Miira Gadi-aantummaa

Offline dubbisuf

Miira gadi aantummaa yommuu jennu namni tokko mataa ofii shakkuu, “Ani nama gadi aanaa amala cimaa fi ol’aanaa hin qabneedha.” Jedhee ofi ajifachuu fi of gadi xiqqeesudha. Miirri gadi aantummaa ijoollumma irraa jalqabee hanga du’aa kan itti fufu ta’uu danda’a. Miirri kuni nama dhuunfaa qofa osoo hin ta’in hawaasa fi biyya kan miidhudha. Biyyi gadi aantummaan itti dhagahamu biyya biraatif gabra fi kajeelattu taati. Miira gadi aantummaa bakka saditti qoonne mee haa ilaallu.

1.Sababoota Miira gadi aantummaa

Miirri gadi aantummaa wantoota adda addaa irraa madda. Isaan keessaa;

A). Cubbuu fi dogongora– namni yommuu badii fi dogongora raawwatu miirri gadi-aantummaa keessa isaa ni huuba. Akka cirriin dhiiga horii xuuxutti innis yeroo hundaa badii fi dogongora sanniin yaadachuun miira kabajaa of keessaa xuuxa.

B). Dhiibbaa maatii– yeroo ijoollummaa maatiin ijoollee isaanii kan arrabsanii fi hacuucan yoo ta’an ijoollen isaanii miira lamaan keessaa tokko ni horatu. Takkaa keessi isaanii ulee fi jechoota maatitiin waan reebameef gadi aantummaan ittti dhagahama. Takkaa immoo ulee fi jechoota kanniin moo’achuuf ol’aantummaa isaanii agarsiisu. Mucaan yommuu dubbachuu barbaadu, “Cal’isi!” yommuu jedhaniin keessi isaa rifachuun gadi aantummaan isatti dhagahama. Ammas dogongora xiqqaa fi guddaaf ijoolle arrabsuu fi reebun miira gadi aantummaaf gumaacha guddaa godha. Maatiin wanta akkanaa hojjatan, gocha kana irraa of qusachuun, ijoollee isaanii gorsuu fi barsiisu qabu. Ijoollen badii fi dogongoratti kufuun dura akeekachisuu fi irraa tiiksu qabu. Fakkeenyaf, intalti filmii akka ilaaltu ishiif hayyamuun ergasii intalli tuni zinaa yoo raawwatte miidhan guddaan ishirra gaha. Gadi aantummaan akka itti dhagahamu kan sababa ta’ee maatiidhaa jechuudha.

C). Namoota ofi olii waliin wal bira of qabuu– namoonni yeroo baay’ee nama qabeenya fi beekumsaan isaan caalu ilaalun, dandeetti fi ijjannoo ofii laamshessu. Nama meeqatu imala milkaa’inna jalqabe yommuu nama isa fuundura fiigu argu ‘Isa dhaqqabuu hin danda’u’ jechuun duubatti deebi’e. Inni kana waan qabuuf milkaa’e, ani kana waan hin qabneef milkaa’u hin danda’u jechuun keessa ofii reebu. Fakkeenyaf, yommuu nama dureessa argitu, “Ah, ani kana hin qabu, manni isaa akkam bareeda! Ani hiyyeessa waa hin qabne fi kkf.” Jechuun gadi of xiqqeessita.

D). Arrabsoo fi qeeqa namoota sodaachu– namoonni yommuu nama arrabsan, dhugumatti keessi namaa ni jeeqama; hamileen ni caba. Namni yommuu arrabsamu, of eeggannoo daangaa darbe gochuun ba’aa hin dandeenye ofitti fe’a. Namoonni akka na hin arrabsine ykn hojii kana narraa haa jaallatan jechuun wanta hin dandeenye fi isaaf hin mallee hojjata.

2.Miidhaa Miira gadi aantummaa

Miirri gadi aantummaa miidhaa baay’ee namarraan gaha. Isaan keessaa inni guddaan hamilee ofii cabsuun milkaa’inna irraa duubatti deebi’uudha. Namni akkanaa, “Ani nama uguruu hin geenye, hojii kana hojjachuu hin dandeenye; yoo hojjadhe namoonni natti kolfan” jechuun jireenya ofii jijjiruuf carraaqu dhiisa. Fakkeenyaf, nama meeqatu waajiba (dirqama amanti Islaamaa) kan akka salaata sababa kanaan dhiisa. Harkaana salaata fi wantoota salaata keessatti jedhan waan hin beeknef, yoo salaate namoonni natti kolfan jechuun ofi hidha. Nama beekumsa qabu gaafachun hin baratu. Sababani isaas, “Yoo nama kana gaafadhe maal nan jedha? ‘Osoo hagana geettu waa’ee salaataa wallaaltaa?’ nan jechuu danda’a.” Jechuun jireenya ofii fooyyessu irraa of sakaala.

Ammas miirri gadi aantummaa dandeetti uumamaa isa keessa jiru akka ukkaamsu taasisa. Yeroo hundaa nama nuu olii waan ilaalluf dandeetti nu keessa jiru osoo itti hin fayyadamin, dandeettin keenya nu waliin biyyeetti gala.

