Guddinna Ijoollee- Kutaa 1

Dhiira fi dubartiin wal-jaallatan erga walitti dhufanii hawwiin isaanii guddaan ilmaan gaarii horuudha. Jalqaba irratti walitti dhufuuf dheebochaa turan. Amma immoo ilma gaarii argachuudha. Garuu sababa adda addaa irraa kan ka’ee wanti isaan yaadan galma osoo hin gahin abdiin isaanii jalaa dukkanaa’a. Tarii sababni kanaa guddaan akkaataa maatii gaarii itti ijaaran wallaalu irraa kan burqe ta’uu danda’a. Beekumsi ibsaa dukkanaa waan ta’eef, beekumsaan yoo hin tarkaanfatin jireenyi ni dukkanoofti. In sha Allah barruu tana keessatti xiqqaatus guddatus haala ijoolle itti guddisan gabaabbinnaan ilaalla. Wantoonni asitti barraa’an haala maatii itti ijaaran odeefanno guutu kan qabate osoo hin ta’in qabxiilee ijoo ta’an kan of keessatti hammateedha. Qabxiilee kanniin namtichi hanga danda’u fi suuta suutan hojii irra yoo oolche hanga tokko ba’aa jireenya akka hir’isuuf abdiin qaba.

Tarkaanfi Jalqabaa maatii gaarii itti ijaaran- Du’aayi gochuu

Seenaa Nabiyyoota fi saalihota (warroota gaggaarii) yommuu qorattu iccitiin milkaa’inna isaanii du’aayi keessa akka jiru ni argita. Wanta gaarii akka isaaniif kennuu fi wanta badaa akka isaan irraa deebisu Rabbitti warwaatu. Niiti ykn ilma gaarii argachuuf yommuu Rabbitti warwaatan argita.

وَٱلَّذِينَ يَقُولُونَ رَبَّنَا هَبۡ لَنَا مِنۡ أَزۡوَٰجِنَا وَذُرِّيَّٰتِنَا قُرَّةَ أَعۡيُنٖ وَٱجۡعَلۡنَا لِلۡمُتَّقِينَ إِمَامًا﴿

Ammas gabroonni ar-Rahmaan, “Gooftaa keenya! Niitolii keenya fi sanyii keenya irraa gammachuu ijaa kan ta’an nuuf kenni. Warra Rabbiin sodaatanifis imaama (fakkeenya, hogganaa) nu taasisi.” Jedhaniidha.  Suuratu Al-Furqaan 25:74

Gammachuu ijaa kan ta’an yommuu jedhu- yommuu niitolii fi ijoollen isaanii Rabbiif ajajaman arguudha. Ijoollen yommuu sirnaan salaattu, haadha abbaa tola ooltu arguun akkam nama gammachiisaa! Kanaafu, “Rabbanaa hablanaa min azwaajinaa wa-zurriyaatinaa qurrata a’ayunin waj’alnaa lil muttaqiina imaamaa (Gooftaa keenya! Niitolii keenya fi sanyii keenya irraa gammachuu ijaa kan ta’an nuuf kenni. Warra Rabbiin sodaatanifis imaama (fakkeenya, hogganaa) nu taasisi)” jechuun Rabbiin kadhu.

Ammas warroonni milkaa’an kuni ilma erga argatanii booda du’aayi godhu. Nabii Ibraahim shirkii sodaachun akkana jedhe du’aayi godha;

14:35

“Yeroo Ibraahim [akkana] jedhe [yaadadhu], “Gooftaa kiyya! Biyya tana (Makkaan) tasgabbooftu taasisi. Anaa fi ilmaan kiyyas taabota gabbaruu irraa fageessi.” Suuratu Ibraahim 14:35

Ammas Nabii Ibraahim du’aayi itti fufuun salaata irratti isaa fi ilmaan isaa akka gadi dhaabu Rabbiin kadhata.

14:40

Gooftaa kiyya! Kan salaata dhaabu na godhi. Ilmaan kiyya irraas [akkasuma kan salaata dhaaban godhi]. Gooftaa keenya! Kadhaa (du’aayi) kiyyas narraa qeebali.” Suuratu Ibraahim 14:40

Barnoonni guddaan ayaata armaan olii lamaan irraa barannu, mataa keenya fi maatii keenya jalqaba shirkii irraa akka nu tiiksu Rabbiin kadhachuudha. Sababni isaas, shirkiin utubaa Islaama kan ta’e Laa ilah ilaAllah waan wal falleessuf. Jecha biraatin tawhiida waan diiguf. Aaya lammaffaa keessatti immoo utubaa Islaama lammaffaa kan ta’e salaata irratti akka gadi dhaabbatu kadhachuudha. Yommuu tawhiida fi salaanni tole, hojiin hundii fi maatiin ni tola. Argattee ree furtuu tokkoffaa maatii gaarii itti ijaartu ykn ijoollee gaarii itti argattuu fi guddistu?

Shaakala:

  1. Rabbiin niiti/ dhiirsa gaarii fi ijoollee gaarii akka siif kennu ni kadhatta
  2. Si fi ijoolle tee shirkii irraa akka tiiksu Rabbiin ni kadhatta
  3. Si fi ijoollen tee salaata irratti akka gadi dhaabbattan Rabbiin ni kadhatta.

