Tawhiida

Tawhiida jechuun maal jechuudhaa?
Jechi “Tawhiid” jedhu xumura, wahhada, yuwahhidu jedhu irraa kan dhufeedha. Wahhada jechuun tokkichoomse, tokkicha godhe. Tokkichoomsun kan mirkanaa’u nafiyyi (dhabamsiisu) fi isbaat (mirkaneessu ykn raggaasisuun) yoo jiraatedha. Wanta tokko yoo tokkichoomsite, wantoota isaan ala jiran hunda ni dhabamsiista (nafiyyi), Isaaf immoo tokkichummaa ni mirkaneessita (Inni Tokko qofa akka ta’ee ni amanta).

Wanti guddaan Rabbiin ilma namaa itti ajajee fi wanti guddaan Inni irraa dhoowwe maal akka ta’e beektu? Wanti jalqabaa fi guddaan Rabbiin ilma namaa itti ajaje tawhiida. Kana jechuun Isa qofa gabbaru fi tokkichoomsudha. Wanti garmalee badaan ilma namaa irraa dhoowwe immoo shirkii fi kufriidha. Qur’aana keessatti kanniin lamaan yommuu irra deddeebi’u ni argina. Fakkeenyaf,

Rabbiin gabbara, Isattis homaa hin qindeessinaa.” (suuratu An-Nisaa 4:36)

Hiikni tawhiidaa kalimaa (jecha) “Laa ilaah illa Allah” keessatti kan guduunfameedha. Yaa obboleesso/obboleetti koo jechi Laa ilaah illa Allah tuni waa lama qabdi. Tokkoffaa: Laa ilaah- dhugaan gabbaramaan hin jiru (kuni nafiyy ykn dhabamsiisu jedhama). Lamaffaan: illa Allah-Rabbiin malee (kuni isbaat ykn mirkaneessu jedhama). Kanniin lamaan yommuu walitti finnu hiikni “Laa ilaah illa Allah- Dhugaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru” ta’a. “Ash’hadu an Laa ilaah illa Allah (Rabbiin malee dhugaan gabbaramaan akka hin jirre ragaa nan baha)” yommuu jennu maal jechuu keenyaa?

Laa ilaah (dhugaan gabbaramaan hin jiru) yommuu jennu “shirkii hin hojjadhu, Rabbii gaditti wanta biraa hin gabbaru, hin kadhu, hin sagaduuf, Rabbii gaditti gabbaraman dhugaa hin jiru…” jechaa jirra. Illa Allah (Rabbiin malee) yommuu jennu immoo “Rabbiin qofa gabbara, Isa qofa kadha, Isa qofaaf salaata,dhugaan gabbaramaan Rabbiidha…” jechaa jirra. Ragaan eessa jira yoo jettan, ina kunoo:

72:20

Jedhi, “Ani Gooftaa kiyya qofa gabbara, Isatti waan tokkollee hin qindeessu.” Suuratu Jinn 72:20

6:162

Jedhi, “Dhugumatti, salaanni kiyya, qalmi kiyya, jireenyi tiyyaa fi duuti tiyya Rabbii Gooftaa aalamaa hundaatifii.” suurat Al-An’aam 6:162

Kanaafu, tawhiida jechuun Rabbiin tokkichoomsu fi Isa qofa gabbaruudha. Tawhiidni bakka saditti qoodama. Isaaniis;

1.Tawhiid ar-Rubuubiyyah– Tawhiida Gooftummaa- Kana jechuun Rabbiin uumuu, mootummaa fi Tadbiir (Bulchiinsa, Too’annaa) keessatti tokkichoomsudha. Tawhiinni kuni tawhiida Hojiiwwan Rabbitiin wal qabateedha. Fakkeenyaf, kan wanta hundaa uumu, nyaachisu fi obaasu, jiraachisu, too’atu Rabbiin malee hin jiru.

