Daandii Milkaa’inna fi Gammachu-kutaa-19

Jireenya kee keessatti kitaabota lama dubbisuu/qo’achuu hin dagatin. Tokkoffaa Jecha Rabbii kan ta’e Qur’aana. Lammaffaan immoo yuniversii nu marsee jiruudha. Yommuu Qur’aana dubbisnu, hubannaa fi xinxalliin dubbisuu qabna. Yommuu kitaaba yuniversii jennu immoo, wantoota Rabbiin uume irratti xinxalluu fi dandeetti Rabbii hubachuudha. Guyyaa guyyaan yommuu uumama samii, dachii, biqiltootaa, bineensota fi beeladoota, gaara fi kkf irratti xinxallitu, qalbiin tee ni kakaati, dandeetti Rabbii ni hubatta. Halkan samiin urjiile fi ji’aan akkamitti akka bareechifamte mee ilaali. Ganamas, bulee qulqulluu, qaawwa wayitu tan hin qabne fi aduudhaan akkamitti akka ibsamte mee itti xinxalli. Yoo akkana goote sammuu kee iddoo sirriitti fayyadamaa jirtaa jechuudha. Imaanni kee sii dabala.

Namoonni milkaa’on warroota milkaa’innaaf humna ofii baasanii fi firii qabsoo isaanii obsaan eeganiidha. Firii hojii ofii arguuf garmalee hin jarjaran. Garam akka deemaa jiran sirritti beeku. Dheerinni imala (kaayyoo) isaanii milkaa’innatti dhiyaachu irraa duubatti isaan hin deebisu. Yeroo hundaa ni carraaqu. Hayyuu Islaama tokkotu akkana jedhe,”Osoo waggaa kuma jiraadhe, silaa Rabbiin gabbaruu gonkumaa hin dhiisu.” Warroonni milkaa’innaaf dheebotan jalqabaa fi dheerinna imala isaanii osoo hin ta’in xumura ykn gahuumsa imala isaanii ilaalu. Milkaa’inna fi gammachuun guddaan carraaqqi ykn qabsoo yeroo dheeraa booda dhufa.

Gara biraatin namoonni kufaati immoo jalqabaa fi dheerinna imala isaanii ilaalanii gara milkaa’innatti dhiyaachu irraa duubatti mucucaatu. Garmalee ulfaatadha, yeroon isaa garmalee dheeradha jechuun milkaa’innaaf carraaqu dhiisu. Yeroo baay’ee milkaa’inni carraaqqi fi gatii malee akkanumatti akka isaaniif kennamu barbaadu. Firii carraaqqi ofii arguuf garmalee jarjaru, obsa hin qaban. Kanaafu, obsaan carraaqqi kee itti fufuun firii gaarii fi milkaa’innaa eegi.

Guyyaa guyyaan injifannoon kee guddaan nafsee tee fedhii duwwaa (hawaa) irraa dhowwuu fi Rabbii ajajamuu irratti ishii gadii qabuudha. Kuni injofannoo guddaa fi isa jalqabaa yoo hin ta’in injifannoo kamtu addunya tana keessatti injifannoo guddaa fi isa jalqabaa ta’u danda’a? Injifannoon guddaan nafsee ofii irraa jalqaba.  

Yommuu cubbuu/dillii raawwattu, cubbuu ta’uun isaa sitti beeksisu dhiisu danda’a. Garuu erga raawwatteen booda bu’aan ykn miidhan cubbuun sirratti dhiisu sitti dhagahama. Fakkeenyaf, qalbiin tee nageenya fi tasgabbii dhabdi. Akkuma miidhan cubbuu sitti dhagahameen, gara tawbaa fi Rabbiin irraa araarama kadhachuutti fiigi. Tawbachuu hin tursiisin. Tawbaan yoo tursiifame, cubbuun akka gaaraa olguddachuun nama balleessa. Ilmi nama akka malaaykota cubbuu irraa qulqullu ta’ee hin uumamne. Gara cubbuu ni jallata. Garuu dafanii gara Rabbiitti deebi’u fi araarama kadhachuun furmaata hundarra caaludha.

Nama yeroo dargagummaa/shamarummaa isaa/ishii keessa qulqullummaa ofii eeguun karaa halaala qofaan walitti dhufuuf obsaaniif gammachuu fi milkiin haa ta’uuf. Dhugumatti, namoonni akkanaa mi’aa gammachuu qulqullummaa/durbummaa ofii eegu dhandhamu. Boqonnaa sammuu argatu. Kanaafu namoota akkana keessaa ta’uuf carraaqi. 

Yeroo itti milkooftu beektaa? Yeroon ati milkooftu yommuu wanta baratte hojii irra oolchitu fi wanta hin beekne beekuf ergasii hojii irra oolchuf yommuu carraaqxudha. 

