Hiika Faatiha Beekuf-kutaa 1

Suuratu Al-Faatihan “Faatiha” jedhamte tan moggaafamteef Qur’aanni waan ittiin banamuufi. Suuraa tana ilaalchisee Aalimman akki jedhan “Hiika Qur’aanaa tawhiida, Ahkaama (murtiwwaan), mindaa, daandii ilmaan Aadam fi kan biroo ilaalchise tan of keessatti cuunfite qabatteedha. Kanaafi, Ummul Qur’aan (Haadho Qur’aana)” jedhamte tan moggaafamteef.”[1] 

1:1

Bismi-llahi-rrahmaani-rrahiim
Maqaa Rabbii Rahmaan, Rahiim ta’eetin [jalqaba]

1:2

Alhamdu lillahi Rabbil aalamiin
Faaruun hundi kan Rabbii Gooftaa Aalamaati.
1:3
Arrahmaani-rrahiim
Ar-Rahmaan, Ar-Rahiim
1:4
Maaliki yawmi-ddiin
Abbaa (Mootii) Guyyaa Murtii

Suuratu Al-Faatiha 1-4

Hiika Jechootaa

Bismikuni jecha fi maxxantu irraa ijaarrame. Maxxantuun “bi”dha jechi immoo “ism”-hiikni isaa “maqaa” jechuudha. Maxxantuun bi gara Afaan Oromootti hiikni dhiyoon maxxantuu “-tin”jettuudha.

Allahmaqaa Rabbiti. Rabbiin ala namni ykn wanti biraa maqaa kanaan waamamu hin danda’u.

Kanaafu, bismillah yommuu jennu maqaa Rabbitin hojii gaarii kana jalqaba jechuu keenya.

Ar-RahmaanAbbaa rahmata bal’aa fi guutuu jechuudha. Rabbiin abbaa Rahmata bal’aati. Rahmanni Isaa wanta hundaa kan haguugedha. Rabbiin mu’iminaafis kaafiraafis rahmata ni godha. Osoo Rahmanni Isaa jiraachu baate silaa kaafirri qananii Rabbii itti fayyadamaa Isatti kafaree osoo jiruu? Kanaafu, rahmanni Rabbii wanta hundaa kan haguugedha.

Ar-Rahiim– Aalimman akki jedhan “ar-rahmaan fi ar-rahiim hiika wal fakkaata qabu garuu ar-rahmaan rahmata uumamtoota hundaa kan of keessatti qabate yommuu ta’u ar-rahiim immoo rahmata Aakhiratti mu’imintootaf qofa ta’uudha. Rabbiin akkana jedhe waan jiruuf:

وَكَانَ بِٱلۡمُؤۡمِنِينَ رَحِيمٗا﴿

Inni mu’imintootaaf Akkaan Rahmata godhaa (Rahiim) ta’eera.” Suuratu Al-Ahzaab 33:43[2]

Warroonni Qur’aana gara Afaan Oromootti hiikan jecha Ar-Rahmaan jedhuu “Akkaan Mararfataa”, Ar-Rahiim “Akkaan Rahmata godhaa” jedhutti hiikani jiru. Kanaafu, akka sammuu keessatti qabamuuf, Bismi-llahi-rrahmaani-rrahiim yommuu jennuu “Maqaa Rabbii akkaan Mararfataa, Akkaan Rahmataa godhaa ta’eetin jalqaba” jechuun qabachuu dandeenya.

Alhamdulillah– Faaruu fi Galanni hundi kan Rabbiiti. Alhamdulillah yommuu jennu amalootaa fi maqaalee gaggaarii fi guutuu hanqinna wayitu hin qabne kan Inni ittiin of faarsen Isa faarsina.[3] Faarun kuni Jaalalaa fi Olguddisuu (Ta’aziim) waliin kan wal qabate ta’uu qaba. Kanaafu, namni tokko yommuu Rabbiin faarsu Jaalalaa fi Olguddisuu (kabajaan) Rabbiin faarsu qaba[4]. Gabaabumatti Alhamdulillah yommuu jedhu Rabbiin onnee irraa jaallate fi kabaje Faaruu fi Galanni kan Rabbiiti jechuu qaba.

Gara biraatin namni tokko yommuu Alhamdulillah jedhu qananii fi tola lakkoofsa hin qabne kan Rabbiin irratti oolef Isa galateefataa jiraa jechuudha. Gara Islaamatti kan nu qajeelchef galanni Isaaf haa galu; Ijaa gurra, Afaanii funyaan, sammuuf qalbii kan nuuf kenne, qananii fi tola lakkoofsa hin qabne Rabbii nurratti oolef galanni haa galu.

