Zikrii-Furtuu Milkaa’innaa-kutaa-1

Namni osoo dhimma zikrii sirritti itti xinxallee fi hojii irra oolche, furtuu fi wiirtuun milkaa’innaa zikrii keessa akka jiru ni arga. Zikrii jechuun maal jechuudhaa?
Akkuma hayyoonni Islaama hiikan zikrii jechuun Rabbiin faarsu, qulqulleessu fi amaloota guutun Isa wassafuu (ibsuu) irraa wanta arrabaa fi qalbii irra yaa’u (darbuu)dha. Fakkeenyaf, subhaanaAllah (Rabbiin qulqullaa’e) jechuun zikrii (yaadannoo) dha. Rabbiin ni jedha:
Ana yaadadhaa, Anis isiniin yaadadhaa. Galataa Naaf galcha, Nattis hin kafarinaa.” Suuratu Al-Baqara 2:152

Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhan, “Fakkeenyi nama Gooftaa isaa yaadatu fi kan Gooftaa isaa hin yaadanne akka jiraataa fi du’aati.”  Sahih al-Bukhari 6407

Namni Rabbii isaa yaadatu akka nama jiraatati. Namni Rabbii isaa hin yaadanne immoo akka nama du’eeti. Namni Rabbiin yaadatu qalbiin isaa jiraattudha. Namni Rabbiin hin yaadanne immoo qalbiin isaa duutudha.

Kanaafu, gabaabubatti zikrii jechuun arrabaa fi qalbiin Rabbiin yaadachuu fi faarsudha.

Faayda Zikrii

Beektonni gariin akkana jedhu: jiraattonni addunyaa tanaa wanta garmalee mi’aa ta’ee osoo hin dhandhamin jireenya tana keessaa bahan. “Wanti garmalee mi’aayin (gaariin) addunyaa keessa jiru maaliidhaa?” jedhamuun gaafatame. Ni jedhe, “Rabbiin jaalachuu, Isa beeku fi yaadachu (zikrii) dha.”

Kitaaba imam ibn al-Qayyim, al-waabil al-sayb jedhu keessatti faayda zikrii 73 ol tarreessa. Muraasa isaanii mee haa ilaallu.

1.Zikriin sheyxaana ari’a, ni ukkaamsa, ni cabsa. (Dhugumatti, namni yommuu Rabbiin yaadatu, sheyxaanni irraa fagaata. Yommuu namni Gooftaa isaa dagatu immoo, sheyxaanni isatti taphata.)
2.Zikriin Ar-Rahmaanin ni gammachiisa
3.Qalbii irraa dhiphinnaa fi gadda ni oofa
4.Qalbiif mirqaansu, gammachuu fi bal’inna fida.
5.Qalbii fi qaama jabeessa. (namni Rabbiin hin yaadanne qaamni isaa ni bututa, qalbiin isaa ni cabdi.) Zikriin soorata fida
6.Balbala guddaa Rabbiin ittiin beeku namtichaaf bana. Akkuma namtichi zikrii baay’isu, Rabbiin beeku ni dabalamaaf.
7.Qalbii daandi’aa’uu irraa qulqulleessa. Wantoonni qalbiin daandi’eessan lama. Isaanis: cubbuu raawwachuu fi gaflaa (Rabbiin dagachuudha). Qalbiin dandii kanarraa kan qulqullooftu waa lamaani. Isaanis; Rabbiin araarama kadhachuu fi zikriini.
8.Zikriin azaaba (adabbii) Rabbii fi gaabbi Guyyaa Qiyaamaa irraa nama baraara.

Rabbiin yeroo hundaa yaadachun Rabbiin kophatti isa dhiisu irraa nama tiiksa. Rabbiin yoo nama dhiise addunyaa fi aakhiratti akka gaddanii fi dararaman nama taasisa.