“Adaba Rabbii irraa baraaramu yoo barbaadde, maanguddoon Muslimoota si biratti abbaa haa ta’an, jidduu galeessi isaanii immoo obboleessa, xiqqooleen isaanii immoo ilma haa ta’an. Abbaa kee ulfeessi, obboleessa kee kabaji, ilma keetiif immoo mararfadhu.” Muhammad ibn Ka’ab

Namni har’a kokolfaa fi gammadaa badii raawwatu boru booya fi gaddaa hadhaa badii raawwate liqimsa. Kanaafu yommuu badii fi cubbuun si gammachiisu irraa dheessi, itti hin kalaa’in. Ta’uu baannan boodarra hadhaa badaa dhandhamtaati.

Halkanii guyyaa oduu hordofuun aakhiraa (jireenya booda) hin dagatin. Dhugumatti yeroo ammaa namoonni baay’een oduu addunyaatin of dhiphisuun, aakhiraaf hojjachuu irraa daguu (gaflaa) keessa jiru. Wanta jijjiruu danda’an dhiisani wanta jijjiruu hin dandeenye waliin yeroo isaanii baay’ee gubu. Qalbii ofii qulqullessuu fi Rabbiitti dhiyaachu dhiisanii oduu faaydi takka isaani hin qabne waliin yeroo ofii gubuun qalbii ofii gogsu, Rabbiin irraa fagaatu. Eenyen addunyaan maal keessa akka jirtu beekuf odeefanno hordofuu qabna. Garuu oduu fi olola sobaa, mormii faaydi hin qabne hordofuun yeroo keenya baay’ee gubuu hin qabnu. Kana irra gorsa gorsa caalu, dawaa dawaa caalu Qur’aana osoo qo’anne jireenya keenya jijjirra, salaata sirnaan osoo salaanne milkaa’inna fi gammachu arganna. 
Nama yeroo hundaa komii dhiyeessu fi nyakkisu hin ta’in. Kana irra, nama wanta qabutti quufu fi galata Rabbii galchu ta’i. Akkuma, ati komii baay’ee dhiyeessitu fi nyakkistuun, jireenya keessaa barakaa fi boqonnaa sammuu dhabda. Fuggisoo kanaa immoo akkuma Rabbii galata galchitu fi wanta qabdutti quuftun, nama dureessaa fi gammadaa taata. Kana hin dagatin! Durummaan guddaan qabeenya baay’ee qabaachu osoo hin ta’in qalbiin namaa wanta argatetti quufu fi gammaduudha. Namni haafayu hanga fedhe qabeenya baay’ee haa kuufatu yoomillee inni hiyyummaa keessa jiraata wanta qabutti waan hin quufnef.

Wanti hundarra gaariin nama jaallatte gochuu dandeessu du’aayi isaa/ishii dhoksatti gochuudha. Keessumattu, Rabbiin irraa araarama fi imaana isaaf/ishiif kadhachuudha.

Wantoonni lama cubbuu ta’uu sitti hin beeksisan (hin mul’atan). Sammuu kee jeequ, hojii kee haaqu. Wantoonni lamaan kunniinis; na argaa (ar-riyaa) fi of dinqisifachuudha. Ar-riyaan shirkii guddatti nama geessun dhuma (khaatima) namaa fokkisuu danda’a. Of dinqisifachuun immoo of ol guddisuu fi of tuulutti nama geessa. Dhugumatti isaan kunniin akka mixii gurraatti dhokatoodha. Sababa kanaan, namoonni baay’een itti kufanii jiru. Sababa kanniin lamaanitin badiin ardii irratti akkanatti babal’ate. Tolee, mallatooleen dhukkuba qalbii kanniin ittiin beekan ni jiraa? Eenyen ni jira. Isaanis,
√Hojii tokko na argaaf yommuu hojjattu, namoota gammachisuuf garmalee itti dhiphatta, dhagaan ati hin fonqolchine hin jiru. Garuu Rabbiin gammachiisuf yoo ta’e haala salphaan hojjatta.
√Namoonni yoo jaallatu baatan garmalee aaru fi dheekkamuun hojii san dhiista. √Namoonni jaallataniis dhiisaniis keessi kee ni jeeqama.
√Namoonni yoo jaallatan oftuulun sitti dhagahamu danda’a.
√Hojii namoota biroo gadii xiqqeessuf yaalta
√Si malee namni biraa gaariin akka hin jirre sitti dhagahamuun namoota tufatta.
√Hirriba dhabuu dandeessa
√Namoonni yommuu si argan hojii baay’iste fi bareechiste hojjatta, yoo si hin argin immoo akkuma argite hojjatta yookiin hundemaa ni dhiista.
√Wanta si bira hin jirre fi hin hojjanne dubbatta fi kkf mallatoolee na argaa fi of dinqisifannaati.
Kanaafu dhukkuboonni lamaan kunniin kufaati fi khaatima badaaf akka nama geessu beekun irraa of qulqulleessuf haa tatafannu. Furmaanni isaa du’aayi gochuu. Ilkaasa Rabbiin irraa kadhachuu. Qur’aana qo’achuu fi beekumsa wal qabatoo barbaadu. Sheyxaana Rabbitti mangafachu. Hojii gaggaarii dhoksuuf yaalu, nafseetti qabsaayu fi kkf hojjachudha. 

Hiika Faatiha Beekuf-kutaa 1
Sadaqaa- Bantu Hulaa Rizqii

Leave a Reply