Zikrii-Furtuu Gammachuu-Kutaa 3

Waa’ee zikrii ilaalchise torbaan darbe irraa itti fufuun kutaa dhumaa har’a ni ilaalla. Zikriiwwan kanniin irraa namni tokko bu’aa argachuuf guyyaa guyyaan shaakaluuf carraaqu qaba. Hanga danda’en kan shaakalu yoo ta’e mi’aa zikrii suutuma suutan argaa adeema. Zikrii armaan gadii buusun (downlod gochuun) haala namatti toluun dubbisuu yoo barbaaddan, linkii kana tuqaa http://www.sammubani.com/wp-content/uploads/2017/12/ZIKRII1.pdf

1.Du’aayi yaaddoo fi Gaddaa

((اللَّهُمَّ إِنِّي أَعُوذُ بِكَ مِنَ الْهَمِّ وَالْحَزَنِ، وَالْعَجْزِ وَالْكَسَلِ، وَالْبُخْلِ وَالْجُبْنِ، وَضَلَعِ الدَّيْنِ وَغَلَبَةِ الرِّجَالِ)).

Allaahumma innii a’uuzu bika minal hammi walhazani wal’ajzi walkasali walbukhli waljubni wadala’i deyni waghalabati rijaali
Yaa Rabbi ani yaaddoo fi gadda, dadhabbii fi taatiyoo, doy’ummaa fi luynummaa, idaan ulfaachuu fi namootaan mo’atamuu irraa Sittin maganfadha.” Sahih al-Bukhari 6369

Hiika jechootaa: A’uuzu bika- Sitti maganfadha (Siin tiikfama), mina-irraa, hammi-yaaddo, hazani-gadda, ‘ajzi-dadhabinna, kasali-taatiyoo (laziness), bukhli- doy’ummaa, jubni-luynummma (dabeessa ta’uu), dala’i-itti ulfaachu, deyni-idaa, ghalabati-moo’atamu, rijaal-dhiirota (namoota)

Hubachiisa: maxxantun wa Arrabiffa keessatti jechaa fi jecha, himaa fi hima wal qabsiisuf ykn hiika biraatifis itti fayyadaman. Gara Afaan Oromootti yommuu hiiknu wal-qabsiistu “fi” ykn maxxantuu (-is) ykn qooddun (,) bakka buusne jirra. Tarii osoo hin hiikinis dhiisu dandeenya tartiibni himaa waan nu jalaa diigamuuf.

2.Zikriwwan Ganamaa fi Galgalaa
Zikriwwan ganamaa fi galgalaa baay’eedha. Isaan keessa gaggabaabo kan ta’an muraasa isaanii asitti ni ilaalla. Namni fedhe kitaaba Hisnul Muslim irraa dabalataan ilaalu danda’a.

((يَا حَيُّ يَا قَيُّومُ بِرَحْمَتِكَ أَسْتَغيثُ أَصْلِحْ لِي شَأْنِي كُلَّهُ وَلاَ تَكِلْنِي إِلَى نَفْسِي طَرْفَةَ عَيْنٍ))

Yaa Hayyu yaa Qayyuum! Bi-rahmatika astaghiisu. Aslihlii sha’anii kullahu wa laa takilnii ilaa nafsii xarfata ayn
Yaa Hayyu Yaa Qayyuum! Rahmata keen birmachiifadha. Dhimma kiyya hundaa naaf tolchi. [Hanga] libsa ijayyuu lubbuu tiyyatti na hin dhiisin. (Kana jechuun sakandiif lubbuu tiyyatti na hin dhiisin, addatti na hin gatin. Yoo na dhiiste ani nan bada)
Sunan Abi Dawud 5090 fi Al-Haakim

