Karaa Qajeelaa

Torbaan darbee suura Faatiha irraa waa’ee daandii sirrii ykn qajeelaa ilaaluf yaalle turre. “Daandii sirrii jechuun haqa beeku fi [wanta beekan] hojii irra oolchudha.”jenne turre. Namni hunduu ani daandii sirrii irra jira jedhe yaadu danda’a. Garuu daandii sirrii irra jiraachu isaa ragaa maalii qabaa? Namoota fakkeenya (role model) isaaf ta’an kan addunyaa fi aakhiratti milkaa’an ni qabaa? Sirritti itti xinxalli, addunya qofa hin jenne, aakhirattis kan milkaa’an ni qabaa? Tarii addunyatti milkaa’anii aakhiratti kasaaru danda’u. Kanaafu, warroota addunyatti milkaa’ani aakhiratti kasaaran hordofuun bu’aa maalii qabaa? Keeyyanni Faatiha ishiin dhumaa jireenya keessatti eenyun akka fakkeenyatti (role model) fudhachu akka qabnu fi eenyun akka fakkeenyatti fudhachuu akka hin qabne nutti akeekti. Haa jalqabnuu…

1:7

Siraaxa-llaziina an’amta aleyhim ghayri-lmaghduubi aleyhim wala-ddaalliin

Karaa warra isaan irratti tola ooltee; kan isaan irratti dallansuun hin buufaminii fi hin jallatinii [nu qajeelchi].” Al-Faatiha 1:7
Hiika Jechoota
Siraax- karaa, daandii, Allaziina- warra, An’amta- tola oolte, Aleyhim-isaan irratti, Ghayr- miti, hin, Al-maghduubi- warroota dallansuun Rabbii irratti bu’e, Wa- fi, Laa- hin, ad-Daalliin- warroota jallatan, karaa sirrii irraa goran, badan 

Tafsiira
“Karaa warra isaan irratti tola oolte” nu qajeelchi- kuni karaa ykn daandii irra deeman murteessa.[1] Warroonni Rabbiin tola irratti oole eenyu fa’aa? Isaan sun suuratu An-Nisaa 4:69 keessatti maqaan isaanii kan dhahameedha.

وَمَن يُطِعِ ٱللَّهَ وَٱلرَّسُولَ فَأُوْلَٰٓئِكَ مَعَ ٱلَّذِينَ أَنۡعَمَ ٱللَّهُ عَلَيۡهِم مِّنَ ٱلنَّبِيِّ‍ۧنَ وَٱلصِّدِّيقِينَ وَٱلشُّهَدَآءِ وَٱلصَّٰلِحِينَۚ وَحَسُنَ أُوْلَٰٓئِكَ رَفِيقٗا [النساء: 69﴿

Namni Rabbii fi Ergamaadhaaf ajajame isaan suni nabiyyoota, dhugoomsitoota, shahiidota fi warreen gaggaarii irraa warra Rabbiin qananiise waliin ta’u. Warra kanaan hiriyoomun waa tole!” suuratu An-Nisaa 4:69

Tolli Rabbiin isaan irratti oole maaliidhaa? Tolli Rabbii imaana, beekumsa, qajeelcha, karaa Isaati fi Ergamtoota hordofuu, wanta Inni dhoowwe dhiisu,iklaasa qabaachu, addunyaa irratti jireenya tasgabbii fi gammachu jiraachu fi dhumarratti immoo Jannataan milkaa’udha. Eenyutu karaa kana hordofuu didaa ree? 

Kanaafu, karaan qajeelan Rabbitti nama geessu karaa Nabiyyoonni, sidiquun (dhugoomsitoonni), shahiidonni (karaa Rabbii irratti warroota wareegamanii) fi saalihonni (warroonni gaggaarii) irra deemaniidha. Karaan isaanii garagara jechu osoo hin ta’in karaan isaanii tokkicha qajeeladha. Dhugumatti, Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) ni jedha:

وَأَنَّ هَٰذَا صِرَٰطِي مُسۡتَقِيمٗا فَٱتَّبِعُوهُۖ وَلَا تَتَّبِعُواْ ٱلسُّبُلَ فَتَفَرَّقَ بِكُمۡ عَن سَبِيلِهِۦۚ ذَٰلِكُمۡ وَصَّىٰكُم بِهِۦ لَعَلَّكُمۡ تَتَّقُونَ [الأنعام: 153﴿
Dhugumatti kuni karaa Kiyya isa qajeela ta’eedha, isa hordofaa. Karaa Rabbii irraa isin baasanii karaalee [biroo] hin hordofinaa. Inni(Rabbiin) kana akka muttaqoota (warra Rabbi sodaatan) taataniif isiiniif dhaama.” Suuraa Al-An’aam 6:153

