Namootan Walitti Makamuu

Namootan walitti makamuun takkaa akka qorichaa nama fayyisa takkaa immoo akka summii nama ajjeesa. Namootan yommuu walitti makaman of eeggannoo cimaa gochuu fi namoota itti makaman haala fi amala isaanii beeku barbaachisa.
Namootan walitti makamuu bakka afuritti qoodu dandeenya.

1.Namootatti makamuun akka nyaata kan ta’e– halkanii guyyaa nyaatatti yoo hajame, yeroo barbaade sanitti ni nyaata ergasii yoo quufe ni dhiisa. Haaluma kanaan namni namootatti makamuus haajaaf (dhimma gaariif) yoo barbaade itti makama. Haajaa isaa yoo fixate, itti makamuu ni dhiisa. Haala kanaan itti fufa. Namoonni akkanaa warroota Rabbii fi ajaja Isaa, dhara sheyxaanaa, dhukkuba qalbii fi dawaa ishii beekaniidha. Isaan warra Rabbiif, Kitaaba Isaatif, Ergamaa Isaati fi namootaf dhugaan kanneen hojjataniidha. (Namoonni kunniin namootatti makamuun takka faaydaa namootaf buusu takkaa immoo faaydaa namoota irraa argatu. Fakkeenyaf, beekumsa namootaf qoodun namootaf faayda buusu. Yookiin immoo namoota biroo irraa beekumsa argachuun bu’aa buufatu. Haajaa ofii yoo fixatan, walitti makamu ni dhiisu. Akkana ta’uu qaba adeemsi nama qaruute. Yeroo ofii wanta bu’aa isaaf hin buusne irratti gubuu hin qabu.)

Ramaddiin lamaffaan Namootatti makamuu akka dawaa (qorichaa) yeroo dhibamu barbaaduti. Fayyaa irra yoo jiraatte isaan walitti makamuun si hin barbaachisu. Faayda fi dhimmoonni barbaachisoon jireenyaa walitti makamuu akkanaa irraa addaan bahuu kan hin dandeenyedha. Fakkeenyaf, galii jireenyaa argachuuf bittaa fi gurgurtaa keessatti, gurmaa’un hojii gaarii hojjachuu, waliin mari’achuu, dhibeef qoracha barbaadu fi kan kana fakkaataniif namootan walitti makamun barbaachisadha. (Dhimmoota barbaachiso akkanaa keessatti namoonni na balleessan jedhe namtichi namootatti yoo makamu dhiise lubbuu ofii miidha. Isaanitti makamuun faaydi barbaachisu irraa argachu qaba.) kanaafu, walitti makamuu akkanaa irraa haajaa kee yoo fixatte, walitti makamuun biraa si eeggata. Innis

3.Sadarkaa, gosoota, jabeenya fi laafinna adda addaa irratti hundaa’e walitti makamu akka dhibeeti. Walitti makamu kana keessaa akka dhibee naqarsaa nama ajjeesuti. Walitti makamuu akkanaa irraa amantiinis ta’i duniyattis wanta bu’aa irraa buufattu miti. (Dhimmi amantis dhimmi duniyaa gaarii ta’e kan keessa jiru miti. Walitti makamuu duwwaa ta’eedha.) Kana waliinu takka amantii takkaa addunyaa takkaa immoo lamaan isaanitu walitti makamu kanatti ni kasaarta.

Namoota keessaa nama yommuu sitti makamu makamuun isaa akka ciniinnaa ilkaani si dhukkubsutu jira. Yoo sirraa addaan bahe laalaan (dhukkubbiin) isaa ni qabbanaa’a.

Ammas, namoota keessaa nama yommuu namatti makamuu kan bowwoo namatti ta’uudha. Namni akkanaa takkaa dubbii bareechise dubbachuun si hin fayyadu takkaa immoo cal’ise sirraa hin fayyadamu. Nafsee ofii beekee bakka ishii hin kaa’u. Yommuu dubbatu jecha isaa dinqisifataa fi itti boonaa dubbata. Jecha isaa akka shittoo iddoo wal gahi ittiin urgeessu godhe yaada. Yoo cal’ise cal’isuun garmalee itti ulfaata. (Jecha isaatin keessa namaa waraana. Namni wanta akkanaatin qorame, of sirreessuf carraaqu qaba. Namootatti yommuu makamu dubbachuun dura itti yaadu fi dubbii filachuu qaba. Ta’uu baannan cal’isuudha.)