Hiika jechootaa: Yaa-yaa,  Hayyu– Yeroo hundaa Jiraataa, Qayyuum– Ofiin Dhaabbataa, Of Danda’aa (Self-Sustainer) ykn hiikni biraa wantoota hundaa kan jiraachisuu, too’atuu fi kan dhaabudha.
Bi-rahmatika- rahmata Keetin, astaghiisu- birmannaa barbaada (rakkoo keessaa akka bahu gargaarsa barbaada), aslihlii- naaf tolchi, naaf sirreessi, sha’anii-dhimma kiyya, kullahu-hundaa, laa takilnii- na hin dhiisin, ilaa- gara, -itti, nafsii-lubbuu tiyya, xarfata- libsa, ayn-ija

((لاَ إِلَهَ إِلاَّ اللَّهُ وَحْدَهُ لاَ شَرِيكَ لَهُ، لَهُ الْمُلْكُ وَلَهُ الْحَمْدُ، وَهُوَ عَلَى كُلِّ شَيْءٍ قَدِيرٌ))

Laa ilaha ill-Allah, wahdahu laa shariika lah, lahul mulku wa lahul hamdu, wa huwa alaa kulli shey’in qadiir

Dhugaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru. Inni tokkicha hiriyaa hin qabneedha. Mootummaan kan Isaati. Faaruunis kan Isaati. Inni waan hundaa irratti Danda’aadha.” (si’a kudhan), (yoo dadhabe si’a tokkoo )

سُبْحَانَ اللَّهِ وَبِحَمْدِهِ سُبْحَانَ اللَّهِ الْعَظِيمِ
Subhaanallahi wa-bihamdihi, subhaanallahil aziim
Rabbiin faaruu Isaa waliin qulqullaa’e; Rabbiin Guddaan qulqullaa’e
Hiika jechootaa: Subhaana- qulqullaa’e, bihamdihii- faaruu Isaa waliin, Aziim- Garmalee Guddaa
Ergamaan Rabbii (SAW) zikrii tana ilaalchise akkana jedhan:
كَلِمَتَانِ خَفِيفَتَانِ عَلَى اللِّسَانِ ثَقِيلَتَانِ فِي الْمِيزَانِ حَبِيبَتَانِ إِلَى الرَّحْمَنِ سُبْحَانَ اللَّهِ وَبِحَمْدِهِ سُبْحَانَ اللَّهِ الْعَظِيمِ
Jechoonni lama, arraba irratti salphoo, miizana (madaala) irratti ulfaato fi Ar-Rahmaan biratti jaallatamoo kan ta’an, “Subhaanallahi wa-bihamdihi, subhaanallahil aziim” dha. Sahih Muslim 2694
Kanaafu, zikrii tana baay’isuu qabna.

((اللَّهُمَّ إِنِّي أَسْأَلُكَ عِلْماً نَافِعاً، وَرِزْقاً طَيِّباً، وَعَمَلاً مُتَقَبَّلاً))
Allaahumma innii as’aluka ilman naafi’a, wa rizqan xayyiba, wa’amalan mutaqabbala
Yaa Rabbi ani beekumsa fayyadu, soorata gaarii fi hojii qeebalamtuun si kadha.” (Ganama) (Sunan Ibn Maajah )

Hiika jechootaa: Innii-dhugumatti anii, as’aluka- Si kadha, ilman-beekumsa, naafi’a-fayyadu, rizqan-rizqii (soorata), xayyiba-gaarii,wa-fi amalan-hojii, mutaqabbala-qeebalamaa (fuudhatama kan argatu)

3.Zikrii yeroo Hirriba irraa dammaquu (ka’uu)
((الحَمْدُ للَّهِ الَّذِي أَحْيَانَا بَعْدَ مَا أَمَاتَنَا، وَإِلَيْهِ النُّشُورُ))
Alhamdulillahi-lazii ahyaanaa ba’ada maa amaatanaa, wa ileyh nushuur
“Faaruun kan Rabbii erga nu ajjeese booda Kan nu jiraachiseeti. Kaafamni Guyyaa Qiyaama gara Isaatti. ” Sahih al-Bukhari 6312
Hiika jechoota: Alhamdulillah- faaruun kan Rabbiiti, allazii-kan, ahyaanaa-nu jiraachise, ba’ada- erga…booda, amaatanaa-nu ajjeese, ileyh-gara Isaa, nushuur- kaafama Guyyaa Qiyaama,

