Zikrii-Furtuu Tasgabbii-kutaa-2ffaa

Offline dubbisuf

Torbaan darbee faayda fi sadarkaalee zirkii ilaalle turre. Yaadachisaf, zikriin bu’aa fi faaydan isaa lakkawamee hin dhumu. Namuuma itti fayyadametu mi’aa isaa dhandhama. Namoonni zikrii baay’isan, nageenyi fi tasgabbiin qalbii isaanii uwwisa. Namoonni yommuu gaddanii fi nuffan, warroonni zikrii godhan gammachuun jiraatu. Bakka deeman hundatti zikriin afaanii hin bu’u. Yommuu isaan zikrii dhiisan qalbiin isaanii akka qurxummii bishaanii baate taati, tasgabbii dhabu, ni jeeqamu. Rakkoo fi dhiphinna kana hunda jalaa bahuuf dafanii gara zikrii dheessu. Dhugumatti gamnooni namoota kanniini! 

Mee har’a zikriiwwan garagaraa jireenya guyyoo keenya keessatti itti fayyadamnu hiika isaanii waliin haa ilaallu. Zirkii salaata keessatti jennu duraan ilaalle turre. Kanaafu, lamuu irra hin deebinu. Amma zikrii gosa lamaanii keessaa filannee ni ilaalla. Zikrii Rabbiin faarsu fi zikrii du’aayiti.

1.Du’aayii Yeroo mana Fincaanii seenanii

(([بِسْمِ اللَّهِ] اللَّهُمَّ إِنِّي أَعُوذُ بِكَ مِنَ الْخُبْثِ وَالْخَبائِثِ))

Bismillaahi Allaahumma innii a’uuzu bika minal khubsi wal khabaa’is
Maqaa Rabbiitiin; yaa Rabbi ani jaarsa jinnii fi jaartii jinnii irraa sittin maganfadha.

Namni du’aayi kana kan jedhu erga mana fincaanii seenee booda jechuu hin qabu. Sababni isaas, mana fincaanii keessatti maqaa Rabbii dhayuun dhoowwadha. Filaanno inni qabu, takkaa osoo mana fincaanii hin gahin du’aayi kana jechu takkaa immoo osoo arrabaan hin jedhin of keessatti jechuudha.

Du’aayii Yeroo Mana Fincaaniti bahanii
((غُفْرَانَكَ))
Gufraanaka= Araarama keen [barbaada]

2.Zikrii wudu’aan dura godhamu

((بِسْمِ اللَّهِ))
Bismillaah =Maqaa Rabbiitiin

3.Zikrii wudu’a booda Godhamuu

((أَشْهَدُ أَنْ لاَ إِلَهَ إِلاَّ اللَّهُ وَحْدَهُ لاَ شَرِيكَ لَهُ وَأَشْهَدُ أَنَّ مُحَمَّداً عَبْدُهُ وَرَسُولُهُ..))
Ash-hadu an laa ilaha ill-Allah wahdahu laa shariika lah wa ash-hadu anna Muhammadan ‘abduhu wa rasuuluhu
“Dhugaan gabbaramaan Rabbiin malee akka hin jirree, Inni tokkicha hiriyyaa Kan hin qabnee ta’uu fi Muhammadis gabrichaafi ergamaa Isaa ta’uu ragaan baha. (Sahih Muslim 234a)

Hiika jechootaa: ash-hadu-ragaa nan baha, an-akka, laa-hin jiru, ilaha-dhugaan gabbaramaan, illa-malee, Allah-Rabbiin, abduhu-gabricha isaa, rasuuluhu-Ergamaa Isaa

((اللَّهُمَّ اجْعَلنِي مِنَ التَّوَّابِينَ وَاجْعَلْنِي مِنَ الْمُتَطَهِّرِينَ))
Allaahumma-ja’alni mina-ttawwaabiina waja’alni minal mutaxahhiriina
Yaa Rabbi warra tawbachuu baay’isanii fi of-qulqulleessan irraa na taasisi.” Jami` at-Tirmizi 55
Hiika jechootaa: Ja’alni-na taasisi, mina-irraa, tawwaabina-warra tawbaa baay’isan, mutaxahhiriina-of qulqulleessan

