Hiika Faatiha Beekuf-kutaa 2ffaa

Hiika suuraa Faatiha sirnaan beeku fi irratti xinxalluun, milkaa’innaa fi gammachuu addunyaa fi Aakhiraa akka goonfatan nama taasisa. Mee sirritti dubbisi, itti xinxalli iccitii ajaa’iba argita. Milkaa’inni fi gammachuun kee faatiha keessatti guduunfame siif jira.

1:5

Iyyaaka na’abudu wa-iyyaaka nasta’iin
Si qofa gabbarra; Si qofa irraa gargaarsa barbaanna. (Al-Faatiha 1:5)

Hiika jechootaa:
Iyyaaka- Si qofa, Na’abudu- gabbarra, Wa- fi, Iyyaaka- Si qofa, Nasta’iin- gargaarsa barbaanna

Tafsiira
Alimman akki jedhan, Faatihan haadho Qur’aanati, aayan (keeyyanni) tuni immoo haadho faatihaati. Maaliif? Sababni isaas, kaayyoon ilma namaa as keessatti guduunfame jira. Iyyaaka na’abudu (Si qofa gabbarra) yommuu jedhu qulqullummaa hojii (iklaasa agarsiisa). Gabbarrii (ibaadah) jechuun maal jechuudhaa? Gabbarrii (ibaadah) jechuun maqaa waligalaa  dubbii irraa, hojii dhoksaa fi ifaa irraa wanta Rabbiin jaallatu fi itti gammaduudha. Karaa biraatin ibaada (Rabbiin gabbaruu) jechuun- dirqamoota Rabbiin itti nama ajaje bakkaan gahuu (hojjachuu) fi haraama (wantoota dhowwamaa) dhiisudha.[1] Ammas ibaadan (gabbarrin) jaalala, sodaa fi gadi of qabuu kan of keessaa qabuudha.[2] Kanaafu, yommuu “Si qofa gabbarra” jennu “Yaa Rabbii! jaalala kee barbaanne hojii gaggaarii hojjanna, Si sodaanne hojii badaa irraa dheessinna, Si malee eenyufillee gadi hin jennu” jechaa jirraa jechuudha. Osoo namni tokko mu’iminatti dhufe, “Naaf sujuudi, wanta addunya keessa jiru guutuu siif kennaa.” Jedheeni, ni sujuudha? Gonkumaa hin sujuuduf.

Hojii ibaada kanniin mataa keenyan hojjachuu waan hin dandeenyef, gargaarsa Rabbiin irraa barbaadu qabnaa jechuudha. Kanaafu, wa-iyyaaka nasta’iin (Si qofa irraa gargaarsa barbaanna) jenna. Gargaarsi Rabbii yoo hin jiraatin salaata irratti gadi dhaabbachuun, zakaa baasun, hajjii gochuun, namoota waan gaaritti ajajuu fi waan badaa irraa dhowwuun fi kkf gochuun hin danda’amu. Kanaafi, imam ibn Al-Qayyim, “Gammachuu fi milkaa’inni addunyaaf aakhiraa “Iyyaaka na’abudu wa-iyyaaka nasta’iin” irra naanna’a.” jedha.[3] Maaliif?

Sababni isaas, namtichi Rabbiin qofa yoo hin gabbarin kana jechuun wanta Rabbiin itti ajaje yoo hin hojjatin; wanta Rabbiin irraa dhoowwe yoo hin dhiisin, wantoota biraatif gabra ta’uun jireenya ofii balleessa. Ammas, namtichi gargaarsa Rabbiin irraa yoo hin barbaadin, wanta itti ajajame san sirnaan hin hojjatu, wanta irraa dhoowwame sanis sirnaan hin dhiisu. Kanaafi, namni yommuu Rabbiin sirnaan gabbaruu fi gargaarsa Isarraa barbaadu, fiixee milkaa’inna fi gammachuu irra ijjata.Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) ni jedha:

فَٱعۡبُدۡهُ وَتَوَكَّلۡ عَلَيۡهِۚ وَمَا رَبُّكَ بِغَٰفِلٍ عَمَّا تَعۡمَلُونَ١٢٣﴿
Isa gabbarii; Isarrattis hirkadhu. Gooftaan kee waan isin hojjattan irraa dagataa miti.” Suuratu Huud 11:123

Shekh Abdurahmaan Naasir Sa’adiyyi tafsiira isaa keessatti jecha ista’aana (gargaarsa barbaadu) jedhu haala Kanaan hiika, “Ista’aana jechuun wanta nama fayyadu argachuu fi wanta nama miidhu ofirraa deebisuuf Rabbiin irratti hirkachuudha.” [4]  Jechaa biraatin,“Wanta gaarii kana hojjachuuf yaa Rabbii na gargaari, wanta badaa na miidhu narraa deebisi.” Jechuudha.