Karaan qajeelan tokkichi gara Rabbii nama geessu fi Jannata nama seensisu Islaamaa jechuudha. Ragaan kee maali jettanii hin gaafattanii? , Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) ni jedha:
وَمَن يَبۡتَغِ غَيۡرَ ٱلۡإِسۡلَٰمِ دِينٗا فَلَن يُقۡبَلَ مِنۡهُ وَهُوَ فِي ٱلۡأٓخِرَةِ مِنَ ٱلۡخَٰسِرِينَ [آل عمران: 85﴿
Namni Islaaman alatti amantii biraa barbaade,isarraa hin qeebalamu (hin fudhatamu). Aakhirattis inni warroota hoonga’an irraa ta’a.” Suurati Ali-Imraan 3:85

ghayri-lmaghduubi Aleyhim wala-ddaalliin– kan isaan irratti dallansuun hin buufaminii fi hin jallatinii [nu qajeelchi]
al-maghduubi aleyhim– warroota dallansuun Rabbii irratti bu’eedha. Isaaniis yaahudota fi nama haqa beeke hojii irra hin oolchinedha. Yaahudonni haqa osoo beekanu fedhii ofii hordofuun daandii sirrii irraa waan jallataniif dallansuun Rabbii isaan irratti bu’e.

Ad-daalliin immoo warroota beekumsa malee jallataniidha. Isaanis kiristaanota fi namoota beekumsa sirrii malee Rabbiin gabbaraniidha.

Warroonni lamaan kunniin ulaagaalee hojiiwwan gaggaariin Rabbiin biratti fudhatama itti argattu dhaban. Isaaniis, niyyaan Rabbiif qulqulluu ta’uu (iklaasa) fi Ergamaa Rabbii (SAW) beekumsaan hordofuudha.  Yahuudonni haqa osoo beekanu fudhachuu didanii irraa garagalan, niyyaani isaanii kan badeedha. Kiristaanonni beekumsa madda sirrii irraa waan hin barbaannef daandii sirrii irraa jallatan. Fedhii warroota  durii ykn qeysootaa ofillee jallisanii namoota biroo jallisan hordofuun daandii sirrii irraa goran.

Jedhii: Yaa warra kitaabaa! Amantii keessan keessatti dhugaan ala [waan biraatti amanuun] daangaa hin darbinaa. Fedhii ummata duraan jallatanii darbanii, namoota heddus jallisanii fi karaa qajeelaa irraa jallatanii hin hordofinaa.” Al-Qur’aan, Suura Al-Maa’ida:77

Yaa Kiristaanota amanti keessatti daangaa darbuun ‘Iyyasuus Gooftadha’ jechuun karaa qajeelaa irraa hin jallatinaa. Iyyasuus Gooftaa osoo hin ta’in Ergamaa Rabbiiti. Kitaabni isin amma harkaa qabdan warroota durii ykn qeysotan miccirame jira ykn barrazame jira. Kanaafu, Gooftaan keessanii fi keenya “fedhii warroota durii hordofuun daandii sirrii irraa hin jallatinaa” isiniin jechaa jira.

Dhugumatti karaan warroonni Rabbiin tola irratti oole hordofan karaa qajeelaa nageenyaa fi milkaa’innatti nama geessudha. Karaan warroota dallansuun Rabbii irratti bu’ee fi jallatanii immoo karaa badii fi kufaatitti nama geessudha. Ragaan isaa; Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) ni jedha;

كُلُواْ مِن طَيِّبَٰتِ مَا رَزَقۡنَٰكُمۡ وَلَا تَطۡغَوۡاْ فِيهِ فَيَحِلَّ عَلَيۡكُمۡ غَضَبِيۖ وَمَن يَحۡلِلۡ عَلَيۡهِ غَضَبِي فَقَدۡ هَوَىٰ﴿

Wantoota gaggaarii Nuti isiniif kennine irraa nyaadhaa. Isa keessattis daangaa hin darbinaa [yookiin namoota biroo hin cunqursinaa]; [yoo daangaa dabartan] dallansuu Kiyyatu isinitti bu’aa. Namni dallansuun Kiyya isa irratti bu’e dhugumatti bade (kufe).”