Uumu keessatti Rabbiin tokkichoomsu yommuu jennu Rabbiin wantoota hundaa akka uume fi Uuman dhugaan Isa qofa akka ta’e amanudha. “Ilmi namaa kunoo wanta haarawa ni uuma. Kuni jecha kee hin faallessu ree?” jechuu dandeessu. Deebiin isaa, ilmi namaa wanta hin jirre hin uumne; wantuma jiru gara biraatti jijjire malee. Garuu Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) wanta duraan hin jirre uuma. Fakkeenyaf, telefoona haa fudhannu. Ilmi namaa telefoona sibilaa fi wanta adda addaa Rabbiin uume lafa keessaa baase hojjataa malee wanta gonkumaa hin jirre irraa hin uumne. Sibiluma gara biraatti jijjire. Garuu sibila san wanta hin jirre irraa kan uumu Rabbiin qofa.

Ammas Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) uumuu keessatti homaanu wal hin fakkaatu. Eenyullee akka Isaa hin uumu. Rabbiin wanta tokko uumuu yoo fedhe, “Ta’i” jedha. Achumaan wanti suni ta’ee argama. Ilmi namaa wanta tokko yommuu hojjatu, itti dadhaba, itti carraaqa. Garuu Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) gonkumaa hin dadhabu, wanti Isa dadhabsiisu tokkollee hin jiru.

Gabaabamutti Uumu keessatti Rabbiin tokkichoomsu qabna. Homattu wal fakkeessu hin qabnu. “Akka namaa akkanatti uuma.” Jennee gonkumaa yaadu hin qabnu. Kana irra akkana jennee yaadu qabna, “Rabbiin wanta tokko uumuu yoo barbaade, ‘Ta’i’ jedha. Wanti suni yeroma san ta’e argama.” Ragaan kanaa Aaya (keeyyata) Qur’aanaati:

2:117

[Rabbiin] Argamsiisaa samii fi dachiiti. Yeroo dhimma wayii murteesse, wanti Inni isaan jedhu, “Argami (ta’i)” qofa; yeroma san argama (ta’a).”  Suuratu Al-Baqara 2:117

Mootummaa (Al-Mulk) keessatti tokkichoomsu yommuu jennu immoo Mootiin dhugaa fi yeroo hundaa Rabbiin akka ta’e amanuudha. Mootummaa yommuu jennu wanta tokko qabaachu fi isarratti aangoo guutuu goonfachuu fi akka fedhetti ajajuu, dhoorgu fi jijjirudha.  Kanaafu, addunyaa guutuu kan harka qabu, aangoon guutun harka Isaa kan jiru fi akka fedhetti jijjiruu fi ajajuu kan danda’u Rabbiin qofaa jechuudha. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) ni jedha:

67:1

“[Rabbii] Mootummaan waan hundaa harka Isaa jiru tolli Isaa baay’ate. Inni waan hundaa irratti Danda’aadha.” Suuratu Al-Mulk 67:1

Tadbiir (too’anna, bulchiinsa) keessatti tokkichoomsu yommuu jennu immoo wanta hundaa kan bulchuu fi too’atu Rabbiin qofa akka ta’e amanuudha. Namni wanta qabu fi isa jala jiru too’achu fi bulchu danda’a. Garuu addunyaa fi samii guutuu too’achu fi bulchuu hin danda’u. Wanta hundaa too’achu fi bulchu kan danda’u Rabbiin qofa. Fakkeenyaf, halkan oofe guyyaa fidu, dhimma namootaa, Aduu fi ji’a sarara isaani qabatanii akka deemanii fi wantoota hundaa kan too’atu fi bulchu Rabbii Olta’e qofa.

Firiin Tawhiida kana beeku fi itti amanuu irraa argannu: Kan wanta hundaa uumu, mootummaan hundi harka Isaa kan jiru, kan wanta hundaa nyaachisu, kunuunsu fi too’atu Rabbiin qofa ta’uu yoo beekne, Isa qofa akka kadhannu, sodaannu, irratti hirkannu fi Isaaf akka ajajamnu nu taasisa. Jecha biraatin Rabbiin qofa akka gabbarru nu taasisa. Kuni immoo tasgabbii qalbii nuuf kenna.

