Amala Gaarii-kutaa2ffaa

Torbaan darbee waa’ee amala gaarii fi ramaddii isaa kaasne turre. Yaadachisaf amala gaarii jechuun keessi fi hojiin namaa toluu fi bareedudha. Namni hanga fedhe fuulli isaa yoo fokkate, keessi fi hojiin isaa yoo bareede, Rabbii fi namoota biratti fudhatama kan argatu nama kana. Kanaafi Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:

“‏ أَكْمَلُ الْمُؤْمِنِينَ إِيمَانًا أَحْسَنُهُمْ خُلُقًا ‏”

Mu’iminoonni (warroonni amananii) imaanan guutuu ta’an warroota amalli isaanii hundarra gaarii ta’eedha.Sunan Abi Dawud 4682

Kanaafu amala keenya bareechisuuf tattaafachuu qabna. Tolee, amalli uumaman kan dhufu moo adeemsa keessa kan argamuudhaa?

Amalli gaariin gariin uumaman kan namaaf kennamuudha. Gariin immoo adeemsa keessa tattaaffi fi carraaqqi namtichaatin kan argamuudha. Kana jechuun namoonni gariin uumaman amalli isaa gaarii fi bareedadha. Namoonni gariin immoo adeemsa jireenyaa keessa karaa adda addaatin amala gaarii argatan. Garuu kamtu irra gaariidha? Shakkii hin qabu,amalli uumaman argatan irra gaariidha. Sababni isaas, amalli uumaman argatan itti fayyadamuuf baay’ee salphaadha.[1] Kan carraaqqin argamu immoo humnaa fi qabsoo guddaa barbaada. Fakkeenyaf, nama uumamaan dafee hin dallanne (hin aarre) fi nama dallansuu ofii too’achuuf carraaqu osoo wal bira qabne, namni uumamaan dafee hin dallanne irra gaariidha. sababni isaas, dallansuu ofii salphatta waan too’atuf wantoota baay’ee hin balleessu.

Harkaana (Rogoota) Amala Gaarii
Akkuma xaaran manaa utubaalee ykn rogoota irratti ijaarramu qabu amalli gaariinis utubaalee ykn rogoota irratti ijaarramu qaba. Imaam ibn al-Qayyiim (Rabbiin rahmata isaaf haa godhu) amalli gaariin rogoota ykn utubaalee afur irra kan dhaabbateedha jedha. Isaaniis;

1.Sabrii (obsa)- obsii danda’uu, dallansuu liqimsii, miidhaa namoota irraa qabuu, ariifachu dhiisu, suuta jechuu fi akka namaaf mararfatan nama taasisa.

2.Al-iffah (qulqullummaa ofii eegu, wanta badaa irraa of qabuu)- al-iffahn salphinna,  jechoota fi hojii fokkuu irraa akka fagaatan nama taasisa. Akkasumas, hayaa (saalfannaa) akka qabaatan nama taasisa. Ammas al-iffahn (of qabuun) wantoota jibbamoo, doy’ummaa, kijiba, nama hamachuu fi jette jettee irraa nama dhoowwa.

Kanaafu, al-iffah (qulqullummaa ofii eegu) yommuu jennu qaama saalaa haraama irraa eegu qofa osoo hin ta’in arrabaa fi qaamole biroos wantoota fokkuu fi jibbamoo irraa eegu kan hammateedha. Namni qaama hormaata haraamaa irraa eegu, arraba fi qaamole biroo nama miidhu fi jechoota badaa irraa tiiksu, iffaah (qulqullummaa) qabaa jechudha.

3.Gootummaa– gootumman jabeenya nafsee, amala gaarii ol’aana akka filatan, wantoota gaggaarii akka kennaan ykn arjoomanii fi tola oolan nama taasisa. Gootummaan yommuu dallanan nafsee akka loggaman (too’atan) nama taasisa. Akkuma Ergamaan Rabbii (SAW) jedhan:

Namni cimaan(kan humna qabuu) nama wal’aanson cimaa ta’ee osoo hin ta’iin,namni cimaan nama yommuu dallanu nafsee ofii too’atudha.” Sahih Muslim 2609

Yeroo dallanan nafsee ofii too’achuun haqiiqa (dhugaa) gootummaati.

4.Al-Adl (haqummaa)- haqummaan amala gaarii keessatti madaallamaa akka ta’an nama taasisa. Karaa lamaan walakka akka deeman nama gargaara. Kana jechuun takkaa daangaa akka hin dabarre takkaa immoo akka hin hanqanne nama taasisa. Fakkeenyaf, arjoominni amala gaarii doy’ummaa fi qisaasessu jidduu jiruudha. Ammas, gootummaan amala gaarii dabeessaa fi ariifataa jidduu jiruudha.

