Jireenya Du’aan Boodaa

Dur irraa kaase hanga ammaatti gaafin, “Eessaa ka’ee garam deemaa jira?” jedhu sammuu dhala namaa dhamaasaa kan jiruudha. Deebii kanaa ima barbaadu. Garuu madda sirrii keessa waan hin barbaannef baay’een isaanii argachuu hin dandeenye. Gaafiin “Du’aan booda jireenyi ni jiraa?” jedhu wal-dhabbii fi mormii baay’ee kan kaase fi ammas kan kaasaa jiruudha. Namni erga du’ee ni kaafamaa moo akkanumatti biyyee ta’ee hafaa? Osoo hin kaafamiin biyyee ta’ee kan badu yoo ta’e, maaliif uumame ree?  Seenaa keessatti mootummoonni abbaa irree cunqursaa fi miidhaa hangana hin jedhamne ilma namaa irraan gahanii jiru. Cunqursaa fi hacuuccaa raawwatan kanaaf mana murtiitti dhiyaatanii osoo hin adabamin du’anii jiru. Cunqursaa raawwatan kanaaf osoo hin gaafataminii fi hin adabamiin akkanumatti biyyee ta’anii ni hafuu? Gaafii kanaa fi kan kana fakkaatan of gaafachun yoo itti xinxallanii fi qoratan, du’aan booda jireenyi akka jiru amanuun wanta nama dhibuu miti.

Kana Beektu Laata?

Jireenyi ilma namaa marsaa afur qabdi.
Marsaan 1ffaan garaa haadhaa keessa
Marsaan 2ffaan addunyaa tana keessa
Marsaan 3ffaan garaa dachii (awwaalcha) keessa
Marsaan 4ffaan Jireenya boodaa (Aakhiraati), iddoon jireenya isaa/ishii jannata yookiin jahannam. Rabbiin jahannam irraa nu baraare qubannaa keenya Jannata haa taasisu.

Tolee, ilmi namaa eessa akka ka’e osoo yaadate fi itti xinxalle garam deemaa akka jiru salphatti beekaa. Uumama jalqabaa dagachuu isaatu garam akka deemu isa wallaalchise. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) haala kanaan ilma nama akka xinxallan affeera.

36:77

Sila ilmi namaa akka Nuti bishaan saalaa irraa isa uumne hin arginee? Yeroma san inni mormaa ifa bahaa ta’ee argama.” Suuratu Yaasin 36:77

وَضَرَبَ لَنَا مَثَلًا وَنَسِيَ خَلْقَهُ ۖ قَالَ مَن يُحْيِي الْعِظَامَ وَهِيَ رَمِيمٌ

Fakkeenya Nuuf godhuun uumama isaa dagatee, “Lafee erga bututtee booda eenyutu jiraachisa?” jedha.” Suuratu Yaasin 36:78

Uumama jalqabaa dagachuun gaafi armaan olii akka dhiyeessanii fi du’aan booda jiruun jiraachu akka morman nama taasisa. Du’aan booda lamuu kaafamu ragaa maalii qabnaa? Ragaaleen du’aan booda lamuu kaafamun akka jiru agarsiisan lakkoofsa hin qaban. Garuu ammaaf, Aayata (Keeyyattoota) Qur’aanati fi Hadiisa sahiihti of daangeessun muraasa isaanii ni ilaalla.

Ragaa 1ffaa: kuni nama gaafi armaan olii gaafateef deebii kennameedha.

36:79

Isa yeroo jalqabaa ishii (lafee) uumetu jiraachisa.” Jedhi. Inni uumama hundaa Beekaadha.” Suuratu Yaasin 36:79

Kuni lafeen erga bututtee booda jiraachisuun akka danda’amu raga tokko. Jechi Rabbii, “Isa yeroo jalqabaa ishii (lafee) uumetu jiraachisa” jedhu, ragaa jala muraa fi ifa baha ilmi namaa lamu deebifamu (kaafamu) agarsiisudha. Akkuma Rabbiin jedhe,

وَهُوَ الَّذِي يَبْدَأُ الْخَلْقَ ثُمَّ يُعِيدُهُ وَهُوَ أَهْوَنُ عَلَيْهِ

Inni (Rabbiin) kan uumiinsa jalqabu san boodas kan deebisudha. Deebisee kaasun Rabbiin irratti garmalee salphaadha.” Suuratu ar-Ruum 30:27

Akka sammuu keenyattu wanta haarawa uumutu salphaadha moo wanta bade deebisutu salphaadhaa? Wanta bade deebisutu salphaadhaa mitiree? Kanaafu, ilma namaa erga du’e deebisee jiraachisun wanta Rabbiin irratti ulfaatu ree? Kana itti xinxalluun lamu kaafamun akka jiru amanuun wanta ulfaatu miti.

Ragaa 2ffaan jecha Rabbii, “Inni uumama hundaa Beekaadha.”Suuratu Yaasin 36:79 Rabbiin uumamtoota hundaa kan beeku ta’ee osoo jiru akkamitti deebisuu dadhabaa? Wantoota akkamitti akka uumu fi akkam akka ta’anis ni beeka. Uumamtoota lamuu deebisuu gonkuma hin dadhabu.

