Badhaadhinnaaf Utubaa 2ffaa- Qusannaa

Mana barnoota keessa taanee yommuu siviks barannu boqonnaan “Qusanna (Saving)” jedhu tokko hin hafu. Bara baraan boqonna kana barataa turre. Garuu wanti ach irratti barraa’u tiyoori qofa moo shaakala qabaa? Rakkoon mana barnootaa guddaan tiyoori qofaan sammuu hadoochu, barattoota shakalsiisun ykn akka shaakalan karaa itti agarsiisun hin jiru. In sha Allah har’a bal’innaanis ta’uu baatu hanga ta’e waa’ee qusannaa ni ilaalla.

Qusannaa jechuun maallaqa qaban hanga barbaachisu itti fayyadamanii ykn wanta gaarii irratti baasanii kan hafe immoo olkaa’udha. Qusannaan maallaqa qofa osoo hin ta’in ‘Yeroos’ kan of keessatti qabatuudha. Yeroo qusachuu jechuun yeroo bakka hin taane fi bu’aa hin buusnetti balleessu dhiisudha.

Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) qabeenya qabnu akka hin qisaasessina nu akeekachiisa.

Firaaf, harka qalleeyyii fi kara deemaafis haqa isaa kennif. Qisaasessu hin qisaasessin.
Dhugumatti warri qisaasessan obboleeyyan sheyxaanaati. Sheyxaanniis Gooftaa isaatti akkaan kafaraadha.” Suuratu Al-Isra 17:26-27

Nyaadhaa dhugaa, daangaa hin darbinaa (hin qisaasessina). Dhugumatti, Inni (Rabbiin) daangaa darbitoota (warra qisaasessan) hin jaallatu.” Suuratu al-A’araaf 7:31

Faallan qusannaa qisaasessudha. Namni wanta argatte hunda har’uma fixuuf akka fedhe yoo baase gara fuunduraatti dhiphinnaa fi miidhaa guddaa keessatti kufa. Namoonni gariin “Kan boruu Rabbitu naaf jira.” Jechuun qabeenya ofii akkuma argan gadi dhangalaasu. Eeti Rabbiin siif jira. Garuu Rabbiin nama qisaasessu akka hin jaalannee fi adabbi cimaa akka adabu ni dagattee? Adabbii kanniin keessaa tokko namtichi liqaa (deynii) guddatti kufuudha. Liqaan dhiphinnaa fi gadadotti nama darba.
Tolee maallaqa qusachuuf malli jalqabaa nuti fayyadamu qabnu maaliidhaa?

Maallaqa qusachuuf tarkaanfin jalqabaa liqaa (idaa) ofirraa qulqulleessudha. Liqaan akka hin qusanne gufuu namatti ta’a. Liqaaf gabra ta’uu irraa of baraaruf takkamaan wanta argatte bittineessu, baasii daangaa hin qabne baasu irraa of qusachuu qabda. Wanta lubbuun tee feetu hunda guutuf yoo carraaqxe takkamaan waxmadii idaa keessaa seenta.  Ba’aa liqii jalaa bahuuf mee tarkaanfilee (steps) kanniin haa fayyadamnu.

1.Du’aayi gochuu– A’ishaan (Rabbiin ishiirraa haa jaallatu) akkana jetti: Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jechuun salaata keessatti du’aayi godha,

“‏ اللَّهُمَّ إِنِّي أَعُوذُ بِكَ مِنَ الْمَأْثَمِ وَالْمَغْرَمِ ‏”

“Yaa Rabbii! Cubbuu fi idaa irraa Siin eeggama.” (Jecha biraatin, Yaa Rabbii cubbuu fi idaa irraa na eegi.) Ergasii namni tokko akkana jedhe, “Yaa Ergamaa Rabbii! Yeroo baay’ee idaa irraa Rabbiin akka si tiiksu kadhatta.” Ergamaan Rabbiis ni jedhan: “Namtichi idaa keessa yoo jiraate yommuu dubbatu ni kijiba, yommuu waadaa seenu ni diiga.Sahiih Al-Bukhaari 2397

Kanaafu, “Yaa Rabbii cubbuu fi idaa irraa na eegi.” Jedhanii kadhachuun balaa fi dhiphinna idaa jalaa akka bahan nama taasisa.

