Sadaqaa- Bantu Hulaa Rizqii

Sadaqaa jechuun hojii gaarii kamiyyuu gara Rabbii ittiin dhiyaatun ajrii (mindaa) itti argataniidha. Fakkeenyaf, Subhaanallah, Alhamdulillah, Allahu akbar jechuun sadaqaadha, maallaqaan nama gargaarun sadaqaadha. Garuu yeroo baay’ee sammuu namaatti kan dhufuu maallaqa namoota harka qalleeyyitiif kennuudha. Eeti, sadaqaan isaan qofa irratti kan daangeefamu osoo hin ta’in firoota fi hawaasa bal’aaf gargaarsa fi deeggarsa kennu kan of keessatti hammatuudha.

Utubaalee badhaadhinnaa keessaa tokko sadaqaan iddoo guddaa qabata. Muslima dhiisatii nama Musliima hin taane namoota rakkataniif maallaqa kennuun (sadaqachuun) balbala soorataa (rizqii) akka banu ni amanu. Kaafironni Rabbitti waan kafaraniif aakhiratti mindaa wayitu hin argatan. Garuu Rabbiin galata namaa waan hin balleessineef addunyaa tana keessatti qabeenya isaaniif ni dabala. Namni Musliima ta’e immoo ganda lamaanittu mindaa ni argata. Niyyaa nama Musliimaa yoo tole sababa sadaqaatin qabeenyi isaa yoo dabalameef, Aakhiratti mindaa hin dhabu. Fuggisoo kanaa, mindaa kee Aakhiratti argatta jedhame addunya tana keessatti sababa sadaqaatin qabeenyi isaa hin hir’atu. Dhugaa kanniini dhugoomsuf hadiisota armaan gadii lamaan ragaa godhachuu dandeenya:Anas ibn Maalik akka gabaasetti Ergamaan Rabbii akkana jedhan:
Kaafirri yommuu hojii gaarii hojjatu, addunyaa tana irraa sababa hojii gaarii saniin soorata akka argatu taasifama. Mu’iminaaf (nama dhugaan amaneef) immoo Rabbiin mindaa hojii gaarii isaa Aakhiratti ni kuusaf; Rabbiif waan ajajameef Rabbiin rizqii (soorata) addunyaa keessattis ni kennaaf.” Sahiih Musliim 2808

مَا نَقَصَتْ صَدَقَةٌ مِنْ مَالٍ

Qabeenya irraa sadaqaan homaa hin hir’istuu.. Sahiih Musliim 2588

Sadaqaa kennuun qabeenya barakaa akka qabaatu fi hammaanis akka dabalu taasisa.Osoo namni tokko, “Sadaqaan akkamitti qabeenya hin hir’isne; fakkenyaf, qarshii 100 irraa qarshii 10 yoo kennite, qarshii 90 hafa. Kuni hin hir’anne ree?” jedhe. Deebiin isaa, kuni hangi isaa ni hir’ate, garuu haala biraatin ni dabala. Rabbiin balbala rizqii (soorata) biraa banaaf. Osoo ati hin beekin qarshii kumaa gara ta’een argatta. Yookiin immoo qabeenyi kee barakaa akka qabaatu taasifama. Wantuma xiqqoo qabdutu siif barakata. Mee nama mindaa 10,000 argatee garuu sadaqaa hin kenninee fi nama mindaa 3000 argate sadaqaa kennu wal bira qabi. Namni jalqaba maallaqa wanta hin taane irratti balleessun barakaa keessaa haaqa. Namni lammataa immoo haa xiqqaattulle yoo sadaqaa irraa kenne takkaa mindaan isaa baasii mana isa geetti takkaa immoo mindaan isaa ni dabalamaaf.