Ragaan 3ffaan

أَوَلَيْسَ الَّذِي خَلَقَ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضَ بِقَادِرٍ عَلَىٰ أَن يَخْلُقَ مِثْلَهُم ۚ بَلَىٰ وَهُوَ الْخَلَّاقُ الْعَلِيمُ

Sila Inni samiwwanii fi dachii uume fakkaataa isaanii uumuu irratti danda’a mitii?  Eenyen (danda’adha)!Inni akkaan uumaa, Beekaadha” Suura Yaasin 36:81

Aaya tana akka ifa ta’uuf karaa biraatin,“Sila Rabbiin Samiiwwanii fi Dachee uumuu hin dadhabin Ilma namaa uumuun Isa dhibaa? Rabbiin kan akkaan waa uumu, ammas Rabbiin Beekaa dha”

Dhugumatti uumamni samii fi dachii uumama ilma namaa caalaa guddaadha. Kan wanta guddaa uumu danda’u wanta xiqqaa uumun Isa hin dhibu.

Ragaa 4ffaa:  “Inni akkaan uumaa, beekaadha.” Suura Yaasin 36:81 Jechi al-Khallaaq jedhu sifaata (amala) Rabbii ol’aanuti. Amala itti fufinsaa agarsiisa. Al-khallaaq jechuun yeroo hundaa kan uumuu jechuudha. Kanaafu, Rabbiin Al-Khallaaq (yeroo hundaa kan uumu) waan ta’eef lafee yeroo lammataaf jiraachisun Isatti hin ulfaatu jechuudha.

Ragaa 5ffaa:
36:82

Ajajni Isaa yoo waan tokko fedhe, “Ta’i” jechuma qofa; yoosu ta’a.” Suuraa Yaasin 36: 82

Rabbiin Qulqullaa’an olta’e wanta tokko yoo fedhe, fedhii Isaa wanti jalaa kuffisu tokkollee hin jiru. ‘Ta’i’ jennaan yeroma san ta’ee argama.

Ragaa 6ffaa:
36:83

Rabbii mootummaan waan hundaa harkaa Isaa jiru qulqullaa’e. Garuma Isaatti deebifamtu.” Suura Yaasin 36:82

Rabbiin subhaana jechuun of qulqulleessa. Hanqinna fi dadhabbinna kamirraayyu of qulqulleessa. Lafee erga bututte deebisu dadhabuu irraayis of qulqulleessa. Lafee bututte deebisuu akka danda’u ni mirkaneessa.

Ragaa 7ffaa: “Garuma Isaatti deebifamtu.” Suura Yaasin 36:82

Uumamtoota kanniin Rabbiin uumun ergasi wanta gaariitti isaan ajajuun, wanta badaa irraa isaan dhowwuun, Ergamtoota isaaniif erguun, lolli mu’iminaa fi kaafira jiddutti uumamuun ergasii dhimmichi herreega (hisaaba) malee akkanumatti hafuun gamnummaa irraayyi miti. Kana irra, lamu kaafamun wanta hin oolledha. Kuni ragaa sammuuti. Namni wanta badaa fi cunqursaa hojjate, yakka raawwateef osoo hin adabamin yoo du’e,ergasi akkanumatti badee ni hafaa? Mootummonni abbaa irree cunqursaa hangana hin jedhamne raawwatan mee seenan haa lakkaa’u. Cunqursaa fi hacuccaa san hundaaf akkanumatti osoo hin adabamin ni hafu? Gonkumaa hin hafan. Ni kaafamu, gara Rabbii ni deebifamu.

23:115

Sila Nuti taphumaaf waan isin uumnee seetu (yaaddu)? Ammas isin gara Keenyatti deebifamu dhabuu yaaddu?” (Suuraa Al-Mu’uminuuna:115)

Ragaa 8ffaa: “Sila namni akkanumaan dhiifamu yaadaa? Sila inni bishaan saalaa kan dhangalaafamu irraa hin turre? Ergasii dhiiga ititaa ta’ee, [achi nama godhee] uumee guute. Isa irraas cimdii lama dhiiraa fi dhalaa taasise. Sila [Rabbiin akkas godhe sun] du’aa jiraachisu irratti danda’aa mitii?“Suura Al-Qiyaama:36-40

Mee uumamu keenya itti haa xinxallinuu. Bishaan saalaa dhangala’a furrii fakkaatu irraa Rabbiin nu uume. Furrii san irraa eenyutu nama uumuu danda’aa Rabbiin malee? Ofii of uumu dandeenyaa? Bishaan furrii fakkaatu kana irraa nama akkana bareedu kan uume akkamitti lafee bututte nama godhee deebisuu dadhabaa? Dhugumatti Rabbiin ilma namaa ni kaasa.

