Xurree Milkaa’inna fi Gammachuu-kutaa 22

Haala Nama Jaalalaan Qabame
Namni jaalalaan qabame akka nama bishaan garmalee dheeboteeti. Namni dheebota hanga bishaan san dhuguu garmalee muddama. Erga bishaan dhuge booda dheebun itti hin dhagahamu. Namni jaalalaan qabamees fedhii ofii guutuf garmalee muddama. Erga fedhii ofii guuttate booda gubaan suni ni qabbanaa’a. Garuu karaan inni fedhii ofii ittiin guuttate murteessadha. Yoo karaa haraamatin (fakkeenyaf,sagaagalummaan) fedhii ofii guutatte gubaan suni irraa hin hir’atu, inuma itti dabala. Fakkeenyi isaa akka nama bishaan sooqida (ashaboo) ykn ho’aa dhugeeti. Yoo karaa fuudhaa heeruman ta’e suni dansaadha (gaariidha). Kuni immoo akka nama bishaan qabbanaa’a dhugeeti.  Kanaafu, yoo jaalalaan rakkatte, akkuma dheebu bishaani san yeroon booda akka sirraa deemu yaadadhu. Gariin namoota jaalalli akka biqiiltu magariisa ergasi yeroon booda daalachaa’e goguti jedhu. Fakkeenyota lamaan kanniin yommuu walitti fiddu, jaalalli akkuma biqiltu goguu fi akkuma dheebu yeroon booda deemu akka danda’u yaadadhu. Namni dheebote,’dheebodhe’ jedhe summii yoo dhuge ni du’a ykn haala badaan dhukkubsata. Namni jaalalaan qabamees fedhiin jaalalaa natti ulfaate jedhee yoo karaa haraaman deeme, dararaa fi gubaa san caalu baay’ee dhandhama. Osoo obse gubaan suni yeroon booda ni qabbanaa’a. Kanaafu, jaalala irratti obsa qabaadhu. Fedhii kee too’adhu.

Milkaa’inni fi gammachuun kee xiyyeefannoo fi gatii hangamii salaataf akka kennitu irratti hundaa’a. Yoo xiyyeefannoo fi gatiin salaataf ati qabduu guddaa ta’ee, akkasuma gammachuu fi milkaa’inni kees guddaadha.

Yaa ilmaan namaa! Ni’imaa(qananii) Rabbii ofirratti yaadadhaa. Sila Rabbiin ala uumaan (Khaaliqni) biraa kan samii fi dachii irraa soorata isiniif kennu ni jiraa? Isa malee Gabbaramaan haqaa hin jiru. Kanaafu akkamitti (Isa) irraa garagaltu?” Al-Qur’aan Suura Faaxir(35):3 

Fuudhaa Heerumaaf of Qopheessu
Fuudhaa heerumni walitti dhufaati saala cimdii qofaati miti. Kana irra itti gaafatamummaa fi dirqamoota baay’ee qaba. Yommuu waa’ee fuudhaa heerumaa yaaddu, akkamitti itti gaafatamumma fi dirqamoota kanniin akka bahuu dandeessu itti yaadi. Fuudhaa heeruma dura qabeenya fi sammuunis qophii ta’anii argamuun jireenya gaarii gaggeessuf karaa hundarra gaarii ta’eedha. Gaafiwwan kanniin of gaafachuu dandeessa.
1. Yoo aare/dallanee, dallansuu kiyyaa too’achuu nan danda’aa?
2. Yoo rakkoon argame, niiti/dhiirsa kiyya waliin mariin hiiku nan danda’a?
3. Yommuu ishii/isa waliin mari’adhu, osoo hin tufatin xiyyefannoon dhageefachuu danda’a? Yaada isaa/ishii fudhachuu danda’a?
4. Ishiif/isaaf rahmata agarsiisu danda’a?
5. Iccitii niiti/dhiirsa kiyyaa eegu danda’a?
6. Wanta hundaaf nan nyakkisaa?
7. Ani Muslima/Muslimtitti gaariidhaa? Salaata kiyya sirnaan salaataa?
8. Ani nama sobu moo nama yeroo hundaa dhugaa dubbachuuf carraaqu?
Fi gaafilee kkf of gaafachun gaa’ila dura of qopheessun ni danda’ama. Osoo maatii kee keessa ykn hiriyyoota kee waliin jirtuu deebisuuf carraaqi. Amalli badaan hambisuuf yoo hin carraaqin gonkumaa namarraa hin hafu. Maatii fi hiriyyoota kee waliin yommuu jiraattu gaafiwwaan armaan oliitin yoo of madaalte fi amala kee foyyeessuf carraaqxe Insha Allah jireenya gaarii jiraatta.

Yommuu jibbi Qalbii Gubuu
Yommuu sheyxaanni jibba nama tokkoof qabduu siif dabalu, ati immoo du’aayi nama saniif gootu dabali. Dhugumatti, sheyxaanni namuma nagayaa fi gaarii ati beektu akka jibbitu si kakaasa. Hasaasa badaa adda addaa sitti fiduun keessa kee jibbaan gurraachessa. Yeroo kanatti falli kee nama saniif du’aayi gochuudha. Sababni isaas, du’aayi nama sanii gochuun ibidda jibbaa qabbaneessa, sheyxaana abdii murachiisa. “Yaa Rabbii isaaf/ishiif araarami, qajeelchi.”jedhii kadhu. Yeroo san jibbi sirraa qabbanaa’a, sheyxaanni abdii murata.