Rabbiin ni jedha:
“Yaa warra amantan! Rabbiin sodaadhaa. Lubbuun kamuu waan boruuf dabarfatte haa ilaaltu. Ammas Rabbiin sodaadhaa. Dhugumatti, Rabbiin waan isin hojjatan hundaa keessa beekadha. Akka warra Rabbiin dagannaan lubbuu isaanii isaan dagachiise hin ta’inaa. Isaan warraa finciltootadha.”Suuratu Al-Hashr (59): 18-19

Rabbiin warroota amanan akka Isa sodaatan ajaja, namoota Inni dhiisen akka wal hin fakkaanne irraa isaan dhoowwa.  Namoota Isa sodaachu dhiisan adabbiin isaanii of dagachuu akka ta’ee beeksisa. Kana jechuun warroonni of dagatan of foyyeessu, wanta azaaba(adabbii) hamaa irraa isaan baraaru, wanta jireenya gaarii, mi’aa, qananii fi gammachuu zalaalamii isaan jiraachisu irraanfatan. Akkuma isaan Rabbiin dagatan Rabbiis isaan dhiise.

Faaydaa zikrii erga hanga kana ilaalle, mee amma sadarkaa fi ramaddii isaa haa ilaallu
Ammas, madaarija Saalikiin irraa imaam al-Qayyim sadarkaa zikrii haala kanaan ibsa.
Namoonni milkaa’on zikrii irraa siinqi (galaa) Aakhiraa qopheefatu, zikriin daldaalatu (Kana jechuun namni zikrii godhu ajrii (mindaa) argata. Kuni daldala kasaaraa hin qabnedha.) Yeroo hundaa gara zikrii deddebi’u. Qalbiin isaanii yommuu zikrii irraa adda baatu ona taati; gaddaa fi dhiphinnaan guuttamti. Zikriin meeshaa waraanaa sheyxaanaa karaa namatti cufuu ittiin waraananiidha. Zikriidhaan badii ofirraa deebisu, rakkoo ofirraa kaasu, muusiban isaanirratti laafti. Yommuu balaan isaan gaaddiseesu gara zikrii dheessu. Qalbii gaddite akka kolfitu fi gammaddu taasisa.

Hasan al-Basrii (Rabbiin rahmata isaa haa godhu) ni jedha: “Wantoota sadi keessa mi’aa (jireenyaa) barbaadaa. Isaanis: Salaata keessa, zikrii keessa fi Qur’aana qara’uu keessa.”

“Abdullaah bin Busr irraa akka odeeffametti: namni tokko “Yaa Ergamaa Rabbii sharii’aan Islaamaa narratti baay’attee waan ani qabadhu natti himi” jedhe. Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: “Arrabni kee zikrii Rabbii irraa hin qoorin.Jami` at-Tirmidhi 3375

(Kana jechuun dirqamoota amantii biroo kanneen akka salaataa dhiisi zikrii muraasa godhi jechuu osoo hin ta’in “Zikrii baay’isi godhi shari’aan Islaamaa siif salphata” Jechuudha. Namni akkuma zikrii baay’isu, hojiin isaaf salphata, balballi milkaa’inna isaaf banama.) Ragaan kanaa jecha Rabbii olta’eeti:

Akka milkooftaniif jecha baay’innaan Rabbiin yaadadhaa (zikrii baay’isaa).” (Suuratu Al-Anfaal 8:45, Al-Jum’aa 62:10)

Yaa warra amantan yaadannoo baay’ee Rabbiin yaadadhaa. Ganamaa fi Galgalas faaruudhaan Isa qulqulleessaa. Inni (Rabbiin) Kan rahmata isin irratti buusudha. Malaaykonni Isaas [akkasuma rahmataa fi araarama isiniif kadhatu] akka dukkana keessaa ifatti isin baasu. Rabbiin mu’imintootaf akkaan rahmata godhaa ta’eera.” (Al-Ahzaab, 33:41-43)

Kanaafu, namni yeroo hundaa Rabbiin yaadatu fi faarsu dukkana cubbuu, badii, kufrii, nifaaqaa fi kkf keessaa gara ifa Islaama, iklaasa, gammachuu fi milkaa’innaatti baha.

