SHEYXAANA IRRAA OF TIIKSUF

Offline dubbisuf

Sheyxaanni diina ifa baha ilma namaa jallisuuf murate ka’eedha. Sheyxaana jechuun maal jechuudhaa? Jinnii jechuun hoo?
Afaan Arabiffaatin jechi “Sheyxaana” jedhu jecha walii galaa fincilaa oftuulaa hundaaf ta’uudha. Walumaagalatti jechi kuni jiraata murtaa’a tokkoof kan itti fayyadamaniidha. Sababni isaas, sheyxaanni Gooftaa isaatti waan fincilee fi of tuulef. Sheyxaanni rahmata Rabbii irraa abdii kute jira. Sababa kanaaf, Rabbiin ibliis jechuun isa waame. Jechi kuni jecha Alabasa fi ublis jedhanirraa dhufeedha. Alabasa jechuun wanti gaariin kan isa keessa hin jirre. Ublis jechuun immoo abdii kutuu fi baduudha. [1] 

Jinnii jechuun maal jechuudhaa? Jinniin sanyii nama irraa adda kan ta’an, ibidda irraa kanneen uumamaniidha. Akkuma ilma namaa ni nyaatu, ni dhugu. Isaan keessaa akkuma ilma namaa jinniin gaarii (saaliih), Musliima ta’anii fi jinniin badaan, jallataan ni jira. (Ilaali suuratu al-Jinn 72:11,14). Arabiffaan “Jinn” jedhamanii kan moggaafamaniif ija namaa irraa dhokatoo waan ta’iniif. Sheyxaanni gosoota jinni keessaa tokko. Rabbiin ni jedha:

إِنَّهُۥ يَرَىٰكُمۡ هُوَ وَقَبِيلُهُۥ مِنۡ حَيۡثُ لَا تَرَوۡنَهُمۡۗ إِنَّا جَعَلۡنَا ٱلشَّيَٰطِينَ أَوۡلِيَآءَ لِلَّذِينَ لَا يُؤۡمِنُونَ﴾٢٧﴿

Dhugumatti innii (sheyxaanni) fi gosti isaa iddoo isin isaan hin agarre irraa isin argu. Nuti isaan hin amanneef sheyxaanota jaalalle goonee jirra.” Suuratu Al-A’araaf 7:27

Kanaafu, sheyxaanni bakka namni hin agarre irraa nama ilaalun nama adamsa, karaa irraa nama jallisa. Sheyxaanni jinnii qoma (laphee) namaa keessatti waan badaa yommuu hasaasu (wasawasuu), sheyxaanni namaa (bakka bu’aan sheyxaanaa) immoo karaa gurraatin namatti hasaasa.

Mee ilaalaa namni tokko akka kafaruu (Islaama gadi furu) sheyxaanni namaa akkamitti gurratti akka hasaasu. Sheyxaanni jinnii immoo kanaa caalaa. Qoma keessa deemun waan badaa namatti hasaasa, waan fokkuu namatti miidhagsa. Kanniin lamaan irraa of eeguf mee har’a gargaarsa Rabbitiin qabxiilee ijoo armaan gadii haa ilaallu.

Eeggumsa 1ffaa: Sheyxaana Rabbitti maganfachuu (Al-isti’aazatu billahi mina sheyxaan)- isti’aaza (eeggumsa barbaadu) jechuun wanta nama miidhu irraa gara wanta nama eegutti fiigun eeggumsa barbaadudha. Namni sheyxaana irraa gara Rabbii dheessun akka isa eegu kadhata. Namni tokko “a’uzubillahi mina sheyxaani rajiim (Sheyxaana abaarrame irraa Rabbiin tiikfama)”yommuu jedhu, “Yaa Rabbii sheyxaana nama miidhu irraa na tiiksi. Dharaa fi hasaasa isaatirraa na fageessi.” Jechaa jira. Kanaafi, Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) akkana jechuun itti nu ajaja:

7:200

“Yoo garagalchaan (hasaasni badaan) sheyxaana irraa sitti dhufe, Rabbitti maganfadhu. Dhugumatti Inni Dhagahaa, Argaadha.” Suuratu Al-A’araaf 7:200

Asitti Inni dhagahaa yommuu jedhu, “Rabbiin sagalee dhagahu qofaa miti, du’aayi gabrichaas irraa qeebala (deebii deebisaaf)” Yommuu namtichi sheyxaana irraa Rabbiin akka isa tiiksu eeggumsa barbaadu, Rabbiin isa tiiksa.  Kanaafu, eeggumsi tokkoffaan sheyxaana Rabbitti maganfachuudha. Fakkeenyaf, A’uzubillahi mina sheyxaani rajiim jechuu yookiin du’aayi suuratu al-Mu’minuun 23:97-98 keessatti argamtu qara’u dandeenya.

