Mallatoolee Guyyaa Qiyaamaa-Kutaa 1ffaa

Guyyaa Qiyaamaa jechuun Guyyaa namoonni du’an hundi awwaalcha isaanii keessaa kaafamuun murtiif Rabbiin fuunduratti dhiyaataniidha. Guyyaa sirnii samii fi dachii itti jijjiramuudha. Guyyaa samiin itti dhodhootu, urjileen harca’an, garreen bakka isaaniti buqqifaman, dachiin garmalee sochootu fi wantoonni nama rifachisanii fi naasisan biroo itti adeemsifamuudha. Guyyaan kuni guddinnaa fi ulfaatinna isaatirraa kan ka’e maqaa adda addaa qaba. Isaan keessaa As-Saa’ah (Sa’aa), Guyyaa Aakhirah (Dhumaa), Yawmul Jam’i (Guyyaa Walitti qabamaa), Yawmud-Diin (Guyyaa Murtii), Yawmul Taghaabun (Guyyaa mu’minoonni bu’aa buufatanii, kaafironni immoo kasaaraniidha), Al-Haaqqah (Guyyaa haqni (dhugaan) ifa bahu), Al-Qaari’a (Rukuttaa jabaa), Gaashiya (wanta hundaa tan Haguugdu) fi kan biroo.

Guyyaa Qiyaamatti amanuun utubaalee imaanaa keessaa tokko. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) ilma namaa uumun ergasii isaan sooru, Ergamtoota erguu fi kitaabban buusun san booda herreega malee akkanumatti hin dhiisu. Wanta hojjataniif osoo hin herreegaminii fi hin gaafatamiin akkanumatti badanii kan hafan yoo ta’e, kaayyoo malee uumamanii jechuudha. Kuni immoo wanta Rabbiif hin malleedha. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) ni jedha:

23:115

Sila Nuti taphumaaf waan isin uumnee seetu (yaaddu)? Ammas isin gara Keenyatti deebifamu dhabuu yaaddu?” (Suuraa Al-Mu’uminuuna 23:115)

Ammas, namoonni wal-cunqursuun murtii haqaa osoo hin argatin du’an seenan haa lakkaa’u. Kan cunqurse fi cunqurfamaan murtii haqaa osoo hin argatin akkanumatti dachii Rabbii keessa badanii ni hafu? Yoo kan badan ta’e dachiin cunqursitoota qofaaf uumamte jechuudha. Kuni immoo gonkumaa wanta hin taane. Guyyaan Murtii namni hundi haqa itti argatu jiraachu qaba miti ree? Namni “Lakki Guyyaan Murtii (Qiyaamaa) hin jiru.” Kan jedhu yoo jiraate, inni haqa hin barbaadu jechuudha. Guyyaan Murtii haqaa kee si kafaluu fi miidhaa raawwattoota (zaalimtoota) adabuuf kan dhufu.

Guyyaan kuni Guyyaa Cimaa fi Guddaa namni wanta hojjateen itti mindeefamu fi adabamuudha. Dhugaan amanee fi hojii gaarii yoo hojjate, badhaasni isaa Jannata. Kaafira (Rabbitti kan hin amanne) fi hojii badaa kan hojjatu yoo ta’e, iddoon qubannaa isaa Jahannami. Sababa kanaafi, Rabbiin garmalee jabeessun Guyyaa kanaaf akka qophaa’an ilma namaa akeekachisa.

Guyyaa kanatti akka amanan, kitaabban buuse jira. Kitaaba Isaa kan dhumaa kan ta’e Qur’aana keessatti, Guyyaa Qiyaama keessa maal akka adeemsifamu, Jannani fi Jahannam maal akka ta’an, hojiiwwan Jannataa fi Jahannam nama seensisanii fi kan biroo ilma namaatif addeesse jira. Kitaaba qofaanis mitii, mallattolee Guyyaa Qiyaamatti akeekan baay’ee agarsiise jira, ammas agarsiisaa jira.