1:6
Ihdina-ssiraaxa-lmustaqiim
Daandii sirrii nu qajeelchi (Al-Faatiha 1:6)

Hiika jechootaa
IhdinaNu qajeelchiAs-siraax- Daandii, Al-Mustaqiim- sirrii, qajeelaa, daba wayitu kan hin qabne.
Hubachiisa: (Jechoota armaan olii lamaan keessatti qubeen A jalqabaa hima keessatti cal’isaan dubbifamte ykn ni liqimfamte. Kana ibsuuf hima keessatti sarara xiqqaan bakka buusne jirra.)

Tafsiira
Aaya tana namoota baay’etti wanta gaafii ta’e tokko deebii deebisuun ifa goona. Gaafiin sunis, “Rabbiin takkaa erga mu’imintoota qajeelche maaliif salaata keessatti yeroo hundaa, “Daandii sirrii nu qajeelchi.” Akka jedhan ajaja?”
Gaafii kana deebisuuf iccitii “Ihdina (nu qajeelchi)” keessa jiru mee haa barru.
Nu qajeelchi yommuu jennu maal barbaadaa jirraa? Qajeelcha (hidaaya) mitii ree? Qajeelchi (hidaayan) bakka lamatti qoodama. Isaaniis;

  1. Hidaayatu ilm wa irshaad (Qajeelcha beekumsaa fi karaa itti agarsiisu)
  2. Hidaayatu tawfiiq wa amal (qajeelcha milkaa’innaa fi hojii)

Qajeelchi jalqabaa karaa itti agarsiisu qofa. Dhugummatti Rabbiin namoota hundaa qajeelcha gosa kanaa qajeelche jira.

90:10
“Karaa lama [gaarii fi badaa] isaaf ibsine (hadeynaahu)” Suuratu Al-Balad 90:10 Kana jechuun karaa gaarii fi badaa isaaf ibsine.

Qajeelchi lammataa immoo daandii sirriitti qajeelun milkaa’u, shari’aa hordofuu ykn hojii hojjachuutti qajeeludha. Akkuma Rabbiin jedhe

2:2
Kuni Kitaaba (Qur’aana) mamiin isa keessa hin jirreedha. Warra Rabbiin sodaataniif qajeelfama.” Suuratu Al-Baqaraah 2:2
Namoonni gariin qajeelfama lammataa kana dhabuu danda’u.[5] Namoonni gariin wanta beekan hojii irra hin oolchan. Namoonni biroo immoo beekumsa waan hin qabneef karaa irraa jallatu. Kanaafu, Daandii sirrii nu qajeelchi yommuu jennu beekumsa malee daandii sirrii irraa akka hin jallanne, ammas beekumsa qabnu bakka sirrii ta’etti akka hojii irra oolchinu nu qajeelchi jechaa jirraa jechuudha. Iccitii kana caalu ammalle isinitti himu sila? Guyyaa Qiyaama ilmaan namaa cinqii irraa kan ka’e gara deeman wallaalu. Dukkanni isaan marsa. Yeroo kanatti daandiin sirriin, ifaa, qajeelan hin barbaachisu ree? Kanaafu, guyyaan Qiyaamaa dhufuun dura gabrichi, “Daandii sirrii, ifaa, qajeelaa nu qajeelchi.” Jechaa jiraa jechuudha. Daandiin sirriin suni karaa gara jannataa nama geessudha.  Milkaa’inna addunyaa fi Aakhiraa argitee ree? Warroonni Jannata seenan akkana jedhu;

“‘Faaruun kan Rabbii gara kanaa nu qajeelcheti. Osoo Rabbiin nu qajeelchu baate silaa hin qajeellu turre. Ergamtoonni Gooftaa keenyaa dhugaadhaan dhufanii jiru.’ jedhu. ‘Jannanni tuni sababa wanta hojjataa turtaniitiif dhaalchifamtaniidha.'” jechuun [isaanitti] lallabama.” Suuratu Al-A’araaf 7:43