Ragaa 9ffaa: Mallatoolee Guyyaa Qiyaamaa (Kaafamaa) agarsiisan: Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) akkana jedha:

Sila Qiyaaman tasa Isaanitti dhufu malee maal eegu? Mallattooleen ishii dhufaniiru. Yeroo ishiin isaanitti dhufte gorfamuun isaanii akkamitti isaaniif ta’a?” Suura Muhammad (47):18

Dhugumatti mallatooleen guyyaa qiyaama baay’een isaanii dhufanii jiru. Mallatoolee kanniin keessaa kan yeroo amma ana dinqisisuu fi Guyyaa Qiyaama na yaadachisu Hadiisa Rasuulaa (SAW) armaan gadi kana: Abu Hureyraan akka gabaasanitti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:

Namoota gosa lamaa warra ibiddaa irraa ta’an kanneen ani amma hin agarretu dhufa. Isaanis; 1ffaa: namoota qaccee (halangee) akka eegee horii fakkaatu qabanii fi qaccee kanaan namoota ittiin reebaniidha. 2ffaa: dubartoota uffatanii garuu qullaa ta’an. Ofiillee dabanii namootas baditti kan dabsaniidha. Mataan isaanii akka dalluu gaala bukhti gara tokkotti dabuuti. Jannata hin seenan, fooli ishiis hin argatan. Fooliin ishii fageenya hanganaa hanganaa irratti osoo argameyyu.” Sahiih Musliim 2128

Namoonni qacceen (halangeen) nama tuman (reeban) baay’een isaanii mana hidhaa keessatti. Kuni nurraa dhokataa ta’uu danda’a. Haa ta’uu malee, dubartoota uffatanii garuu qullaa deeman wanta guyya guyyaan arginuudha. Uffatte garuu wanta xiqqoo qaama ishii hin haguugne ofirra keette. Rasuulli fedhii ofitiin kan hin dubbanne dhuguma jedhan. Nageenyi fi rahmanni Rabbii isaan irratti haa jiraatu. Wanti waggoota 50 ykn 100 dura hin jirre kunoo amma argame. Namoota qacceen nama tuman ykn dubartoota qullaa deeman kanniin yommuu argitu, guyyaan Qiyaamaa akka dhuftu mirkaneefachuun hojii gaggaarii hojjachuun akka of qopheessitu si taasisa.

Mallatooleen guyyaa Qiyaamaa baay’ee fi guyya guyyaan mul’ataa kan jiraniidha. Namni qaruteen mallatoolee kanniin irratti xinxalluun yeroon of qopheessa.

Namni Guyyaa Qiyaamatti erga amane of qopheessu qabaa malee, “Guyyaan Qiyaamaa yoom dhufti? Dhugaa kan dubbatan yoo taatan abbooti keenya deebisaa mee?” jechuun mormu hin qabu. Guyyaan Qiyaama guyyaa fi sa’aati kanatti dhufti wanta ofirraa jennu miti. Guyyaa itti dhuftu Rabbiin qofatu beeka. Wanti ni dhufa jedhame guyyaa Rabbiin fedhe osoo hin dhufin hin hafu.

Guduunfaa

• Du’aa kaafamuun madaala haqaa dhaabufi. “Dhugumatti Qiyaaman dhufaa jirti. Akka lubbuun hundii waan hojjatte mindeefamtuuf jecha ishee dhoksuuttin dhihaadha.Namni isheetti hin amaniin, kan fedhii isaa hordofe ishee irraa si hin garagalchin! (Yoo isa hordofte) ni badda.” Suuraa xaahaa:15-16
• Dhaloonni tokko darbee dhaloonni biraa dhufuun guyyaan qiyaama hin dhuftu jechu miti. Guyyaa tokko tasa dhufti.
•Guyyaa Qiyaamatti amananii hojii gaarii hojjachuun of qopheessun amala nama qaruuteti.
•Sheyxaana ‘Guyyaan Qiyaamaa hin jirtu.’jedhe sitti hasaasu hin dhagahin ni baddaati.
• Imaana Guyyaa Qiyaama onnee tee keessatti hidda qabsiisuuf suuralee Qur’aana kanneen armaan gadi hiika isaanii waliin sirritti qo’adhu. Suuratu Qaaf (50), ax-Xuur(52), Ar-Rahman(55), Al-Waaqi’a(56), Al-Haaqqah(69), Al-Qiyaama(75), An-Naba(78), At-Takwiir(81), Al-Infixaar(82), Al-Inshiqaaq(84), al-gaashiya(88), al-fajr(89) fi kkf.
• Yakka cunqursitoonni (zaalimonni) hojjatani fi dubartoota qullaa yaa’an yommuu ilaalan Guyyaan Qiyaama akka dhuftu bilic godhe namatti agarsiisa. Sababni isaas, yakka raawwataniif osoo hin adabamin addunyaa tana irraa du’u.
•Aakhiratti (Jireenya Boodatti) amanuu dhiisu fi ishiif qophaa’u dagachuun adabbii hamatti kan nama geessudha.
Kitaabban wabii:
Tafsiir suuratu Al-Baqarah-jildii 1, fuula 106-107, ibn Useymiin
Ragaalee ciccimoo Kan Guyyaa Kaafamaa

Sadaqaa- Bantu Hulaa Rizqii
Badhaadhinnaaf Utubaa 2ffaa- Qusannaa

Leave a Reply