Wantoonni armaan olii arfan amalli gaariin kan irraa burquudha. [2]
Tolee, wantoonni amalli gaariin irraa burqu ilaalle jirra. Wantoonni amalli badaan irraa burqu maaliidhaa?

Rogoota Amala Badaa
Ammas “Rogoonni amaloota badaa afur” nun jedha imaam ibn Al-Qayyim. Isaaniis:
1.Wallaalummaa- wallaalummaan wanta gaarii suuraa fokkuutin, wanta fokkuu suuraa bareedatin namatti mul’isa. Guutuu akka hir’uu ta’etti, hir’uu guutu akka ta’etti akka ilaalan nama taasisa. Dhugumatti namni wallaalan waan gaarii fokkuu akka ta’etti ilaalun fudhachuu dhiisa; waan fokkuu gaarii akka ta’etti ilaalun hojjata.

2.Zulmii (cunqursaa)- zulmiin wanta tokko bakka isaa hin mallee akka kaa’an nama taasisa. Bakka gammaduu qabutti ni dallana; bakka dallanuu qabutti ni gammada. Bakka suuta jechuu qabutti ni arifaata. Bakka arjoomu qabutti ni doy’ooma; bakka doy’oomu qabutti ni arjooma. Fakkeenyaf, karaa Rabbii irratti baasuu ni doy’ooma, garuu hojii fokkuu hojjachuu fi wantoota faaydi hin qabne bituu irratti ni arjooma. Kuni amala badaa mitiree?
Kanaafu, zulmii jechuun wanta tokko bakka isaa hin mallee kaa’udha.

3.Al-Shahwah (fedhii)- fedhiin cimaan itti futuutti, haafayutti, doy’oomutti, iffah akka hin qabaanne, dharra’utti, of gadi xiqqeessutti nama kakaasa. Namni wanta tokko garmalee yommuu fedhu jaamaa ta’a. Sababa kanaan amala badaa horata. Fakkeenyaf, fedhiin saalaa fiixe yommuu tuqu, hanga wanta barbaadu san argatu amala badaa hunda argisiisa.

4.Dallansuu– dallansuun akka oftuulan, garmalee akka jibban, waanyan, diina namatti ta’an, akka namoota salphisan nama taasisa.

Amalli gaariin hundii amaloota babbaado lamaan kan marfameedha. Amalli gaariin amaloota badaa lamaan walakkaatti argama. Yommuu nafseen jiddu-galeessa (walakkaa) irraa dabdu, amaloota babbadoo lamaan keessaa tokkotti gorti. Fakkeenyaf,
Amala gaarii “Tawaadu’a (of-gadi qabuu)” irraa yoo dabde, takkaa oftuulutti gorti, takkaa immoo salphinnatti gorti.

Amala “Hayaa (saalfannaa)” irraa yoo dabde, takkaa naamusa dhabuutti dabdi takkaa immoo dadhabbinna fi of dhoksuutti gorti. Kana jechuun namni saalfachuu yoo dhiise naamusa dhabuun wanta badaa adda addaa hojjata, namoota fuunduratti hojii badaa hojjachu hin saalfatu. Ammas, garmalee yoo saalfate, gadi aantummaa fi salphinni itti dhagahama.

Ammas, “Obsa faarfamaa” irraa yoo dabe takkaa dafanii gadduu, qalbiin cabuu, aarutti daba takkaa immoo qalbiin goguu, uumamni isaa dhagaa ta’uutti daba.

Yommuu amala “Suuta jechuu fi mararfannaa” irraa dabu takkaa garmalee ariifachuutti, muddamuutti daba, takkaa immoo qisaasessutti maqa. Namni suuta jechuu yoo dhiise garmalee ariifachun waa baay’ee balleessa. Ammas garmalee yoo suuta jedhe, wantoota baay’ee dhaba.

Ammas namni amala “Jabeenyaa” irraa yoo jallate, takkaa oftuulutti, takkaa immoo salphinnatti daba. Jabeenyi jiddu-galeessa oftuulu fi salphinna jidduutti argamuudha.

Amala “Wanta qabanitti gammaduu” irraa yoo dabe, takkaa haafayutti takkaa immoo tuffii fi gatuutti gora. Namni wanta qabuutti gammaduu yoo dhiise, garmalee haafaya. Ammas garmalee wanta xiqqootti kan gammadu yoo ta’ee, wanta gaarii ta’e ni tuffata, ni gata. Fakkeenyaf, beekumsa xiqqootti kan gammadu yoo ta’ee fi beekumsa dabalataa barbaadu yoo dhiise, wanti baay’een isa jala darba.

