Shakkii Qiyaamaa Qulqulleessuf-Kutaa 1

Offline dubbisuf

Guyyaan Qiyaamaa shakkii akka hin qabne kutaalee darban keessatti irra deddebi’uun ilaalle jirra. Ammas, shakkii sheyxaanni namatti darbu balleessu fi qulqulleessuf irra deebinee ni ilaalla. Guyyaa Qiyaamaa fi wantoonni Guyyaa san adeemsifaman wantoota gara fuundurraatti dhufanii fi geeybii ta’aniidha. Seenan darbe akkuma nuuf geeybi (nurraa dhokata) ta’ee, wanti gara fuundurraatti dhufus geeybi (nurraa dhokataadha). Garuu wanta dhokataa ykn fagoo kana akkamitti beeknaa? Wantoota kanniin karaa lamaan beekun ni danda’ama. Isaanis; mallattoolee fi odeefannoo dhugaa (haqa) ta’eeni. Seenaa darbe irra caalaa isaa kan beeknun odeefannooni. Akkasumas, mallatoolenis ni beekna. Fakkeenyaf, seenaa Kaabaa yoo fudhanne mallattoo fi odeefannoon kan beekkamuudha. Jalqaba Kaabaa kan ijaare Nabii Ibraahim (nageenyi isarratti haa jiraatu) ta’uu odeefannoo dhugaatin ni beekna. Manni Kaabaa roga afre hanga ammaa jiraachuun isaa mallattoodha. Akkasumas, iddooleen seenaa bakka adda addaa jiran wanti tokko yeroo darbe keessa akka adeemsifame nutti akeeku.

Haaluma kanaan, Guyyaan Qiyaamaa gara fuunduraatti dhufu mallatoolee fi odeefannoo dhugaa qaba. Kutaalee darbe keessatti mallattoolee Guyyaan Qiyaamaa dhiyaachu agarsiisan ilaalle jira. Fakkeenyaf, addeessi lamatti baqaqu, ibiddi hijaaz irraa bahu, zinaan baay’achuu, dubartoonni qullaa deemu, ajjeechan baay’achuu, miila duwwaa fi tiiksen ijaarsa ol dheeraa ijaaruf wal dorgomu fi kkf.

Odeefannoon dhugaa Guyyaa Qiyaamaa agarsiisu immoo odeefannoo Rabbiin irraa karaa Ergamtootatin haala kitaabatiin nu dhaqqabeedha. Odeefannoo dhugaa kana Qur’aana keessatti arganna. Odeefannoon kuni odeefannoo shakkii fi sobni gonkumaa itti seenu hin dandeenyedha. Rabbiin caalaa eenyutu dhugaa dubbataa? Rabbiin ni jedha:

4:122

Isaannan amananii fi hojii gaggaarii hojjatan, fuunduratti Jannata laggeen ishii jala yaa’an isaan seensifna. Yeroo hundaa achi keessatti hafu. [Kuni] waadaa Rabbii haqa ta’eedha. Namni dubbiidhaan Rabbirra dhugaa ta’e eenyu?” Suuratu An-Nisaa 4:122

Gonkumaa Rabbiin caalaa kan dhugaa dubbatu hin jiru.

Ilmi namaa hanga fedhe dhugaa haa dubbatu, guyyaa tokko dogongoruun soba dubbachuu danda’a nama Rabbiin eege malee. Dogongorri kunis kan uumamu hanqinnaa beekumsaa fi dandeettiti. Ilmi namaa wanta hundaa tokko tokkoon waan hin beeknef ni dogongora. Akkasumas, wanta dubbate san dhugaa taasisuuf dandeettin isaa hir’uu waan ta’eef wanta san osoo bakkan hin gahin kufu danda’a. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala hanqinnaa fi dadhabbinna kana hundarraa qulqulluudha. Beekumsi Isaa wanta hundaa kan haguugedha. Wanta darbee, kan ammaa fi wanta dhufu hunda tokkoon tokkoon beeka. Akkasumas, wanta murteesse ykn jedhe bakkaan gahuu irratti dandeetti guutuu qaba. Kanaafu, Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) beekumsi Isaa guutuu fi wanta hundaa kan marse waan ta’eef, Guyyaan Qiyaamaa yoom akka dhufuu fi maaltu akka adeemsifamu ni beeka. Akkasumas, waan hundaa irratti danda’aa waan ta’eef Guyyaa Qiyaamaa ni fida, wantoota Guyyaa san adeemsifamaniis bakkaan ni gaha. Kanaafu, eenyutu Rabbiin caalaa dhugaa dubbataa?

