Guyyaa Qiyaamaa-Kutaa 1ffaa

Offline dubbisuf

Yeroo darbee keessa mallatolee Guyyaan Qiyaamaa dhiyaachu agarsiisanii fi akka Guyyaa kanatti amanne of qopheessinuuf nu gargaaran ilaalle jirra. Mallatoolee Guyyaa Qiyaamaa xixxiqoo hafanii fi Mallatolee Gurguddoo ilaaluf yeroo fi bakki nutti gabaabbata. Akkasumas, dubbistoota baay’ee hin argine akkuma kutaa lamaffaa irraa hubatametti. Garuu bakka kanaa qabxiilee baay’ee ijoo fi jireenya keessatti baay’ee barbaachisoo ta’an ilaalla. Qabxilee kanniin xiqqaate xiqqaatu bakka torbatti qoode jira. Isaanis: Qiyaaman Maaliif barbaachise? Ragaaleen Qiyaamaa maal fa’a? Seenaa irraa namoonni fi uumamtoonni biroo erga du’anii booda kaafamanii jiruu? Guyyaan Qiyaamaa yoomii? Wantoonni Guyyaa Qiyaamaa keessa adeemsifaman maal fa’aa? Badhaasa nama Qiyaamatti amane fi adabbii nama itti kafare maal ta’aa? Shakkii sheyxaanaa jalaa bahuuf maal gochuu qabnaa?

1.Qiyaaman Maaliif barbaachisee?
Akkuma yeroo darbe jenne Guyyaa Qiyaamaa jechuun Guyyaa namoonni awwaalcha isaanii keessaa bahuun murtii haqaa argachuuf Rabbiin fuundura itti dhaabbataniidha. Guyyaan Qiyaamaa maaliif barbaachise yoo jedhame, deebiin isaa addunyaa tana keessatti namni gaarii hojjatu gaarummaa isaatiif mindaa guutu hin argatu. Akkasumas, namni badii ykn yakka hojjatu yakka isaatiif adabbii isaaf malu hin adabamu. Dabalatan, namoonni haqa malee cunqurfaman addunyaa tana keessatti haqa guutu hin argatan. Kanaafu, ilmi namaa addunyaa tana keessatti haqa guutu yoo hin argatin, “Guyyaan haqa guutuu itti argatu hin barbaachisu ree?” Sirritti barbaachisa. Guyyaan haqa guutu itti argatu suni “Guyyaa Qiyaamaa” jennaan. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) ni jedha.

Deebiin hunda keessanu gara Isaa (Rabbiiti). [Kuni] waadaa Rabbii haqa [kan ta’eedha]. Dhugumatti, Inni uumuu ni jalqaba, ergasiis ni deebisa. [Kana kan godhuuf] warroota amananii fi hojii gaggaarii hojjatan haqaan mindaa isaaniif kennuufi. Garuu warroota kafaran waan kafaraniif jecha isaaniif dhugaatii bishaan danfaa irraa ta’ee fi adabbii laaleessaatu jira.” Suuratu Yuunus 10:4

Aaya biraa keessattis akkana jedha:
Lubbuun hundi du’a ni dhandhamti. Mindaawwan keessanis guutumaatti kan argattan Guyyaa Qiyaamati. Namni ibidda irraa fageeffamee Jannata seensifame, dhugumatti milkaa’eera. Jireenyi duniyaas meeshaa gowwoomsaa qofa.” (Suuratu Ali-Imraan 3:185)

Kanaafu, mindaa guutuu fi adabbiin yakkamaaf maluu kan ta’uu Guyyaa Qiyaamati jechuudha. Namni kana yoo beeke Guyyaa Kanaaf qophii gahaa gochuu qabaa jechuudha. Qophii gahaa gochuuf dhugaan amanuun hojii gaggaarii ni hojjata, hojii badaa irraa immoo ni dheessa.

2.Ragaaleen Qiyaaman jiraachu agarsiisan maal fa’aa?
Namoonni Guyyaa Qiyaama mormuun “Namni akkamitti erga biyyee ta’ee booda kaafama?” jedhu. Ragaaleen namoota kanniinii fi warroota shakkaniif dhiyeessinu bakka saditti qoodu dandeenya. Isaanis: shari’iyyi (shari’aadhaan), aqliyyi (sammuuni) fi hissiyyi (miiran).