“Hundee sharrii hundaa Muslimootatti seene namni itti xinxalle, faanaa garee lamaan kanniini hordofuu irraa kan dhufe ta’uu ni arga. Isaan hordofuu fi akkeessu irraa kan ka’e ummanni Musliimaa zull (salphinnaan) adabaman. Salphinni kuni isaanirraa hin ka’u hanga isaan gara Kitaaba Gooftaa isaanii fi Sunnaah Ergamaa Isaa (SAW) deebi’anitti malee. Sababa Qur’aanni fi Sunnaan garee lamaan kanniin hordofuu fi isaaniif gadi jechuu irraa garmalee akeekachiseef.”[2]

Sharrii gareen lamaan kunniin babal’isan mee ilaali! Sharrii kanniin osoo argitu karaa qajeelaa dhiiste isaan ni hordoftaa ree? Kunoo salaata sirnaan salaatun karaa isaanii akka hin hordofne si taasisa, du’aayi armaan olitiin Rabbiin waan kadhattuuf. Osoo faatihaa qaraatu iskartii yahuudan dubartiif oomishtu ni uffattaa? “Daandii sirrii warroonni Ati tola irratti oolte hordofan nu qajeelchi” osoo jettu karaan yahuudonni fi naasaran hordofan milkaa’innatti nama geessa jette ni yaaddaa?
Gabaabumatti namoonni bakka saditti qoodamu. Isaanis:

  1. Warroota Rabbiin isaan irratti tola oole- isaanis, nabiyyoota, dhugoomsitota, shahiidota fi warroota gaggaaridha.
  2. Warroota dallansuun Rabbii irratti bu’e- isaaniis yaahudota fi fakkaattota isaanii
  3. Ad-Daalliin (warroota jallatan)- Kiristaanota fi fakkaattota isaanii

Sababni karaa qajeelaa fi sirrii irraa nama baasu takkaa wallaalummaadha takkaa immoo boonu fi diddaadha. [3]

Cuunfaa
• Daandiin sirrii daandii nabiyyoonni, haqa dhugoomsitonni, shahiidonni fi warroonni gaggaarii irra deemaniidha.
• Daandii sirrii kana irra deemu fi warroota armaan olii akka (role model) fakkeenyatti fudhachuun dhugumatti milkaa’innaa fi gammachutti nama geessa. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) ni jedha:

أُولَٰئِكَ الَّذِينَ هَدَى اللَّهُ ۖ فَبِهُدَاهُمُ اقْتَدِهْ

Isaan warra Rabbiin qajeelchedha. Kanaafu, qajeelfama isaanii hordofi.” Suuratu Al-An’aam 6:90
Sababni isaas, warroonni armaan olii daandii kanarra deemun milkaa’ani jiru. Namni osoo hin jallatin daandii qajeelaa kanarra deeme ni milkaa’a jechuudha.
• Daandii warroota dallansuun Rabbii irratti bu’ee fi beekumsa malee badan hordofuun adabbii fi kufaatitti nama geessa.
• Daandii sirrii irra deemu fi daandii jallataa irraa goruuf furmaanni hunda caaluu,

“Ihdina-ssiraaxa-lmustaqiim
Daandii sirrii nu qajeelchi.
Siraaxa-llaziina an’amta aleyhim ghayri-lmaghduubi aleyhim wala-ddaalliin
Karaa warra isaan irratti tola ooltee; kan isaan irratti dallansuun hin buufaminii fi hin jallatinii [nu qajeelchi].” jedhanii Rabbiin hidda onnee jalaa kadhachuudha.

•Beekumsa madda sirrii irraa barbaadu fi wanta beekan hojii irra oolchun daandii sirriitti akka qajeelan nama taasisa.
• Salaata keessatti yeroo faatiha dubbistu mee sirritti itti xinxalli dubbisi. Hiikni armaan oli gahaa ta’uu yoo baate Tafsiira Ingiliffaa fi Arabiffaan dubbisi. Barreefamota armaan oliis irra deddeebi’i dubbisuuf yaali. Dhugumatti jijjirama guddaa argita.

Kitaabban wabii:
[1] Tafsiir ibn kasiir- jildii 1 fuula 87
[2] Fatih al-Azizil Wahhaabi bi tafsiiri wa masaa’il faatihal kitaabi- abu Ibraahim Khalil bin Hazaa’i fuula 47
[3] Tafsiira suuratu Al-Faatiha- baqaraa- Ibn Useymiin fuula 19-20

Guddinna Ijoollee- Kutaa 1
Xurree Milkaa'inna fi Gammachuu-Lakk.20

2 comments

Leave a Reply