Tooftaa Ijoolle Barsiisu-kutaa-2ffa

Torbaan darbe akkamitti ijoolle barsiisun akka danda’amu ilaalle turre. Yaadachisaf, tooftan cimaan ijoolle gaarii itti guddisanii fi barsiisan fakkeenya gaarii isaanif ta’uu ykn seenaa nama fakkeenya gaarii isaaniif ta’u itti odeessudha. Har’a itti fufun tooftaalee hafanii fi amaloota nama ijoolle guddisuu fi barsiisu ilaalla.

2.Gorsa gaariin barsiisu – yommuu dogongoran garmalee loluu, arrabsuu fi dhaanu osoo hin ta’in jalqaba gorsuudha. Nama gorsuuf ulaagaalee guuttamu qabantu jira. ısaaniis; gorsi namoota fuunduratti ta’uu hin qabu; yeroon, bakkii fi haalli gorsaa mijaa’a ta’uu qaba. Fakkeenyaf, yeroo dallansuu gorsuun baay’ee ulfaatadha. Ammas haalli nama gorfamu maal akka ta’e beeku barbaachisadha. Hojii gaarii kan dhiisu fi hojii badatti kan lixu yoo ta’e, adabbii Rabbiitin isa sodaachisu fi rahmata Rabbiitin isa abdachisuun gorsu. Dabalataanis gorsi kennamu jecha qullaa osoo hin ta’in Qur’aana, hadiisa fi jecha aalimmani yoo makate ashaara guddaa namarratti hanbisa. Akkasumas, gorsi kennamu jabaata fi dheeraa ta’uu hin qabu. Laafaa fi gabaabaa ta’uu qaba. Akka fakkeenyatti kutaa 1ffaa keessatti akkamitti Luqmaan ilma isaa akka gorse ilaalle turre. “Yaa bunayya (Yaa ilma kiyya!)” jechuun jalqabe. Jechi kuni akkamitti akka qalbii laaffisu fi gorsi isa seenu mee ilaali!

Garuu yeroo ammaa maatiin baay’een yommuu nama gorsan arrabsaa fi waqqasaa ijoolle gorsu. Kuni immoo akka ijoollen warra jibbituu fi gorsa isaanii hin fudhanne taasisa. Mataa keeti gorsu yoo dadhabde furmaata wayi sitti akeeku? Ilma kee kana Qur’aana akka baratuu fi qo’atu haala mijeessif. Qur’aanni gorsa gorsa hunda caalu waan ta’eef fedhii Rabbiitin tarii mucaan kuni qajeelu danda’a.

Tooftan biraa ijoolle itti gorsan seenaa (qissaa) gaarii isaaniif odeessudha.

3.Adabbii fi badhaasan barsiisu– amalli ijoolle garagara. Gariin isaanii dafanii aaru, gariin immoo dallansuu ni too’atu. Gariin yommuu dogongoranii fi dogongora isaanii itti akeekan dafanii sirraawu. Fuggisoo kanaa ijoollen gariin hanga fedhan osoo dogongora isaanii itti akeekanii adabbii malee kan hin deebinetu jira. Haala isaanii irratti hundaa’un adabbii fi badhaasni isaan barbaachisa. Adabu yommuu jennu takkamaan isaan reebu fi miidhu osoo hin ta’in, erga gorsanii booda adabbi malee fala biraa yoo dhaban adabuudha. Jalqaba ni gorsan, ni akeekachisan, ni sodaachisan. Kuni hundi bu’aa buusu yoo dide karaa adda addaatin adaban. Garuu adabbiin uleen yoo ta’ee mallattoo isaan irratti kan hanbisuu, isaan kan miidhu fi fuula irra ta’uu hin qabu.

Ammas, yommuu ijoollen waan gaarii hojjatan jechaanis ta’i kennaan isaan badhaasun, waan gaarii isaan barsiisun ni danda’ama.

