Shakkii Qiyaamaa Qulqulleessuf-3

Offline dubbisuf

Guyyaa Qiyaamatti dhugaan amanuu fi guyyaa kanaaf hojii gaarii hojjachuu fi hojii badaa irraa fagaachun of qopheessun, jireenya keessatti akka tasgabbaa’anii fi kaayyoo ofii beekan nama taasisa. Kana beektu laata? Yeroo baay’ee jireenyi kan nama nuffisistu fi jibbisiistuuf amantiin Rabbii fi Guyyaa Qiyaamaatti qaban dadhabaa yommuu ta’uudha. Sababni isaas, namni dhugaan Rabbii fi Guyyaa Qiyaamatti yoo amane, wanta gaggaarii ni hojjata hojii badaa irraa immoo ni dheessa. Kuni immoo akka gammaduu fi tasgabbaa’u isa taasisa. Akkasumas, yeroo rakkoo fi balaan namatti bu’an rakkoo cimaa Guyyaa Qiyaama yaadachuun akka obsan nama taasisa.

Dhugumatti gaafiwwan “Eessaa dhufte? Maaliif addunyaa tana keessa jiraatta? fi Eessa deemaa jirta?” Jedhaniif deebii kan argatan yoo Rabbii fi Guyyaa Qiyaamatti amananiidha. Gaafiwwan kanniin deebisuun immoo jireenya keessatti kaayyoo beekkamaa fi ifaa akka qabaatan nama taasisa. Eessaa dhufte? Deebiin eessaa, “Rabbiin bishaan cophaa irraa na uume” Maaliif addunyaa tana keessa jiraattaa? Deebiin isaa, “Rabbiin akkanumaan na hin uumne. Wantoota addunyaa keessa jiru ilma namaatiif uume. Ilma namaa immoo akka Isa qofa gabbaraniif uume. Rabbiin gabbaruu jechuun wanta Inni itti ajajee hojjachuu fi wanta Inni irraa dhoowwe dhiisudha.” Eessaa deemaa jirtaa? Deebiin isaa, “Ilmi namaa erga wanta tokkotti ajajamee fi wanta badaa irraa dhoowwame, ajaja kanatti buluu ykn buluu dhiisu isaa herreega ykn qorannaa isa barbaachisaa miti ree? Guyyaan Qorannaa kuni Guyyaa Qiyaamati. Kanaafu, ilmi namaa du’ee kan badu osoo hin ta’in yeroo muraasaf qabrii keessa erga turee booda ni kaafama. San booda wanta hojjataa tureef qoratamuun, takkaa Jannataan badhaafama takkaa immoo Jahannamiin adabama. Kunniin lamaan gahuumsa isa dhumaa ilma namaati.”

Warroonni duunee achumaan ni banna jedhan dogongoranii jiru. Namni wanta hojjateef yoo hin qoratamiin maaliif addunyaa tana irratti uumame ree? Qabriin (awwaalchi) iddoo dhalli namaa achumaan itti badu osoo hin ta’in iddoo ziyaaraa (daawwannaa) akka ta’e Qur’aanni nuuf hima.

102:1

102:2

Baay’ifachuun isin jaatanesse (ko’oomse).
Hanga awwaalcha daawwattanii (dhaqxanii)” Suuratu at-Takaasur 102:1-2

Qabeenya, ijoolle, sadarkaa, beekkamti fi kkf baay’ifachuu fi wal dorgomuun namoota Rabbii fi Guyyaa Aakhiraa irraa isaan ko’oomse (dagachiise) jira. Hirriba baay’ifachuu fi wal dorgomu keessaa hanga qabrii daawwatanitti malee hin dammaqan. Asitti “hanga duutanii” hin jenne. Bakka kanaa, “Hanga awwaalcha (qabrii) daawwattanii.” jedhe. Kuni kan agarsiisu bakka duraan daawwattanii hin beekne daawwattu. Akkuma namni tokko bakka tokko daawwatu daawwannaa isaa erga xumuree booda deebi’u, namni qabrii keessa seenes yeroo muraasan booda ni deebi’a. Guyyaan inni deebi’u sunis Guyyaa Qiyaamati. Kanaafu, Guyyaan Qiyaamaa shakkii akka hin qabne ragaalee lakkaawame hin dhumneen agarsiisun ni danda’ama.