4.Ramaddiin afraffaan walitti makamuu akka summii nyaachuti. Namoonni ramaddii kanaa warroota bid’aa fi jallinaati. Sunnaah Ergamaa Rabbii (SAW) irraa karaa namatti cufu. Faallaa sunnaatti namoota waamu. Isaan sun warroota karaa Rabbii irraa namoota deebisanii fi karaa qajeelaa keessatti jallinna barbaadaniidha. Bid’aa sunnaa godhu, sunnaa immoo bid’aa godhu. Wanta gaarii dhoowwamaa, wanta dhoowwamaa (jibbamaa) immoo gaarii godhu.

Wanta Rabbii fi Ergamaan Isaa itti ajajan ati yoo itti ajajje fi wanta Rabbii fi Ergamaan Isaa irraa dhoowwan ati irraa yoo dhoowwite, ati namoota nama qoran (namootatti jabeessan) irraayi siin jedhu.

Yoo Sunnaah hordoftee fi wanta isaan irra jiran yoo dhiifte akraari siin jedhu.

(Namoota akkanaatin walitti makamuun akka summii dhuguu ykn nyaachuti. Kanaafi, Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) akkana jedha:

6:68

Yeroo warra keeyyatoota (Aayaata) keenya keessa seenuun [itti qoosan] argite, hanga isaan dubbii saniin ala kan biraa keessa seenanitti isaan irraa garagali. Yoo sheyxaanni si dagachiise, yaadannoo booda ummata miidhaa raawwattoota (zaalimtoota) waliin hin taa’in.” Suuratu Al-An’aam 6:68

Fakkeenyaf, jallatoonni Qur’aanatti yommuu qoosanii fi baacan irraa garagaluu qabna hanga isaan dubbii biraatti darbaniitti. Kuni naannoo keenya keessatti qaamanis ta’uu danda’a ykn sab-qunnamti kan akka Tv ta’uu danda’a.

Ijjannoo fi of eeggannoo cimaa: Jaalala Rabbii barbaadii malee komii fi balaalefannaa isaanitiin of hin ko’oomsin. Wanta fedhan yoo jedhan, jecha isaanitiif gatii hin kenniin. Fakkeenyaf, hijaaba kan uffatu yoo taate, jallatoonni wanta fedhan yoo jedhan, gurraa fi qalbii kee dubbii isaanitin hin ko’oomsin.

Namoota dallansite Jaalala Rabbii yoo barbaadde addunyaa aakhiratti kan milkaa’u sihi. Garuu fuggisoon kanaa Rabbiin dallansanii jaalala namoota barbaadun kufaati fi hoongodha.

Guduunfaa
Namootan walitti makamuun bakka afuritti qoodama.
Tokkoffaan akka nyaata yeroo itti hajaman itti fayyadamani yoo haajaa irraa fixan immoo dhiisaniidha. Fakkeenyaf, gamnoonni namoota wanta gaaritti ajajuu fi wanta badaa irraa dhoowwuf, beekumsa barsiisu ykn beekumsa baratuuf namootati ni makamu.
Lamaffaan akka qorichaati. Yommuu rakkatan ykn bakka hir’uun jiruutti itti guutuf itti makamu.Fakkeenyaf, bittaa fi gurgurtaa, gurmaa’inna fi kkf.
Sadaffaan akka dhibeeti.Namoota gariin walitti makamun akka dhibee namatti ta’a. Bu’aa siif hin buusu, atillee bu’aa isaaf hin buustu. Walitti makamu kasaaraa ta’eedha. Fakkeenyaf, namoota hamachuu.
Afraffaan akka summiiti. Kuni kan nama balleessu fi ajjeesudha. Namtichi cimaa yoo hin ta’in isaanitti makamuun ni bada. Fakkeenyaf, karaa Rabbii irraa isa jallisuu danda’u, badii akka raawwatu isa kakaasu danda’u. Akka fakkeenyatti hiriyyaa badaa fudhachuun ni danda’ama. Kanaafu, walitti makamu akka dhibee fi  summii nama ajjeesu kanarraa of eegu qabna.

Kitaaba wabii 
Bidaa’u Tafsiir-jildii 3 fuula 467-468 Imaam Ibn Al-Qayyim

Tawhiida
SHEYXAANA IRRAA OF TIIKSUF

Leave a Reply