47:18

Sila Qiyaaman tasa isaanitti dhufu malee maal eegu? Mallattooleen ishii dhufaniiru. Yeroo ishiin isaanitti dhufte gorfamuun isaanii akkamitti isaaniif ta’a?” Suura Muhammad (47):18

Har’a fedhii Rabbitiin mallatooleen kunniin maal akka ta’an muraasa isaanii hadiisa sahiih Ergamaa Rabbii (SAW) irraa ta’an wabii godhachuun haa ilaallu. Mallatoolee kanniin beekun amantiin nuti Guyyaa Qiyaamatiif qabnu akka dabalu fi hojii gaggaarii hojjachuu fi hojii badaa dhiisun akka of qopheessun nu taasisa.

Mallatoolee Guyyaa Qiyaamaa jechuun Guyyaan Qiyaama dhiyaachu mallatolee agarsiisanidha. Mallatolee kanniinis bakka lamatti qoonna. Isaaniis; Mallatoolee Xixxiqoo (al-Alaamatu al-sughraa) fi Mallatoolee Gurguddoo (al-Alaamatu al-Kubraa). Ammas mallatoolee xixxiqoo bakka saditti qoodu dandeenya. Isaanis; (A).kan yeroo darbee, (B)kan yeroo darbe dhufe fi amma itti fufaa jiruu, (C) kanneen hanga ammaa hin dhufne. Asitti kan dhiyeessu hadiisa sahiih ta’an qofaa fi kitaaba Sheyk Muhammad Al-Arifi “Nihaayatul Aalam (End of The World)” jedhamu irraayi.

(A). Mallatoolee Xixxiqoo Yeroo Darbe keessa argaman

  1. Nabi Muhammad (SAW) ergamuu fi du’uu

Nabii Muhammad (SAW) ergamuu fi du’uun mallatoolee xixxiqoo Guyyaan Qiyaamaa dhiyaachu agarsiisan keessaa tokko. Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:

بُعِثْتُ أَنَا وَالسَّاعَةُ كَهَاتَيْنِ ‏

Qubaa jidduu dheeraa fi qubaa ishaaraa wal bira qabuun, “Anaa fi Yeroon (Guyyaan Qiyaama) akkanatti ergamne.” Jedhan. Sahih al-Bukhari 6505 fi Sahih Muslim 2951

Imaam Qurxuubin akkana jedha: “[Mallatoon Qiyaamaa] jalqaba  Ergamaa Rabbii (SAW) dha. Sababni isaas, inni Nabiyyii yeroo dhumaati. Inni Nabiyyi ta’uun ergame jira; Isaa fi Qiyaamaa jidduu nabiyyiin biraa hin jiru.” ( Al-Qurxubii, At-Tazkirah (1/710)

Ergamaan Rabbii (SAW) du’uunis mallatoolee Guyyaa Qiyaamaa keessa tokko. Duuti Nabiyyii balaa Muslimoota irra gahe keessaa balaa isa guddaadha. Yommuu inni du’u sahaabotatti Madinaan ni dukkanoofte. Du’a isaatin Wahyin (Ergaan Rabbiin irraa bu’u) addaan cite, fitnaan ni baay’ate, Araboonni gariin Islaama irraa duubatti deebi’an.

  1. Jiini (Addeessi) Dhooyu

Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) ni jedha:

54:1

“Qiyaaman kaloofte (dhiyaatte); Jiinnis lamatti dhoohe.” Suuratu Al-Qamar 54:1

Al-Haafiz ibn Kasiir (Rabbiin rahmata isaaf haa godhu) akkana jedha: “Akkuma hadiisa sahiih mutawaatira ta’e keessatti dhufetti [dhooyun ji’a] gadaa Rasuulaa (SAW) keessa ta’ee jira. Dhooyun ji’a gadaa Rasuulaa (SAW) keessa kan adeemsifame ta’uu isaa hayyoota Islaamaa jiddutti kan irratti wali galameedha.. Mu’ijizaa beekkamaa keessaa isa tokko ture.” (Tafsiir ibn Kasiir 7/472)

Anas akka jedhetti, “Warri Makkaa Ergamaa Rabbii (SAW) mallatoo akka isaanitti agarsiisu gaafatan. Innis dhoohinsa Ji’aa itti agarsiise.”  Sahiih Bukhaari 3637 fi Muslim 2802