4.Zikrii yeroo manaa Bahanii

((بِسْمِ اللَّهِ، تَوَكَّلْتُ عَلى اللَّهِ، لَا حَوْلَ وَلَا قُوَّةَ إِلاَّ بِاللَّهِ))
Bismillah tawakkaltu alallahi, laa hawla walaa quwwata illaa billah
Maqaa Rabbiitiin. Rabbirratti hirkadhe. Dandeetti fi humni hin jiru Rabbiin bira malee.” Jami` at-Tirmizi 3426
Hiika jechootaa: tawakkaltu-hirkadhe, alallahi-Rabbiin irratti, laa-hin jiru, hawla- dandeetti, quwwaa-humna

5.Zikrii yeroo mana seenan godhamuu

((بِسْمِ اللَّهِ وَلَجْنَا، وَبِسْمِ اللَّهِ خَرَجْنَا، وَعَلَى اللَّهِ رَبِّنَا تَوَكَّلْنَا،
Bismillaahi walajnaa wa bismillaahi kharajnaa, wa alallaahi rabbinaa tawakkalnaa
Maqaa Rabbiitiin seennee maqaa Rabbiitiin baane. Gooftaa keenya kan ta’e Allaah irratti hirkanneerra.” Ergasii salaamtaa maatii irratti qara’a. Sunan Abi Dawud 5096
Hiika jechootaa: walajnaa-seennee, kharajnaa-baane, alallaahi-Allaah irratti, rabbinaa-Gooftaa keenya, tawakkalnaa-hirkannee

6.Du’aayii yeroo Dhiphinnnaa (Cinqii)
((لاَ إِلَهَ إِلاَّ اللَّهُ الْعَظِيمُ الْحَلِيمُ، لاَ إِلَهَ إِلاَّ اللَّهُ رَبُّ الْعَرْشِ الْعَظِيمِ، لاَ إِلَهَ إِلاَّ اللَّهُ رَبُّ السَّمَوَاتِ وَرَبُّ الْأَرْضِ وَرَبُّ الْعَرْشِ الْكَرِيمِ)
Laa ilaha ill-Allahul-aziimul haliim; laa ilaha ill-Allahu Rabbul arshil aziim; laa ilaha ill-Allahu Rabbus-samawaati wa Rabbul ardi wa Rabbul arshil kariim

Dhugaan gabbaramaan Rabbii guddaa obsaa malee hin jiru. Dhugaan gabbaramaan Rabbii arshii guddaa malee hin jiru. Dhugaan gabbaramaan Rabbii samiiwwanii, Rabbii dachii fi Rabbii arshii kabajama malee hin jiru.”
Sahih Muslim 2730 a  Sahih al-Bukhari 6346

Hiika jechootaa: aziim-garmalee guddaa, (haliim- garmalee obsaa, danda’a, dafee kan hin adabne), Arsh-arshii, kariim-kabajamaa

((لاَ إِلَهَ إِلاَّ أَنْتَ سُبْحَانَكَ إِنِّي كُنْتُ مِنَ الظّالِمِينَ))
Laa ilaha illaa anta, subhaanaka innii kuntu mina zaalimiin
Dhugaan gabbaramaan Si malee hin jiru. Ati qulqulloofte. Dhugumatti ani miidhaa raawwattoota irraa ta’eera.” Jami` at-Tirmidhi 3505

7.Du’aayi Yeroo Masjiida Deemanii

‏”‏ اللَّهُمَّ اجْعَلْ فِي قَلْبِي نُورًا وَفِي لِسَانِي نُورًا وَاجْعَلْ فِي سَمْعِي نُورًا وَاجْعَلْ فِي بَصَرِي نُورًا وَاجْعَلْ مِنْ خَلْفِي نُورًا وَمِنْ أَمَامِي نُورًا وَاجْعَلْ مِنْ فَوْقِي نُورًا وَمِنْ تَحْتِي نُورًا ‏.‏ اللَّهُمَّ أَعْطِنِي نُورًا ‏”‏