Ragaa tokkoffaa: shari’iyyi (shari’aa)
Kuni ragaa Qur’aana fi hadiisa keessatti dhufeedha. Akka fakkeenyatti Rabbiin akkana jedha:

64:7
Isaan kafaran [erga duunee booda] hin kaafamnu jechuun odeessan. Jedhi, “Eeyyen! Gooftaa kiyyatti kakadhe! Dhugumatti isin ni kaafamtu; ergasii wanti dalagdan hundi isinitti himama. Sunis Rabbiin irratti laafadha.” (Suuratu at-Taghaabun 64:7)

Asitti mirkaneefannaa (tawkiida) sadiin Guyyaan Qiyaamaa jiraachu mirkaneessa. Tokkoffaa kakuu (warabbii (Gooftaa kiyyaan kakadhe)), 2ffaa qubee arabiffaa “Laam” jalqaba “Latub’asunna fi latunabba’unna” jedhu irratti dhufte. Sadaffaan immoo qubee Arabiffaa “Nuun” xumuraa jechoota armaan olii irratti dhufteedha. Gara afaan keenyatti yoo hiiknu, “Dhugumatti, dhugumatti ni kaafamtu, Dhugumatti, dhugumatti isinitti himama” ta’a. Keeyyata armaan olii keessatti akka dubbistoota hin dhamaasnef jecha, “Dhugumatti” jettu si’a tokko fayyadamne.
Kanaafu, Guyyaa Qiyaamaa keessa shakkiin hin jiru jechuudha.

Ragaa 2ffaa: Aqliyy (sammuu)
Ragaan kuni karaa sadiin ilaalu dandeenya.
1ffaa: Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) samii fi dachii akkasumas wantoota isaan jidduu jiran jalqabarraa kaase kan uumedha. Mee of haa gaafannu, “Jalqaba irratti uumuu kan danda’u akkamitti deebisuun Isa dhibaa?” Akka sammuu keenyatti, wanta tokko jalqaba uumutu irra salphaadha moo kan bade deebisanii ijaarutu irra salphaadhaa? Dhugumatti, kan bade deebisanii ijaaru fi uumutu irra salphaadha. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) ni jedha:

Inni [Rabbiin] uuminsa kan jalqabuu; san boodas kan deebisuudha. Kuni Isa irratti baay’ee salphaadha.” (Suuratu ar-Ruum 30:27)

2ffaa: Uumama ofii ilaalu. Namni wanta irraa uumame yoo ilaale, Guyyaa Qiyaamatti amanuu irraa wanti isa dhoowwu hin jiru. Kuni raga cimaa Rabbiin Qur’aanaa keessatti deddeebise kaasudha.

Yaa ilmaan namaa! Yoo kaafamuu irraa shakkii keessa jiraattan, dhugumatti Nuti biyyee irraa isin uumnee; ergasii copha bishaan saalaa irraa, dhiiga ititaa irraa, ergasii foon alalfatamu kan uumama guuttatee fi hin guuttatin irraa isin uumne; [humnaa fi dandeetti Keenya] isiniif ibsuuf [kana goone]…”  (Al-Qur’aan, Suuratu al-Hajj 22:5)

Guyyaa Qiyaamaa (Kaafamuu) ilaalchise shakkii keessa yoo jiraattan uumama keessan irratti xinxallaa nun jechaa jira. “Nuti” yommuu jedhu “Guddinna fi kabaja” agarsiisufi malee baay’inna agarsiisufi miti. Arabiffa keessatti of kabajuuf, “Nahnu (Nuti) ykn Innaa (dhugumatti nuti)” namni tokko ni fayyadama. Fakkeenyaf barreessan kitaabaa, “mata-duree kana jalatti nuti kana ibsinee jirra” jedhe yommuu barreessu ni argina. Rabbiin “Nuti” jedhe fayyadamuun immoo wanta garmalee Isaaf maluudha jechuudha. Rabbiin Tokkicha fakkaataa hin qabne fi waa hunda uumudha.

Gara mata duree keenyatti yommuu deebinu, Abbaan ilma namaa kan ta’e Aadam (nageenyi isarratti haa jiraatu) biyyee irraa uumame. Ergasii sanyiin isaa copha bishaanii irraa uumaman. Tolee, Rabbiin Nabii Aadamin biyyee irraa kan uumee, ilma namaa biyyee erga ta’anii booda isaan deebisu ni dadhabaa? Biyyee irraa akkuma uume biyyee irraa deebisuun Isa dhibaa? Ammas ilmaan Aadam copha bishaanii irraa kan uume, lamu isaan deebisu ni dadhabaa?
Gonkumaa hin dadhabu! Kanaafu, Guyyaan Qiyaamaa jiraachun shakkii hin qabu jechuudha.

