Amala Gaarii-Kutaa 1ffaa

Gaalee husnul khuluq (amala gaarii) jettu gurri yommuu dhagahu, qalbiin ni mirqaanti. Inni/ishiin amala gaarii qaba/qabdi yommuu jedhamu, namoonni isa/ishii marsu, waliin hiriyyoomu barbaadu. Kanaafi, amalli gaariin sadarkaa ol’aanaa qabate. Garuu amala gaarii (husnul khuluq) jechuun maal jechuudhaa? Gosoonni isaa hoo maal fa’aa? Kana beeknaa laataa? In sha Allah har’a yeroo keenya kanarratti dabarsina. Wanta baranne immoo hojii irra oolchuf tattaafanna. Isin qophiidhaa? Haa jalqabnu…

Hiikkaa fi Ramaddii Amala Gaarii
Seenaa keessatti beektonni Islaamaa amala gaariif hiika adda addaa kennanii jiru.
Amala (khuluq)-jechuun suuraa keessa namaatti argamuudha[1]. Kana jechuun haala fi uumama namaati.  Namni keessi fi uumamni isaa gaarii yoo ta’e wanti hojjatus gaariidha. “Gaarii” yommuu jennu immoo wanta bareedaa, tolaa, gammachisaa fi faaydi qabuudha.

Akkana jedhame jira, amala gaarii jechuun salphinna irraa of qulqulleessu fi wantoota gaggaariin of faayudha.
Ammas amala gaarii jechuun waan gaarii hojjachuu fi wantoota fokkuu dhiisudha.[2]
Kanaafu, hiikni amala gaarii isiniif galee? Yoo isiniif hin galin ramaddii armaan gadii irraa akka hubattan abdiin qaba.

Musliimoota yeroo ammaa keessa amala gaarii ilaalchise yaada dogongoraatu jira. Namtichi namaaf kan mararfatu, gaarii fi mi’aawaa yoo ta’e, inni amala gaarii qaba jedhu. Namtichi osoo salaatu ykn soomu baateyyu amala gaarii qaba jedhuun. Inuma namni tokko yaada akkana dhagahu danda’a, “Inni hin salaatu garuu amala gaarii qaba.” Kuni kan ibsu hubannoon yaad-rimee khuluqaa (amalaa) hir’uu ta’uu agarsiisa[3]. Amalli wantoota baay’ee kan of keessatti hammateedha. Amala gaarii bakka afuritti ramaduun (qoodun) ni danda’ama.

1.Amala gaarii Uumaa (Rabbiin) waliinii– namni tokko amala gaarii qaba kan jedhamu ramaddii afran kanniin yoo qabaatedha. Keessattu amalli gaariin Uumaa waliin qabu cimaa ta’uu qaba. Namni yoo hin salaatin amala badaa Rabbitti agarsiisaa jiraa jechuudha. Akkamitti namni amala gaarii qaba jedhama amalli inni Gooftaa isaa waliin qabu badaa ta’ee osoo jiru? Dhugumatti namni kuni mi’eessitu amala gaarii dhabee jira.

Ibn Useymiin (Rabbiin rahmata isaaf haa godhu) “amalli gaariin Rabbiin waliinii wantoota sadii of keessatti kan hammateedha” jedha.Isaaniis;

(A)- namni tokko wanta Rabbiin buuse hundatti shakkii tokko malee amanuu fi fudhachu qaba. Fakkeenyaf, waa’ee Guyyaa Qiyaamaa ilaalchise Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ibse jira. waa’ee Jannataa fi Jahannam maal akka ta’e Qur’aana fi sunnaan ifa taasise jira. namni kana shakkii tokko malee amane yoo fudhate amala gaarii Rabbitti agarsiisaa jiraa jechuudha.

(B) Ajajoota Rabbii fudhachuu fi hordofuu- wanta Rabbiin itti ajaje gammachuun hojjachuu fi wantoota Inni irraa dhoowwe dhiisudha. Fakkenyaf, salaata, sooma, zakaa fi kkf sirnaan hojjachuu. Ammas wantoota dhowwamaa kanneen akka zinaa, ribaa, alkooli fi kkf irraa fagaachu qaba. Namni wanta itti ajajame yoo hojjate fi wanta irraa dhoowwame yoo dhiise amala gaarii agarsiisaa jiraa jechuudha.

