Guyyaa Qiyaamaa-kutaa 2ffaa

Offline dubbisuf

4. Guyyaan Qiyaamaa Yoomi?
Gaafiin “Guyyaan Qiyaamaa yoomi?” Jedhu gaafi yeroo durii irraa kaase hanga ammaatti itti fufaa jiruudha. Seenaa keessatti namoonni amanti adda addaa irraa “Dhumti addunyaa (Guyyaan Qiyaamaa) bara kanatti ni dhufa” jechuun tilmaama ragaa hin qabne kaa’ani jiru. Guyyaan Qiyaaman dhufuu keessa shakkiin hin jiru. Kanaafu, Guyyaan Qiyaamaa Yoomi ree? Gaafi kana deebisuuf Qiyaama bakka lamatti qoodu dandeenya. al-Qiyaamatus sughraa (Qiyaamaa Xiqqoo) fi al-Qiyaamatul kubraa (Qiyaamaa Guddoo). Qiyaamaan xiqqoon “Du’a” nama kamiyyuu irratti dhuftuudha. Qiyaaman Guddoon immoo kan Rabbiin fedhe malee wantoonni dachii fi samii keessa jiran itti dhumanii fi ergasii lamuu kaafamaniidha.

Kana haa hubannu, Qiyaamaan Xiqqoo fi Guddoon Beellama (Qaxaroo) yeroo murtaa’a ta’etti dhufaniidha. Amma haqa gonkumaa ganuu (kaadu) hin dandeenye of haa gaafannu. Qiyaamaan xiqqoon ykn Duuti yoom akka dhuftu ni beeknaa? Gonkumaa hin beeknu. Tolee! Rabbiin Yeroo Qiyaaman lamaan kunniin itti dhufan maaliif nurraa dhoksee? Sababa nurraa dhokseef hunda caalaa Rabbumatu beeka. Garuu qabxilee muraasa eerun ni danda’ama.
1. Hojii badaa irraa dheessun hojii gaggaarii akka hojjannuuf- ilmi namaa osoo Guyyaa itti du’u beeke, hanga duuti isaa dhiyaattu badii adda addaa raawwachuun san booda dhumarratti ni dhiisa. Kuni zulmii (cunqursaa) guddaadha. Guyyaan du’aa isarraa dhokachuun hojii badaa irraa dheessun hojii gaggaarii akka hojjatu isa taasisa.
2. Fooyya’insa uumamtootaafi– Yeroon Guyyaan Qiyaamaa namarraa dhokachuun ilma namaatif abdii akka qabaatanii fi jireenya isaanii akka fooyyessan taasisa. Osoo yeroon Guyyaa Qiyaamaa beekkame, warroonni durii “Guyyaan Qiyaamaa fagoodha.” jechuun hojii gaarii hojjachuu irraa dadhaboo ta’uu. Ammas, warroonni Guyyaa Qiyaamatti dhiyaatan, “Qiyaaman guyyaa kanatti nutti buuti.” Jechuun jireenya addunyaa dagatu, abdiin itti dukkanaa’a. Haalli addunyaa ni jeeqama. Rabbiin rahmata fi Hikmaa Isaatin yeroo Guyyaa Qiyaamaa ni dhokse.
Garuu dhufiinsa Guyyaa Qiyaamaa waadaa galee jira.

77:7
“Dhugumatti, wanti (Qiyaamaan) waadaa galamtan ni argama.” Suuratu al-Mursalaat 77:7
Guyyaan Qiyaamaa beellama (qaxaroo) Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) ilma namaatiif waadaa galeedha. Mee amma of haa gaafannu, Guyyaan Beellamaa (qaxaroo) osoo hin dhufin dura wanti tokko hojjatamu danda’aa? Garuu beellama kana dura wanti hojjatamu qabu karoorfame jira. Guyyaa qaxaroo san wanta karoorfame hojii irra oolchu qofa. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala “Guyyaa beellama (qaxaroo) kanaa wanti badaan akkanaa nama qunnama of eeggadhaa, wanti gaariin akkanaa nama qunnama.” Jechuun ilma namaatiif dur irraa kaase ibse jira.
Fakkeenyaf: wantoota Guyyaa Qiyaama adeemsifaman keessaa;

77:8
Yeroo urjiwwan ifti isaanii haaqame.