Amma ragaalee dhiyeessu irraa gara wantoota ragaalee kanniin akka fudhatan nama gargaaranitti haa ceenu.
7.Sammuu fi dhageetti ofiitti fayyadamu– namoonni yeroo baay’ee sababa qaamolee kanniinitti hin fayyadaminiin, miidhaa fi adabbii hamaa dhandhamu. Guyyaa Qiyaamaa warroonni ibidda seenan sababa sammuu fi dhageetti isaanitti fayyadamanii Rabbii fi guyyaa Qiyaamatti amanuu dhiisu isaanii irraa kan ka’e garmalee gaabbu. Rabbiin ni jedha:,

67:6

Isaan Gooftaa isaanitti kafaraniif adabbii Jahannamtu jira. Iddoon gahuumsa waa fokkate!

67:7

Yeroo ishee (Jahannam) keessatti darbamanis, osoo danfaa jirtuu ishee irraa [sagalee akka] halaaka harree dhagahu.

67:8
Dallansuu irraa kan ka’e ciccituutti dhiyaatti; dhawaata gareen wahii ishii keessatti darbamuun waardiyyaan ishii, “Sila Akeekachisaan isinitti hin dhufnee?” [jechuun] isaan gaafata.

67:9
“Eeyyen; dhugumatti akeekkachisaan nutti dhufeera, garuu ni sobsiifne. ‘Rabbiin homaa hin buufne; isin jallinna guddaa keessa jirtu.’ jenneen.” jedhu.

67:10
“Osoo kan dhageenyu yookiin kan xinxallinu taanee, silaa warra ibidda boba’aa keessaa hin taanu turre.” jedhan.” Suuratu Al-Mulk (Tabaaraka) 67:6-10

Dhuguma jedhan! Osoo ragaalee isaanitti dhiyeefamu dhagayanii ykn itti xinxallanii silaa warra ibiddaa keessaa hin ta’anii turan. Ragaalee akka aduu ifu irraa waan garagalanii Rabbii fi Guyyaa Qiyaamatti kafaraniif, gahuumsi isaanii akkanatti fokkate.

Kanaafu, namni tokko Aaya (keeyyata) Qur’aanaa gurraan dhageefachuu, dubbisuu fi hubachuun ykn mallatoolee samii fi dachii keessa jiran itti xinxalluun salphatti Rabbitti amanuu danda’a. Akkasumas, ragaalee fi mallatoolee Guyyaa Qiyaamaa agarsiisan itti xinxalluu fi Guyyaa kanaaf of qopheessun adabbii Jahannam armaan olitti ibsame irraa akka baraaramu isa/ishii taasisa.

8.Jaalalaa duniyaa hir’isuu-addunyaa tana kaayyoo ol’aanaa godhachuu osoo hin ta’in aakhira ittiin bitachuuf itti fayyadamuudha.
9.Sadaqaa– Rabbiif jedhanii fi mindaa aakhiraa barbaadanii sadaqaa kennuun amantiin Guyyaa Qiyaamaaf qaban guddaa akka ta’e agarsiisa. Namni yommuu sadaqaa kennu jaalala duniyaaf qabu hir’isuun Aakhiratti Jannata qananiin guuttamte hawwa. Kuni immoo imaana isaa/ishii dabala.

Mu’aaz ibn Jabal irraa akka odeefametti, Mu’aaz akkana jedha: Imala irratti Ergamaa Rabbii (SAW) waliin ture. Ganama tokko osoo deemnu isatti dhiyaachun akkana jedhe, “Yaa Ergamaa Rabbii! Hojii Jannata na seensisuu fi ibidda irraa na fageessu natti himi.” Innis ni jedhe, “Dhugumatti wanta guddaa gaafatte garuu nama Rabbiin laaffiseef irratti laafadha. Rabbiin qofa ni gabbarta homaa Isatti hin qindeessitu. Salaata sirnaan salaatta, zakaa ni kennita, Ramadaana ni soomta, Hajjii ni hajjita.” Ergasii ni jedhe, “Balbaloota keeyrii (waan gaarii) sitti akeeku? Soomni gaachana, akkuma bishaan ibidda dhaamsu sadaqaanis badii dhaamsiti (haaqxi); salaata halkan qixxee namtichi salaatu. Ergasii [Qur’aana irraa] “Cinaachi isaanii ciisicha irraa ni fagaatti.” hanga “mindaa waan isaan hojjataa turaniif jecha” gahuutti ni qara’e (suuratu as-sajdah 32:16-17) ….” Sunan Ibn Majah 3973