2.Tawhiid Al-Uluuhiyyah– tawhiida ibaadah (gabbarris) ni jedhama. Kana jechuun “Ibaadaa keessatti Rabbiin tokkichoomsudha.” Namni Rabbiin waliin wanta biraa gabbaruu hin qabu. Yookiin akkuma Rabbiin gabbaruu fi sodaatu, wanta biraa gabbaruu fi sodaachu hin qabu. Fakkeenyaf, Rabbiin waliin Nabiyyi, Malaayka, awliyaa, sheeka, taabota, jinnii fi kkf kadhachuu, sagaduufi qaluufi hin qabu.  Rabbii tokkicha kadhachuu, sagaduufi (salaatufi), qaluufi fi ibaadaa biroo hojjachuufi qaba.

Wanti guddaan Rabbiin ilma namaa itti ajaje tawhiida kana. Namoonni baay’een tawhiida ar-rubuubiyya itti amanu. Garuu tawhiida al-uluuhiyya kana itti amanu didan. Rabbii gaditti wanta biraa gabbaru. Tawhiida al-uluuhiyyah kanaafi kitaabban kan bu’an, Ergamtoonni kan ergaman. Rabbiin ni jedha:

Dhugumatti Nuti, “Rabbiin gabbaraa; taabota [gabbaruu] irraas fagaadhaa.” [Jechuun] ummata hunda keessatti Ergamaa erginee jirra. ” Suuratu An-Nahl 16:36

51:56

Jinnii fi ilma namaa akka Ana qofa gabbaraniif malee hin uumne.” Suurat Az-Zaariyaat 51:56

Ibaadaa keessatti namni tokko Rabbitti yoo waa qindeesse, mushrika (nama shirkii hojjatu) ykn kaafira ta’a. Ibaada (Rabbiin gabbaruu) jechuun- ajaja Rabbiitti buluu fi wanta Inni dhoowwe irraa dhowwamuu (irraa fagaachudha). Ibaadan wanta lama gurguddaa irratti kan ijaarramedha. Isaanis; Mahabbah (Jaalalaa) fi Ta’aziim (Guddisuu, kabajuu) dha. Namni tokko Rabbiin jaallate fi mindaa guddaa Isa bira jiru kajeele wanta Rabbiin itti ajaje hojjata. Ammas, Guddinna Rabbii fi adabbii Isaa sodaate, wanta Rabbiin irraa dhoowwe dhiisa.

Firiin tawhiida kana beeku, itti amanuu fi hojii irra oolchu irraa argannu baay’eedha. Isaan keessaa gammachuu fi milkaa’inni addunyaa fi Aakhirah tawhiida kana irratti hundaa’a. Namni yommuu Rabbiin qofa gabbaru wantoota biraatif gabra ta’uu irraa ni bilisooma, tasgabbii qalbii fi mi’aa jireenyaa ni argata. Gammachuun kuni itti fufuun gara Jannataa tarkaafata. Adabbii Rabbii irraa tawhiida kanaan baraarama. Namni Rabbitti waa qindeesse adabbiin isaa badaadha. Fakkeenyaf, Nabii Iisa (Iyyasuusin) gooftadha jechuun gabbaruu, haadha isaa Mariyam, Malaykoota fi kkf gabbaruun shirkiidha ykn kufriidha. Adabbii guddatti nama geessa.  Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) ni jedha:

“Dhugumatti namni Rabbitti waa qindeesse Rabbiin isarratti Jannata haraama(dhoowwaa) taasiseera. Teessoon isaas ibidda. Miidhaa raawwattootafis tuumsitoonni hin jiran.” Suuraa Al-Maa’ida 5:72

3.Tawhiid al-Asmaa’a was-sifaat– Tawhiida Maqaalee fi Amaloota Rabbii. Kana jechuun Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) kitaaba Isaa keessatti yookiin arrabaa Ergamaa Isaa irratti wanta Ofiin itti of waame fi wanta ofiin itti of ibseen tokkichoomsudha. Kunis kan ta’u, osoo hin jijjiriin, hin micciriin, akkana akkana osoo hin jedhin, osoo wayittu hin fakkeessin wanta Rabbiin mirkaneesse mirkaneessu (isbaat) fi wanta Inni dhabamsiise dhabamsiisun (nafiyyin) ta’a.