77:9
Yeroo samiinis babbanamte;

77:10
Yeroo gaarreenis bubbuqifaman;

77:11
Yeroo Ergamtoonnis beellamaan walitti qabaman;

77:12
Guyyaa kamiif tursiifaman?” (Suuratu al-Mursalaat 77:8-12)
(Kana jechuun Guyyaan Qiyaamaa kan urjiileen ifa itti dhaban, samiin itti babbanamtu, garreen bakka bubbuqifamuun daaraa itti ta’anii fi wantoonni biroo adda addaa itti raawwataman “Guyyaa Kamiif tursiifaman ykn beellamaman?”) Kanaafu Aaya tanarraa akkuma hubannutti, wantoonni Guyyaa Qiyaamaa keessa raawwataman ni tursiifaman (ni beellamaman). Guyyaan beellamaa dhufnaan eenyullee duubatti hin deebisu. Guyyaan itti tursiifaman (beellamaman) suni-

77:13
Guyyaa Addaan bahiinsaatif (Guyyaa uumamtoota jiddutti murteefamuf tursiifaman ykn beellamaman)” Suuratu al-Mursalaat 77:13
Ammas Qur’aana keessatti Guyyaan Qiyaamaa yoom akka dhuftu warroota gaafataniif deebii ni deebisaaf.
Yoo kan dhugaa dubbatan taatan beellamni kuni Yoomi?” jedhu.
Jedhi, “Dhugumatti beekumsi isaa Rabbiin qofa bira jira. Ani immoo akeekachiisaa ifa galaa qofa.” Suuratu al-Mulk 67:25-26

Ammas Suuraa biraa keessatti,

34:29

Yoo kan dhugaa dubbatan taatan waadaan (Qiyaamaan) kuni Yoomi?” jedhu.

34:30
Beellama Guyyaa Tokkoo kan isin sa’aati tokkoof duubatti hin hafnee fi duras hin darbinetu isiniif jira.” Jedhiin.” Suuratu Saba 34:29-30

Akkuma yeroo duuti ilma namaa sa’aati tokkoof hin tursiifamne fi duras hin dabarfamne, Guyyaan Qiyaamaas yommuu dhuftu sa’aati tokkoof gara duubaa butu ykn gara fuunduraa dabarsun hin jiru. Yeroo beellamaa sanitti sa’aati fi sakandii eegde ni dhufti. Sa’aati fi sakandii murteefame san keessatti dachiin ni sochooti, samiin ni dhodhooti, garreen bakka ni buqqifaman, urjileen ni harca’an fi kkf ni adeemsifamu. Yaa guddinnaa fi ulfaatinnaa Guyyaa sanii!!!
Kanaafu, Guyyaan Qiyaamaa ni tursiifame (ni beellamamee) malee kan achumaan hafu miti. Kana yoo shakkine du’a keenya ilaalu dandeenya. Hanga feene duuti nutti hin dhuftu jennee yoo shakkine, guyyaa tokko ni dhufti. Haaluma Kanaan Guyyaan Qiyaamas guyyaa tokko ima dhufti.

16:1

“Ajajni Rabbii (Guyyaan Qiyaamaa) ni dhufa; kanaafu isa hin ariifachisinaa. Rabbiin waan isaan itti qindeessan irraa Qulqullaa’e Olta’eera.” Suuratu An-Nahl 16:1
Kana jechuun yommuu Rabbiin Qiyaaman akka dhaabbattu (dhuftu) ajaju ni dhufti. Kanaafu,akka dhuftuuf hin ariifatinaa. Warroonni Qiyaaman hin jirtu jedhanii morman, “Rabbiin namoota du’an kaasu hin danda’u” jechuun yaadu. Kuni immoo shirkii (Rabbitti qindeessudha). Sababni isaas, uumamtootan wal fakkeessan. Uumamtoonni du’aa kaasu hin danda’an. Kanaafi, “Rabbiin waan isaan itti qindeessan irraa qulqullaa’e olta’eera” Jedha. Rabbiin dadhabinnaa fi hanqinna kam irraayyu qulqulluudha. Namoota du’an kaasu irratti Danda’aadha.