Qur’aana keessatti warroonni sadaqaa kennan fakkeenya ajaa’ibaa qabu.
Fakkiinyi warra qabeenya isaanii karaa Rabbii keessatti arjoomanii, akka fakkeenya firii [boqqolloo] mataa torba baaseti; mataa hunda keessa firii dhibbatu jira. Rabbiin nama fedheef dachaa taasisa. Rabbiin [kenni isaa] bal’aa, Beekaadha.” Suuratu Al-Baqarah 2:261

وَمَآ أَنفَقْتُم مِّن شَىْءٍۢ فَهُوَ يُخْلِفُهُۥ ۖ وَهُوَ خَيْرُ ٱلرَّٰزِقِينَ

Wanta kam irraayyu waan isin kennattan Inni (Rabbiin) bakka ni buusa. Innis irra caalaa warra soorata kennaniiti.” Suuratu saba 34:39

Yommuu nuti waa kennuun Rabbiin karaa adda addaatin bakka nuuf buusa. Kanaafu, aayan tuni sadaqaan utubaa badhaadhinnaa fi misoomaa akka taate ni agarsiisti. Namni sadaqaa kennu qabeenyi isaa ni bal’ata, diinagdeen isaa ni dabala. Namni dony’i immoo ofii fi namoota biros ni rakkisa.
Wanta kana caalun isin gammachiisu sila? Eeti yoo jettan, sadaqaan kennattan qabeenya yeroo hundaa turuudha. Akkamitti?

قَالَ النَّبِيُّ صلى الله عليه وسلم ‏”‏ أَيُّكُمْ مَالُ وَارِثِهِ أَحَبُّ إِلَيْهِ مِنْ مَالِهِ ‏”‏‏.‏ قَالُوا يَا رَسُولَ اللَّهِ مَا مِنَّا أَحَدٌ إِلاَّ مَالُهُ أَحَبُّ إِلَيْهِ‏.‏ قَالَ ‏”‏ فَإِنَّ مَالَهُ مَا قَدَّمَ، وَمَالُ وَارِثِهِ مَا أَخَّرَ ‏

Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: Isin keessaa qabeenya isaa caalaa qabeenyi warroota isa dhaalanii isa biratti jaallatamaa kan ta’e eenyu? (Jecha biraatin, eenyutu qabeenya ofii caalaa qabeenya warra isa dhaalanii jaallataa?) Sahaabonnis ni jedhan, “Yaa Ergamaa Rabbii nu keessaa nama qabeenyi isaa isa biratti jaallatamaa ta’e malee hin jiru.” Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhan, “Dhugumatti qabeenyi isaa wanta duraan kennate dabarseedha. Qabeenyi warroota isa dhaalanii immoo wanta inni tursiisedha.” Sahiih Al-Bukhaari 6442

Kana jechuun wanti namtichi Rabbiif jedhe sadaqaa kennate, Guyyaa Qiyaamaa fuundura isaatti ni arga. Wanti inni tursiise immoo erga inni du’ee qabeenya warra isa dhaalaniti. Kanaafu, wanta Rabbiin jaallatu irratti baasi, qabeenyi turaan kee sanii.
Ammalle inuma jireenya keessatti wanta qabeenya caalaa barbaaddun si gammachiisu? Maal ta’inna laataa?

ٱلَّذِينَ يُنفِقُونَ أَمْوَٰلَهُم بِٱلَّيْلِ وَٱلنَّهَارِ سِرًّۭا وَعَلَانِيَةًۭ فَلَهُمْ أَجْرُهُمْ عِندَ رَبِّهِمْ وَلَا خَوْفٌ عَلَيْهِمْ وَلَا هُمْ يَحْزَنُونَ

“Warroonni qabeenya isaanii halkanii fi guyyaa, dhoksaa fi ifatti mul’isanii arjooman mindaan isaanii Gooftaa isaanii bira isaaniif jira. Sodaan isaan irra hin jiru; isaan hin gaddanis.” Suuratu al-Baqarah 2:274
Addunyaa fi aakhiratti sodaa fi gaddi sirraa yoo deeme, maaltu si dhiphisaa? Dabalataanis mindaan kee Jannata yoo ta’ee kana caalaa maal barbaaddaa?