Tarkaanfi lammataa- niiti ykn dhiirsa gaarii filachuu

Du’aayin sababan kan wal-qabateedha. Jalqaba mataa keetin nama gaarii ta’uuf ni tattaafatta. Ergasii nama gaarii siif ta’uu barbaadachuuf ni yaalta. Abu Hureeyran akka gabaasetti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:

تُنْكَحُ الْمَرْأَةُ لأَرْبَعٍ لِمَالِهَا وَلِحَسَبِهَا وَجَمَالِهَا وَلِدِينِهَا، فَاظْفَرْ بِذَاتِ الدِّينِ تَرِبَتْ يَدَاكَ ‏”‏‏.‏”

Dubartii wantoota afuriif fuudhan: qabeenya ishiitif, sanyii ishiitif, miidhaginna ishiiti fi amantii ishiitif. Ati tan amantii (imaana) qabdu filadhu….”  Sahih al-Bukhari 5090

Namni gariin dubartii qabeenya waan qabduuf qabeenya ishitirraa fayyadamuuf fuudha. Gariin sanyiin (gosti) ishii gaarii fi kabajamtu waan taatef sadarkaan isaa akka olka’uuf dubartii fuudha. Gariin immoo miidhaginna ishiitti gammaduuf bareedinni ishii ilaale fuudha. Namoonni gariin immoo akka Islaama irratti isa gargaartu amanti (imaana) ishii ilaale dubartii fuudha. Kanaafu, akka Rabbiif ajajamu irratti si gargaartu, kabaja keeti fi kan ishii akka eegdu, ijoolle tee sirnaan akka guddistu dubartii imaana qabdu ilaali fudhi.

Filannon dhiira qofatti kan daangefame osoo hin ta’in dubartiinis mirga dhiirsa ishii filachuu qabdi. Nama ishiin hin jaallannetti dirqamaan ishii heerumsiisun hin danda’amu. Kanaafu, atille obbolletti koo! Dhiira Rabbiif ajajamu (xaa’a) irratti si gargaaru, kabaja keeti fi kan ofii kan eegu, ijoolle teetif abbaa gaarii kan ta’u ilaali dhiira imaana qabutti heerumi.

Tarkaanfi sadaffaa: Itti gaafatamummaa addaan qoodu fi bahuu

Erga walitti dhuftanii booda akkamitti ijoolle teessan guddisuu dandeessu? Guddinna ijoolle keessatti itti gaafatamummaa addaan qoodun bahuuf tattaafadhaa.

1.Itti gaafatamummaa imaana barsiisuu yommuu afaan hiikkachu jalqabuu jechoota gaggaariin afaan isaa hiiki. Jechi hundarra gaariin jecha “Laa ilah ila Allah” jedhudha. Akkuma mucaan guddatuun hiikni jecha kanaa maal akka ta’e barsiisi. Hiikni isaa, “Dhugaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru.” Hanga hubachuu danda’uun suutuma suutan harkaana Islaama shan barsiista. Ammas sadarka sadarkaan harkaana Imaanaa jahan barsiista. Gabaabummatti sadarka sadarkaan haala kanaan wantoota armaan gadii barsiisu dandeessa. Yoo mataa keeti hin danda’in, barsiisa (sheeka) waa’ee kanaa barsiisutti geessi.

  • Tawhiid
  • Harkaana Islaama fi Imaana fi Jaalala Rabbii barsiisu
  • Rabbiin irratti akka hirkatanii fi gargaarsaa Isaa akka barbaadan ijoollee barsiisu
  • Salaata barsiisu fi akka salaatan kakaasu

Akka Abdullah ibn Amr ibn Al-Aas gabaasetti, Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedha:
مُرُوا أَوْلاَدَكُمْ بِالصَّلاَةِ وَهُمْ أَبْنَاءُ سَبْعِ سِنِينَ وَاضْرِبُوهُمْ عَلَيْهَا وَهُمْ أَبْنَاءُ عَشْرِ سِنِينَ وَفَرِّقُوا بَيْنَهُمْ فِي الْمَضَاجِعِ ‏”
“Yommuu ijoollen teessan waggaa torba gahan salataatti ajajaa. Yommuu waggaa kudhan gahan immoo isa (salaata) irratti rukutaa (yoo salaatu didan akka salaatan osoo hin miidhin rukutaa). Bakka ciisicha isaanii addaan baasaa.” Sunan Abi Dawud 495

  • Qur’aana barsiisu
  • Salaata juma’a fi jama’aa akka salaatan kakaasu fi waliin masjiida deemu.
  • Ahkaama, shuruuxa, waajiba salaataa fi wantoota salaata balleessan barsiisu
  • Sooma isaan shaakalsiisu
  • Hijaaba irratti kakaasu

Wanta armaan olii yommuu isaan barsiisu fi hojii irra akka oolchan yommuu ajaju, suuta suuta fi rahmatan ta’uu qaba. Isaan irratti jabaachu, itti muddamuu fi garmalee lolu hin qabu.

