Mallattoolee Guyyaa Qiyaama-Kutaa 2ffaa

Offline dubbisuf

Torbaan darbee mallatoolee guyyaa Qiyaama muraasa isaanii ilaalle turre. Har’as itti fufuun mallatoolee yeroo ammaa argamanii ijaan mul’atan ilaalla. Mallatoolee kanniin qor’achuu fi qo’achuun haala keenya jijjiruun Guyyaa Qiyaamatiif akka of qopheessun nu gargaara.

  1. Dhiironni zaalima (cunqursitoota) ta’an alangeen namoota reeban argamu

Mallatoolee Guyyaa Qiyaamaa kan Ergamaan Rabbi (SAW) nutti himan keessaa gargaartonni mootummoota abbaa irree alangee akka eegee horii fakkaatun namoota reebudha. Alangee gosa garagaraatu jira. Fakkeenyaf, alangee gogaa, elektrikii, gommaa, dame mukaa fi kkf.

Abu Hureyran akka dabarsetti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:

Namoota gosa lamaa warra ibiddaa irraa ta’an kanneen ani hin agarretu [dhufa]. [1ffaa]: namoota alangee akka eegee horii fakkaatu qabanii fi alangee kanaan namoota ittiin reebaniidha. [2ffaa]: dubartoota uffatanii garuu qullaa mul’atan. Ofiillee dabanii namootas baditti kan dabsaniidha. Mataan isaanii akka dalluu gaala bukhti gara tokkotti dabuuti. Isaan Jannata hin seenan, fooli ishiis hin argatan. Fooliin ishii fageenya hanganaa hanganaa irratti osoo argameyyu.” Sahih Muslim 2128

  1. Dubartoonni uffatanii garuu qullaa ta’an mul’achuu

Mallatoo Qiyaamaa keessaa tokko dubartoonni faaya ofii agarsiisanii fi of hin haguugne, akkasumas, dubartoonni uffata garmalee namatti maxxanuu fi haphii awraa (qaama haguugamu qabu) mul’isu uffatan ni argamu. Haala Kanaan, yommuu gubbaa ilaallaman waan uffatan fakkaatu, garuu dhugaadhaan uffanni isaanii namatti garmalee maxxanuun boca qaamaa waan agarsiisuf qullaadha. (Inuma yeroo ammaa uffanni dhiira yommuu gadi deemu, uffanni dubartoota immoo ol deema. Hanga jilbaa olii uffachuun qullaa yaa’an.) Ergamaan Rabbii (SAW) hadiisa armaan olii keessatti, “dubartoota uffatanii garuu qullaa mul’atan. Ofiillee dabanii namootas baditti kan dabsaniidha. Mataan isaanii akka dalluu gaala bukhti gara tokkotti dabuuti.” Jedhani jiru.

Akkuma Rasuulli (SAW) jedhan kunoo dubartoonni uffatanii garuu qullaa mul’atan argaman. Namni kamiyyuu dubartoota qullaa yaa’an kanniin yommuu argu, Guyyaan Qiyaamaa akka dhuftu mirkaneefachu danda’a. Hadiisota Mallatoolee Guyyaa Qiyaamaa himan keessaa hadiisni na dinqisiisu hadiisa kana. Yommuu dubartoota qullaa ya’an tasa argu Guyyaa Qiyaamaa na yaadachisa.

  1. Al-Harj (Ajjeechaa Baay’ee)

Mallatoolee Guyyaa Qiyaamaa Ergamaan Rabbii (SAW) himan keessaa tokko ajjeechan baay’achuudha. Namni tokko nama biraa ajjeesa garuu maaliif akka ajjeese hin beeku; kan ajjeefames maaliif akka ajjeefame hin beeku.

Abu Hureyraan akka dabarsetti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:
Rabbii nafseen tiyya harka Isaa jirtuun kakadhe! Addunyaan tuni hin deemtu (hin baddu), hanga namoota irratti guyyaan ajjeesan maalif akka ajjeese hin beekne, ajjeefamaanis maaliif akka ajjeefame hin beekne dhufuutti.” Ni jedhame, “Suni akkamitti ta’aa?” Innis “Al-Harj (ajjeechaa baay’ee)…” jedhe. Sahih Muslim 2908 b

Ajjeechan baay’een Usmaan bin Affaan (RA) ajjeesu irraa jalqabe. Waraanni sababa amansiisaa osoo hin qabaatin baay’achuu jira. Namoonni kumaatamatti lakkaawaman, daraaraa kanaaf saaxilamu. Keessumattu, meeshaan waraanaa yeroo ammaa itti fayyadaman rakkoo guddaaf namoota saaxilaa jira.