Amala “Rahmataa” irraa yoo dabe, takkaa qalbiin goguutti takkaa immoo qalbii dadhabuu fi dabeessa ta’uutti gora. Fakkeenyaf, hoolaa gorra’u, nama badii hojjate adabuu, mucaa adaba qabsiisu fi kkf irraa ni dheessa. Rahmatatu akkana na godhe jedha.

Ammas, “fuulan ifa (bashaasha) ta’u” irraa yoo dabe, takkaa fuula guuru fi fuula namarraa garagalchuutti daba; takkaa immoo namuma arge waliin seeqachutti gora. Yommuu inni fuula guuru namoonni irraa dheessu. Ammas namuma argetti yommuu seeqatu kabajni isaa gadi bu’a.
Kanaafu, amalli gaariin jiddu-galeessa amaloota babbadoo lamaan jiddutti argamuudha.

Amala gaarii akkamitti argachuun danda’amaa?
Namni akkuma amala gaarii uumaman argatu, amala gaarii carraaqqi fi tattaaffin argachuu ni danda’a. Amala gaarii carraaqqin argachuuf wantoota armaan gadii haa hojjatu:

1.Kitaaba Rabbii fi sunnaah Rasuulaa (SAW) haa ilaalu– Aayata Qur’aana fi hadiisa amala gaaritti nama kakaasan qo’achuu fi dhageefachuun amala gaariin of faayu danda’a. Mu’iminni yommuu amala gaarii Qur’aana fi hadiisa keessatti argu amala saniin of faaya.
2.Nama amala gaariin beekkameen hiriyyoomu– Ergamaan Rabbii (SAW) jecha kanatti akkana jechuun akeeku:

Fakkeenyi hiriyyaa gaarii fi hiriyyaa badaa akka nama miskii baadhatuu fi buufaa cimdii afuufuti. Namni miskii baadhatu takkaa akka kennaatti shittoo siif kenna takkaa isarraa bitta takkaa immoo foolii gaarii isarraa argatta. Garuu namni buufaa cimdii afuufu yookaa uffata kee guba yookiin immoo fooli badaa isarraa argatta.Sahih al-Bukhari 5534

Miskii jechuun wanta shittoon irraa hojjatamuudha. Buufaan immoo sibila tumtuun ibidda ittiin afuufuf meeshaa itti fayyadamtudha.
Hiriyyaan gaariin akka miskiiti. Wanta gaarii fi amala gaarii siif qooda,beekumsa irraa argatta,karaa badaa irraa karaa qajeelatti si qajeelcha. Hiriyyaan badaan immoo akka buufaati. Isarraa wanta badaa malee wanta biraa hin argattu. Amala kee balleessa. Gaarummaa fi beekumsarraa si fageessa. Jireenya kee guba.

3.Adabbii amala badaa irraa argamu itti yaadu– namni amala badaa qabu, namoonni ni jibbuu, irraa dheessu, maatiin isaa ni diigama. Akkasumas, namni adabbii addunyaa fi aakhiratti isa qunnamu yaadachun amala badaa irraa fagaachu danda’a.
4.Namni amala Ergamaa Rabbii (SAW) beekun isatti hidhachuuf yoo tattaafate, amala gaarii ni horata.
5.Ammas hojiiwwan amala gaaritiin wal qabatan hojjachuuf irratti of dirqisiisu qaba. fakkeenyaf, namni doy’i nama arjaa ta’uu yoo barbaade, xiqqoma xiqqoon namootaf qabeenya kennuuf itti of dirqisiisa. Yoo haala Kanaan itti fufe suutama suutan nama arjaa ta’a. Hojii biroos akkanumatti hojjata.
6.Dhumarratti namni amala gaarii galmaan gahuuf gara Rabbii deebi’uun isa kadhachuu qaba. akkana jedhee Rabbiin kadhachuu danda’a:
“Yaa Rabbii gara amala gaarii na qajeelchi, amala badaa narraa deebisi.”

Like: https://www.facebook.com/jireenyabadhaatu/

Gaafii:
1.Maddoonni ykn rogoonni amala gaarii fi badaa maal fa’a?
2.Karaaleen amala gaarii itti argatan maal fa’a? Tarreessi
3.Zulmii jechuun maal jechuudhaa?

Kitaabban wabii:
[1] Makaarimal aklaaq-fuula 8-10,42-44 Muhammad Saalih Useymiin
[2] Madaarija saalikiin-fuula 596-597

Xurree Milkaa'innaa fi Gammachuu-21ffaa
Amala Gaarii-Kutaa 1ffaa

One comment

Leave a Reply