Fakkeenya akka siif ta’u kunoo kana siif dhiyeessina;

Yeroo Luqmaan ilma isaatin odoo isa gorsuu, “Yaa ilma kiyya! Rabbitti waa hin qindeessin, dhugumatti shirkiin miidhaa guddaadha.” jedhe [yaadadhu.]” Suuratu Luqmaan 31:13
Kuni Rabbiin qofa akka gabbaru, akka homaa itti hin qindeessine isa gorsa.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aala gorsa Luqmaan addaan kutuun haadha fi abbaa tola oolu akka qabnu itti nu ajaja.
Namaafis haadha abbaa isaatif [tola akka oolu] dhaamne jirra. Haati isaa dadhabbii irratti dadhabbii ta’uun isa baadhatte. Harma irraa gu’uun isaa waggaa lama keessatti. ‘Anaa fi haadha abbaa keetif galata galchi. Gahuumsi dhumaa gara Kiyya.’ [Jechuun isa ajajne.]”

“Yoo isaan lamaan waan beekumsa hin qabne irratti akka Natti qindeessituuf sitti qabsaa’an, tole isaaniif hin jedhin. Garuu duniyaa keessatti haala gaariin isaan waliin jiraadhu. Karaa nama gara Kiyya deebi’u hordofi. Sana boodas deebiin keessan gara Kiyya; waan isin dalagaa turtanis isinitti hima.” (Suuratu Luqmaan 31:14-15)

Yommuu gorsa haadha abbaa irraa fudhannu, of eeggachu akka qabnu ni akeekachisa. Gorsi isaanii shirkitti kan nama kakasuu fi Rabbiin faallesutti kan nama ajaju yoo ta’e irraa fudhachu dhiisudha. Garuu haala gaarin waliin jiraachu qabna.

Ammas Luqmaan haala kanaan ilma isaa gorsa;
Yaa ilma kiyya! Ishiin [badiin] yoo hanga madaala ija raafuu taatee fi yoo dhagaa yookiin samii yookiin dachii keessa taate, Rabbiin ishii ni fida. Rabbiinis beekaa [maalummaa ishii], beekaa [iddoo ishiiti].” Suuratu Luqmaan 31:16

Wanti asirraa barannu badiin hanga feete haa xiqqaattu bakka feete fi yeroo kamittu haa hojjatamtu, Rabbiin herreegaf ni fida. Ijoollen kana yoo beekte wanta badaa ifa fi dhoksatti hojjachuu irraa ni dheessiti, “Rabbiin na arga” jedhanii waan yaadaniif. Fkn, filmii badaa addatti ilaalu fi wanta fokku raawwachu irraa ni dheessu.

Ammas Luqmaan ilma ofii ni gorsa;
Yaa ilma kiyya! Salaata sirnaan dhaabi (salaati). Toltuuttis nama ajaji. Hamtuu irraas nama dhoorgi. Waan si muudate irrattis obsi. Dhugumatti, sun wantoota jajjaboo [murannoo gaafatan] irraayyi.
[Boonun] maddii [boqoo] kee namoota irraa hin garagalchin; dachii keessa oftuulaa hin deemin. Dhugumatti Rabbiin oftuulaa, of dhaadaa hunda hin jaallatu.
Deemsa kee keessatti giddu galeessa ta’i; sagalee keetis gadi qabi. Dhugumatti irra jibbamaan sagalee sagalee harreeti.” Suuratu Luqmaan 31: 17-19

Barnoota abboonni ammaa dagatan meeqa asirraa argannaa!

  1. Rabbiin qofa gabbaruu fi shirkii irraa fagaachu.
  2. Rabbiin ifa fi dhoksatti sodaachun wanta badaa irraa dheessu fi wantoota gaggaarii hojjachu
  3. Haadha abbaa tola oolu
  4. Salaata sirnaan salaatu
  5. Hanga danda’anii fi beekanin toltuutti nama ajajuu fi hamtuu irraa nama dhoorgu. Balaa namatti bu’eef obsa qabaachu
  6. Yommuu namoonni namatti dubbatan boonun fuula irraa garagalchuu dhiisu, sirnaan isaan dhageefachu fi kabajuu
  7. Dachii keessa of-tuulaa deemu dhiisu
  8. Deemsa keessatti osoo hin rinciciin akkasumas osoo hin ariifatin jiddu galeessa ta’anii deemu
  9. Sagalee gadi qabu. Iyyuu fi yommuu dubbatan akka harree sagalee olkaasu dhiisu.

Barnoota kanniin ofii fi ilmaan keetitti galchite jechuun gumaacha guddaa hojjatte jechuudha. In sha Allah torbaan itti gaafatamummaa hafanii fi toofta ijoolle itti barsiisan ni ilaalla.

Kitaabban wabii
Tarbiyatul awlaad- Sa’iid Bin Aliyyi bin Wahf al-Qahtaani- fuula 130
Kayf nurabbi awlaadanaa- Muhammad bin Jamiil Zaynu-fuula 25

Guddinna Ijoolle-Kutaa 2ffa
Karaa Qajeelaa

Leave a Reply