Ilmi namaa wanta darbe namoota irraa odeefannoo argachuu danda’a. Garuu wanti gara fuunduratti dhufu takkaa mallattoon beekkama takkaa immoo odeefannoo dhugaa Rabbiin irraa ilma namaa dhaqqabeedhaani. Odeefannoon Rabbiin irraa dhufe ragaa hundarra cimaa Guyyaa Qiyaamaa agarsiisudha, Rabbiin yeroo hundaa dhugaa dubbataa waan ta’eef. Sababni kanaa, Rabbiin wanta hundaa kan beeku fi waan hundaa irratti danda’aadha. Kanaa gadittis ragaaleen biroo akka jiran kutaalee darban keessatti ilaalle jirra.

Sheyxaanni ilma namaa jallisuu fi ibiddatti isaan naquuf ragaalee kanniin akka hin fudhannee fi Guyyaa Qiyaamatti hin amanne isaan taasisa. Ragaan warroonni Guyyaa Qiyaamatti kafaran ittiin morman takkattiidha. Qur’aana keessatti:45:25

Yeroo keeyyattoonni (aayaatni) Keenya ifa ba’anii isaan irratti dubbifaman, ragaan isaanii [kan ittiin morman], “Yoo kan dhugaa dubbattan taatan abbooti keenya fidaa.” Jechuu malee [wanta biraa] hin taane.” Suuratu Al-Jaasiyaa 45:25

Ergamtoonni ykn warroonni gara Islaamaa waaman (daa’iwwan) Guyyaan Qiyaamaa amma hin jenneen. Garuu “gara fuunduraatti ni dhufa, amanuu fi hojii gaggaarii hojjachuun itti qophaa’aa” jedhaniin malee.

Rabbiin akkana jechuun mormii armaan olii deebisa:

45:26

“Jedhi, ‘Rabbumatu isin jiraachisee ergasii isin ajjeesa. Ergasii Guyyaa Qiyaamaa keessa walitti isin qaba. Isa keessa mamiin (shakkiin) hin jiru. Garuu irra hedduun namootaa hin beekan.’” Suuratu Al-Jaasiyaa 45:26

Abbooti keenya fidaa jechuu malee raga biraa maal qabuu? “Eeti, isinii fi abbootin keessan Guyyaa Qiyaamaa walitti qabamtu. Kanaafu hin muddaminaa.” Isaaniin jenna.

Tolee, karaalee shakkii Guyyaa Qiyaamaa ittiin qulqulleessan ilaalun dura mee wantoota Guyyaa kanatti  akka hin amanne sababa ta’an haa ilaallu. Wantoonni Guyyaa Qiyaamatti akka hin amanne sababa ta’an keessaa gurguddoon lama.

1ffaa: Badii ykn cubbuu raawwachu. Badii adda addaa raawwachun qalbii gurraachessuun ragaa ifa bahaa akka hin argine nama taasisa. Qur’aana keessatti:

Kijibsiiftota Guyyaa sanii badiin mirkanaa’e. Guyyaa Murtii kanneen sobsiisaniif. Daangaa darbitoota, dillaawo ta’an malee namni ishii(guyyaa Qiyaama) kijibsiisu hin jiru. Yeroo keeyyattoonni Keenya isa irratti qara’amte (dubbifamte), “Oduu warra duriiti.” jedha. Haa dhorgamu! Wanti isaan hojjataa turan onnee isaanii haguuge.” Suuratu Al-Muxaffifin 83:10-14

“Guyyaan Murtii (Qiyaamaa) hin dhufu” jechuun kan morman namoota daangaa darbanii fi dillaawo malee eenyullee hin jiru. Namni kuni yommuu keeyyattonni (aayaatni) Rabbii isaaf dubbifaman, “Oduu warra duriiti” jedha. Dhugumatti, oduu warra duriiti miti. Haqa akka aduu ifa ta’eedha. Garuu qalbiin isaanii cubbuun ykn badiin waan haguugamteef haqa fi ragaa kana hin argan.

