Daandii Milkaa’inna fi Gammachuu-Lakk.18

Barruun tuni barreefamoota gaggabaabo ji’a Sadaasa (November) 2016 fuula Fesbuuki Jireenya Badhaatu irraa walitti funaannamtedha.

Mallatoole fedhii lubbuu hordofuu agarsiisan keessaa tokko, wanta badaa ta’e garuu gaarii fakkaatu hojjachuuf ni ariifatta. Mirqaanaa fi kokolfaa hojjachuu jalqabda. Sheyxaanni hojii badaa kana garmalee miidhagsa. Haa ta’uu malee, boodarratti gaabbii fi gadda laalessaatu sitti dhagahama. Haalli akkanaa si qunnamee beekaa? Yoo si hin qunnamiin, namoota naannoo kee jiran baditti kan lixan ilaali. Fakkeenyaf, gurbaa fi intalli, mirqaansu fi kokkolfaa karaa haraamatin walitti dhufu. Akkuma yeroon darbuun hariiroon isaan jidduu jiru gaabbii fi gadda akka ibiddaatti nama gubuutti jijjirama adeema. Kanaafu, hojiin badaan gaarii yommuu sitti fakkaatu fi hojjachuu yommuu eegaltu kokolfituu fi kan gammaddu yoo taate, fedhii lubbuu hordofaa akka jirtu yaadadhu, dhumti hojii keeti gaabbii fi gadda hamaa akka ta’u beeki. Nafsee tee faallessi. Obsii. Kuni mallattoo jalqaba dhukkuba fedhii lubbuu hordofuuti.Yoo tasa fedhii lubbuu hordofuun hadhaa hojii keeti dhandhamaa jiraatte, dafii gara Rabbii deebi’i, araarama kadhu, hojii gaggaari dalagadhu. Kunniin gaabbii fi gadda hamaa fayyisu. 

Sammuun ilma namaa wantoota sadiin kanniin ni baddii, ni jeeqamti, boqonnaa fi tasgabbii hin argattu. Isaanis,
1. Al-Faahishaa (wantoota fokkuu kanneen akka sagaagalummaa, haadha abbaa ajajamu didu, shirkii, soba dubbachuu, ragaa sobaa bahuu, haqa malee lubbuu baasu fi kkf.)
2. Al-Munkar (Wantoota jibbamoo seera Islaamatin dhowwaman, kanneen akka shirkii gosa kamiyyuu, kufrii, hojii gadhee gosa kamiyyuu fi kkf)
3. Al-Baghiyi (Cunqursaa gosa kamiyyuu)
Wantoonni sadan armaan olii kunniin sammuu, maatii, hawaasa fi biyya irratti miidhaa guddaa fidu. Hawaasni badii kanniinitti yommuu lixu guddinna, misoominna, nageenya fi tasgabbii hin argatu. Kanaafu, nageenya, gammachuu, guddinnaa, badhaadhinna fi misoominna yoo barbaanne wantoota fokkuu armaan olii kanniin irraa haa fagaannu. Namni kanniin irraa fagaatu gammachuun isaa hin shallagamu. Namni kanatti tare immoo gaddi isaa hin shallagamu. Kanaafu, irraa haa fagaannu, yoo itti tarre keessaa haa baanu.

Kabajamaa/tu obboleessa/obboleetti koo! Osoo yeroo fi carraa qabdu balbala abdii fi tawbaa ofirratti hin cufin. Namoota rahmata Rabbii irraa abdii muratan arguun nama gaddisiisa. “Ani ibidda Jahannam seena, hojii gadhee baay’ee hojjadhe jira…”jechuun balbala abdii dargagoonni ifirratti cufan meeqatu jiru. Akkamitti kana jedhu? Ibiddi jahannam adabbii salphaa miti. Dhugumatti adabbii hundarra badaa fi cimaadha. Namni tokko adabbiwwan Hamiim (bishaan danfaa), Ghassaaq (malaa jiraattota jahannam), zaqquum (muka jahannam, nyaata jiraattota jahannam kan ta’e) akkamitti danda’aa? Rabbiin kanarraa nuu haa tiksu. Wallaalummaa irraa kan ka’e malee namni akkamitti Jahannamiin seenu hawwaa? Akka yaada kiyyaatti namoonni kunniin tarii rahmata Rabbii irraa abdii kutan yookiin immoo adabbii jahannamitti qoosu ykn jaraachu Jahannami shakku. Yoo jahannam hin jiraatin dhumti warroota badii babal’isanii fi cunqursitota eessa ta’u danda’aa? Kanaafu, hanga feete badii yoo raawwatte, rahmata Rabbii irraa abdii kutun jahannamiin ofirratti hin murteessin. Gara Rabbii tawbaa qulqulluun deebi’i, araarama kadhu, hojii gaggaaritti fiigi. 

