Xurree Milkaa’innaa fi Gammachuu-21ffaa

Barreefamonni gaggabaaboon kunniin fuula Fesbuuki Jireenya Badhaatu irraa walitti funaannaman (Ji’a Muddee 13-20/2016)
Madaa darbee hooqun dhibee ofitti hin kaasin. Yeroo tokko tokko wanta namoonni siin jedhan ykn badii sirratti raawwatan yaadachuun, madaa onnee teeti ofitti kaasta. Dallansuu darbe hoo’isuun sheyxaanni wanta badaa akka raawwattu itti si kakaasa. Kanaafu, gadoo kuufachuu irra namootaf irra darbi. Yommuu jechoota fi miidhaa isaanii yaadattu, “A’uzubillaahi mina sheyxaani rajiim (Sheyxaana abaarrame irraa Rabbiin tiikfama)” jedhi. Jechoota fi miidhaa isaanii irra deddeebiste yaadun madaa qalbii keeti ofitti hin kaasin. Wanti takka darbe duubatti akka hin deebine yaadadhu. Yaada kee gara wanta gaariitti qajeelchuuf tattaafadhu. Fakkeenyaf, beekumsa barbaadu.

Wanti garmalee barbaachisaa ta’e, baay’inna hojii keeti osoo hin ta’in qulqullinna hojii keetiti. Qulqullinna hojii keetitu milkaa’inna kee murteessa. Warroonni baay’inna irratti xiyyeefatan, wanta barbaadan san argachuu danda’u. Garuu yeroo muraasan booda ni dhabu. Fakkeenyaf, namoonni qabeenya baay’ee walitti kuusuf haraamas halaalas osoo hin jedhin karaa kaminiyyuu fiigan , yeroo muraasan booda ni kasaaru. Gara biraatin immoo namoonni qulqullinna hojii isaanii irratti xiyyeefatan, wanta barbaadan argachuuf yeroo dheeraa itti fudhachuu danda’a. Garuu isaan warra milkaa’odha. Kanaafu hojii kamiyyuu yoo hojjattu qulqullinna irratti xiyyeefadhu. Fakkeenyaf, salaata yommuu salaattu, qulqullinna salaata irratti xiyyeefadhu. Qulqullinna salaata keessaa tokko kushuu’a (Rabbiin funduratti gadi of qabu, sodaa qabaachu, niyyaa guutun salaata irratti xiyyeefachu) qabaachudha. Kuni yeroo dheeraa sitti fudhachuu danda’a. Garuu carraaqi cimaan booda firii isaa ni argita. Kanaafu qulqullinna yoo barbaadde obsaan carraaqi.

Yommuu sheyxaanni nama tokko gowwomsuu barbaadu, hojii gaggaarii darbe isa yaadachisuun badii/cubbuu isaa isa dagachiisa. Inuma Rabbiin irraa araarama kadhachuu fi gara Isaatti deebi’u isa irraanfachiisa. Namni yommuu hojii gaarii isaatin boonu gara fuunduraatti deemu hin danda’u. Beekii,Rabbiin khaatima keenya haa tolchuuti, dhumti nama kamitu kan murteefamu hojii dhumaa inni hojjateeni. Hojiin isaa kan darbee hanga fedhee gaarii haa ta’u, namtichi haala badaa irratti yoo du’e suni kufaati isaati. Fuggisoo kana, namtichi biraa badii baay’ee hojjataa turee yoo haala gaarii irratti du’e suni milkaa’inna isaati.
Kanaafu, hojii gaggaarii keetin hin gowwoomin. Yeroo hundaa badii kee yaadachuun gara Rabbii deebii’i. Yeroon ati hojii gaggaarii kee itti yaadattu, of jajjabeessu fi Rabbiin galateefachuuf haa ta’u. Kanarra darbee hojii gaggaarii kee yaadachun yoo itti oftuulte, of balleessaa jirtaa jechuudha. Of dinqisifannaan yommuu sitti dhagahamu qalbii tee irraa haaquf carraaqi. Sheyxaanni of dinqisifannaa sitti afuufun waxmadii isaatti si darba, ergasii olguddachuu hin dandeessu.
Dhaamsi dhumaa, hanga feete hojii gaggaarii yoo hojjatte, hanga silaa gahuumsa kee kan hin geenye ta’uu yaadadhu. Ganaa adeemsi baay’en si hafuu danda’a. Osoo gahuumsa kee hin gahin akkamitti hojii gaggaarii kee irratti hirkattaa? Yeroo maraa hojii gaggaarii dabalataa qulqullinnaan hojjachuuf carraaqi.