Daataa lakkoofsa namoota ajjeefamanii muraasa isaanii armaan gaditti ilaalun ni danda’ama.
✒Waraana Addunyaa 1ffaa: miliyoonni 15 ajjeefaman
✒Waraana Addunyaa 2ffaa: Miliyoonni 55 ajjeefaman
✒Waraana Veytaanam: miliyoonni 3 ajjeefaman
✒Waraanaa Raashiyaa: Miliyoonni 10 ajjeefaman
✒Waraana Ispeen: Miliyoonni 12 ajjeefaman
✒Waraana Iraaqi fi Iraan (Waraanaa galoo galaanaa 1ffaa): Miliyoonni 1 ajjeefaman
✒Werara Iraaq: Miliyoona 1 kan caalan ajjeefaman
✒Waraanaa Sooriya: 400,000 ol
✒Waraanaa Yaman: 10,000 ol

Mee itti haa xinxallinuu namoonni kunniin hundi cunqursaan akkanatti ajjeefamanii haqa osoo hin argatin akkanumatti biyyee ta’anii ni hafu? Haqa guutuu argachuuf Guyyaan Qiyaamaa (Kaafamaa) jiraachu qabaa miti ree?

Hadiisa biraa keessatti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:

Yeroon walitti dhiyaata, beekumsi ni qabama (beektonni du’uun wallaalummaan ni baay’ata), fitnaan (qormaanni ciccimaan) ni argama, doy’ummaan [qalbii namoota irratti] darbama, Al-Harj ni baay’ata.” Ni jedhan, “Al-Harj jechuun maal jechuudhaa?”, [Ergamaan Rabbiis] ni jedhe, “Ajjeechadha.” Sahih Muslim 157 d

  1. Kophee kan hin qabne fi tiiksen ijaarsa ol dheeraa ijaaruf wal dorgomu

Mallatoolee Guyyaa Qiyaamaa argamanii fi Ergamaan Rabbii (SAW) irraa dubbatan keessaa tokko namoonni kophee hin qabne, qullaa fi tiikse erga ta’anii booda ijaarsa fi mana faayu irratti wal-dorgomuudha.

Hadiisa Jibriil kan Umar ibn Al-Khaxxaab (RA) dabarse keessatti Malaykaan Jibriil Ergamaa Rabbii (SAW) waa’ee Islaamaa, Iimaanaa, ihsaana fi Qiyaamaa gaafate. Gara dhumatti waa’ee mallatoolee Guyyaa Qiyaamaa gaafate. Ergamaan Rabbis (SAW) akkana jechuun deebisan:

Yommuu gabrittiin bulchaa ishii deessu, al-hufaata (miila duwwaa kophee hin qabne), al-uraata (qullaa), hiyeeyyi fi tiikse re’ootaa kanneen ta’an gamoo dhedheeroo ijaaruf [yommuu] wal dorgoman argitudha.” Sahih Muslim 8 a

Hiikkan hadiisa kanaa namoonni baadiyaa fi hiyyeeyyi ta’an qabeenyi isaaniif bal’achuun ijaarsa dhedheroo ijaaru irratti wal dorgomu.

Namni yeroo ammaa haala Araboota ilaale kana hubachuun isa hin dhibu. Araboonni waggoota 80 ykn 90 dura hiyeeyyi waa hin qabne turan. Yeroo ammaa garuu gamoon dhedheeroon addunyaa biyyoota Arabaa keessatti argama. Ammas gara Chaayina yoo mil’anne, Chaayinoonni hiyeeyyi waa hin qabne turan. Yeroo ammaa garuu addunyaa keessatti gamoo dhedheeroo ijaarun beekkamu. Kuni hundi mallattoo Guyyaa Qiyaamati.