Shekh Abdurahman Naasir Sa’adiyyi, “Daandii sirrii nu qajeelchi” jedhu haala kanaan ibsa. “Daandii sirrii nutti agarsiisi, nu milkeessi. Daandiin sirriin kuni karaa ifaa gara Rabbii fi Jannata Isaa nama geessudha. Daandii sirrii jechuun haqa beeku fi [wanta beekan] hojii irra oolchudha. Gara daandii sirrii nu qajeelchi, daandii sirrii keessattis nu qajeelchi. Gara daandii sirrii qajeelun amanti Islaama sirritti qabachuu fi amantiwwan isaan ala jiran hunda dhiisudha. Daandii sirrii keessatti qajeelun immoo amantii keessatti bal’innaan gara beekumsaa fi hojii qajeelu hammata. (Beekumsi amanti akka namaaf dabaluu fi hojii gaggaaris baay’isanii akka hojjatan qajeelcha amanti keessatti barbaadudha.) Du’aayin tuni kadhaa wantoota baay’ee tan of keessatti hammattee fi gabrichaaf garmalee barbaachistu tan taatedha. Kanaafi, raka’a hunda keessatti du’aayi tanaan Rabbiin akka kadhatu gabricha irratti dirqama ta’e.”[6]

Gababumatti, yommuu namni gara Daandii sirrii nu qajeelchi jedhu, qajeelcha gosa lamaa kadhataa jiraa jechuudha. 1.Qajeelcha gara beekumsa, karaa itti agarsiisu fi 2.qajeelcha gara hojii fi milkaa’innaati. Namni beekumsa malee hojii tokko yoo hojjate daallin (warroota beekumsa malee jallatan) irraa ta’a. Ammas, namtichi beekumsa osoo qabu gara hojiitti yoo hin jijjiriin maghduubi aleyhim (warroota dallansuun Rabbii irratti bu’e) keessaa ta’a. Dabalataan, hookkon fedhii ofii hordofuu daandii sirrii irraa duubatti nama harkisa ykn inuma karaa irraa jallisa. Kanaafu, badii kannin hundarraa nagaha bahuuf furmaanni hundarra caalu Rabbiin sirritti qajeelcha kadhachuudha. Ifa siif ta’e?

Guduunfaa
✍Iyyaaka na’abudu (Si qofa gabbarra), wa-iyyaaka nasta’iin (si qofa irraa gargaarsa barbaanna), wiirtuu milkaa’innaa fi gammachuuti. Rabbiin qofa gabbaruun wantoota biraatif gabra akka hin taane nama baraara. namni ajaja Rabbitti buluu yoo dide fedhii fi sheyxaanaf gabra ta’a. Fakkeenyaf, zinaa yoo raawwate, salaata yoo dhiise jireenyi isaa gammachuu tan hin qabne taati.
✍Rabbiin gabbaruu jechuun wantoota Inni itti ajaje hojjachuu fi wantoota Inni irraa dhoowwe dhiisudha.
✍Daandii sirriitti qajeelun Islaamatti qajeelu, beekumsa, hojii fi milkaa’innatti qajeelu kan of keessatti hammateedha.
✍Namni har’a addunyaa keessatti daandii sirrii kan ta’e Islaamatti  qajeele, aakhirattis daandii sirrii kan ta’e karaa Jannataatti qajeela. Namni har’a jallate immoo aakhiratti Jannata irraa ni jallata.

Irra deddeebi’e gulaalu waan danda’uuf hadaraa kopi paste akka hin goone.Kana irra Share godha.

Kitaabban wabii:
[1] Al-Ubudiyyat- Ibn Taymiya, fuula 6-7
[2] Tafsiir Ibn Kasiir-jildii 1ffaa- fuula 78, English Translation
[3] Madaarija saalikin- jildii 1-fuula 92
[4] Taysiral Kariimul Rahmaani fii tafsiiri Kalaamil Mannaani- fuula 27
[5] Tafsiir suuratu Al-Faatiha- al-Baqarah- ibn Useymiin, fuula 16
[6] Taysiral Kariimul Rahmaani fii tafsiiri Kalaamil Mannaani- fuula 27

Xurree Milkaa'inna fi Gammachuu-Lakk.20
Hiika Faatiha Beekuf-kutaa 1

3 comments

Leave a Reply