Yoo wanta hojjattu dhabde ykn wallaalte, jechoota gaggaarii dubbadhu. Jechoota gaggaarii dubbachuun sadaqaadha. Yoo kana hundaa dadhabde, cal’isi. Abu Zayyaal akkana jechaa ture: akkuma dubbii barattu cal’isaas baradhu. Yoo dubbiin kan si qajeelchu ta’ee cal’isuun immoo si eega. Cal’isa keessa amaloota lama horatta. Tokkoffaa nama si caalaa beekaa ta’e irraa beekumsa argatta. Lammaffaa, nama si caalaa mormii baay’isu irraa of eegda.”

Yommuu sheyxaanni namoota jallisuu barbaadu, karaa Qur’aana fi Sunnaah Ergamaa Rabbii (SAW) itti cufa. Qur’aana fi sunnaa caalaa jechoota namootaa itti mi’eessa. Qur’aana fi sunnaah hordofuu dhiisanii jechoota falaasfota fi namoota jallatanii akka hordofan isaan taasisa. Namoota meeqatu kitaabota faaydi hin qabne osoo dubbisanuu jireenya isaanii fixan. Garuu Qur’aana altokkoyyuu bananii hin beekan. Akka harreen leenca irraa dheessitutti Qur’aana irraa dheessan. Kanaafu, jechoonni namoota Qur’aana caalaa kan sitti mi’aayan yoo ta’e, sheyxaanan qoramaa akka jirtu beeki. Qur’aana jaalachuu fi dubbisuuf yeroo hundaa carraaqi. Afaan beektun hiika isaa dubbisuuf tattaafadhu.

Yeroo tokko Abu Dardaa’a (RA) namticha cubbuu raawwate bira darbe. Namoonni nama cubbuu raawwate kana arrabsuu jalqaban. Abu Dardaa’anis akkana isaaniin jedhe, “Mee natti himaa, osoo cafoo bishaaniitti taree hin baastanii?” Isaanis ni jedhan, “Eeti ni baasna” Innis ni jedhe,”Obboleessa keessan hin arrabsinaa. Rabbii badii kanarraa isin eege galateefadhaa.” Namoonnis ni jedhan, “Sila isa hin jibbituu?” Innis ni jedhe, “Ani hojii isaa qofa jibba. Yoo hojii san dhiise inni obboleessa kiyya.”

Umar ibn Al-Khaxxaab (RA) akkana jedha,” Yoo obboleessa keessan kan jallate argitan, suuta itti dhiyaadha, karaa sirriitti qajeelchaa, Rabbiin tawbaa isaa akka irraa qeebalu kadhaafi. Isarratti (obboleessa keessan irratti) sheyxaanaf gargaara hin ta’in”
Madda: Hayatu Salaf – fuula 162

Humnaa fi sammuu keetitti fayyadamuun oomishaa ta’ii malee harka namaa eeggatuun of hin salphisin. Namoonni gariin osoo humnaa fi carraa qabanuu hojii jibbuu fi ceem’uu irraa kan ka’ee sadaqaa fi harka namaa ilaalu.Qabeenya kadhaa fi karaa haraamatiin walitti guuru barbaadu. Nama Rabbiin sodaatu fi hiyyeessa waa hin qabne fakkaatanii, namoota irraa maallaqa ciratu. Kuni salphinnaa fi of gowwomsuu malee maal ta’uu danda’a? Osoo humnaa fi carraa qabu hojjatu dhiise yommuu kadhatu namoonni,”Kadhattu, kajeeltu, fi kkf”jechuun isa arrabsu fi salphisu. Kanaafu, nama kadhatte salphatu irraa humna qabduun hojjadhu. Hojiin salphinnaa miti namoota kadhatutu salphinna malee. Qabeenya namaa dharra’uun namoota jala harka hin qabatin. Hanga dandeessu hojjadhu Rabbii kee jala harka qabadhu. Kanatu kabajaa fi ulfinna.