5. Badhaasa nama Qiyaamatti amanuu fi adabbi nama Qiyaamatti kafaruu
Guyyaa Qiyaamatti amanuu yommuu jennu wantoota sadii of keessaa qaba. Isaanis: (1) Kaafama namootatti amanuu, (2) ilmaan namaa wanta hojjataniif qoratamuu fi jazaan (mindaan ykn adabbiin) isaaniif kennamutti amanuu, (3) Jannataa fi Jahannam jiraachuutti amanu
Badhaasni ykn mindaan namoota Qiyaamatti amananii fi Guyyaa saniif hojjatan lakkoofsa hin qabu. Addunyaa tanatti fi Guyyaa Qiyaamaa san milkaa’innaa fi gammachuun kan isaaniti Addunyaa tana keessatti tasgabbii qalbii, nageenya fi qajeelcha argatu. Dhiphinna, gaddaa fi sodaa irraa ni baraaramu. Jireenya tana keessatti wanti guddaan namoonni barbaadan tasgabbii qalbii fi gammachuudha. Namoonni baay’een qabeenya baay’ee argachuu, fedhii ofii guuttachuu fi kkf keessa tasgabbii barbaadu. Garuu wanta yaadan hin argatan. Dhugumatti, tasgabbii fi gammachuun Rabbitti fi Guyyaa Qiyaamatti amanu akkasumas, harkaan (rogoota) imaana kan hafanitti amanuu keessa jira.
Warroonni Rabbiin sodaatan haala kanaan Qur’aana keessatti faarfamu;
Ammas [Yaa Muhammad] isaan warra waan gara keetti buufame fi waan si dura buufametti amananii fi Aakhiraa dhugoomsaniidha.
Warri suni qajeelfama Gooftaa isaanii biraa ta’e irra jiru. Ammas warri suni isaantu milkaa’odha.” Suuratu Al-Baqarah 2:4-5

Aakhiratti immoo Jannatatu isaaniif jira:
Isaan “Gooftaan keenya Allaah dha” jedhanii ergasii san irratti gadi dhaabbatan, sodaan isaan irra hin jiru; isaan hin gaddanis. Isaan sun warra Jannataati; ishee keessa yeroo hundaa jiraatu. [Kuni] mindaa waan dalagaa turaniif [isaanii kennamuudha].” (Suuratu Al-Ahqaaf 46:13-14)
Namoonni kunniin “Gooftaan keenya Allaah dha” yommuu jedhan wanta Rabbiin akka itti amananii fi hojjatan isaan itti ajajee, tolee jechuun fudhatu. Wanta Rabbiin ilma namaa itti ajajee keessaa inni guddaan Guyyaa Qiyaamatti amanuu fi guyyaa kanaaf hojiwwan gaggaarii hojjachuudha.

Adabbiin nama Guyyaa Qiyaamaatti kafaree (kaade) addunyaa fi Aakhiratti hangana hin jedhamu. Addunyaa tana keessatti jireenya jallinnaa fi dukkanaa jiraata. Qur’aana keessatti,

42:18

“Isaan ishitti (Qiyaamatti) hin amaniin ishii jarjarsifatu. Isaan amanan garuu ishii ni sodaatu, haqa ta’uu ishiis ni beeku. Dhagayaa! Isaan Qiyaamaa ilaalchise falman jallinna fagoo keessa jiru.” (Suuratu Ash-Shuuraa 42:18)

Warroonni Aayaata (keeyyatoota) Gooftaa isaanii fi Aakhiratti Wal-qunnamti Isaatti kafaran addunyaa tana keessatti hojii gaggaarii waan hojjataa jiran isaanitti fakkaata. Garuu hojiin isaanii jala kan baduu fi dhumarratti Jahannam seensifamu. Ragaan kanaa;
“Jedhi “Sila warra hojiidhaan hundarra hoonga’oo ta’an (kasaaran) isiniif himnuu?”
Isaan warra odoo dalagaa tolchinee hojjannaa yaadanuu addunyaa keessatti hojiin isaanii duraa badeedha.
Isaan sun warra keeyyattoota Gooftaa isaaniitii fi wal-qunnamtii Isaatti kafaranii dalagaan isaanii jalaa baddeedha. Kanaafu, Guyyaa Qiyaamaa madaalaa isaaniif hin dhaabnu.
Isaan sun waan kafaranii fi keeyyatoota Kiyyaa fi Ergamtoota Kiyya qishnaa (baacoo) waan godhataniif galanni isaanii Jahannami.” Suuratu al-Kahf 18:103-106
Itti aansun milkaa’inna warra amananii fi hojii gaggaarii hojjatanii dubbata:
Dhugumatti, isaan amananii fi hojii gaggaarii hojjatan, Jannanni Firdaws iddoo simannaa (qubannaa) isaaniif taatee jirti. Ishee keessa yeroo hunda jiraatu. Ishee irraa jijjiramuu hin barbaadan.” Suuratu al-Kahf 18:107-108

