Sadarkaalee sharrii sheyxaanaa
Sharrii jechuun wanta badaa fi miidha hamaa namarraan gahuudha. Sharrii kan darbee, kan ammaa fi kan dhufu jechuun bakka saditti qoodu dandeenya. Sharriin darbee adabbii ammaa fi gara fuunduratti namatti fidu danda’a. Sharriin amma keessa jiraniis jireenya namatti dhiphisuu fi dukannessun hulaa gammachuu fi milkaa’innaa cufa. Sharriin gara fuunduraatti dhufu immoo gara milkaa’inna akka hin fiigne gufu namatti ta’a yookiin nama kuffisa. Sharriiwwan kunniin akkanumatti lafaa ka’anii hin dhufan. Sababa wayi qabu. Kan duubaa isaan dhiibutu jira. wantoota sharrii namatti dhiiban ykn nama gara sharriitti dhiiban keessa inni guddaa fi hangafni sheyxaana. Sharriin sheyxaanaa sadarkaalee qaba. Read more