3ffaa: Dachiin tuni yeroo bonaa gogduu fi duutee biqiltoonni magariisni irra hin jirre taate argina. Yommuu Rabbiin rooba itti roobsu, ni sochooti. Akaakuwwan biqiltoota magariisa garagaraa ni magarsiti. Dachii erga duute kan jiraachisu Rabbiin namoota du’anis jiraachisu irratti Danda’aadha.

Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) ni jedha:

41:39
Ati dachii gogduu taate arguun mallatoolee Isaa irraayyi. Ergasii, yeroo Nuti ishee irratti bishaan [roobaa] buufne ni sochooti, ni tullooftis. Dhugumatti, Inni ishee jiraachise warra du’es ni jiraachisa. Dhugumatti, Inni waan hundaa irratti Danda’aadha.” (Suuratu Fussilat (41):39)

Mee bona haa ilaallu lafti akkamitti daaraa fi biqiltoota tan ofirraa hin qabne akka taatu. Yeroma Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) rooba itti roobsu, biqiltoota magariisan uwwifamti. Namni du’es haaluma Kanaan yommuu lafeen isaa bututte daaraa taatu, Rabbiin lamu ni jiraachisa. Akkamitti?

Deebiin isaa Aaya (keeyyata) Qur’aanaa armaan gadi keessa jira.

36:82
Ajajni Isaa yoo waan tokko fedhe, “Ta’i” jechuma qofa; yoosu ta’a.” Suuraa Yaasin 36: 82

Rabbiin Qulqullaa’an olta’e wanta tokko uumu ykn hojjachuu yoo fedhe, fedhii Isaa wanti jalaa kuffisu tokkollee hin jiru. ‘Ta’i’ jennaan yeroma san ta’ee argama.
Kanaafu, Rabbiin ilma namaa kaasu yoo fedhi, “Ta’i” jedhan. Yeroma san “Ta’e” argama.

Ragaa 3ffaa-Hissiyy (Qaamolee miiratiin mul’achuu fi dhagahamu kan danda’an)
Ragaa kana qabxii itti aanu jalatti ilaalla.
3. Seenaa irraa namoonni fi uumamtoonni biroo erga du’anii booda kanneen kaafaman ni jiruu?
Eeti, seenaa keessatti namoonni erga du’anii booda kaafaman ni jiru. Tarii naannoo keenya irraa akka oduutti dhagahuun keenya ni mala. Suni dhugaa yoo ta’e,waa tole. Soba yoo ta’es wanti itti nu dhiphisu hin jiru. Garuu Qur’aanaa Rabbii kan sobni itti hin seenne irraa namoota fi uumamtota biroo erga du’anii booda kaafaman muraasa isaanii ni ilaalla.

Seenaa 1ffaa:
Yookiin namticha ganda [manneen ishii] mataa ishii irratti kukkuftee osoo jirtuu irra darbee, “Du’a ishiitin booda akkamumatti Rabbiin tana jiraachisaa?” jedhe, [hin ilaallee?]. Rabbiinis waggaa dhibba isa ajjeesee isa kaasun, “Hangam turte?” jedheen. Innis, “Guyyaa tokko yookiin garii guyyaa (guyyaa tokko kan hin guunne) ture.” Jedhe. [Rabbiinis] ni jedhe, “Ati waggaa dhibba turte. Mee gara nyaataa fi dhugaati keeti ilaali; hin jijjiramne. Gara harree keetis ilaali. Namootaaf mallatoo si taasisuuf [kana goone]. Gara lafees ilaali akkamitti akka walitti qabnu fi ergasii foon itti uwwifnu.” Yeroma ifa isaaf ta’u, “Rabbiin waan hundaa irratti Danda’aa ta’uu nan beeka.” Jedhe.” (Suuratu Al-Baqarah 2:259)