Soomni gaachana yommuu jedhu ibidda ykn badii irraa eegumsa namaaf ta’a. Kanaafu, soomun, sadaqaa kennuu fi halkan salaatun dukkana badii namarraa saaqun ifa akka argan nama taasisa.

10.Ibaadaa keessatti madaallamaa ta’uu ibaadaa keessattis ta’ii jireenya guyyaa guyyaa keenya keessatti madaalaa eeggachun milkaa’innatti nama baasa. Wanta itti ajajamne dhiisun hanqinna fi adabbitti kufuu hin qabnu. Akkasumas, wanta itti ajajamne hojjachuu keessatti daangaa darbuun of miidhu hin qabnu. Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:
فَإِذَا نَهَيْتُكُمْ عَنْ شَىْءٍ فَاجْتَنِبُوهُ، وَإِذَا أَمَرْتُكُمْ بِأَمْرٍ فَأْتُوا مِنْهُ مَا اسْتَطَعْتُمْ
Wanta tokko irraa yommuu ani isin dhoowwe, isa irraa fagaadha. Ajaja tokkotti yommuu isin ajaje immoo hanga dandeessan hojjadhaa.Sahih al-Bukhari 7288

Rabbiin ni jedha:

11:112

Akkuma ajajamtetti gadi dhaabbadhu. Isaan si waliin tawbataniis [gadi haa dhaabbatan]. Daangaas hin darbinaa. Dhugumatti Inni (Rabbiin) waan isin dalagdan Argaadha.” suuratu Huud 11:112

Rabbiin Ergamaa Isaati fi warroota amanan istiqaamatti ajaja. Istiqaamaa jechuun wanta itti ajajaman hojjachuu irratti gadi dhaabbachuu fi wanta irraa dhowwaman irraa fagaachu itti fufuudha. Itti aanse daangaa darbuu irraa isaan dhoowwa.

11.Hiriyyaa badaa fi jallattootaf ajajamuu fi hordofuu dhiisu– namoonni baay’een jireenya keessatti gadadoo fi dararaa adda addaa kan arganiif hiriyyaa badaa fi jallattootaf ajajamuudha. Hiriyyaa ykn jallattoota akkeessun waan badaa hojjatu. Ergasii adabbii wanta hojjatanii ni dhandhamu. Guyyaa Qiyaamas hirriyyaan hiriyyaa akka ajiifatu (waqqasu), hordoftoonni jallattoota ykn hoggontoota akka ajiifatan Rabbiin keenya nutti hima. Isaan keessaa mee muraasa haa ilaallu.

Guyyaa miidhaa hojjattoonni, “Osoo Ergamticha waliin karaa sirrii qabadhe jiraadhee maal qabaa!” jedhee [gaabbidhaan] harka isaa lamaan ciniinuu [yaadadhu].

Yaa badii kiyya! Odoo ebaluun jaalalle onnee taasifachuu baadhee maal qabaa! Dhugumatti Gorsi (Qur’aanni) erga natti dhufee booda irraa na jallisee jira; sheyxaannis namaaf salphisaa ta’eera.” Suuratul Furqaan(25):27-29

