Xurree Milkaa’inna fi Gammachuu-Lakk.20

Nama tokko dhugaan yoo jaallatte, isa duuba hin hamatin, bakka inni hin jirretti yommuu maqaan isaa badu ati kabaja isaa eegif. Hanqinna isaa irra darbiif. Dogongora isaa amala gaariin sirreessif. Badii irratti hin gargaarin. Kana irra toltu irratti gargaari. Fakkeenya gaarii ta’iif yookiin isa akka fakkeenya gaaritti fudhu. 

Mallatoon lamaffaan fedhii lubbuu hordofuu agarsiisan keessaa of dinqisifachuudha. Biqiltu badii baay’een of dinqisifachuu fi boonu irraa margu. Namni yommuu of dinqisifatu, oftuulun namoota biroo gadii xiqqeessa, ol’aantummaan itti dhagahama. Kuni immoo of guddisuu fi fedhii lubbuu hordofutti isa geessa. Adeemsi kuni kufritti isa geessu danda’a. Namoonni baay’een haqa irraa kan garagalaniif waan oftuulanii fi of dinqisifataniifi. Wanta hundaa waan beekan isaanitti fakkaata. Beekumsaa ifaa osoo hin qabaatin murteessuf ariifatu. Fakkeenyaf, namni tokko beekumsa ammayyaa yookiin beekumsa amantii xiqqoo argachuun yoo beekumsa saniin jijjirama wayii agarsiise, Rabbiif galata galchuu dhiise oftuulu jalqaba. Ergasii beekumsa malee fedhii lubbuu hordofuun dhimma cimaa irratti murtoo dabarsuu danda’a. Namoota isaa olii fi beektota dhageefatu hin barbaadu isaan waan tufatuuf. Gareewwanii fi hoggantoonni beekumsa malee namoota nagaha fixan haalli isaani kanuma. Yaada namaa waan hin fudhanneef namoota isaan faallessan ajjeessu fi fixuudha. Seena keessatti gareen Khaawarija fi yeroo ammaa gareen akka ISIS, Ahbaash akka fakkeenyatti eeramu danda’u. Kuni hunduu beekumsa malee fedhii lubbuu hordofuu irraa kan dhalateedha. Seena keessatti of dinqisifachuu irraa kan ka’e namoonni nabiyyummaa himatan baay’eedha. Fakkeenyaf, Museylima al-kazaab, Ghulaam Ahmad(Hindii) fi kkf
Kanaafu yommuu of dinqisifattu, fedhii lubbuu hordofuuf akka deema jirtu yaadadhu. Mallatoolen sitti dhagahaman kanniini ,”Ani beekadha, qalbiin tiyya qulqulludha, ani isa/isaan irra kan qajeele fi qulqullaa’edha, fi kkf” Ergasii namoota jibbuu fi tuffachuu eegalta. Yaada namoota fudhachuun sitti ulfaata, garuu yaada kee akka fudhatan garmalee barbaadda. Dogongora kee arguu dhiiste kan namoota waliin ko’oomta. Kanaafu, mallatoolen kunniin yommuu sitti dhagahaman, ofirraa hanbisuuf carraaqi, of gadii qabuuf tattaafadhu. Miironni of dinqisifachuu yommuu sitti dhagahamu sheyxaana Rabbitti mangafadhu. Qananii fi milkaa’inna argatteef of dinqisifachuu osoo hin ta’in Rabbii galata galchii. Namtichi yommuu of dinqisifatu fi boonu Rabbiin qananii kenneef irraa fudhata.

Firii imaana keessaa tokko yommuu namoonni dhama’anii fi sodaan hollatan, ati tasgabbii fi boqonna sammuu argatta. Imaanni nageenya siif kenna. Dhugumatti Rabbiin warroota amananii fi hojii gaggaarii hojjataniif wanta waadaa galeef ni guutaf. Addunyaa Aakhiratti isaan hin sodaatanis hin gaddaniis. Nummaan dhugaan haa amannu ergasii hojii gaggarii Inni itti nu ajaje haa hojjannu, hojii badaa irraa haa fagaannu, Insha Allah Rabbiin waadaa ni guuta. Dhugumatti imaanni qananii hundarra caalu fi garmalee qaali ta’edha. Kanaafu qananii kana badii hojjachuun hin dhabin. 

Rakkoo fi dhama’insii amma keessa jirtu fundura kee sitti hin gurraachessin. Rakkoon kuni yeroon booda deemun tolti ni dhufti. Nageenya fi tasgabbii yoo barbaadde gara Rabbii deebi’i. Rakkoon darbee gammachuu fi tolti hanga dhufanii obsi. Abdii hin kutin. 