2.Fakkii liqaa keeti gamagamii– namoonni gariin yommuu liqeefatan hangam akka liqeefatanii fi namoota meeqarra akka liqeefatan osoo itti hin yaadin cal’isaniitumaan liqaa walitti guuru. Nama jalqabaatif liqaa osoo hin deebisiniif nama biraa irraayis liqaa barbaadu. Ati nama akkanaa yoo taate, eenyurraa fi hangam akka liqeefatte waraqaa irratti barreessi. Erga waraqaa irratti tarreessite booda wantoota armaan gadi hojjadhu:

  • Liqaan waligalaa kee meeqa?
  • Kireedit Kaardi yoo qabaatte mallattoo itti godhi.
  • Liqaa kee xiqqaa irraa gara guddaatti tarreessi- kuni tartiiban xiqqaa irraa gara guddaatti akka ofirraa kafaltu si taasisa. Kuni dukkana liqaa keessa teette ifa wayi akka argitu si abdachiisa.

3.Kireedit kaardin kan waa bittu yoo taate, qarshii harkatti baadhu- akkana gochuun maallaqa akkuma argite akka hin baasne si daangeessa. Kreedit kaardi manatti dhiisi ykn addaan kuti. Kreedit kaardin biyya keenyatti kan baratamee miti. Garuu amma babal’achaa jira. Kreedit Kaardi jechuun kaardi qarshii ofirraa qabuu kan baanki irraa liqeefatamuudha. Kaardi kanaan yommuu suuqi dhaqxu wanta feete bittaan. Garuu boodarra maallaqa kana baankif ni kafalta. Inuma Kreedit kaardin dhala (riba) kan ofirraa qabuudha. Kanaafu, jireenya kiyya salphisa jette kreedi kaarditti hin dhiyaatin.

4.Liqii kee kafaluuf baajata kee irraa muri qusadhu- liqii ofirraa kafaluuf wanta si hin barbaachisne bitu dhiisi. Wantoota si barbaachisanis hanga isaa hir’isi. Fakkeenyaf, akkadaami qofa yoo ta’e ijoolle mana barnoota dhuunfatti barsiisu irra mana barnoota mootummatti barsiisu. Garuu diinis (amantis) kan barsiisu yoo ta’e, kan dhuunfatti barsiisutu irra caala. Nyaata haala madaallamaan qopheessu; telefoone tachii bituuf carraaqu dhiisu ( Liqaa osoo ofirraa hin kafalin akkamitti namni telefoona tachii bitaa?), meeshaalee mana keessaa sirritti nama hin fayyanne kan akka soofaa bituu dhiisu.

Erga liqii fi galii kee tarreessite booda bartee qusannaa gabbifadhu. Qarshii 25, 50, 100 ykn 200 ta’ii homaa rakkoo hin qabu. Wanti guddaan bartee qusannaa uumudha. Liqii kee akkuma kafalte ofirraa fixxeen bartee qusannaa itti fufsiisi.

5.Karoora baasii (baajata) qopheessi- maallaqni eessaa dhuftee garam akka deemtu yoo hin beekin jireenyi nutti dukkanoofti.

Kaayyoo: maallaqni kee eessa deemu akka qabu itti himi. Kana jechuun akkuma argite hin baasin. Karooran baasi.

Dhugaa jiru: Maallaqni kee bahe. Eessatti akka bahe qorachuuf tattaafachaa jirta. Maallaqa keetif karoora baasun ykn baajata gochuun wanta garmalee si fayyaduudha. Mee akkamitti akka karoora baasnu haa ilaallu.

Mindaan kee siif kafalamuun dura hanga maallaqaa harka kee gahu waraqaa irratti barreessi. Mindaan harka kee gahu ji’atti qarshii 4000 haa jennu. karoora baasun salphaadha. Waraaqa tokko baasun baasii kee hunda tarreessi. Fakkeenyaf ji’a kana keessa baasin kee:

Sadaqaa– 250, Qusannaa– 300, Kiraa manaa– 1000, Elektriiki-200, Bishaan– 100, Nyaata – Xaafi kilo 50- 700,  Zeytii– 300, Telefoona– 200 , Gabayaa fi suuqi– 300, Geejjiba– 650

Wanti ijoon baajata (karoora baasiitti) maxxanuu fi hojii irra oolchudha. Akkuma argitu sadaqaa sadarka tokkoffaa irra keenne. Sababni isaas, sadaqaa tarree (list) keessa yoo hin galchin maallaqa wanta biraa irra oolchun Aakhiratti garmalee gaabbita. Kanaafu, sadaqaa hin dagatin.

