoşgeldiniz (Baga dhuftan). Maal barbaaddu? Maal isin gargaaru? Buyurun (wanta jechuu barbaaddan jedhaa!)” fi kkf Amala gaariin nama simatu. Fuula guuraa yoo nama simatte namoonni sirraa dheessu.

Kitaaba wabii: √Five Pillars of Prosperity- Essentails of Faith-Based Wealth Building- Dr. M.Yaquub Mirza- fuula 14-17

Badhaadhinnaaf Utubaa 2ffaa- Qusannaa
Naamusa Du'aayi-Kutaa 2ffaa
Kana Raabsi

2 comments

Leave a Reply

Your email address will not be published.