Rabbil aalamiin– as jecha lamatu jira. Tokko;

Rabb– Gooftaa

Jecha Rabb jedhu keessa amaloota sadiitu jira. Isaaniis, Al-Khalqu (Uumu), Al-Mulk (Mootummaa) fi Al-tadbiir (dhimmi hundaa gaggaragalchuu, sirreessu fi too’achu). Rabbiin wanta hundaa uuma, Inni Mootii wantoota hundaati; dhimma hundaa Kan sirreessu, bakka isaa maluu kan kaa’u fi too’atudha. [5]

Jechi lammataa immoo Al-Aalamiin-hikni isaa wantoonni Rabbiin ala jiran hundi Aalamiin jedhamu. Jecha biraatin, addunyaa tanaa fi Aakhiratti wantoonni Rabbiin uume hundi Aalamiin jedhamu.

Uumamtoonni hundi maaliif Aalamiin jedhamanii?
Sababni isaas, gara Khaaliqa (Uumaa) isaanii akeeku (alama). Uumamtoota hunda keessa mallattoo gara Khaaliqa agarsiisutu jira. Dandeetti Isaa, Ogummaa Isaa, Rahmata Isaa, Jabeenya Isaa, fi kanneen biroo mallattoo akeekutu jira. Mee fakkeenyaf, dachii fi samii, aduu, ji’a fi urjiwwan ilaali. Gara maalii akeeku? Uuman (Khaaliqni) jiraachu fi Dandeetti Isaa agarsiisu. Roobaa ilaali. Gara rahmata Isaa akeeka.

Yommuu salaata keessa dhaabbattu, qananii Rabbii yaadachuun “Alhamdu lillahi Rabbil aalamiin” jedhi mee maaltu sitti dhagahamaa?

Maaliki yawmi-ddiin-Abbaa (Mootii) Guyyaa Murtii
Maalik- Mootii 
Yawm-Guyyaa

Asitti ad-diin jechuun herreegu, mindeessu ykn adabuudha. Kana jechuun, Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) mootii guyyaa kanaati; uumamtoota kan itti herreegu, mindeessu fi adabuudha. Guyyaa kana Rabbiin ala eenyullee mootii ta’uu hin danda’u, namni guyyaa kana aangoos ta’i qabeenyas hin qabu. Ad-diin hiika lama qaba. tokko akkuma aaya tana keessatti ka’e hiika herreegu, mindeessu fi adabuu fudhata. Yeroo biraa immoo hiika hojii ykn amantii fudhata. Akkuma aaya tana keessatti “Isinifis amanti keessantu jira, Anaafis amanti kiyya jira.” Suuratu al-kaafiruun 109:6
Namni amanti tokko yoo hordofe hojii hojjachuu qabaa miti ree?

Gaafii: Osoo gaafataan akkana jedhe, “Rabbiin Mootii Guyyaa Qiyaamaa fi kan addunyaati mitii?”
Eetii! Rabbiin Mootii Guyyaa Qiyaamati fi kan addunyaati. Garuu motummaan, aangoo fi Taaytan Rabbii ifa kan bahu Guyyaa Qiyaamati. Dabalataanis, Guyyaa kana Rabbiin ala wanti ykn namni mootummaa ykn aangoo wayitu qabu hin jiru. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala Guyyaa Kana akkana jedha, “Har’a mootummaan kan eenyuti?” (Ghaafir 40:16). Eenyullee deebii kan deebisu hin jiru. Ergasi Rabbiin ni jedha, “Kan Rabbii Tokkicha [waa] hunda Injifataa ta’eeti.” (Ghaafir 40:16).

Addunyaa tana keessatti mootonni garagaraa ni mul’atu. Inuma isaan malee mootiin akka hin jirre godhanii yaadu.[6] Garuu guyyaa Qiyaamaa kijibni isaanii kuni ifa baha. Mootummoonni duniya mootummaan isaanii ni cita. Guyyaa kana mootiinis, gabris fi namni kamiyyuu Mootii Haqaa kan ta’ee Rabbiin fuundurratti mataa gonbise dhaabbata.