Hariiroo Rabbiin waliin qabdu jabeessi
Ma’aqil ibn Abiidillahi al-jazariyyi akkana jedha, “Yommuu aalimoonni (hayyoonni Islaama) walqunnaman jechoota kanniin walii dhaamu. Yoo wal hin qunnamin immoo tokko tokkoo barreessa. Jechoonni kunniinis: Namni keessa ofii sirreesse Rabbiin ala isaa ni sirreessaf. Namni wanta ofii fi Rabbiin jidduu jiru sirreesse, wanta isaa fi namoota jidduu jiruuf Rabbiin isaaf gahaadha. Namni dhimma Aakhiraa ofii irratti xiyyeefate, Rabbiin dhimma addunyaa isaatiif gahaadha.” (Hayatu Salaf- fuula 216 irraa fudhatame).

Of-Arrabsuu
Yeroo tokko tokko of arrabsita. Akkana ofiin jechuu dandeessa,”Ani garmalee gowwaadha, Ani dadhabaa fi laamshodha..” osoo ofiin jettu jabeenya kee butuchuu dandeessa. Jireenya keessatti of arrabsuun jabeenya ofii laamshessu osoo hin ta’in hanqinna qaban soranii addaan baasu fi sirreessuuf carraaqudha. Akkasumas, of faarsu fi dhaadachuun oftuulaa ta’uu osoo hin ta’in gadi of qabuun hojii darbe caalaa kan biraa gaarii hojjatuudha. Yommuu keessa kee arrabsitu hin laamshayin. Ani gowwaa fi dadhabaadha jette gowwummaa fi dadhabinna kee ofirratti hin ilaalin. Dadhabinna kee ofirraa kaasuf hanga dandeessun carraaqi. Yaadota negaativitiin keessa kee guutun balbala jijjiramaa ofitti hin cufin. Namni hunduu hanqinna qaba. Namni cimaan nama hanqinna san ofirraa oofuf tattaafatedha. Kanaafu, keessa kee arrabsuun jabeenya hin dhabin, gara olii malee gara duubatti hin deemin.

Ganama kee Qur’aanan bante guyyaa kee Qur’aanan yommuu cuftu, jidduu kana keessa jireenya akkam miidhagdu jiraattaa! Ganama yommuu kaatu fi aduun yommuu dhiyuuf deemtu Qur’aana yoo qaraate, jidduu kana keessa fi halkan itti deemaa jirtuuf nageenya fi tasgabbiin sitti dhagahama. Guyyaan ati itti jeeqamtu guyyaa ati Qur’aana hin qaraanedha. Sababni isaas, namni Qur’aana irraa yoo fagaate jireenyi itti dhiphatti.

Riyaan (Na argaa fi na jajaan) nama salphisa
Namoota gammachisuuf jecha dubbadhe ykn hojii hojjadhe yommuu yaadadhu, qaani fi gaabbin natti dhagahama. Jechoonni ykn hojiin kiyya gaarii haa fakkaataniyyu malee niyyaan duuba jiru fokkuu isaan godha. Sababni isaas, Uumaf osoo hin ta’in uumamtootaf keessa kiyya gadi xiqqeessaa türe. Amma yoo naa galtu dubbiin akkana: Rabbiin alaa wanta biraatif gabra ta’uun dhugumatti salphinna, xiqqeenya fi kufaatidha. Rabbii qofaaf gabra ta’uun immoo bilisummaa, kabajaa fi nageenya dhugaati. Rabbiin hunda keenya gabroota gaggaarii keessaa nu haa taasisu.

Yommuu tasa dubartii ykn dhiira tokko ilaalte fi waswasaan (hasaasni) sheyxaana sitti dhufe, gara Rabbii fiigi. Sheyxaana Rabbiitti maganfadhu. Rabbiin araarama kadhu. Yaada gara wanta gaaritti jijjiri. Yoo akkana hin godhiin sheyxaanni nama san sitti miidhagsuun waxmadii isaa keessatti si hanbisa. Yoo qalbiin tee nama sanitti rarraate fi isa dhaqqabuuf yaalte, wanta dhabdu yaadadhu. Yoo kan heerumte ykn fuute taate dhiirsa/niiti tee dhabda. Manni kee ni dhiigama. Yoo kan hin fuune/hin heerumne taate, kaayyoo keetirraa salphamatti mucucaatta. Ba’aa cubbuu ofirratti feeta.

Yommuu sheyxaanni si dogongorsun moo’annaa sirratti argatuuf tattaafatu, ati immoo Rabbiin araarama kadhachuun moo’annaa isarratti argadhu.

SHEYXAANA IRRAA OF TIIKSUF
Miira Gadi-aantummaa

Leave a Reply