Allaahumma ja’al fii qalbii nuuran wa fii lisaanii nuuran, wa-ja’al fii sam’ii nuuran, wa-ja’al fii basarii nuuran, wa-ja’al min khalfii nuuran, wa min amaamii nuuran, wa-ja’al min fawqii nuuran wa min tahtii nuuran. Allaahumma a’axinii nuuran.

Yaa Rabbii qalbii kiyya keessa ifaa godhi. Arraba koo keessas ifaa, dhageettii koo keessas ifaa, agartuu koo keessas ifa godhi. Duuba kiyyaan ifa, fuundura kiyyaanis ifa godhi. Gubbaa kiyyaanis jala kiyya irraas ifa godhi. Yaa Rabbii ifa naaf kenni.” Sahih Muslim 763 l

Hiika jechoota: ja’al-godhi, fii-keessa, qalbii-qalbii tiyya, nuuran-ifa, wa-fi, lisaanii-arraba kiyya, sam’ii-dhageetti kiyya, basarii-argituu tiyya, khalfii-duuba kiyya, min-irraa amaamii-fuundura kiyya, fawqii-gubbaa kiyya, tahtii-jala kiyya, a’axinii-naaf kenni.

Asitti wanti barbaadame “ifa” yommuu jedhu ifa Islaamumma, imaanaa fi beekumsaati. Namni ifa Islaamummaa yoo qabaate, ummata keessa qajeelee deema.

8.Du’aayi Yeroo Masjiida seenanii

[بِسْمِ اللَّهِ، وَالصَّلَاةُ وَالسَّلَامُ عَلَى رَسُولِ اللَّهِ اللَّهُمَّ افْتَحْ لِي أَبْوَابَ رَحْمَتِكَ))
Bismillah, wassalaatu wassalaamu alaa rasuulillahi. Allaahumma-ftahlii abwaaba rahmatika.
“Maqaa Rabbiitiin; rahmataa fi nageenyi Ergamaa Rabbii irra haa jiraatu. Yaa Rabbi hulaa rahmata keetii naaf bani.” Sunan Ibn Majah 773

9.Du’aayi yeroo Masjiidaa Bahanii

((بِسْمِ اللَّهِ وَالصّلَاةُ وَالسَّلَامُ عَلَى رَسُولِ اللَّهِ، اللَّهُمَّ إِنِّي أَسْأَلُكَ مِنْ فَضْلِك، اللَّهُمَّ اعْصِمْنِي مِنَ الشَّيْطَانِ الرَّجِيمِ))
Bismillah, wassalaatu wassalaamu alaa rasuulillahi. Allaahumma innii as’aluka min fadlika, allaahumma’asimnii mina sheyxaani rajiim.
“Maqaa Rabbiitiin; rahmataafi nageenyi ergamaa Rabbii irra haa jiraatu. Yaa Rabbi ani tola kee irraan Si kadha. Yaa Rabbi shayxaana abaarramaa irraa na tiksi.” Sunan Ibn Majah 773, sunan an-Nasaa’I- 729 

Hiika jechoota Muraasa: as’aluka-si kadha, allaahumma’asimni-yaa Rabbii na tiiksi, mina-irraa, rajiim-abaarrama

10.Zikrii Yeroo Azaanaa Godhamu

Yeroo mu’azinni (namni azaana godhu) azaana baasu, wanta inni jedhu hunda waliin jedhan hanga inni Hayya ala Salaah (Gara salaataa Koottaa), hayya alal falaah (gara baraaramaa (milkaa’innaa)) koottaa” jedhu gahutti. Yommuu inni bakka kana gahuu, akkana jedhan:
((لاَ حَوْلَ وَلاَ قُوَّةَ إِلاَّ بِاللَّهِ).
Laa hawla walaa quwwata illaa billah
“Dandeettii fi humni hin jiru Rabbiin bira malee.”