Bartee Karoora baasi (Baajata) Gabbisuu fi Karooran jiraachu

Yommuu waa’ee baajataa kaasnu namoonni ramaddi armaan gadii eessa tokko jalatti ramadamu. Ati kam keessayyi?

Warroota karoorsan– warri kuni dhimma maallaqa isaanii ni too’atu. Qusachuuf karoora ni baasu.

Qabsaa’ota– warri kuni qusachuuf karoora baasun itti ulfaata. Maallaqa irratti to’anna argachuuf ni qabsaa’u.

Warroota didan– rakkoo maallaqa keessa akka jiran fudhachu ni didu. Karoora baasun isaaniif gaarii akka ta’e hin hubatan.

Warroota sirritti osoo itti hin yaadin maallaqa baasan (Impulsive)– warri kuni wanta argatan har’uma fixu barbaadu. Qusachuuf karoora baasun isaanif haarawa.

Zaaran haadha mucaa tokkooti. Akka dandeetti ofiitti jiraachuf maallaqaaf karoora ni baasti. Qusachuun ishiif baay’ee barbaachisaadha. Daftara xiqqoo wanta baastu hunda irratti galmeessitu qabdi. Zaaran bartee qusannaa kana gabbifachuu fi afoosha gargaarsaa (uqqubii) seenun mana bitte jirti, mucaa ishitiif yuniversiti akka baratu haala mijeessite jirti.

Fuggisoo kanaa Feenet akkuma argite maallaqa ishii baasti, hin karoorsitu. Feenet hojii gaarii qabdi, mindaa gaarii argatti, jireenya mijaawa jiraatti. Garuu haalli diinagde ishii seenaa biraa hima. Feenet qusannaas ta’i invastementi wayitu hin qabdu, qabeenya dhaabbataas hin horanne. Dabalataan, idaa baay’ee qabdi. Karoora maallaqaa hin baastu.

Dandeetti qabeenya uumu guddisuuf akka Zaaraa nama karoorsu ta’i. Baasi karoorsun:

  • Maallaqni kee eessa akka deemu hubatta.
  • Galii argattu caalaa baasi akka hin baasne si taasisa.
  • Maallaqa wanta qabeenya kee ittiin guddistu irra akka oolchitu si taasisa.

Karoora baasi gabbisuuf wanta guyya guyyaan baastu galmeessu fi galiif baasi kee hubachuun si barbaachisa.

Guyyaa tokko Feenet qabeenya uumuf akka Zaaraa karoora baasi qopheessu akka qabdu hubatte. Jalqabaaf Feenet maallaqa hangami akka argatte fi baasi hammami baasaa akka turte beekuf diinagde ishii qoratte. Qabeenya uumuf ji’atti qarshii 175 qusachuuf kaayyefatte. Jalqaba guyyoota muraasaf baasi guyya guyyaa ni galmeessite. Yaadanno xiqqoo of waliin deemun wanta baastu irratti katabde. Haala kanaan, rakkoo maallaqa too’achuuf tattaafatte.

Maallaqa irratti too’annaa argachuuf:

♣Hanga dandeetti keeti jiraadhu. Nama akkeessun wanta humna keeti oli bituun liqii ofitti hin fe’in.
♣Wantoota haarawa bahaniin hin sobamin. Wanta gaarii fi mijaa’a ta’e uffadhu.
♣Baasi qisaasessu dhaabi. wanta tokko baay’iste hin bitin, hin nyaatin, hin dhugin. Bishaan, elektirikii fi kkf qusannaan fayyadami.
♣Jireenya kee bulchi, tartiiban jiraadhu. Namoonni qaroon wanta jalqaba barbaachisa ta’e bitu. Namoonni qaroo hin taane immoo wanta dhumarra bitamu qabu jalqaba bitu. Fakkeenyaf, konkolataa manaa dhumarra bitu dhiisani jalqaba bitu. Idaa ofirraa kafaluu dhiisanii wanta garmalee barbaachisaa hin taane bitu. Kanaafu, jireenya moo’achu yoo barbaadde tartiiban deemi.

♣ Karooran deemun rakkoo fi ba’aa idaa irraa si hanbisa.

Kitaabban wabii

Five Pillars of Prosperity- Essentails of Faith-Based Wealth Building- Dr. M.Yaquub Mirza- fuula 19-35

√ A practical Guide to Debt and Personal Finance For Muslims- by Omur Osman and Adam Tofiq- fuula 5-10

Jireenya Du'aan Boodaa
Amaloota Milkaa’inna Saddeet
Kana Raabsi

Leave a Reply

Your email address will not be published.