  1. Al-Quds (Jerusaalam) Banamuu

Yommuu Ergamaan Rabbii (SAW) ergaman al-Quds mootii Kiristaanaa Bezantaayin jala turte. Ergamaan Rabbii (SAW) banamiinsa Quds dursanii himuun mallattoo Guyyaa Qiyaamaa keessaa akka taate ibsan. Hadiis Awf ibn Maalik dabarse keessatti, Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Guyyaa Qiyaamatiin dura wantoota jaha lakkaa’i. (1) Du’a kiyya, (2)ergasi Baytal Maqdis (Jerusalaam) banamu, (3)du’a akka qu’aasi hoolaa isin keessa faca’u, (4)qabeenyi baay’achuun namni yommuu dinaara dhibbi kennameef, hin quufu (Kana jechuun namoonni garmalee dureeyyi ta’uun namtichi dinaara kuma malee itti hin gammadu.) (5)fitnaan (qormaanni cimaan) mana Arabaa kamiyyu seentu malee tan hin hafne ni dhufti. (6)isinii fi Banu Al-Asraf (Romaanota ykn Bezantaayinota) jidduu waligalteen waraanaa dhaabu ni adeemsifama. Ergasi Banu Al-Asraf wali galte kana diigun alaabaa saddeet jalatti [isin waraanuf] isinitti dhufu. Alaabaa hunda jala loltoota kuma kudha lamatu jira.”  Sahih al-Bukhari 3176

Qu’aas jechuun dhibee holoota fi re’oota keessa faca’uun takkaan fixudha. Akkuma Rasuulli jedhan dhibeen akka dhibee hoolataa faca’u kuni namoota baay’ee ajjeese jira. Naannoo Sooriyaa yeroo Umar bin Al-Khaxxaab (RA) babal’achuun gara Muslimoota kuma digdami shan fixe jira.

Al-Quds yeroo Umar ibn al-Khaxxaab bara 16 (HB)/ 637 keessa banamte turte. Kufrii irraa qulqulleessun Masjiida achitti ijaare ture. HB-Hijraa Booda

Al-Quds yeroo lammataattif bara 583 HB/1187 keessaa Salaah Ad-Diin Al-Ayyuubin banamte jirti. In sha Allah, ammas gara fuunduratti ni banamti. Kanaan kan wal-qabatu mallatoolee xixxiqaa gara fuunduratti dhufan keessaa haa ilaallu innis.

Abu Hureyran akka gabaasetti, Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Qiyaaman hin dhaabbattu hanga Muslimoonni Yahudoota irratti lola (waraanaa) banannitti malee. Muslimoonni Yahudoota ni ajjeessu hanga namni yahuuda ta’ee dhagaa fi muka duubatti dhokatutti. Dhagaan yookiin mukni ni jedha, “Yaa Muslima, Yaa Gabricha Rabbii! Na duuba Yahuudatu jira, koottu ajjeesi. Garuu mukni Gharqad jedhamu hin dubbatu, inni muka Yahudoota waan ta’eef.” Sahih Muslim 2922

Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) wanta hundaa dubbachisu kan danda’u mukaa fi dhagaa akka dubbatan gochuu danda’a. Yeroo ammaa kana hubachuu fi itti amanuun ulfaata miti. Sibillii fi shiboon yeroo ammaa dubbachaa hin jiru? Telefoonni, radiyoon Tv fi kkf walitti qabama laastiki, shiboo fi sibilaa mitiree? Yommuu Qiyaaman dhiyaattu, Yahudoota akkanatti ardii balleessaa jiran kanniin Rabbiin dandeetti fi gargaarsa Isaatin, Muslimoonni akka isaan ajjeesan taasisa. Kanaafu, waa lama Hadiisa kanarraa barannaa jechuudha. Tokko mallattoo Qiyaama, lamaffaa, yahudoonni cunqursaa hangana hin jedhamne yommuu raawwatan abdii kutu dhiisudha. Guyyaa tokko too’annaa jala oolu.