Wanti dagatamuu hin qabne yeroo sadaqaa kennuun madallamaa ta’uu qabna. Dony’as ta’uu hin qabnu, akka jiruun wanta qabnuus kennu hin qabnu. Jiddu lamaani hordofuu qabna.

Sadaqaa eenyu fa’aaf kennu qabnaa? Qur’aanni haala kanaan ibsa:

يَسْـَٔلُونَكَ مَاذَا يُنفِقُونَ ۖ قُلْ مَآ أَنفَقْتُم مِّنْ خَيْرٍۢ فَلِلْوَٰلِدَيْنِ وَٱلْأَقْرَبِينَ وَٱلْيَتَٰمَىٰ وَٱلْمَسَٰكِينِ وَٱبْنِ ٱلسَّبِيلِ ۗ وَمَا تَفْعَلُوا۟ مِنْ خَيْرٍۢ فَإِنَّ ٱللَّهَ بِهِۦ عَلِيمٌۭ

“[Yaa Muhammad] maal akka sadaqachuu qaban si gaafatu. Jedhi ‘Qabeenya irraa wanti gaariin kennattan haadha abbaa, firoota, yaatimota, hiyeeyyi fi kara-deemaaf ta’uu qaba. Toltuu irraa waan isin hojjattan Rabbiin akkaan beekaadha.’” Suuratu al-Baqarah 2:215

Mee ilaali tartiiba armaan olii. Haadha abbaa irraa ka’uun hanga kara-deemaa gaha. Nuti yeroo baay’ee haadha abbaaf ykn firootaf qabeenya kennuun akka sadaqaatti nutti hin dhagahamu. Kuni yaada dogongoraa sirreessu qabnuudha. Haadha abbaa fi firootaa fuula Rabbii barbaadun, qabeenya kee yoo kenniteef waa lama argatta. 1. Mindaa sadaqaa, 2. Hariiroo firummaa sufta (eegda). Inuma faaydan sadaffaan kadhaa irraa isaan baraarun kabaja keeti fi kan isaanii tiiksita.

Wantoota Sadaqaa Balleessan
Bu’aa armaan olii fi kan biroo lakkawamee hin dhumne sadaqaa irraa argachuuf, wanta sadaqaa keenya nu jalaa balleessan irraa fagaachu qabna. Isaaniis:
1.Ar-Riyaa– na argaaf ykn na dhagayaaf qabeenya kennuun, sadaqaan Rabbiin biratti fudhatama akka hin arganne taasisa.

4:38
“Isaannan qabeenya isaanii akka namoonni isaaniif arganiif arjooman, kan Rabbii fi Guyyaa Aakhiratti hin amanne, [isaan hiriyyoota sheyxaanati]. Namni sheyxaanni hiriyyaa isaaf ta’e, hiriyyummaan isaa waa fokkate!” Suuratu An-Nisaa 4:38

2.Ittiin of dhaadachuu fi namoota sadaqa fudhatan rakkisuu. Rabbiin akkana jedha:

 يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا لَا تُبْطِلُوا صَدَقَاتِكُم بِالْمَنِّ وَالْأَذَىٰ كَالَّذِي يُنفِقُ مَالَهُ رِئَاءَ النَّاسِ وَلَا يُؤْمِنُ بِاللَّهِ وَالْيَوْمِ الْآخِرِ ۖ