  1. Namoonni beekkamoo fi kabajamoon du’uu fi namoonni gadi aanoon mul’achuu

Kuni mallatoolee guyyaa Qiyaamaa keessaa tokko. Namoonni gamna ta’an, kabajamoo fi beekumsa qaban ni du’u. Namoonni beekumsa hin qabne fi gadi aanoon bakka isaanii qabatu. Isaaniif bakki duwwaa ta’uu fi namni isaaniin dorgomu waan hin jirreef.

Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Rabbii nafseen Muhammad harka Isaa jirtuun kakadhe! Qiyaaman hin dhaabbattu hanga… Al-Wa’uulu du’anii fi At-Tahuut mul’atanitti malee.

Ni jedhan, “Yaa Ergamaa Rabbii Al-Wa’uulu fi At-Tahuut jechuun maal jechuudhaa?” Akkana jechuun deebise, “Al-Wa’uulu jechuun namoota beekkamoo fi kabajamoodha. At-Tahuut jechuun immoo warroota miila namoota jala turanii fi eenyullee waa’ee isaanii hin beeknedha. (kana jechuun namoota sadarkaa gadi aanaa eenyullee isaan hin beekne kanneen turaniidha.)” (Al-Mustadrak keessatti Al-Haakimi fi Al-Awsax keessatti Xabaraaniin gabaasani jiru. Albaanin Sahiih jalatti ramade.)

Namoonni gadi aanoo turan kunniin iddoo ol’aanaa qabachuun beekkamoo ta’u. fakkeenyaf, namoonni kubbaa taphatan, filmii hojjatanii fi sirban namoota hawaasa keessatti gadi aanoo turaniidha. Beekumsa fi kabaja kanneen hin qabneedha. Yerooma isaan kubbaa taphachuu ykn sirbuu jalqaban takkamaan beekkamoo ta’u. Namoonni mataa irratti isaan baatu.

Garuu namoonni beekumsa qabanii fi kabajamoon bakka hin qaban, hin beekkaman. Kuni mallattoo Guyyaa Qiyaamati qalbeefadhu.

  1. Zinaan, hariirri, farsoo (alkooli) fi meeshaaleen muziqaa akka hayyamamoo (halaala) ta’anitti ilaallamu

Wantoota dhoowwamoo (haraama) ta’uun isaani ifa ta’ee fi Muslimni haraama ta’uu isaa hin wallaalle keessaa; Zinaa (sagaagalummaa), alkooli (wantoota nama macheessan) dhuguu, muuziqaa namuusa hin qabne fi dhiironni hariira uffachuudha. Ergamaan Rabbii (SAW) ummata isaa keessaa namoonni muraasni yeroo dhumaa (Aakhiru zamaan) wantoota dhoowwaman armaan olii kanniin akka halaala (hayyamamaa) ta’anitti akka ilaalan himani jiru.  Kunis mallattoo Qiyaaman dhiyaachu keessaa tokko akka ta’etti lakkaa’an.

Abu Aamir ykn Abu Maalik akka dabarsetti, Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:
Ummata kiyya keessaa namoota zinaa, hariira uffachuu, alkooli dhuguu fi meeshaalee muuziqaa fayyadamuu akka halaala (hayyamamoo) ta’anitti ilaalantu dhufa.” Sahih al-Bukhari 5590

Hariira jechuun uffata baay’ee laafaa yeroo baay’ee mootonni uffatanidha. Ingiliffaan “Silk” Amaariffaan “Harr” jedhama.

Hiikni wantoota dhoowwamoo kanniin akka halaalatti ilaalun isaanii wantoota lamaan armaan gadi keessaa tokko ta’a:

1ffaa: Wantoonni kunniin hayyamamoo fi dhoowwamaa akka hin taanetti amanuu
2ffaa: Yookiin hojiin wantoota kanniin hojjachuu bartee godhatamuu fi hanga namni arrabaan balaalefatuu fi qalbiin jibbu hin jirre gahutti namoota keessa babal’achuudha. Kanaafu, namoonni yommuu kanniin raawwatan haraama ta’uun isaanitti hin dhagahamu.

Yeroo ammaa biyyoonni Musliimaa zinaa fi alkooli ilaalchise akka salphaatti ilaalu. Bakki zinaan itti raawwatamu seeran eeggamaa fi sagaagaltuuf waraqaan eenyummaa kennamaa jira.