Hubachiisa: amaatanaa-nu ajjeese yommuu jennu “Hirriba” jechuu keenya. Akkuma jedhamu hirribni obboleessa du’aati. Namni rafe akkuma nama du’ee wanta naannoo isaatti raawwatamu hin beeku yoo dammaqe malee.

4.Zikriwwan Hirribaa
Yommuu gara hirribaa deemu akkuma du’aayi godhu harka isaa walitti qabee Aayatal Kursiyyi (Suurah Al-Baqara 2:255) fi Aamana Rasuulu (suurah Baqara 2:285-286) ni qara’a. Namni yeroo gara firaashaa isaa dhaqu isaan qara’e tiksaan Rabbiin biraa ta’e isa biraa hin dhabamu. Hanga bariisifatutti shayxaanni isatti hin dhiyaatu. Bukhaariitu gabaase. Sahih al-Bukhari 5010

Du’aayiwwan kanniinis jechuu danda’a:
((اللَّهُمَّ قِنِي عَذَابَكَ يَوْمَ تَبْعَثُ عِبَادَكَ))
Allaahumma-qinii azaabaka yowma tab’asu ibaadaka
Yaa Rabbi guyyaa gabroottan Kee kaaftu adabbii Kee irraa na tiksi.” (si’a sadii) Jami` at-Tirmidhi 3398  Sahih Muslim 709 a
Hiika jechootaa: qinii- na tiiksi, azaabaka- adabbii Kee, yowma-guyyaa, tab’asu-kaaftu, ibaadaka-gabroottan Kee

 5.Du’aayi Yeroo ifxaaraa
((ذَهَبَ الظَّمَأُ وَابْتَلَّتِ العُرُوقُ، وَثَبَتَ الْأَجْرُ إِنْ شَاءَ اللَّهُ))
Zahaba-zzama’u wabtallatil uruuqu, wasabatal ajru in sha’Allah
Dheebuun deeme. Hiddi dhiigaa jiidheera. Yoo Rabbiin fedhe mindaanis mirkanaa’eera.
Hiika jechootaa: Zahaba-deeme, zama’u-dheebuun, wabtallat-jiite, uruuq-hidda dhiigaa, sabata-mirkanaa’e, ajru-mindaa, in-yoo, shaa’a- fedhe, Allah-Rabiin

 6.Du’aayi Yeroo Nyaata Duraa
((إِذَا أَكَلَ أَحَدُكُمْ طَعَاماً فَلْيَقُلْ بِسْمِ اللَّهِ، فَإِنْ نَسِيَ فِي أَوَّلِهِ فَلْيَقُلْ بسمِ اللَّهِ فِي أَوَّلِهِ وَآخِرِهِ))
Tokkoon keessan yeroo nyaachuuf ka’e “Bismillah (maqaa Rabbiitiin)” haa jedhu. Yoo jalqaba irratti dagate “Bismillahi fii awwalihi wa aakhirihi (Jalqaba isaatiifi dhuma isaas maqaa Rabbiitiin [eegala])” haa jedhu. Jaami’at Tirmizii 1858 Sunan Abi Dawud 3767