Yommuu hojii gaarii iklaasan hojjattu, wanta mallaqni gonkumaa bitu hin dandeenye argatta. Isaan sunis, boqonnaa sammuu, tasgabbii fi gammachuudha. Hojiin gaariin hundarra caalu ati hojjachuu dandeessu, salaata sirnaanii fi yeroo isaa eegde salaatudha. Kuni kuusa gammachuuti. Salaata dhiisnan gammachuun eessaa dhufaa?
Wantoota gaa’ila mi’eessan keessaa tokko, warroonni gaa’ilaaf walitti dhufan xiqqaate xiqqaatu kaayyoo wal fakkaatu tokko qabaachu qabu. Kaayyoo jara lamaani gutumaan guututti yoo gargar ta’e waliin jiraachu hin danda’an. Kanaafu, yommuu gaa’ilaf imala jalqabdu, saahiba tee/kee maaliif akka fuudhu/itti heerumu barbaadde sirritti itti xinxalli. Qarshiifi moo? Imaanafii moo? Fedhii qofaafiifi moo? Maaliifi Fuudhu/itti heerumu barbaadde?

Nama mormii baay’isu waliin hin falmin. Namni mormii baay’isu yeroo baay’ee dhugaa beeku fi fudhachuuf osoo hin ta’in nama irratti ol’aantummaa argachuuf morma. Nama akkanaa waliin yoo mormii jalqabde dafii addaan kuti. Sababni isaas, yoo mormii itti fufte of dhamaasun qalbii tee gogsita, dhugaa irraa fagaatta. Atis, mormii hin baay’isin. Namni mormii baay’isu balbala kufaati ofitti bana. Mormuu irra beekumsa barbaadi. Namoonni baay’een beekumsa malee mormu. 

Nama si’aaya fi cimaa ta’uu yoo barbaadde, ganamaan hirribaa ka’i, yeroon hirribaa kee madaalamaa haa ta’u. Nama si’aa’inna hin qabne fi dadhabaa ta’uu yoo barbaadde, hanga feete rafi.

Yommuu du’aayi gootu daangaa hin darbin. Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan, “Ummata kana keessa namoota du’aayi fi xaahara (qulqullinnaa) keessatti daangaa darbantu dhufa.” (Abu Dawud lakk. 96)

Dhugumatti Rabbiin akkana jedhe jira:
Gooftaa keessan gadi of qabuu fi dhoksaadhaan kadhaa. Dhugumatti Inni daangaa darbitoota hin jaallatu. Suuratu al-A’araaf 7:55
Fakkeenyaf daangaa darbuun kan akka iyyuu, wantoota dhowwamaa kadhachuu, Yaa Rabbii jannata keessatti masara akkana akkanaa naa kenni jechuu fi kkf dha. Du’aayi gochuu yoo barbaadde kan Qur’aana fi hadiisa sahiih keessa jiran yoo fayyadamte gahaadha. 

Hojiin kee Rabbiif jecha haa ta’u
Yeroo tokko horsiise bulaan (a’araabin) tokko imaama ta’uun namoota salaachise. Salaata ni dheeresse. Erga salaanni xumurame booda, tokko akkana jedheen,”Abboo, Salaanni kee akkam bareedaa!” Namtichis akkana jedheen,”Kana waliinu ani nan sooma.”
Argite sheyxaanni akkamitti akka nama gowwomsu? “Ar-riyaan akka birciqqoo dabarsoo wanta duuba jiru agarsiisuti.” Na argaan (ar-riyaan) wanta duubatti dhoksite ifatti baasa, niyyaa kee balleessa. Achumaan hojii keetis haaqa. Kanaafu, hojii gaggaarii kee namootatti agarsiifatu fi dhageessifatuuf hin carraaqin, hojiin gaariin kee si jalaa haaqamati. Hayyoonni gariin akkana jedhu,”Nama mukhlisa jechuun nama hojii gaarii isaa dhoksu akkuma hojii badaa isaa dhoksu.” 

Of eggadhu, haadha abbaan kee yookaa fakkenya gaarii ykn fakkeenya badaa siif ta’uu danda’an. Yoo isaan amala badaa qabaatan, atis irraa hin dhaalin. Yoo amala gaarii qabaatan irraa dhaali. Amala badaa isaan irraa dhaalte jijjiruuf carraaqi. Yoo haati ykn abbaan kee nama nyakkisaa ta’ee, atillee akka isa/ishii nama nyakkisaa fi garmalee dallanu hin ta’in.

Kabajamtu obboleetti koo, akkuma hijaaban of miidhagsite, keessa keetis imaanan miidhagsi. Uffata kabajamaa kana uffachuun iddoo badiitti hin argamin. Akka carraa ta’ee dubartoota garii uffata kana uffatanii hojii badaa keessatti yommuu hirmaatan ni agarra. Kanaafu akkuma hijaabni qaama kee haguuge, hayaan (saalfannaan) qalbii tee haa haguugu. Dubartiin hayaa (qaani) qabdu gonkumaa hin salphattu. Kan ishiin salphattu yommuu uffanni hayaa qalbii ishii irraa mulqamuudha. Eeti, saala faallan qoramuun ni jira. Yoo heerumaaf qophii taate, warra kee mari’achiisi. Dhoksaan hin deemin ni salphattaati. Obsi. Bu’aan obsaa mi’aa fi jireenya gammachuuti. Hijaaba uffatanii harka nyaaphaa qabatanii deemun akkam nama jibbisiisaa!

Xurree Milkaa'inna fi Gammachuu-kutaa 15
Kana Raabsi

Leave a Reply

Your email address will not be published.