Namni obboleessa isaa kophatti gorse, suni gorsa dhugaati. Namni namoota afootti isa gorse immoo isa salphisee jira.” —Suleymaan al-Khawwaadi
Kanaafu namoota yoo dandeenye addatti isaan haa gorsinu. Namoota keessatti isaan salphisuu irraa of haa eegnu. Fudayl ibn Iyaad akkana jedhe,”Mu’iminni dogongora namaa ni dhoksa, kophatti dhugaan isa gorsa, faajirri (namni badaan) immoo ni haleela, ni salphisa, dogongora ifatti baasa.”

Yommuu dogongora raawwattu, keessi kee garmalee madaa’u fi dhiphachu danda’a. Falli kee madaa waliin aadu osoo hin ta’in, dogongora keetirraa barnoota fuudhatte gara funduraatti tarkaanfachudha. Dogongora walfakkaatu gara funduraatti akka hin raawanne of eegganoon adeemi. Namni dogongora irratti dogongora walfakkaatu hojjatu akka nama boollo takkatti yeroo hundaa kufuuti. Boollo san yookaa cuqqaale bira hin darbu yookiin immoo irraa hin goru. Kanaafu jireenya keessatti dogongora walfakkaatu hin raawwatin.

Of kabajuun cubbuu irraa dheessu fi fagaachu irraa jalqaba. Namni yommuu cubbutti kufee achumaan itti hafu, of salphisaa fi gadii of xiqqeessaa adeema. Garuu yoo gara Rabbii dhugaan deebi’e fi hojii gaggaarii hojjate, kabaja isaa ni deebifata.

Addunyaa tana keessatti wanti jaalala Rabbii caalaa mi’aawa ta’e gonkumaa hin jiru. Yommuu jaalalli Rabbii onnee keessatti sirritti gadi dhaabbatu, burqaa gammachuu fi milkaa’inna ta’a. Yommuu namni tokko waan hundaa caalaa Rabbiin jaallatu, qalbiin isaa gammachuu fi tasgabbiin guuttamti. Kana ibsuuf jechi nama hanqata. Namni jaalala Rabbii dhabe gammachuu fi milkaa’inna itti fufinsa qabu wanti kennuuf hin jiru. Sababni isaas, Maddi gammachu fi milkaa’inna Rabbiidha. Namtichi Rabbiin yoo hin jaallatin, gammachuu, tasgabbii fi milkaa’inna eessaa argataa? Qalbii teenya keessatti jaalala Rabbii gadi dhaabuf maloota hordofnutu jira. 1ffaa, Qur’aana qo’achuu fi dhageefachuun Rabbiin beeku. 2ffaa, hojii gaggaarii Ergamaa Rabbii (SAW) hordofuun hojjachuu fi cubbuu/badii irraa fagaachu. 3ffaa, hojii keenya keessatti ikhlaasa qabaachu. 4ffaa,fedhii lubbuutti qabsaa’u. 5ffaa, tolaa fi qananii Isaa yaadachun galata galchuu. 6ffaa, tafakkura (uumamtoota fi mallatoole yuniversii keessa jiranitti xinxallu). 7ffaa, zikrii baay’isanii gochuu, araaramaa yeroo hundaa kadhachuu fi tawbaan gara Isaatti deebi’u. Balaa nama qunname irratti obsa qabaachu.

 

Amala Gaarii-kutaa2ffaa

Leave a Reply