20:108

Guyyaa san waamaa (lallabaa) hordofuu. Asii fi achi irraa dabuun isaaniif hin jiru. Sagaleen hunduu Rahmaaniif gadi jetti. Shokoksaa malee homaa hin dhageessu.” Suuratu Xaahaa 20:108

20:111

“[Guyyaa san] fuulli [hundi]Rabbii Al-Hayyul Qayyuum ta’eef gadi jetti. Dhugumatti namni zulmii (miidhaa, cunqursaa, shirkii) baadhate hoonga’e.” Suuraatu Xaahaa 20:111

Kanaafu Guyyaan Qiyaamaa Guyyaa salphaa fi laafaa miti. Guyyaa ilmaan namaa sodaa fi naasun itti guuttamaniidha. Guyyaa onneen sodaa irraa kan ka’e kokkee geessudha. Guyyaa samiin itti dhodhootu fi urjiwwan itti harca’aniidha. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) ni jedha:

يَسۡ‍َٔلُونَكَ عَنِ ٱلسَّاعَةِ أَيَّانَ مُرۡسَىٰهَاۖ قُلۡ إِنَّمَا عِلۡمُهَا عِندَ رَبِّيۖ لَا يُجَلِّيهَا لِوَقۡتِهَآ إِلَّا هُوَۚ ثَقُلَتۡ فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِۚ لَا تَأۡتِيكُمۡ إِلَّا بَغۡتَةٗۗ يَسۡ‍َٔلُونَكَ كَأَنَّكَ حَفِيٌّ عَنۡهَاۖ قُلۡ إِنَّمَا عِلۡمُهَا عِندَ ٱللَّهِ وَلَٰكِنَّ أَكۡثَرَ ٱلنَّاسِ لَا يَعۡلَمُونَ

Waa’ee Guyyaa Qiyaamaa ilaalchise yoom akka dhaabbattu (dhuftu) si gaafatu. Jedhi, “Beekumsi ishii Gooftaa kiyya bira qofa. Yeroo ishii ifa kan baasu Isa malee hin jiru. [Guyyaan Qiyaamaa] samii fi dachii keessatti ulfaatte. Ishiin (Guyyaan Qiyaama) tasa malee isinitti hin dhuftu.” Akka waan ati ishii sirritti beektu si gaafatu. “Beekumsi ishii Rabbiin bira qofa jira. Garuu irra hedduun namoota hin beekan.” Jedhi.” (Suuratu Al-A’araaf 7:187)

Cuunfaa
•Suuraa Faatiha xinxallii fi hubannaan dubbisuun salaata irraa mi’aa fi gammachuu akka argatan nama taasisa.
•Alhamdulillah Rabbil aalamiin yommuu jettu “yaa Rabbii wanti ani qabu hundii qananii Ati narratti oolte; ani miskiina homaa hin qabne; qananii fi tola lakkoofsa hin qabneef galanni siif haa galu” miira jedhu of keessatti fidi.
•Mee hubadhu yommuu Rabbil aalamiin jettu! Kan si uume, dhimma kee kan too’atu, mootiin kee Rabbiin akka ta’e ni hubatta. Rabbiin dhiiste gara eenyu dheessita ree?
•Ar-Rahmaani-rahiim yommuu jettu mee xinxalli! Rahmanni Rabbii bal’aa wantoota hundaa haguuge fi namni abdii irraa kutachuu kan hin qabneedha.
•Ilmaan namaa hundi haqaa fi mindaa guutu kan argatan Guyyaa Murtiiti (Qiyaamati). Guyyaa kana ilma namaa jiddutti kan murteessu, kan badhaasu, kan adabu ilma namaa osoo hin ta’in Rabbii isaan uumedha.
•Guyyaan Qiyaamaa Guyyaa cimaa fi ulfaataa waan ta’eef namni hojii gaarii hojjachuu fi hojii badaa irraa of qusachuun of qopheessu qaba.

 Kitaabban wabii: 
[1] Tafsiira Suuratu Al-Faatih-Al-Baqarah- fuula 3 ibn Useymiin
[2] Tafsiir ibn Kasiir-jildi-1-fuula 66-67 ibn Kasiir English Translation
[3] Tafsiir ibn Kasiir-jildi-1-fuula 70
[4] Tafsiira Suuratu Al-Faatih-Al-Baqarah- fuula 9
[5] Tafsiira Suuratu Al-Faatih-Al-Baqarah- fuula 10
[6] Tafsiira Suuratu Al-Faatih-Al-Baqarah- fuula 12

Hiika Faatiha Beekuf-kutaa 2ffaa
Daandii Milkaa'inna fi Gammachu-kutaa-19
Kana Raabsi

One comment

Leave a Reply