As jalatti wanti hin dagatamne, Ijoollee teessan abaarsan hin adabinaa. Dhugumatti abaarsi isinii fi ijoolle teessan miidha. “Citi! Ilma akkamii Rabbiin natti kenne!” Hin jedhinaan. Kana irra du’aayi godhaaf. “Yaa Rabbii ilma kiyya naaf qajeelchi.” Jedhaa

Kennaa keessatti wal-qixxeessu
Kennaa keessatti wal-qixxeessun bu’uuraalee guddinnaa keessa tokko akka ta’e ilaalun ni danda’ama. Kennaan qabeenya qofatti kan daangeefamu osoo hin ta’in, seeqachu, kunuunsa, hammachuu fi kkf of keessatti kan hammateedha. Kennaa keessatti yoo wal hin qixxeessin hamileen ijoolle garmalee caba. Inumaa isaan jiddutti jibbaa fi diinummaa uumu danda’a. Akka fakkeenyatti, Nabii Yuusuf fi obboleyyan isaa ilaalun ni danda’ama. Nabii Yaaqub (AS) ilma isaa Yuusufin garmalee jaallataa ture. Ergasii ijoollen isaa biroo jaalala kana waanyun Yuusufitti mala dhayan. Dhumarratti abbaa biraa fuudhanii boollo bishaanitti isa darban. Tarii kuni jaalala waan ta’eef wal-qixxeessun hin danda’amu jechuu dandeenya. Garuu wanta too’achu dandeenyu kanneen akka qabeenyaa, seeqachuu, hammachuu fi kkf nin wal-qixxeesuf yaalu qabna. Sababni isaas, Nu’maan bin Bashiir akkana jechuun gabaase:

“Abbaan kiyya Ergamaa Rabbii (SAW) bira na fiduun akkana jedheen, “Yaa Ergamaa Rabbii! Qabeenya kiyya irraa Nu’maanif wanta akkana akkanaa kennee jiraa ragaa bahi!” Ergasi Ergamaan Rabbii ni jedhe, “Akkuma Nu’maani kennitee ijoolle tee hundaaf kennite jirtaa?”. Innis ni jedhe, “Lakki.” Ergamaan Rabbiis ni jedhe, “Kana irratti anaan ala nama biraa ragaa taasisi.” Dabalataan ni jedhe, “Haala wal-qixaatin hundi isaanitu tola akka sitti oolan si gammachiisaa?” Innis (abbaan koos) ni jedhe, “Eenyen”. Ergamaan Rabbis ni jedhe, “Yoo akkas ta’e hin hojjatin (kana jechuun kennaa ilma tokko kennitee ilma kee biraa hin dhoorgatin. Kennaa wal-qixxeessi)” Sahih Muslim 1623 I

Hadiisa erga guddaa qabuu mitii ree? Kanaafu, ijoolle kennaa keessatti wal-qixxeessu qabna. Ammas, wanti dagatamu hin qabne, yommuu daa’imni haroofti dhalatuu daa’ima dura “Akka waan gatamee fi moofetti” ilaalu hin qabnu. Ijoollen yoo kuni itti dhagahame hamileen isaanii ni caba. Hanga danda’ameen jaalala mucaa ykn intala duraati qabnu itti agarsiisu fi kunuunsu qabna.

Sifaatul Murabbii (Amaloota namni ijoolle guddisu fi barsiisu) qabaachu qabu
1.Ikhlaas-namni ijoolle guddisu fi barsiisu hojii fi dubbii isaa keessattti Jaalala Rabbii argachuuf niyyachuu qaba. Abbaa haati ykn barsiisan hojii fi jecha isaanii keessatti iklaasa yoo hin qabaatin, ijoollen gorsa isaanii irraa hin fudhatan, akka fakkeenyatti isaan hin ilaalan. Kanaafu, yommuu ijoolle gorsinuu fi hojii gaggaarii isaan fuunduratti hojjannu Jaalala Rabbii argachuuf ta’uu qaba. Iklaasni wiirtu hojiin irra naanna’u waan ta’eef. Wiirtun kuni yoo bade hojiin hundi ni badaa jechuudha.