Zikriin sadarkaa ykn gosoota sadii qaba. Isaaniis;
A) Zikrii faaruu– fakkeenyaf, “Subhaanallah, Alhamdulillah, Laa ilah ilallah, Allaahu Akbar” jechuu

B) Zikrii du’aayi– Fakkeenyaf, “Gooftaa keenya! Lubbuu teenya miine jirra. Yoo Ati nuuf hin araaraminii fi rahmata nuuf hin godhin, dhugumatti nuti warra hoonga’an irraa taana.” Suuratu Al-A’araaf 7:23

C) Zikrii ri’aayah (eeggachuu) fakkeenyaf, jecha nama Rabbiin yaadatu, “Rabbiin na waliin jira, Rabbiin na ilaala, Rabbiin ragaa bahaadha” fi kkf. Zikrii kana keessa fooyya’insa qalbii too’achu, Rabbiin waliin adaba tiiksu, gaflaa irraa of eegu fi sheyxaana fi nafsee irraa of eegutu jira.
Zikriin Nabiyyii gosoota zikrii armaan olii hundaa kan of keessatti qabateedha.

(Dhugumatti zikriin dhumaa kuni zikrii cimaadha. Yeroo baay’ee qalbii waliin kan wal qabateedha. Kophaa fi ummata keessatti, dukkanaa fi ifatti, Rabbiin na arga jedhe namtichi waan yaaduf, badii hojjachuu irraa ni dheessa. Fakkeenyaf, yommuu adda jirtu fi nafseen wanta badaa akka hojjattu itti si ajajju (fkn filmii wal-qunnamti saalaa ilaalu), ati Rabbiin na arga jechuun fedhii lubbuu tee daangessita. Kuni zikrii eeggachuu jedhama.)

Ammas zikrii gosoota sadan kanaan ala kan biraa itti dabaluun ni danda’ama.Innis, zikrii waan gaaritti ajajuu fi waan badaa irraa dhoowwu. Namoonni yommuu waa’ee Rabbii wal yaadachisan, waan gaaritti wal ajajanii fi waan badaa irraa wal dhoowwan, zikrii godhaa jiruu jechuudha. Kuni immoo wanta mindaa guddaa argamsiisudha.

Zikriin haala sadiin adeemsifama.Isaanis, i. Arrabaa fi qalbiin (sadarka hundarra guddaa), ii)Qalbii qofaan, iii)Arraba qofaan

Adaboota (naamusa) zikrii keessaa;
Bakki itti zikrii godhan qulqulluu ta’uu. Fakkeenyaf, mana fincaani fi naannoo koositti zikrii gochuu dhiisu. Namni zikrii godhuu afaan isaa qulqulluu ta’u,(rigaadhaan afaan isaa qulqulleessu), yoo danda’ame qiblatti garagaluu, wanta jedhu irratti xinxalluu fi hiika isaa beeku. Zikriin hunda caalu Qur’aana. Zikrii bartee godhuu fi addaan kutuu dhiisudha.

Beektonni Islaama nama wudu’a hin qabne, junuba ta’e, dubartii heeydi argite fi yeroo da’uumsa irra jirtu arrabaa fi qalbiin zikrii gochuu akka danda’an irratti walii galanii jiru. Fakkeenyaf “Subhaanallah, Alhamdulillah, Laa ilah ilallah, Allaahu Akbar” jechuu danda’u.

Kanaafu, bakki bakka koosi fi mana fincaani yoo hin ta’in eessayyu taane zikrii gochuu dandeenya jechuudha. Fakkenyaf, karaa irra yommuu deemnu, konkolataa yommuu yaabbannu, nyaata bilcheessinu fi kkf.

Guduunfaa
Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) ni jedha:
7:205

Lubbuu kee keessatti gadi of qabaa fi sodaataa, sagalee osoo ol hin fuudhin ganamaa galgala Gooftaa kee faarsi. Dagattoota irraas hin ta’in.” suuratu Al-A’araaf,7:205

Kitaaba wabii

Fafirruu Ila Allah– fuula 99-109, by Abu Zarr Qalamuuni

Zikrii-Furtuu Tasgabbii-kutaa-2ffaa
Niyyaa

Leave a Reply