Nama zamanaa fakkaadha jette surree ofirraa hin ciccirin, rifeensa osoo miccirtuu yeroo of jalaa hin gubin,nan bareeda jette akka dubartii faaya gurratti hin dirin,kuni gonkumaa hin bareedu ni fokkataa malee. Maanche, Arse osoo jettu jireenya hin qisaasessin. Yeroo fi jireenya keetti sirnaan fayyadamuun nama bu’aa gaarii buuse addunyaa irraa boqotu ta’i. Gammachuu fi milkaa’inni dhugaan halkanii guyyaa kubbaa miila hordofuu, faashina waliin maraatu irraa kan dhufu osoo hin ta’in, cimanii hojjachuu fi amalaa gaarii qabaachu irraa dhufa.

Guyyaan Qiyaama yoom akka dhuftu Rabbiin namoota irraa dhoksuun rahmata Isarraa ta’eedha. Osoo namoonni guyyaan Qiyaama yoom akka dhuftu beekanii silaa jireenya sirnaan gaggeessu hin danda’an, addunyaan ni jeeqamti. Sababni isaas, warrii durii Qiyaaman fagoodha jedhanii waan yaadaniif hojii Aakhiraa dagachuun addunyaa qofa jala fiigun of hoongeessu. Warroonni Qiyaamatti dhiyaatan immoo ‘Qiyaaman nurratti bu’uufi.’ jedhanii osoo sodaatanuu jireenya ofiitiif hojjachuu dhiisu.
Kanaafu xiyyeeffanoon keenya guddaan “Qiyaaman yoom akka dhaabbattu” qorachuu osoo hin ta’in, ‘Guyyaa Qiyaamatiif maal qopheessine, galaan keenya maaliidha? Ani Guyyaa cimaa saniif maal qopheefadhe?’ jenne of qorachuu qabna. Wanti ni dhufa jedhame gonkumaa hin hafu, ni dhufa. Guyyaan Qiyaamas guyyaa tasa namarratti dhufuudha. Rabbiin rahmata Isaatiin mallatoolee Guyyaa Qiyaama baay’ee agarsiise jira. Namni mallatoole kanninitti amane hojii gaarii qopheefate lubbuu ofii fayyade, namni dide irraa garagale immoo lubbuuma of miidha. Har’a diduun yommuu adabbii ibiddaa arguu amanuu fi gaabbun maal isa fayyadaa?

Yommuu milkaa’inna guddaaf dharraatu, guyyaa hundaa akka qoramtu beeki. Qormaata fi qoree jireenya keessa yoo dabarte, bakka guddaa geessa. Qormaanni bakka lamatti qoodama. Isaaniis, qormaata keessaa fi kan alaati. Qormaata kanniin yoo addaan baafte fi darbuuf carraaqxe bakka guddaatti olfuudhamta. Kanaafu obsa qabaadhu.

Qananiin galata hin qabnee namtichaaf abaarsa fi dhiphinna itti taati. Namtichi qananii Rabbiin isaa kenne hojii gaarii ittiin hojjachuu dhiise yommuu Rabbiin faallessuu fi badii hojjachuuf itti fayyadamu, dhiphinnii fi gaddi gara hundaan isa marsa. Gara inni hin beeknen Rabbiin isa qaba. Garuu osoo bakka kanaa hojii gaarii ittiin hojjachuun Rabbii ajajame sila qabeenyis isaa dabalama, boqonnaa sammuus ni argata. Kanaafu qabeenyi kiyya jechuun bakkuma argiteetti hin dhangalaasin, abaarsa fi dhiphinna sitti ta’aati. Sadaqaa kennuu fi Rabbii galata galchuun jireenya gammachuu jiraadhu. Qabeenya keetin hin boonin.Yaadadhu, Rabbii galata galchuu jechuun qananii Inni namaa kenneen hojii gaarii hojjachuu fi qananii sanitti fayyadamanii Isa faallessu dhiisudha.

Mucaa/intala akkam cawaadha yommuu jedhamtu gammachuu akkamtu sitti dhagahama! Garuu saala faallaa waliin akkuma feete osoo taatu yoo mul’atte, maqaan “Cawaa (qulqullummaa ofii tan eegdu)” sirraa ka’e maqaan salphinnaa sitti maxxanfama. Kanaafu, Nama qulqullummaa fi kabaja ofii eegu ta’i jiraadhu. Qulqullummaa kiyya dhabee jira jette kan rifattu yoo taate, gara Al-Gaffaar (Rabbii namaaf araaramu) deebi’un tawbaan of-qulqulleessi.

Karaa Qajeelaa
Hiika Faatiha Beekuf-kutaa 2ffaa

3 comments

Leave a Reply