Dabalataan miirri gadi aantummaa balbala abdii fi injifannoo namarratti cufa. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) ni jedha:

3:139

Hin laafinaa, hin gaddinaa isintu [injifannoon] irra aanaa dhugumatti mu’imintoota yoo taatan.” Suuratu Al-Imraan 3:139

Namni gadi aantummaan itti dhagahamu abdii kuta, waan xiqqaa malee waan guddaa yaadu hin danda’u. Namoota biroos gara olii akka hin yaadne fi milkaa’innatti akka hin ariifanne gufuu itti ta’a. Akka fakkeenyatti, munaafiqoonni gadaa Rusuula (SAW) injifannoo hin abdatan. Kana irra, ni ajjeefamtu dirree lolaa hin deeminaa jechuun namoota sodaachisu.

“Yeroo munaafiqotaa fi isaan onnee isaanii keessa dhukkubni jiru, “Rabbii fi Ergamaan Isaa gowwoomsaa malee homaa waadaa nuuf hin seenne.” Jedhan [yaadadhu].” (Al-Qur’aan, Suuratu Al-Ahzaab 33:12)

Waadaa Rabbii kan akka injifannoo fi Jannataa, munaafiqonni “Gowwoomsadha” jechuun ofii fi namoota biroo milkaa’inna irraa duubatti harkisu. Kuni hundii ol fageessanii yaadu dhiisu irraa kan burqeedha.

Ammas miirri gadi aantummaa vaayrasii jibbaa fi waanyu nama keessatti horsiisa. Yeroo hundaa nama qabeenya ykn beekumsa qabu ilaalun jibbaa fi waanyun keessa ofii summeessa. Jeequmsi fi dhiphinni itti dhagahama.

Tolee namni hunduu miirri gadi aantumaa itti dhagahama. Hadhaa baay’ee dhandhamu danda’u. Garuu namoonni gariin jireenya isaanii guutu miira gadi aantummaaf harka hin kennan. Qabsoo guddaa adeemsiisun miira gadi aantummaa moo’atu. Mee qabsoo akkamii akka adeemsisan furmaata jalatti haa ilaallu.

3.Furmaata miira gadi aantummaa

1.Taqwaa– taqwaa (Rabbiin sodaachu) jechuun waan itti ajajaman hojjachuu fi waan irraa dhoowwaman dhiisun adabbii Rabbii irraa of baraarudha. Akkuma duratti jenne cubbuu (dillii) hojjachuun gadi aantummaan akka namatti dhagahamu taasisa. Gubbaa irraa akka ba’aa namatti ulfaachun gadi nama aansa. Taqwaan miira gadi aantummaa kana haaqun miira kabajaa fi gammachuu namatti uwwisa. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) ni jedha:

8:29

Yaa warra amantan! Rabbiin yoo sodaattan, Inni furqaan isiniif godha. Badii keessan isin irraa harcaasa. Isiniif ni araaramas. Rabbiin abbaa tola guddaati.” Suuratu Al-Anfaal 8:29

Furqaan jechuun dhugaa fi sobaa kan addaan baasu. Fkn, Qur’aanni furqaan jedhama dhugaa fi soba waan addaan baasuf.

Dhugumatti namni taqwaa qabu dhugaa fi soba addaan baasun isatti hin ulfaatu. Miira gadi aantummaan osoo hin ta’in miira kabajaatin dachii irra adeema.

2.Yeroo hundaa tawbachuu fi araarama kadhachuu– namni taqwaa qabu (Rabbiin sodaatu) gonkumaa cubbuu hin hojjatu jechuu keenya miti. Ilmi namaa dogongorun baditti ni kufa. Ergasii saalfanna fi salphinni waan itti dhagahamuuf miirri gadi aantummaa isa haguuga. Kanaafu, nuti namoota dogongora irraa bilisa ta’uu miti. Akkasumas, yommuu dogongorru ba’aan badii waan nutti ulfaatuf, ba’aa kana kan kaasu Rabbiin malee eenyutu jiraa? Namni hanga fedhe osoo nu booharse homaa nuuf hin godhu. Yeroo muraasan booda gaddi fi miirri gadi aantummaa nutti deebi’a. Kanaafu, furmaanni isaa yeroo hundaa Rabbiin irraa araarama kadhachuudha.

Tawbaa jechuun badii irraa gara Rabbii deebi’u yommuu ta’uu istighfaara jechuun immoo Rabbiin araarama kadhachuudha.

Istighfaarri waa sadii qabata:

  1. Rabbiin irraa araarama barbaadun Jaalala Isaa argachuu
  2. Rabbiin cubbuu akka namaaf dhoksuu fi haaqu kadhachuu
  3. Sababa cubbuu saniin akka nama hin adabne itti warwaachudha

Isaan warra yeroo waan fokkataa hojjatan yookiin lubbuu ofii miidhan Rabbiin yaadatanii badii isaanitiif araarama gaafataniidha. Rabbii malee eenyutu badii araaramaa? Isaan osoo beekanu waan hojjatanirra (cubbuu ofitirra) kan hin turreedha.Isaan sun mindaan isaanii araarama Gooftaa isaanii biraa ta’ee fi jannata laggeen ishee jala yaatudha. Isaan ishee keessatti hafoodha.Mindaan hojjatootaa [Jannata ta’uun] waa tole.” Suuraa Aali-Imraan 3:135-136

3.Beekumsa– yeroo hundaa beekumsa barbaadun mataa ol qabatanii akka deeman nama taasisa. Beekumsi gadi aantumma namarraa haaqu beekumsa filoosofi osoo hin ta’in beekumsa Qur’aana fi sunnaati.

