Sadarkaalee sharrii sheyxaanaa

Sharrii jechuun wanta badaa fi miidha hamaa namarraan gahuudha. Sharrii kan darbee, kan ammaa fi kan dhufu jechuun bakka saditti qoodu dandeenya. Sharriin darbee adabbii ammaa fi gara fuunduratti namatti fidu danda’a.  Sharriin amma keessa jiraniis jireenya namatti dhiphisuu fi dukannessun hulaa gammachuu fi milkaa’innaa cufa. Sharriin gara fuunduraatti dhufu immoo gara milkaa’inna akka hin fiigne gufu namatti ta’a yookiin nama kuffisa. Sharriiwwan kunniin akkanumatti lafaa ka’anii hin dhufan. Sababa wayi qabu. Kan duubaa isaan dhiibutu jira. wantoota sharrii namatti dhiiban ykn nama gara sharriitti dhiiban keessa inni guddaa fi hangafni sheyxaana. Sharriin sheyxaanaa sadarkaalee qaba. Read more

Xurree Milkaa’inna fi Gammachuu-kutaa 22

Haala Nama Jaalalaan Qabame
Namni jaalalaan qabame akka nama bishaan garmalee dheeboteeti. Namni dheebota hanga bishaan san dhuguu garmalee muddama. Erga bishaan dhuge booda dheebun itti hin dhagahamu. Namni jaalalaan qabamees fedhii ofii guutuf garmalee muddama. Erga fedhii ofii guuttate booda gubaan suni ni qabbanaa’a. Garuu karaan inni fedhii ofii ittiin guuttate murteessadha. Yoo karaa haraamatin (fakkeenyaf,sagaagalummaan) fedhii ofii guutatte gubaan suni irraa hin hir’atu, inuma itti dabala. Fakkeenyi isaa akka nama bishaan sooqida (ashaboo) ykn ho’aa dhugeeti. Yoo karaa fuudhaa heeruman ta’e suni dansaadha (gaariidha). Kuni immoo akka nama bishaan qabbanaa’a dhugeeti.  Read more

Miira Gadi-aantummaa

Miira gadi aantummaa yommuu jennu namni tokko mataa ofii shakkuu, “Ani nama gadi aanaa amala cimaa fi ol’aanaa hin qabneedha.” Jedhee ofi ajifachuu fi of gadi xiqqeesudha. Miirri gadi aantummaa ijoollumma irraa jalqabee hanga du’aa kan itti fufu ta’uu danda’a. Miirri kuni nama dhuunfaa qofa osoo hin ta’in hawaasa fi biyya kan miidhudha. Biyyi gadi aantummaan itti dhagahamu biyya biraatif gabra fi kajeelattu taati. Miira gadi aantummaa bakka saditti qoonne mee haa ilaallu. Read more

Zikrii-Furtuu Gammachuu-Kutaa 3

Waa’ee zikrii ilaalchise torbaan darbe irraa itti fufuun kutaa dhumaa har’a ni ilaalla. Zikriiwwan kanniin irraa namni tokko bu’aa argachuuf guyyaa guyyaan shaakaluuf carraaqu qaba. Hanga danda’en kan shaakalu yoo ta’e mi’aa zikrii suutuma suutan argaa adeema. Zikrii armaan gadii buusun (downlod gochuun) haala namatti toluun dubbisuu yoo barbaaddan, linkii kana tuqaa http://www.sammubani.com/wp-content/uploads/2017/12/ZIKRII1.pdf Read more

Zikrii-Furtuu Tasgabbii-kutaa-2ffaa

Torbaan darbee faayda fi sadarkaalee zirkii ilaalle turre. Yaadachisaf, zikriin bu’aa fi faaydan isaa lakkawamee hin dhumu. Namuuma itti fayyadametu mi’aa isaa dhandhama. Namoonni zikrii baay’isan, nageenyi fi tasgabbiin qalbii isaanii uwwisa. Namoonni yommuu gaddanii fi nuffan, warroonni zikrii godhan gammachuun jiraatu. Bakka deeman hundatti zikriin afaanii hin bu’u. Yommuu isaan zikrii dhiisan qalbiin isaanii akka qurxummii bishaanii baate taati, tasgabbii dhabu, ni jeeqamu. Rakkoo fi dhiphinna kana hunda jalaa bahuuf dafanii gara zikrii dheessu. Dhugumatti gamnooni namoota kanniini!  Read more

Zikrii-Furtuu Milkaa’innaa-kutaa-1

Namni osoo dhimma zikrii sirritti itti xinxallee fi hojii irra oolche, furtuu fi wiirtuun milkaa’innaa zikrii keessa akka jiru ni arga. Zikrii jechuun maal jechuudhaa?
Akkuma hayyoonni Islaama hiikan zikrii jechuun Rabbiin faarsu, qulqulleessu fi amaloota guutun Isa wassafuu (ibsuu) irraa wanta arrabaa fi qalbii irra yaa’u (darbuu)dha. Fakkeenyaf, subhaanaAllah (Rabbiin qulqullaa’e) jechuun zikrii (yaadannoo) dha. Rabbiin ni jedha:
Ana yaadadhaa, Anis isiniin yaadadhaa. Galataa Naaf galcha, Nattis hin kafarinaa.” Suuratu Al-Baqara 2:152
Read more