7.Du’aayi Yeroo Nyaata Xumuranii
((الْحَمْدُ لِلَّهِ الَّذِي أَطْعَمَنِي هَذَا، وَرَزَقَنِيهِ، مِنْ غَيْرِ حَوْلٍ مِنِّي وَلاَ قُوَّةٍ))
Alhamdulillahi-lazii axa’amanii haazaa, warazaqaniih min gheyr hawlin minnii walaa quwwatin
Faaruun kan Rabbii kana na nyaachiseeti. Tooftaa fi humna na biraa hin ta’iniin isa na soore.” Jami` at-Tirmiziii 3458
Hiika jechootaa: Axa’amanii- na nyaachisee, haazaa-kana, razaqanii- na soore, gheyr-hin, hawlin-tooftaa, dandeetti, quwwatin-humna

8.Du’aayi nama rakkoon muudate
((إِنَّا لِلَّهِ وَإِنَّا إِلَيْهِ رَاجِعُونَ، اللَّهُمَّ أْجُرْنِي فِي مُصِيبَتِي، وَأَخْلِفْ لِي خَيْرَاً مِنْهَا))
Innaa Lillaahi wa innaa ileyh raaji’uun. Allaahumma’jurnii  fii musiibatii, wa akhliflii kheyran minhaa
Nuti kan Rabbiiti. Nuti gara Isaa deebi’oodhas. Yaa Rabbi rakkoo kiyya keessatti na mindeessi. Kan isa caalu bakka naaf buusi Sahih Muslim 918 b
Hiika jechootaa: Innaa-dhugumatti nuti, Lillaahi- kan Rabbiiti, ileyh-gara Isaa, raaji’uun-deebi’oo. Ajurnii-na mindeessi (ajrii naaf kenni), fii-keessatti, musiibatii- musiiba (rakkoo) kiyya, akhliflii-naaf bakka buusi, kheyran minhaa-kan san caalu

9.Zikrii yeroo Dallansuu
((أَعُوذُ بِاللَّهِ مِنَ الشَّيْطَانِ الرَّجِيمِ))
A’uuzu billaahi mina sheyxaani rajiim
Shayxaana abaarramaa irraa Rabbiin tiikfama.”
Hiika jechootaa: A’uuzu- nan tiikfama, billaahi-Rabbiin, mina-irraa, rajiim-abaarramaa (Rahmata Rabbii irraa kan fageefame)

10.Du’aayi Haxxissoo
((إِذَا عَطَسَ أَحَدُكُم فَلْيَقُلِ الْحَمْدُ لِلَّهِ، وَلْيَقُلْ لَهُ أَخُوهُ أَوْ صَاحِبُهُ: يَرْحَمُكَ اللَّهُ، فَإِذَا قَالَ لَهُ: يَرحَمُكَ اللَّهُ، فَلْيَقُلْ: يَهْدِيكُمُ اللَّهُ وَيُصْلِحُ بَالَكُمْ)).
Tokkoon keessan yeroo haxxiffate “Alhamdulillah (faaruun kan Rabbiiti)” haa jedhu. Obboleessi yookiin hiriyaan isaa immoo “Yarhamukallaah (Rabbiin si haa mararfatu)” haa jedhuun. Ergasi namni haxxifate akkana haa jedhu “Yahdiikumullaahu wayuslihu baalakum (Rabbiin isin haa qajeelchu; haala keessanis haa tolchu)” haa jedhuun.

11. Du’aayi nama Fuudhef Godhamu
((بَارَكَ اللَّهُ لَكَ، وَبَارَكَ عَلَيْكَ، وَجَمَعَ بَيْنَكُمَا فِي خَيْرٍ))
Baarakallahu laka wa baaraka aleyka wa jama’a beynakumaa fii kheyr
Rabbiin barakaa siif haa godhu. Barakaa sirrattis haa godhu. Toltuudhaan jidduu keessan lamaan walitti haa qabu.” Sunan Abi Dawud 2130

Hiika jechootaa: baarakallahu laka- Rabbiin Baraka siif haa godhu, wabaaraka aleyka- barakaa sirrattis haa godhu, jama’a-walitti haa qabu, beynakumaa-jidduu keessan lamaan, fii kheyr-toltuudhaan