Yeroo mu’azinni azaana xumuru akkana jedhan:
((وَأَنَا أَشْهَدُ أَنْ لاَ إِلَهَ إِلاَّ اللَّهُ وَحْدَهُ لاَ شَرِيكَ لَهُ وَأَنَّ مُحَمَّداً عَبْدُهُ وَرَسُولُهُ، رَضِيتُ بِاللَّهِ رَبَّاً، وَبِمُحَمَّدٍ رَسُولاً، وَبِالْإِسْلاَمِ دِينَاً))
Wa ana Ash-hadu an laa ilaha ill-Allah wahdahu laa shariika lah wa anna Muhammadan ‘abduhu wa rasuuluhu. Radiitu billaahi rabban, wa biMuhammadin rasuulan, wa bilislaami diinan.

“Anis, dhugaan gabbaramaan Rabbiin malee akka hin jirree, Inni tokkicha hiriyyaa Kan hin qabnee ta’uu fi Muhammadis gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta’uu ragaan baha. Allaahn Gooftaa keenya ta’uu, Muhammad Ergamaa ta’uu fi Islaamni amantii kiyya ta’uu jaalladheera.” Sahih Muslim 386, Sunan Ibn Majah 721
Ergasii Nabiyyi irratti salawaata buusun du’aayi armaan gadii jedha:

((اللَّهُمَّ رَبَّ هَذِهِ الدَّعْوَةِ التَّامَّةِ، وَالصَّلاَةِ الْقَائِمَةِ، آتِ مُحَمَّداً الوَسِيلَةَ وَالْفَضِيلَةَ، وَابْعَثْهُ مَقَامَاً مَحمُوداً الَّذِي وَعَدْتَهُ، [إِنَّكَ لَا تُخْلِفُ الْمِيعَادَ]))
Allaahumma Rabba haazihi-dda’awati taammah, wassalaatil qaa’imah, Aati Muhammadan wasiilata walfadiilah, wab’as’hu maqaaman mahmuudan-il-lazii wa’adtahu innaka laa tukhliful mii’aad

Yaa Rabbii! Gooftaa waamicha guutuu kanaa fi salaata dhaabbamuuf hedu taate! Muhammadiif wasiilaa fi kabajaa kenni. Sadarkaa kabajamaa kan isaaf waadaa seente irrattis isa olkaasi. [Ati dhugumatti waadaa hin faallessitu]Sahih al-Bukhari 614

Hiika jechootaa: haazihi-tanaa (kanaa), da’awat-waamicha, taammah-guutuu, wa-fi, salaatil-qaa’imah- salaata dhaabbamuf hedu, aati-kenni, fadiilah-kabajaa, wab’as’hu-isa ol kaasi, maqaaman-sadarkaa, mahmuuda-kabajamaa,faarfamaa, allazii-kan, wa’adtahu-isaaf waadaa seente, innaka-ati dhugumatti, laa-hin, tukhlifu-faallessitu, mii’aad-waadaa

San booda mataa ofitiif azaana fi iqaama jiddutti du’aayi godha.

Barruu armaan olii buusuf linkii armaan gadii tuqaa. Linkii Download PDF kan jedhu yoo tuqxan Arabiffa saanduqa godha. Dabalataniis dubbisuuf namatti tola http://www.sammubani.com/wp-content/uploads/2017/12/Buusi-Zikrii-Furtuu-Tasgabbii-updated.pdf

Kitaaba wabii
Hisnul_muslim Hiikan gara Afaan Oromoo: Gaalii Abbaaboor Abbaaguumaa (Fuula 14-…)

Zikrii-Furtuu Gammachuu-Kutaa 3
Zikrii-Furtuu Milkaa’innaa-kutaa-1
Offline dubbisuf

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.