Eeggumsa 2ffaa: Suuraalee Qur’aana lamaan gara dhuma jiran qara’u. Qul a’uzu birabbil falaq (113) fi Qul a’uzu birabbi naas (114) qara’u. Sheyxaana irraa eeggamuu fi sharrii isaa ofirraa deebisuuf Rabbiin irraa eeggumsa barbaadu keessatti suuraalee lamaan kunniin bu’aa ajaa’ibaa fi guddaa qabu.

Yommuu sheyxaanni wanta badaa fakkeenyaf kanneen akka kufrii, zinaa, hanna, ajjeecha fi kan kana fakkaatanitti si kakaasu, suuraalee armaan olii lamaan irra deeddebi’i qara’i. Hiika isaanii beekuf tattaafadhu. Yoo dandeesse ganama galgalas qara’uuf yaali. Fakkeenyaf, yeroo gara hirribaa deemtu.

Eeggumsa 3ffaa: Aayatal Kursiyyi qara’u (dubbisuu)- Sahiih al-Bukhaari keessatti Abu Hureyraan akkana jedhe: Ergamaan Rabbii (SAW) Zakaa Ramadaanaa akka eegu bakka na buusan. Ergasii namni tokko dhufe, nyaata irraa hatuu jalqabe. Ani isa qabee, “Dhugumatti Ergamaa Rabbiitti si geessa.” Jedheen. Abu Hureeyran oduu guutu ni odeesse. Ergasii namni suni akkana jedhe (Maaloo gara Ergamaa Rabbii na hin geessin. Jechoota muraasa Rabbiin ittiin si fayyadu si barsiisaa), “Gara firaashaa (siree) hirribaaf yommuu deemtu, Aayatal Kursiyyii qara’i. Tiiksan Rabbiin irraa ta’e si tiiksu itti fufa, sheyxaanni hanga bariisifattu sitti hin dhiyaatu. Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Dhugaa siin jedhe. Inni garuu kijibaadha. Suni sheyxaana ture.”  Sahih al-Bukhari 5010

Kanaafu, yommuu gara hirribaa deemnu Aayatal Kursiyyii qara’uuf tattaafachu qabna. Aayatal kursiyyiin suuraa Al-Baqaraa lakkoofsa 255 irratti argamti.

Eeggumsa 4ffaa: Dhuma suuratu Al-Baqaraa qara’u. Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Namni dhuma suuraa baqaraa irraa Aayata lamaan halkan qara’e, isa geessi.Sahih al-Bukhari 5009

Aayatni lamaan tunniin suuratu Al-Baqaraa 2:285-286 keessatti argamti. Yommuu hirribaaf deemnu, Aayatal Kursiyyi ergasii Aayata lamaan tanniin yoo qaraane nuuf gahaa mitii? Kanaafu, har’a irraa jalqabnee shaakalu haa eegallu.

Eeggumsa 5ffaa: “Laa ilaha ill-Allah, wahdahu laa shariika lah, lahul mulku wa lahul hamdu, wa huwa alaa kulli shey’in qadiir” jechuu. Hiikni isaa Dhugaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru. Inni tokkicha hiriyyaa hin qabneedha. Mootummaan kan Isaati. Faaruunis kan Isaati. Inni waan hundaa irratti Danda’aadha.”

Hadiisa Abu Hureyran (RA) gabaase keessatti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:
Namni “Laa ilaha ill-Allah, wahdahu laa shariika lah, lahul mulku wa lahul hamdu, wa huwa alaa kulli shey’in qadiir.”guyyatti si’a dhibba jedhe, isaaf gabra kudhan bilisa baasun wal-qixxaata, hasanaanni (hojiin gaariin) dhibbi isaaf katabama, badiin dhibbi isarraa haaqama; guyyaa kanaa hanga galgaleefatu sheyxaana irraa eeggumsa taatif. Wanta inni hojjatee caalaa eenyulle waan gaarii hin hojjanne nama kanaa caalaa hojjate malee.”  Sahih al-Bukhari 3293 fi Sahih Muslim 2691

Kuni eeggumsa guddaadha, faaydi gatii guddaa qabuudha. Nama Rabbiin laaffiseef irratti salphaadha. Umrii kurnan keessa taane yommuu hadiisa kana sheyni keenya nutti himan, zikrii tanaa shaakalaa turre. Ergasii arrabni zikrii kanaan ni leenji’e. Karaa irra osoo deemnu, konkolaataa keessa osoo teennu, nyaata osoo bilcheessinu fi hojii adda addaa hojjannu zikrii kana yoo jenne, sheyxaana irraa ni eeggamnaa jechuudha.

Eeggumsa 6ffaa: kuni eeggumsa nama fayyadu hunda kan caaludha. Innis zikrii Rabbii (azza wa jalla) baay’isuu. Suuratu An-naas (114) keessatti sheyxaanni Khannaas jedhamuun ibsame. Khannaas jechuun “Dhokate kan mul’atu (biq illim kan jedhudha” Namtichi yommuu Rabbiin yaadatu, sheyxaanni qalbii isaatirraa ni deema (ni dhokata). Garuu faallaa kanaa namtichi zikrii Rabbii yoo dagate, sheyxaanni qalbii irratti wasawasaa (hasaasa badaa) darba. Zikrii Rabbii caalaa wanti namtichi sheyxaana irraa ittiin of eegu maaltu jiraa!