Ifa gochuuf maqaalee Rabbiin ittiin of waame fi mirkaneesse osoo hin jijjiriin, osoo hin micciriin itti amanuu fi ittiin waamudha. Fakkeenyaf, Maqaalee Rabbii keessaa Ar-Rahmaan, Al-Khaaliq, Al-Qudduus, As-Salaam fi kan biroo ittti amanuu fi tokkichoomsudha.

Ammas, sifaata (amaloota) Rabbii (subhaanahu wa ta’aala) osoo hin jijjiriin, osoo hin micciriin, akkana osoo hin jedhiini fi homaattu osoo hin fakkeessin itti amanuu fi tokkichoomsudha. Fakkeenyaf, Rabbiin ni dhagaha, ni arga, wanta hundaa ni beeka, Rabbiin olta’aa fi Arshii oli, fi kan biroo homattu osoo hin fakkeessin, akkana akkanaa osoo hin jedhin itti amanu fi tokkichoomsudha. Rabbiin ni jedha:

16:74

Rabbiif fakkeenya hin godhinaa. Dhugumatti Rabbiin ni beeka, isin hin beektan.” (Suuratu An-Nahl 16:74)

Firii Tawhiida kana beeku irraa argannu baay’eedha. Namni tokko maqaalee Rabbii beekun yommuu maqaalee sanniin Rabbiin waamu fi kadhatu, du’aayi (kadhaan) isaa deebii argata. Ammas, maqaalee sanniin Rabbiin faarsun gammachuu fi tasgabbiin itti dhagahama. Ammallee, namni sifaata (amaloota) Rabbii yommuu beeku fi itti amanuu, jireenyi isaa sarara sirrii akka qabattu taasisa. Fakkeenyaf, amaloota Rabbii keessaa Rabbiin wanta hundaa ni arga, wanti Isarraa dhokatu tokkollee hin jiru, wanta hundaa ni beeka, ni dhagaha. Namni tokko yommuu amaloota kanniin beeku, of eeggata. Kophaa yommuu jiru, “Rabbiin na arga” jedhe waan sodaatuf waan badaa hin hojjatu. Inuma qalbii isaa keessatti waan badaa hin yaadu. Rabbiin wanta qalbii keessa jiru hundaa ni beeka jedhe waan yaaduf. Kuni qalbii isaa akka qulqulleessu fi sadarkaa ol’aanaa irra akka gahu isa taasisa.

Guduunfaa
Tawhiida jechuun Rabbiin tokkichoomsu fi Isa qofa gabbaruudha. Tawhiinni bakka 3 qoodama.
1.Tawhiid ar-rubuubiyya– Tawhiida Gooftummaa- tawhinni kuni hojiwwan Rabbitiin kan wal qabateedha. Fakkeenyaf kanneen akka uumuu, ajajuu, nyaachisu fi obaasu, too’achu, fi kanneen biroo.
2.Tawhiid al-uluuhiyyah- tawhiida gabbarrii- Ibaadaa keessatti Rabbiin tokkichoomsu.
Ibaadaa jechuun Wanta Rabbiin itti ajaje jaalalaa fi mindaa Isaa kajeelun hojjachuu fi wanta Rabbiin irraa dhoowwe, Guddinna Rabbii fi adabbii Isaa sodaachun, dhiisudha.
3.Tawhiid al-asmaa’a was-sifaat- Maqaalee fi amaloota Rabbiin ittiin of waame fi ibsee itti amanu fi tokkichoomsudha.

Kitaabilee wabii:

  1. Sharih aqiidatal waasixiyyah– Jildii 1 fuula 21-26, ibn Useymiin
  2. Sharih Usuul salaasa- fuula 39-40
  3. Explanation of the Three Fundamental Principles of Islaam-fuula 33
  4. Bidaa’u Tafsiir-jildii 3 fuula 440 Imaam Ibn Al-Qayyim
Dukkana Keessaa Ifatti-Lakk.2
Namootan Walitti Makamuu

Leave a Reply