Zaalimni (namni miidhaa hojjatu) Guyyaa Qiyaamaa osoo karaa Ergamaa Rabbii (SAW) hordofee, Isaa fi haqa inni fidetti amanee jiraadhe maal qaba jechuun gaabbi hamaa gaabba. Garuu gaabbin kuni homaa isa hin fayyadu yeroon waan irra darbeef. Yaa badii koo! Sheyxaana namaa ykn jinnii akka karaa qajeelaa hin hordofne fi zikrii Rabbii irraa akka jalladhu na taasise osoo hiriyyaa (jaalalle) godhachuu baadhe maal qabaa! Sheyxaanni namaa fi jinni jallinna inni irra jiru itti bareechisa. Haqaa fi wanta gaarii immoo itti fokkisa. San booda dhiise biraa tara. Kanaafu, namni qaruuten sheyxaanni wanta badaa yommuu itti hasaasu fudhachuu hin qabu. Fakkeenyaf, Guyyaa Qiyaamaa ni dhufaa itti qophaa’i yommuu jedhaniin, sheyxaanni, “Guyyaan Qiyaamaa hin jiru.” Jechuun namatti hasaasa. Takkaa sheyxaanni ijaan hin mul’anne nama keessaa namatti hasaasa takkaa immoo namni jallataan dhufe namatti hasaasa.

12.Adabbii fi badhaasa addunyaa fi aakhiraa yaadachuu– yommuu sheyxaanni shakkii ykn yaada badaa natti darbuu, wanti jalqaba matatti na dhufu karaa sirrii irraa yoo bahe adabbii na qunnamuu fi badhaasa dhabuudha. Namni yoo Rabbii fi guyyaa Qiyaamatti kafaree addunyaa tana keessatti jireenya dhiphoo fi gammachuu hin qabne jiraata. Aakhiratti immoo adabbii kana caalu dhandhama. Namni Rabbii fi Guyyaa Qiyaamatti amanu immoo addunyaa tana keessatti tasgabbii qalbii argata. Aakhiratti immoo Jannata qananiin guuttamte argata. Kana lamaan wal bira qabnee yommuu madaallu, kufrii garmalee akka jibbinuu fi imaanaa akka jaallannu nu taasisa. Du’aayi tanaan kutaa kana nan xumura.

Allahumma habbib ileynal iimaana wa zayyinhu fii quluubinaa wa karrih ileynal kufra wal-fusuuqa wal-isyaana waj’alnaa mina raashidiin.

“Yaa Rabbii! Iimaanaa nu jaallichisii, qalbii teenya keessatti bareechisi; kufrii, fusuuqa fi isyaana nu jibbisiisi. Warroota qajeelan keessaa nu taasisi.” (Tafsiir ibn Kasiir)

Gunduunfaa
✍ Rabbii fi Guyyaa Qiyaamatti amanuun jireenya keessatti gaafiwwan, “Eessaa dhufe? Maaliif as jiraadha? Eessa deemaa jira?” jedhan akka deebisan nama gargaara. Kuni immoo kaayyoo ifaa akka qabaatanii fi hin dhamaane nama taasisa.
✍ Guyyaa Qiyaamatti amanuun balaa fi rakkoo adda addaa nama muudatu irratti akka obsan nama gargaara. Rakkoon addunyaa tanaa rakkoo Guyyaa Qiyaamatin wal bira yommuu qabamuu baay’ee xiqqaa waan ta’eef.
✍ Dhageetti, argituu fi sammuutti fayyadamuun Rabbii fi Guyyaa Qiyaamatti amanuun adabbii Jahannam jalaa akka bahan nama taasisa.
✍ Sadaqaa kennu bartee godhachuun jaalala addunyaa fi haafa’insa hir’isuun addunyaa keessatti akka tasgabbaa’an nama godha. Sadaqaan tuni Rabbii qofaa fi mindaa Aakhiraa barbaadun yoo kennamte imaanni akka dabalu taasisa. Sadaqaan badii waan haaqxuf.
✍ Hiriyyaa badaa fi jallattootaf ajajamuu fi hordofuun badii fi adabbii hangana hin jedhamnetti nama geessa.
✍ Jireenya keessatti madaallamaa ta’uun fiixe milkaa’inna irra akka ijjatan nama taasisa.
wa aakhiru da’awanaa ani Alhamdulillahi Rabbiil aalamiin

Aakhiratti amanuu-kutaa 2ffaa
Shakkii Qiyaamaa Qulqulleessuf-Kutaa 2
Offline dubbisuf

One comment

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.