2.Taqwaa-jecha kana Aalimoonni karaa adda addaatin hiikanii jiru. Isaan keessaa: “Taqwaa jechuun Rabbiin bakka irraa si dhoowwe sanitti akka si hin argine, bakka itti si ajaje sanirraa akka si hin dhabne.” Kana jechuun haraamaa fi badii Rabbiin  irraa si dhoowwetti hin argamin. Fkn, iddoo qumaarin itti taphatamu, alkoolin itti dhugamu, zinaan itti raawwatamutti Rabbiin akka si hin agarre. Ammallee bakka Inni itti si ajajee irraa akka si hin dhabne. Fkn, salaata Jama’aa irraa akka si hin dhabne.

Karaa biraatin taqwaa jechuun wantoota Rabbiin itti nama ajaje hojjachuu fi wantoota Inni irraa nama dhoowwe dhiisun adabbii Isaa irraa of eegudha.

Kanaafu, namni ijoolle guddisu fi barsiisu ofii fi ijoolle adabbii Rabbii irraa eeguf taqwaa qabaachu qaba. Yoo inni taqwaa qabaate ijoollenis isa ilaalun taqwaa qabaachuf tattaafatti. Ta’uu baannan ijoolle gaarii guddisuun hin danda’amu. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) ni jedha:

3:102

Yaa warra amantan! Sodaa dhugaa Rabbiin sodaadhaa. Muslimoota taatanii malee hin du’inaa.” Suuratu Ali-Imraan 3:102

3.Ilmi (beekumsa)– amala baay’ee barbaachisa namni ijoolle guddisu fi barsiisu qabaachu qabu keessaa inni guddaan beekumsa usuula (hundeewwan) amanti Islaama qabaachudha. Fakkeenyaf, kanneen akka tawhiida, imaana fi kkf. Dhimma haraama fi halaalaa addaan baase beeku qaba. Maaliif? Namni kana sirnaan yoo beeke ofii fi ijoolle karaa qajeelatti qajeelcha.

Garuu jaahila (wallaalaa) yoo ta’e ofii fi ijoolle balleessa. Kana ilaalchise naannoon keenya fi seenan ragaa ni bahu. Kanaafu, ijoollee gaarii guddisuu yoo barbaanne, beekumsa barbaaduf sirritti tattaafachu qabna.

4.Hilm, anaata fi rifq qabaachu-hilm jechuun namni yeroo aaru fi dallanu of too’achuudha. Jechoonni Afaan Oromoo itti dhiyoon “of-too’achu, danda’u, obsuu”dha. Namni hilm qabu dafee hin adabu, ni obsa tarii namni kuni qajeelu waan danda’uuf.

Anaata jechuun immoo wanta tokko murteessun dura xiyyeefannoo itti kennuun hordofuudha. Ariiti fi gubbaa isaa qofa ilaale wanta tokko murteessu dhiisudha. Rifq jechuun immoo namootaf mararfachuu fi laaffisuudha.

Kanaafu, namni ijoolle guddisu fi barsiisu kanniin sadan qabaachuf tattaafachu qaba. Kanniin yoo qabaate, ijoollen salphatti akka maagneetti itti harkifamu, gorsaa fi jecha isaa ni fudhatu. Qur’aanni fi hadiisni amaloota kanaan akka of faaynu itti nu kakaasu. Rabbiin ni jedha:

ٱلَّذِينَ يُنفِقُونَ فِي ٱلسَّرَّآءِ وَٱلضَّرَّآءِ وَٱلۡكَٰظِمِينَ ٱلۡغَيۡظَ وَٱلۡعَافِينَ عَنِ ٱلنَّاسِۗ وَٱللَّهُ يُحِبُّ ٱلۡمُحۡسِنِينَ﴿