(C) Murtii Rabbii gammachuu fi obsaan baadhachu– jireenya namaa keessatti yeroo hundaa wanti gaariin nama hin qunnamu. Rabbiin ilma namaa qoruuf karaa adda addaatin wantoota isaan hin jaallanne itti murteessa. Fakkeenyaf, dhukkuba, hiyyummaa, du’aa fi kkf. Namni yommuu balaan (musiiban) itti bu’u obsu qaba. Dallanuu fi wantoota dhowwamaa kanneen akka uffata cicciruu, iyyuu fi qaama ofii rukutuu irraa fagaachu qaba. Kana irra, balaa isatti bu’e obsaa fi gammachuun fudhachuun Rabbiin irraa mindaa (ajrii) eegu qaba. Namni kana yoo godhe amala gaarii agarsiisaa jiraa jechuudha. Ta’uu baannan amala badaadha.

2.Amala gaarii namoota waliinii– namoota waliin amala isaa ni bareechisa akkuma beektonni gariin jedhan, “Amala gaarii jechuun- azaa (miidhaa) dhiisu, kennaa kennuu (arjoomu) fi fuulli bashaasha (ifaa fi kan seeqatu) ta’uudha.” Miidhaa dhiisu yommu jennu namoota arrabaan fi qaaman miidhu dhiisudha. Fakkeenyaf, arrabsuu, hamachuu, dhiiga dhangalaasu, rukutuu fi kkf gochuu dhiisudha. Kennaa kennuu yommuu jennu immoo qabeenya, beekumsa fi kkf isaanii qoodudha. Fuula bashaashaa qabaachu- yommuu namoota qunnamu seeqataa fi fuula ifaatin isaan qunnamudha. Gabaabumatti isaan miidhu irraa of qaba, wanta gaarii isaaniif kenna ykn tola ni oolaf akkasumas, fuula ifaatin isaan qunnama. Kuni amala gaariidha.[4]

Aayan Qur’aanaa suuratu al-A’araaf keessatti argamtu amala gaarii namoota waliin qaban tan of keessatti hammateedha.

7:199
Haala [namootaa irraa isa] laafaa qabadhu (khuzil ‘afwa); toltuuttis ajaji. Wallaalaa irraahis garagalii.” Suuratu Al-A’araaf 7:199

Khuzil ‘afwa yommuu jedhu-wanta lubbuun isaanii hayyamte fi hojii fi amala irraa wanta isaanitti salphatu irraa fuudhi.[5] Fakkeenyaf, namoota yommuu waan gaariitti ajajju, wanta itti ajajje guutuu dhibbaan dhibbatti hanqinna tokko malee galmaan akka gahan hin eegin. Hanqinna isaanii irra darbiif. Ammas wanta isaan hin dandeenye irra hin kaa’in (itti hin ajajin). Isaan waliin yommuu jiraattu wanta barbaaddu guutumaan guututti akka siif guutan hin eegin. Fkn, niitin tee wanta barbaaddu hunda haala ati barbaaddun akka siif gootu hin eegin. Hanqinna ishii irra darbiif. Wanta ishiin siif hojjatte fudhu. Kan hafe dhiisi.

Toltuutti ajaji– jecha gaariitti, hojii bareedatti, namoota dhiyoo fi fagootti amala gaarii agarsiisutti, firummaa sufuutti, haadha abbaaf tola oolu fi kan kana fakkaatanitti ajaji.

Yommuu namoota waan gaaritti ajajanii fi kakaasan azaan (rakkoon) jaahila (nama wallaalaa) irraa nama muudata. Kanaafi, Rabbiin nama wallaala irraa akka garagalu ilma namaa ajaja. Akkuma inni wanta badaa sitti hojjate atille wanta badaa itti hojjachuu hin qabdu. Kana irra nama si dhoowwate, atillee isa hin dhoowwatin; nama hariiroo firummaa kee addaan kute ati immoo sufi; nama si zollome (miidhe) ati immoo nama haqaa ta’i.

Gaafii: osoo namni tokko si haleelun ykn qabeenya kee fudhachuun ykn si salphisuun ykn kan kana fakkaatan sitti hojjachuun daangaa sitti darbee fi si miidhee, irra darbuufi wayya moo haqa kee irraa fudhachu wayya?[6]

Ibsa kana ilaalchise akkana jenna: namtichi kuni nama dharaa, badaa yoo ta’ee fi yommuu isaaf irra dabartuu, inuma kan duraa caalaa si fi namoota birootti daangaa kan darbuu yoo ta’e, irra hin darbiniif. Haqa kee irraa fudhu, hin dhiisin.

Garuu namtichi amala gaarii kan qabu yoo ta’e haa ta’uu malee wanta badaa kana ni hojjate. Haala kana keessatti wanti irra gaariin isaaf irra darbuudha. Rabbiin (Subhaanahu wa ta’aala) akkana waan jedheef, “Namni dhiifama godhee [hariiroos] tolche galanni isaa Rabbiin irra jira.” Suuratu Ash-Shuuraa 42:40

Gabaabumatti namtichi nama dharaa fi badaa, yoo irra darbiteef miidhan isaa kan sitti dabalu yoo ta’e irra hin darbiniif. Haqa kee irraa fudhu. Garuu namticha nama gaarii. Tarii dogongore wanta badaa yoo sitti hojjate irra darbiif. Bu’aan irra darbuu islaaha (fooyya’insa, tolchuu) waan ta’eef.