Akkuma keeyyatoota jalqabaa afran irraa hubannuutti, warroonni kafaran “Hojii gaggaarii milkaa’innaa fi gammachuu guddatti nama geessu hojjachaa jirra” jechuun yaadu. Garuu isaan hoonga’oota ykn kasaartoota. Hojiin isaanii addunyaa tana keessatti jalaa bada. Sababni kasaaraa kanatti isaan geesse Aayaata Rabbii fi Guyyaa Qiyaamaa Isaan wal-qunnamutti kafaruudha. Guyyaa Qiyaamaa immoo kasaaraa kana caalutu isaan qunnama. Jahannamin seensifamu. Rabbiin jahannamirraa nu haa tiiksu.

Akkasumas, namoonni Qiyaamatti hin amanne badii adda addaa raawwachuun jireenya tana keessatti dhiphinnaa fi daraaraa keessa jiraatu. Mee warroota filmii hojjatanii fi sirban haa ilaallu. Baay’een isaanii jireenya dhiphinnaa jiraatu. Inuma dhiphinna irraa kan ka’e of galaafatu.
Garuu warroonni Qiyaamatti amanan wantoota badaa hojjachuu irraa of qusatu. Sababni isaas, Boru Guyyaa Qiyaamaa wanta hojjanneef ni adabamna jedhanii waan sodaataniif. Eeti ilma namaa waan ta’aniif yoo baditti kufan dafanii gara Rabbii deebi’uun araarama kadhatu. Kuni immoo adabbii isaan irraa deebisa.

Guduunfaa
Barnoota osoo barattu namni garmalee amanamaa fi gonkumaa soba hin dubbanne sitti dhufuun, “Dhuma waggaa irratti namoota qabxii gaarii galmeessaniif badhaasni garmalee guddaan qophaa’e jira; itti of qopheessi. Fakkeenyaf, barataa 1ffaa bayeef Kompiyutarri qophaa’e jira” osoo siin jedhe, ni fudhatta moo hin fudhattu? Namtichi kuni gonkumaa waan hin sobneef odeefannoo kana isarraa fudhachuun badhaasa kana argachuuf akka sirritti hojjattu abdiin qaba.

Haaluma wal fakkaatun Ergamtoonni Rabbii garmalee amanamoo fi gonkumaa soba kan hin dubbannedha. “Guyyaa Rabbiin isiniif beellametti badhaasni akkanaa ni jiraa hojii gaggaarii hojjachuun itti of qopheessaa. Jannanii bareechifamte akka badhaasatti qophoofte jirti.” yommuu jedhan, odeefannoo dhugaa kana maaltu fudhachuu nu dhoowwaa? Dabalataan Rabbiin mallatoolee Guyyaa Kanaa agarsiise jira. Ammas, Kitaaba buusun bal’innaan waa’ee Jannataa fi Jahannam ibsee jira. Namoonni qaruuten badhaasa kana argachuuf halkanii guyyaa hojii gaggaarii hojjatu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala wanta Jannata keessa jiru erga tarreessen booda akkana jedha:

37:61

“Fakkaataa kanaatiif hojjattoonni haa hojjatan” Suuratu as-Saaffaat 37:61

Kitaabban wabii
Tafsiira Qurxubii
Sharih usuulu salaasa -fuula 101, ibn Useymiin
quran.com

Guyyaa Qiyaamaa Maaltu Adeemsifamaa?-Kutaa 1
Guyyaa Qiyaamaa-Kutaa 1ffaa
Offline dubbisuf

3 comments

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.