2ffaa: Addunyaa garmalee Jaallachuu- namni yommuu jireenya addunyaa tana garmalee jaallattu, waan zalaalami keessa turu itti fakkaata. Inuma Guyyaan Qiyaamaa hin jiru jechuun morma. Qur’aana keessatti seenaa ajaa’iba suuratu al-Kahf:32-43 keessatti ni arganna. Seenaa san gabaabbinaa fi muraasa isaa yommuu ilaallu; namoota lamatu ture. Namtichi tokko kaafira, kan biraa immoo mu’mina (nama dhugaan amane). Namtichi kaafiraa ooyru inabaa (firii weeynii) lama qaba. Lamaan isaanitu mukkeen temiraatin kan marfamaniidha. Bishaan jidduu isaanii yaa’a. Ooyrun tunniin firii kennuu itti fufan. Homaa hin hanqisan. Yommuu ooyrun tunniin firii inabaa nama hawwisistu buustu, namtichi kaafiraa kuni namticha mu’minaatin akkana jedhe, “Anatu qabeenyan si caala, gosaanis sirra jabaadha.” (suuratu al-kahf:34) Dabalataan osoo lubbuu ofii miidhee jiru ooyru isaa keessa seenu fi qabeenya isaa ajaa’ibsifachuun akkana jedhe, “Ishiin kuni gonkumaa ni baddii hin yaadu. Qiyaamanis ni dhaabbatti hin yaadu. Dhugumatti yoon gara Gooftaa kiyyaa deebifamee, iddoo deebii kan isa caalun argadha.” (suuratu al-kahf:35-36)

Argitanii! Kaafirri akkamitti qabeenya fi jireenya addunyaa tanaan akkatti gowwoomu. Garuu dhumarratti, qabeenyi isaa kuni jalaa bade. Gaabbidhaan ganaa (shanacha) lamaan isaa gaggaragalchaa akkana jedhe, “Yaa gaabbii koo! Odoo Gooftaa kiyyatti waa tokko dabaluu (qindeessu) baadhe maal qabaa!” (suuratu al-kahf:42)

Kanaafu, namni qabeenya fi miidhaginna addunyaatin gowwoomun Guyyaa Qiyaamatti kafaru, dhumarratti ni salphata, hin milkaa’u. Dabalataanis seenaa Qaarun suuratu Qasas (28): 76-82 irraa dubbisuu dandeenya. Qaarun qabeenya baay’ee Rabbiin ni kenneef. Qabeenya Kanaan garmalee of tuule, badii adda addaa raawwate. Dhumarratti, Rabbiin isaa fi iddoo jireenya isaa dachiin akka liqimsitu taasise. Hanga fedhan qabeenyaa fi humnaa haa qabaatan, “Edaa dhugumatti kaafiroonni hin milkaa’an.” (Suuratu Qasas 28:82)

Akka dabalataatti, wantoota Guyyaa Qiyaamaa akka shakkan nama taasisan keessaa kan biroo, beekumsa sirrii barbaadu dhiisu fi hojii gaggaarii hojjatan keessatti niyyaa Rabbiif qulqulleessu dhiisudha.

Guduunfaa
✎ Seenaa darbe caalaa ragaaleen, mallatoolee fi odeefannoon Guyyaa Qiyaamaa agarsisan baay’eedha.
✎ Seenan tokko mallatoolee fi odeefannoo dhugaa qabaatee haqa ta’uu isaatti namni tokko yoo itti amane, seenaa san caalaa Guyyaa Qiyaamaa mallatolee, ragaalee fi odeefannoo dhugaa qabuttu maaltu amanuu isa dhoowwaa?
✎ Namni yommuu badii adda addaa raawwatu, “Guyyaan Qiyaamaa ni dhufa moo hin dhufu?” jechuun shakkitti lixa. Badii hojjachuu dhiisun shakkii qulqullessa, qalbii ibsa.
✎ Namni yommuu miidhaginna addunyaatin marfamu, zalaalami waan keessa jiraatu itti fakkaata. Inuma Qiyaaman hin jirtu jechuun morma.
✎ Beekumsa sirrii barbaadu dhiisu fi niyyaa Rabbiif qulqulleessu dhiisun wantoota Qiyaama akka shakkan nama taasisan keessaa tokko.

Shakkii Qiyaamaa Qulqulleessuf-Kutaa 2
Guyyaa Qiyaamaa Haala Muslimootaa
Offline dubbisuf

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.