3.Amala gaarii nafsee ofii waliinii- namtichi lubbuu ofii sirnaan kunuunsu fi wanta badaa ishii balleessu irraa eegu qaba. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala ni jedha: “Harka keessaniin gara baditti of hin darbinaa.” Suuratu al-Baqarah 2:195

Fakkeenyaf, sigaaraa xuuxu, caati qama’uu, alkooli dhuguu fi kkf irraa lubbuu ofii fageessu qaba. Ammalle wanta hojjachuu hin dandeenye ofirratti fe’u hin qabu.

Lubbuu kunuunsuf karaan hundarra gaariin Rabbiif ajajamuu fi beekumsa karaa qajeelatti nama qajeelchu barbaadudha.

4.Amala gaarii lubbu-qabeenyi biroo fi lubbu-dhabeenyi waliinii- namni amala gaariin of faayu lubbuu qabeenyi birootif rahmata gochuu qaba, isaan miidhu hin qabu. Fakkeenyef, harree, horii, saree fi kkf sirnaan kunuunsu fi itti fayyadamu qaba. Hadiisa dubarti adurree hiite beelan ajjeeste ergasi jahannamin seente hundii keenya dhagahu dandeenya. Ammas dubartiin biroo bishaan boolloo keessaa waraabun saree dheebote obaaste. Ergasii Rabbiin badii ishii ni araarameef. Kanaafu, lubbuu qabeenyi birootti amala gaarii agarsiisu qabna.

Lubbu-dhabeenyi yommuu jennu immoo wantoota lubbuu hin qabne kanneen akka bishaanii, saantimaa fi kkf qisaasessu irraa of qusachuu fi sirnaan itti fayyadamu qabna. Namni yommuu wantoota kanniin qisaasessu amalli isaa badaa akka ta’e agarsiisa.

Dhugumatti warroonni qisaasessan obboleeyyan sheyxaanati. Sheyxaanni Gooftaa isaatti akkaan kafaraa ta’eera.” Qur’aan, Suuratu al-Israa 17:27

Guduunfaa
•Amalli gaariin beekumsa, niyyaa fi hojii irratti kan ijaarramedha. Keessumattu, niyyaa fi hojiin namtichaa gaarii yoo ta’e, amalli isaa gaariidha. Ta’uu baannan, gaarii miti jechuudha.
• Amalli namaa kan madaallamuun amala inni Gooftaa isaa waliin qabuudha. Rabbii isaa waliin amala gaarii yoo qabaate, amaloonni hafan gaarii ta’u.
•Amalli Rabbii ofii waliin qaban wantoota sadii of keessatti kan hammateedha:1) Wanta Inni buuse fi beeksisetti dhugaan amanu, shakkuu dhiisu. 2)Ajaja Isaa hordofuu fi itti buluu. 3)Murtii Rabbii obsaan fi gammachuun fudhachu
•Amalli gaariin namoota waliin qabnu wantoota kanniin kan hammateedha: 1)Isaan miidhu fi rakkisu dhiisu, 2)isaanitti arjoomu fi tola oolu, 3)fuula ifaati fi seeqatin isaan qunnamu fi nagaha gaafachu, 4)miidha isaanirra nama muudatu obsuu fi irra darbuufi ykn araaramufi.
•Lubbu-qabeenyi biroo fi lubbuu dhabeenyi miidhu dhiisu fi sirnaan itti fayyadamuun amala gaarii irraayyi.

Like https://www.facebook.com/jireenyabadhaatu/

Kitaabbilee wabii:
[1] Sharihul aqidatil wasaxxiyyah 2/352 Ibn Useymiin
[2] Madaarija Saalikiin- 595 Ibn al-Qayyim (Ar-Risaala Publisher)
[3] Commentary on the Forty Hadith of An-Nawawi- 2/837-839
[4] Sharihu Riyaadu saalihiin 3/556-557 Ibn Useymiin
[5] Taysiral Kariimul Rahmaani fii tafsiiri Kalaamil Mannaani- fuula 355-Abdurahmaan Naasir Sa’dii- Darus salaam
[6] Sharihu Riyaadu saalihiin 3/556-557 Ibn Useymiin

Amala Gaarii-kutaa2ffaa
Tooftaa Ijoolle Barsiisu-kutaa-2ffa

Leave a Reply