12.Du’aayi Haadha manaatin wal-qunnamti saalaa raawwatun dura godhamu
((بِسْمِ اللَّهِ، اللَّهُمَّ جَنِّبْنَا الشَّيْطَانَ، وَجَنِّبِ الشَّيْطَانَ مَا رَزَقْتَنَا))
Bismillaah Allaahumma jannibna sheyxaana wajannibi sheyxaana maa razaqtanaa
Maqaa Rabbiitiin; yaa Rabbi shayxaana irraa nu fageessi. Waan nuuf kennite irraas shayxaana fageessi.” Sahih Muslim 1434 Sahih al-Bukhari 6388
Hiika jechootaa: jannibnaa-nu fageessi, jannibi-fageessi, maa-waan, razaqtanaa- nuuf kennite (ilma jechuudha)

Ergamaan Rabbii (SAW) du’aayi kana ilaalchise akkana jedhan:
[Wal-qunnamti] kana keessatti isaan lamaan jiddutti ilmi argamuun yoo murteefame, sheyxaanni gonkumaa isa hin miidhu.”  Sahih al-Bukhari 6388

 13. Zikrii Yeroo Geejjiba kan akka konkolaataa Yabbatanii
سُبۡحَٰنَ ٱلَّذِي سَخَّرَ لَنَا هَٰذَا وَمَا كُنَّا لَهُۥ مُقۡرِنِينَ١٣ وَإِنَّآ إِلَىٰ رَبِّنَا لَمُنقَلِبُونَ١٤﴿

Subhaanallazi sakhkhara lanaa haazaa wa maa kunnaa lahuu muqriniin. Wa innaa ilaa Rabbinaa lamunqalibuun
Inni kana nuuf laaffise qulqullaa’e; nuti isa danda’oo hin turre. Nuti gara Gooftaa keenyaa deebi’oodha.Suuratu Az-Zukhruuf 43:13-14

 14.Du’aayi nama shirkii irraa sodaate
((اللَّهُمَّ  إِنِّي أَعُوذُ بِكَ أَنْ أُشْرِكَ بِكَ وَأَنَا أَعْلَمُ، وَأَسْتَغْفِرُكَ لِمَا لاَ أَعْلَمُ))
Allaahumma innii a’uuzu bika an ushrika bika wa ana a’alamu wa astaghfiruka limaa laa a’alamu.
Yaa Rabbi ani osoon beekuu sitti qindeessuu irraa Sittin maganfadha. Waan hin beekneef immoo araaraman Si kadha.” Ahmadtu gabaase. Albaaniin Sahiih Aljaami’iin keessatti sahiiha godheera.
Hiika jechoota muraasa- ushrika bika-sitti qindeessu, wa ana a’alamu-ani osoo beeku, astaghfiruka-araarama Si kadha, li- (-f), maa-waan, laa a’alamu- hin beekne

15.Araaramaa Kadhachuu fi Tawbachuu 

((أَسْتَغْفِرُ اللَّهَ وَأَتُوبُ إِلَيْهِ))
Astaghfirullah wa-atuubu ileyh
Araaraman Rabbiin kadha. Badii irraas gara Isaattin deebi’a.” (Guyyaatti si’a dhibba jedhe) (Sahiih Al-Bukhaari fi Sahiih Muslim)
Jechoota armaan olii Kanaan mee arraba keenya leenjisuuf haa tattaafannu.

Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhan:
“Yaa namoota! Gara Rabbii tawbadhaa, dhugumatti ani guyyatti si’a dhibba gara Isaatti tawbadha (deebi’a).” Sahih Muslim 2702

Kitaaba wabii
Hisnul_muslim Hiikan gara Afaan Oromoo: Gaalii Abbaaboor Abbaaguumaa

Sadarkaalee sharrii sheyxaanaa
Zikrii-Furtuu Tasgabbii-kutaa-2ffaa

Leave a Reply