“Isaan warra yeroo gammachuu fi gaddaa arjoomaniidha. Kan dallansuu liqimsanii fi namootaf dhiifama godhaniidha. Rabbiin toltuu hojjattoota ni jaallata.”  Suuraa Ali-Imraan 3:134

Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedha:

لَيْسَ الشَّدِيدُ بِالصُّرَعَةِ إِنَّمَا الشَّدِيدُ الَّذِي يَمْلِكُ نَفْسَهُ عِنْدَ الْغَضَبِ
Namni cimaan(kan humna qabuu) nama wal’aanson cimaa ta’ee osoo hin ta’iin,namni cimaan nama yommuu dallanu nafsee ofii too’atudha.” Sahih Muslim 2609

5.Itti gaafatamummaan itti dhagahamu– namni ijoolle guddisuu fi barsiisu yeroo hundaa haala, imaana, aklaaqa fi sammuu ijoollee ilaalu fi too’achuu qaba. Itti gaafatamummaan torban kutaa jalqabaatti eerre abbaa fi haati yoo dagatan, ijoollen suuta suutan gara fasaada (badii) deemu. Takkaa baditti lixnaan ergasii isaan foyyeessun garmalee ulfaata. San booda abbaa fi haati booyun, gadduu fi gaabbun bu’aa maalii buusa? Dhuma kana hundatti kan geesse itti gaafatamummaa dagachuu isaanii waan ta’eef. Kana qofaa miti Guyyaa Qiyaama Rabbiin fuunduratti ni gaafatamu. Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhan:

“‏ كُلُّكُمْ رَاعٍ، وَكُلُّكُمْ مَسْئُولٌ عَنْ رَعِيَّتِهِ، وَالأَمِيرُ رَاعٍ، وَالرَّجُلُ رَاعٍ عَلَى أَهْلِ بَيْتِهِ، وَالْمَرْأَةُ رَاعِيَةٌ عَلَى بَيْتِ زَوْجِهَا وَوَلَدِهِ، فَكُلُّكُمْ رَاعٍ وَكُلُّكُمْ مَسْئُولٌ عَنْ رَعِيَّتِهِ ‏”‏‏.‏

Hundii keessanuu tiiksedha. Hundi keessanu wanta tiikse irraa ni gaafatama. Amiirri (hogganaan) tiiksedha. Namtichi maatii mana isaa irratti tiiksedha. Dubartiin mana dhiirsa ishii fi ijoolle isaa irratti tiiksedha. Hundi keessanu tiiksedha; tika isaatirraa ni gaafatama.Sahiih Al-Bukhaari 5200 fi Sahih Muslim 1829 

Hundi keessanu tiiksedha; tika isaatirraa ni gaafatama – jecha biraatin hundi keessanu tiiksedha wanta tiiksitan irraa ni gaafatamtu. Akkamitti akka tiikse, balleesse moo ni tolche? ni gaafatama. Kanaafu, itti gaafatamummaa bahuun dirqama nama hundarratti kufeedha. Bahuu baannan adabbitu isa eeggata.

Alhamdulillah gargaarsa Rabbiitin Guddinni ijoolle asirratti xumurame. Namni waa’ee kana bal’innaan qorachu barbaadu, kitaabbani fi vidiyoo alimman bekkamo ilaalu danda’a.

Kitaabban wabii
Az-Zawaaju Islaamiyyi sa’iid- fuula 864-865- Mahmud Misri
Tarbiyatul awlaad- fuula 737-744, Abdullah Nasiih Ulwaan
Sharih Riyadu saalihin- 3/573- ibn Useymiin

Amala Gaarii-Kutaa 1ffaa
Tooftaa Ijoolle Barsiisu-Kutaa 1ffaa

Leave a Reply