Eeggumsa 7ffaa: Wudu’aa fi salaata- kunis wantoota gurguddoo sheyxaana irraa ittiin of eegan keessaa tokko. Keessumaayyu, yeroo dallansuu fi shahwaa (fedhii foonii). Dhugumatti isaan lamaan kunniin ibidda qalbii ilma namaa keessatti boba’aniidha. Akkuma Tirmizii keessatti dhufe, hadiisa Sa’iid al-Khudriyyi Ergamaa Rabbii (SAW) irraa gabaase keessatti akkana jedha:

Dhagahayaa! Qalbii ilma Aadam keessatti dallansuun barbadaadha. Argitanii, [yommuu dallanuu] diiminna ijaa isaa, hiddi dhiigaa dhiita’e olbahuu? Namni kana irraa wanti tokko yoo itti dhagahame, dachitti haa maxxanu.Jami` at-Tirmizi 2191

Dachitti haa maxxanu jechuun haa taa’u ykn haa ciisu jechuudha akkuma hadiisa biraa keessatti dhufeetti.

Isin keessaa namni osoo dhaabbatu dallane gadii haa taa’u; dallansuun yoo irraa qabbanaa’e suni gaariidha. Taa’u baannan haa ciisu.” Sunan Abi Dawud 4782

Dhumarratti, Hadiisa biraa keessatti, “Sheyxaanni ibidda irraa uumame. Ibiddi bishaan qofaan dhaama. Tokkoon keessan yommuu dallanu haa wudu’atu.”  Sunan Abi Dawud 4784

Wudu’aa fi salaata caalaa gabrichi barbadaa dallansuu fi fedhii wanta ittiin dhaamsu maaltu jiraa! Dhugumatti, ibidda dallansuu fi fedhii kan ittiin dhaamsan wudu’aa fi salaata sirnaan yoo salaatanidha. Kanaaf ragaa dhiyeessun hin barbaachisu muxxannoo irraa waan argamuuf. Keessattu dargaggoonni fi shamarran yeroo ammaa ibidda fedhitiin rakkachaa jiran wudu’achuun sirnaan haa salaatan. Salaata kushuu’an yoo salaatan, ibiddi fedhii fi dallansu ni qabbanaa’a.

Eeggumsa 8ffaa: ilaalcha, dubbii, nyaata fi namootan walitti makamu baay’isuu irraa of qabu. Dhugumatti sheyxaanni ilma namaa irratti too’anna kan argatuu fi galma isaa kan gahu balbala afran kanaani. Ilaalcha baay’isuun miidhagsuu fi suuraa wanta ilaalanii qalbii keessatti akka bu’u fi suuraa waliin akka ko’oomu isa taasisa. Jalqabni fitnaa (qormaata cimaa) ilaalcha irraa jalqaba. (Zinaan (sagaagalummaan) eessarraa jalqabaa? Ilaalcha irraayyi miti?) Dhugumatti ilaalcha baay’isuun hundee balaati.

Dubbii baay’isuun immoo balbaloota sharrii sheyxaanni ittiin seenu hunda bana. Dubbii baay’isuu irraa of qabuun balbaloota kanniin cufa. Jechi takka lolli meeqa akka uumamuuf sababa taate.  Dhugumatti Ergamaan Rabbii (SAW) Mu’aazin akkana jedhan: “namoota fuula isaaniitin ibiddatti kan gonbisu wanta arrabni isaanii oomisheen ala kan biraa ni jiraa?Sunan Ibn Majah 3973

Badiin baay’een kan dhalatuu sababa dubbii fi ilaalcha baay’isuuni.

Nyaata baay’isuun baditti nama kakaasa, Rabbiif ajajamuu (xaa’a) irraa dadhabaa nama taasisa, gaflaa namatti duucha.

Namootan walitti makamu baay’isuun immoo dhukkuba naqarsaa sharrii namatti fiduudha. Nama meeqa sababa walitti makamu baay’isuun qananiin baay’een irraa fudhatamte! Faaydi tokko malee namootan walitti makamu baay’isuun addunyaa fi aakhiratti kasaaraa namatti fida. Wanti gabrichaf ta’u hanga haajaa isaa namootan walitti makamuudha. Haajaa isaa yoo fixate irraa fagaachu qaba. Imaam ibn Al-Qayyiim namootan walitti makamu bakka afurritti qoode. In sha Allah, guyyaa biraa ni ilaalla. Har’aaf asirratti nu gaha. Wa billah tawfiiq

Kitaabban Wabii
[1] T he World Of The Jinn And Devils Fuula 13-14, By Umar Suleymaan Al-Ashqaar, Translator Jamal Zarabozo
2. Bidaa’u Tafsiir-jildii 3 fuula 459-467 Imaam Ibn Al-Qayyim

Namootan Walitti Makamuu
Xurree Milkaa'inna fi Gammachuu-kutaa 22
Offline dubbisuf

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.