  1. Dajjaloonni fi kijibdoonni soddomni Nabiyyumma himatan bahuu

Abu Hureyran akka gabaasetti, Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:

Qiyaaman hin dhaabbattu hanga Dajjaalonni, kijibdoonni soddomatti dhiyaatan bahanitti malee. Hundi isaanitu, ergamaa Rabbii akka ta’anitti himatu (Ani ergamaa Rabbiiti jedhu).Sahih Muslim 157 l

Garuu Nabii Muhammad (SAW) Ergamaa Rabbii isa dhumaati. Isaan booda Rasuulli ykn Nabiyyiin haarofti ergamu hin jiru. Rabbiin ni jedha:

33:40

Muhammad dhiirota keessan irraa abbaa nama tokkootu hin taane. Garuu inni Ergamaa Rabbitii fi xumura Nabiyyoota kan ta’eedha. Rabbiinis waan hundaa beekaa ta’eera.” Suuratu Al-Ahzaab 33:40

Namoonni seenaa keessatti ani nabiyyidha jechuun bayan jiru. Akka fakkeenyatti, Al-Aswad Al-Ansi Yaman irraa, Musaylimah al-Kazzaab (Kijibaa), Mirza Ghulam Ahmad al-Qadayni fi kanneen biroo. Dajjaalin guddaan inni dhumaa Qiyaaman garmalee yommuu kalooftu baha. Mallatolee Guyyaa Qiyaamaa gurgudoo keessaa tokko.

  1. Gara Hijaazi irraa ibiddi argamu

Mallatoolee Guyyaa Qiyaamaa kan Ergamaan Rabbii (SAW) dubbatan keessaa tokko ibiddi lafa Hijaazi tan Madinah al-Munawwaratti dhiyaattu keessaa bahuudha. Hayyoonni fi qorattoonni seenaa tokko tokko ibiddi kuni bara 654 HB akka argame ni dubbatu.

Al-Haafiz ibn Kasiir (Rahimahu Allahu) waa’ee ibidda kanaa yommuu dubbatu akkana jedha, “Ibiddi Hijaaz keessatti mul’ate kan Busraa keessatti morma gaalaa ibse akkuma hadiisa keessatti dubbatame argame jira. Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhu: “Qiyaaman hin dhaabbattu, hanga ibiddi lafa Hijaaz keessaa bahuu fi morma gaalaa Busraa keessa jiran ibsutti.”   Sahih al-Bukhari 7118

Ibn kasiir itti fufuun, “akkuma jedhame ibiddi ji’a sadi ture jira. Ifa isaatin dubartoonni Madiinaa jirbii fooyaa turan.” (Al-Bidaayah wa’l-Nihaayah 13/199)

Taate kana yommuu ibsu Abu Shaamah akkana jedha, “Halkan guyyaa Roobii dura, Jumaadal Aakhirah 3ffaa bara 654 (Hijra booda), sagaleen guddaan Madinaa keessatti dhagahame. Ergasii kirkira (sochii) irraa kan ka’e lafti, dhaabni manaa, xaaran, gubanii fi balballi sa’aati baay’eef hanga Jimaata itti aanu hurgufaman. Ergasii ibiddi guddaan Madinaa keessatti bakka Harrah jedhamtu keessatti mul’ate. Naannoon kuni Bani Qureyzatti dhiyoodha. Gara seensa Madinaatiin iddoo jireenya keenya irraa ibidda kana ni argina. Akka waan ibiddi guddaan nu bira jiru fi laggeen ibiddaa akka bishaani isa irraa gara Sulula Shaza yaa’anitti qaanqee guddaa akka gamoo darba.” (At-Tazkira f.527)

Kunnin mallatolee Guyyaa Qimaayaa muraasa isaaniti. In sha Allah, torbaan dhufu, mallatolee yeroo amma itti fufaa jiran ragaa waliin ni ilaalla. Assalamu aleykum wa rahmatullahi wa barakaatuh. Wa billahi tawfiiq.

Kitaaba wabii
The End of The World-fuula 47-63 (English)
Nihaayatul Aalam -fuula 37-52 (Arabic)

Mallattoolee Guyyaa Qiyaama-Kutaa 2ffaa
Tawhiida

Leave a Reply