Alkoolin immoo ifaan ifaatti gurguramaa fi daldalaaf akka oolu biyyooni Arabaa fi Muslimaa gariin seeran raggaasisani jiru. Kuni badii hamaa fi guddaadha.
Wanta hamaan yeroo ammaa babal’ataa jiru kan biraaa muuziqaa dhageefachuun Qur’aana irraa garagaluudha. Sa’aati 24 muuziqaa tamsaasuf raadiyo fi Tv dhaabbatani jiru. Kuni mallattoo Guyyaa Qiyaamati. Muslimoonni kana beeku qabu.

Abdullah ibn Mas’uud (RA) akkana jedha, “Muuziqaan nifaaqa qalbii keessatti biqilcha akkuma bishaan biqiltu biqilchu.”

  1. Furdinni babal’achuu, namoonni ragaa akka bahan osoo hin gaafatamin raga bahan argamu

Imraan ibn Huseyn (RA) akka dabarsetti, Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:
Hordoftoota kiyya keessaa hundarra gaariin dhaloota [ani amma keessa jiru kana], ergasii dhaloota itti aanu, ergasiis dhaloota itti aanu. Ergasii isin booda namoota ragaa akka bahan osoo hin gaafatamin raga bahantu dhufu, ni ganu (ni kaadu) hin amanaman, nazrii ni seenu garuu hin guutan. Furdinni isaan keessatti ni mul’ata.” Sahih al-Bukhari 3650

Nazrii jechuun wanta tokko ofirratti dirqisiisudha.  “Rabbiin wanta kana yoo naaf guute wanta kana nan hojjadha” jedhanii waadaa seenudha. Fkn, mindaa hangana Rabbiin yoo naaf hire, sadaqaa qarshii hanganaa nan kenna jedhanii waadaa galuudha.

Yeroo ammaa addunyaa keessatti namoonni baay’een furdinnan rakkataa jiru.

  1. Halaala ta’i haraama ta’i madda qabeenya itti dhiphachuu dhiisu

Yoo Muslimni amanti ofii jabeessu dhiise, amantitti buluun isaa ni hir’ata. Amantitti buluun yoo hir’ate immoo, wantoota shakkisiisatti kufa. San booda haraamatti kufuun maddi qabeenya halaala ykn haraama ta’e haajaa itti hin qabu. Kuni yeroo keenya kana keessatti argame jira. Wanta Ergamaan Rabbii (SAW) jedhan kan dhugoomsudha.

Abu Hureeyran akka dabarsetti, Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedha:
‏ لَيَأْتِيَنَّ عَلَى النَّاسِ زَمَانٌ لاَ يُبَالِي الْمَرْءُ بِمَا أَخَذَ الْمَالَ، أَمِنْ حَلاَلٍ أَمْ مِنْ حَرَامٍ ‏”‏‏.‏
Halaala irraa ta’i haraama irraa ta’i namtichi akkamitti qabeenya akka argate kan itti dhimmamne (hin dhiphanne) namoota irratti yeroon ni dhufa.” Sahih al-Bukhari 2083

Mallatoolee Guyyaa Qiyaamaa kanniin biroo:

  1. Namoota beekan qofa nageenya gaafachu
  2. Niitif ajajamanii haadhaf ajajamu didu
  3. Yeroon garmalee ariitin darbuu
  4. Karaa namoota asiin dura dhufanii hordofuu
  5. Namoonni gadheen hogganaa ta’uu
  6. Du’a tasaa
  7. Barreefamni fi dubbisuun baay’achuu
  8. Kirkirri lafaa baay’achuu
  9. Wallaalummaan babal’achuuu fi kanneen biroo

Mallatoleen Guyyaa Qiyaamaa xixxiqoo argaman baay’eedha. Hunda isaanii asitti tarreessuf bakkaa fi yeroon nutti gabaabbata. In sha Allah kutaa itti aanutti mallatolee xixxiqoo hanga ammaa hin argamne ilaalla.

Kitaaba wabii
The End of The World-fuula (English)
Nihaayatul Aalam -fuula (Arabic)

Guyyaa Qiyaamaa-Kutaa 1ffaa
Mallatoolee Guyyaa Qiyaamaa-Kutaa 1ffaa
Offline dubbisuf

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.