Jechi Qariyata (ganda)-jedhu manneeni fi jiraattota kan of keessattu hammatuudha. Ganda [manneen ishii] mataa ishii irratti kukkuftee” yommuu jedhu akka yeroo waraanaa manneen walirratti kukkufuun badaniitti xaaraa fi dhaabni manaa walirratti kukkufuudha. Akkasumas, jiraattonnis xaaraa fi dhaaba manaa jalatti kufuun du’uudha. Namtichi “Rabbiin jiraattota du’an kanniin akkamitti jiraachisa?” jechuun gaafate. Ergasii Rabbiin isa ajjeessun waggaa dhibba tursiise. Waggaa dhibba kana keessatti, nyaanni fi dhugaatin isaa hin jijjiramne. Garuu harreen isaa lafee ta’uun addaan bittinoofte. Rabbiin waggaa dhibba booda namticha kana kaasun mallatoolee sadii isaa fi namoota birootti agarsiise. 1ffaa: namticha mataa isaa waggaa dhibba erga tursiise booda kaasu. 2ffaa, nyaanni fi dhugaatin osoo homaa hin jijjiramiin akkasumatti tursiisu. Kuni Qudraa (Dandeetti) Rabbii (Subhaanahu wa ta’aala) agarsiisa. 3ffaa: Harree duute fi lafeen ishii bittinoofte fuula namtichaa fuunduratti kaasu. “Akkamitti akka walitti qabnuu fi ergasii foon itti uwwifnu gara lafee ilaali” Jedheen. Dhumarratti wanta jedhe itti haa xinxallinu. “Rabbiin waan hundaa irratti Danda’aa ta’uu nan beeka” Kanaafu, Rabbiin nyaata fi dhugaati osoo hin jijjiramin tursiisu fi lafee bututte deebise kaasu irratti danda’aadha. Wantoota hundaa irrattis danda’aadha.
Kanaafu Guyyaan Qiyaamaa namoota jiraachisu kanarraa ni hubannaa jechuudha.

Seenaa 2ffaa:
Yeroo Ibraahiim “Gooftaa kiyya! Akkamitti du’aa akka kaaftu natti agarsiisi.” Jedhe [yaadadhu]. [Rabbiinis] “Sila hin amanne?” jedheen. [Ibraahimis], “Lakkii! [amaneera]. Garuu akka qalbiin tiyya tasgabbooftufi.” Jedhe. [Rabbis] ni jedhe “Sinbira afur fuudhii gara keetti maqsi [ergasii isaan qaluun kukkuti]. San booda qooda wayii gaara hundarra kaa’i. Ergasii isaan waami; fiigaa sitti dhufu. Rabbiin Injifata ogeessa ta’uus beeki.” (Suuratu Al-Baqarah 2:260)

Asitti Nabii Ibraahim “Guyyaa Qiyaamaa kaafama namootaa” shakkee osoo hin ta’in “Akkamitti Rabbiin du’aa akka kaasu.” arguu barbaadeti. Sababa Kanaan qalbiin isaa haa tasgabbooftufi. Akkuma ajajame Nabi Ibraahim (aleyh salaam) sinbira afur qaqqalee fi erga butiche booda walitti make. San booda makaa kana addaan qoqoduun gaara (tulluu) adda addaa irra kaa’e. Ergasii ofitti waame. Yoosu fiigaa itti dhufan.

Wanti asirraa barannu qaamni ilma namaas ta’e kan biroo hanga fedhe addaan haa bittinaa’u, wanta biraatinis walitti haa makamu, Rabbiin walitti qabuun ni kaasa. Rabbiin wanta hundaa irratti Danda’aa waan ta’eef. Ammas Injifataa fi Ogeessa waan ta’eef.
Kunis raga cimaa Guyyaa Qiyamaa agarsiisudha. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) ni jedha:

22:7

Dhugumatti Qiyaaman dhuftuudha; ishee keessa shakkiin wayitu hin jiru. Dhugumatti Rabbiin namoota awwaala (qabrii) keessa jiran hundaa ni kaasa.” Suuraa Al-hajj (22):7

In sha Allah torbaan itti fufna…

Kitaaba wabii
Fataawaa al-mar’atal Muslimah-1/fuula 116-119, Daaru ibn Hazm,
Dabalataan “Sharih aqiidatil waasixiyyah-2/130-132 ilaalun ni danda’ama

Guyyaa Qiyaamaa-kutaa 2ffaa
Mallattoolee Guyyaa Qiyaama-Kutaa 2ffaa
Offline dubbisuf

2 comments

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.