4.Namoonni maal nan jedhan osoo hin ta’in wanti ani hojjadhu sirriidha moo sirrii miti?– yeroo baay’ee “Namni maal nan jedha? Natti kolfu danda’u…” jechuun keessa keenya dhiphisna. Akka yaada fi dandeetti keenyatti osoo hin ta’in akka yaada fi jecha namootatti buluuf yaalla. Rakkoo kana hanbisuuf, ulaagaa lama fayyadamuun nama baasa. Tokkoffaa hojiin ani hojjadhu kuni gaariidha moo badaadhaa? Lamaffaa hojii kana maaliif hojjadhaa? Namoota gammachisuufi moo mindaa Rabbiin irraa barbaadeti?

Eeti,dogongoru waan dandeenyuf dogongora keenyaf yoo nutti kolfan, kolfa isaanitiif bakka kennu hin qabnu. Kana irra dogongora keenya irraa barachu qabna. Akkasumas, yeroo hojii gaarii hojjannu namoonni nu tufatu, nu qeequ. Ulaagaalee lamaan armaan olii yoo fayyadamne fi araarama Rabbiin irraa kadhanne wanti nu miidhu hin jiru. Tuffatanii dhiisani yaada isaanii!

5.Cimanii hojjachuu– dadhabaa ta’uun miirri gadi aantummaa akka namatti dhagahamu taasisa. Cimanii hojjachuun immoo miira gadi aantummaa nama keessaa dhiqa. Addunyaa fi Aakhiraa keetif cimte yoo hojjatte namootaf gabra ta’uun gadi aantummaan sitti hin dhagahamu. Barataa yoo taate nama dubbise waa hubatu ta’i. Daldalaa yoo taate, daldala keessatti haqaan hojjachuun bu’aa gaarii buufadhu.

6.Namootan wal bira of qabuun gadi of xiqqeessu dhiisu– Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:

انْظُرُوا إِلَى مَنْ هُوَ أَسْفَلَ مِنْكُمْ وَلاَ تَنْظُرُوا إِلَى مَنْ هُوَ فَوْقَكُمْ فَإِنَّهُ أَجْدَرُ أَنْ لاَ تَزْدَرُوا نِعْمَةَ اللَّهِ عَلَيْكُمْ ‏”‏

‏“Kan isinii gadii ilaala malee kan isinii olii hin ilaalinaa. Dhugumatti qananii Rabbiin isin irratti oole akka hin xiqqeessine santu isiniif caalaa.Jaami’i At-Tirmizi-2703

Gabaabumatti nama nu olii ilaalun of gadi xiqqeessun karaa lamaan furamu danda’a.
1.Nama qabeenyan ykn miidhaginnaan nu caalu yommuu ilaallu, hadiisa armaan olii yaadachun nama nuu gadi ilaalun wanta qabnu irratti Rabbiif galata galchuu qabna.
2.Nama beekumsaan nu caalu yoo ta’e, takkaa beekumsa isaa irraa fudhanna takkaa immoo karaa fi tooftaa inni beekumsa ittiin argateen ilaalu fi qorachuun ni hordofna. Kanarraa kan hafe, yeroo hundaa nama nuu olii ilaalun miira gadi aantummaa fi waanyun keessa keenya cunqursu fi qancarsu hin qabnu.

Guduunfaa
✎ Miirri gadi aantummaa miira keessa nama qancarsuu, dandeetti namaa ajjeesu fi abdi namatti dukkaneessudha.
✎Rabbiin sodaachun, yeroo hundaa araarama kadhachuu fi beekumsa barbaadun miira gadi aantummaa namarraa dhiqa.
✎ Namoota nuu gadii ilaalun qananii Rabbiin nurratti oole akka beeknu fi galata galchinuuf nu taasisa.
✎ Jireenya keessatti kaayyoo murtaa’a fi beekkamaa qabaachun miira gadi aantummaa irraa nama baraara.
Jedhi, “Dhugumatti, salaanni kiyya, qalmi kiyya, jireenyi tiyyaa fi duuti tiyya Rabbii Gooftaa aalamaa hundaatifii.” suurat Al-An’aam 6:162

Xurree Milkaa'inna fi Gammachuu-kutaa 22
Xurree Milkaa'innaa fi Gammachuu-21ffaa
Offline dubbisuf

One comment

  • Jibriil keenya harki ke fayyaa sammuun ke boqonnaa haa argatuu
    Maashaa gorsa akka malee miyaawaa fi nama barsiisuudha. Jazakumullaahi

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.