“Yaa warra amantan! Sadaqaa keessan dhaadannaa fi nama rakkisuudhaan hin balleessinaa akka nama qabeenya isaa namoonni isaaf haa arganiif arjoomufi Rabbii fi Guyyaa Aakhiraatti hin amannetti.” Suuratu al-Baqarah 2:264
Nama saniif akkana godhe, hawaasa saniif akkana hojjadhe jedhani of dhaadachuun sadaqaa nama jalaa balleessa. Akkasumas, nama kennaniif sanii dubbinis ta’ii wanta biraan rakkisuun sadaqa balleessa. Fakkeenyaf, “Waan gaafa kaan siif kenne maal ittiin goote? Kuni hiyyeessa waa hin qabne ture anatu nama isa godhe fi kkf” jechuun sadaqaa balleessa.
3.Jaallatanii osoo hin ta’in jibbaa sadaqaa kennu-Rabbiin (Olta’e) akkana jedha

وَمَا مَنَعَهُمْ أَن تُقْبَلَ مِنْهُمْ نَفَقَاتُهُمْ إِلَّا أَنَّهُمْ كَفَرُوا بِاللَّهِ وَبِرَسُولِهِ وَلَا يَأْتُونَ الصَّلَاةَ إِلَّا وَهُمْ كُسَالَىٰ وَلَا يُنفِقُونَ إِلَّا وَهُمْ كَارِهُونَ

Rabbii fi Ergamaa Isaatti kafaruu, gara salaatas hifatoo ta’anii malee kan hin dhufnee ta’uu fi kan jibban ta’anii malee kan hin arjoomnee ta’uu malee wanti sadaqaa isaanii isaan irraa qeebalamuu dhorge hin jiru.” Suuratu At-Tawbaa  9:54
Ifa akka ta’uuf amaloota munaafiqoota sadaqaan ykn hojiin gaariin isaanii akka hin qabalamne taasisan keessaa: 1.Rabbii fi Ergamaa Isaatti kafaruu (itti amanuu fi itti buluu diduudha), 2.gara salaata hifannaan malee kan hin dhufne ta’uu (Gara jama’a hifannaan dhufu. Adda yoo ta’an inumaa hin salaataniyyu. Salaataf mindaa hin abdatan, salaata yoo dhiisaniis adabbii hin sodaatan. Nifaaqni ibaadaa keessatti hifannaa fi dadhabbii namatti uwwisa-Tafsiira Qurxubii-Jildii-10,fuula 239), 3.yommuu sadaqaa kennaniis jaalatanii osoo hin ta’in jibbanii kennuudha. Kanaafu, nifaaqa irraa qalbii teenya qulqulleessuf tattaafachu qabna.
4.Rabbii, Ergamaa Isaa fi Guyyaa Aakhiraa (boodaatti) kafaruu– Aayatoota armaan olii irraa hubachuun ni danda’ama.

Guduunfaa
•Sadaqaa kennuun qabeenya dabaluu fi barakaa itti naquu qofaa mitii sodaa fi gaddi akka namarraa deemu sababa ta’a.
•Sadaqaa yommuu kennitu Jaalala Rabbii fi mindaa Isaa argachuuf akka ta’e sammuu keessatti galfadhu.
•Harka kee saantima kudhan irraa kaasi sadaqaa kennu barsiisi.
•Yommuu sheyxaanni wanta hin taane irratti maallaqa kee akka baastu si ajaju, ati immoo nama rakkate barbaadun gara sadaqaatti jijjiri. Hanga wanta garmalee si hin barbaachisne bituun qabeenya kee qisaasessitu sadaqaa kennuun baanki aakhiratti dabarsuu dandeessa.
•Aalima tokkotu nyaanni isaaf qophaa’e. Osoo inni nyaatu heduu kadhataan balbala dhadhaye. Ergasi nyaata san fuudhe kenneef. Aalimni kuni wanta nyaatani fixan akka darbu garuu kan sadaqa kennan akka namaaf hafu sirritti hubate jira.
•Sadaqaan akka fudhatama argattuuf taqwaa qabaachun baay’ee barbaachisaadha. Wantoota sadaqaa balleessan irraa dheessun nurraa eeggama.

Daandii Milkaa'inna fi Gammachu-kutaa-19
Jireenya Du'aan Boodaa
Kana Raabsi

Leave a Reply