Ibidda Waraanaa fi Fitnaa Sheyxaanaa-kutaa-1

Offline dubbisuf

Guyyaa guyyaan lubbuun ilma namaa ibidda waraanaatin yommuu darbu, takkaa garmalee nama gaddisisa takkaa immoo akka abdii muratanii fi qalbiin gogdu nama taasisa. Dhalli namaa hanga jireenya tana keessa jiraatu waan badaa fi gaariin ni qorama. Rabbiin subhaanahu wa taa’alaa ni jedha:

21:35

Lubbuun hundi du’a ni dhandhamti. Isin qormaatuuf hamtuu fi gaariin isin mokkorra. Garuma Keenyatti deebifamtu.” Suuratu Al-Anbiyaa 21:35

Namni umriin isaa hanga fedhe haa dheeratu, haa duroomu haa hiyyoomu guyyaa tokko hadhaa du’aa ni dhandhama. Keeyyata armaan olii keessatti Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wanta badaa fi gaariin, wanta isaan jibbanii fi jaallataniin, hiyyummaa fi durummaan, waraanaa fi nageenyan, dhibee fi fayyaan akka ilmaan nama qoru ni beeksisa. Wanti keeyyata tanaan xumure immoo “Garuma Keenyatti deebifamtu.” Kan jedhuuni. Kuni kan agarsiisu, ilmi namaa akkanumatti qoramee kan baduu osoo hin ta’in firiin qormaata isaa Guyyaa Qiyaamaa ni mul’ata.

Addunyaan tuni iddoo qormaatati, Aakhiraan immoo iddoo firii (bu’aa) qormaataa itti arganiidha. Kanaafu, dhalli namaa hanga jireenya tana keessa jiraatu, qormaata irraa bilisa kan ta’uu miti. Karaa adda addaatin ni qorama. Qormaata kana keessaa “Ibiddi waraanati fi fitnaan sheyxaanaa” isaan gurguddoodha. Ibidda waraanaa yommuu jennu beekkamadha garuu fitnaa sheyxaanaa yommuu jennu maal jechuu keenyaa? Fitnaa sheyxaanaa yommuu jennu sheyxaanni karaa hin beeknen namatti dhufuun yaada badaa namatti hasaasun karaa haqaa irraa nama baasu ykn jallisuudha. Ibiddi waraanaa qaama namaa kan miidhu fi ajjeesu yommuu ta’uu fitnaan sheyxaanaa immoo qalbii namaa kan miidhu fi ajjeesudha.

Akkuma qaamni du’u qalbiinis ni duuti. Qalbiin du’uu jechuun imaana irraa duwwaa (qullaa) ta’uudha. Jecha biraatin qalbiin dukkana kufrii fi baditti taruudha. San booda namtichi wanta isa fayyadu fi miidhu addaan hin baafatu. Qalbiin namtichaa yoo duute, bineensa caalaa miidhaa guddaa geessa. Namaaf rahmata gochuu fi mararfachuun isa bira hin jiru. Qalbiin yommuu duutu mitii namni boombi daa’immani fi namoota nagahaa irratti kan roobsu? Qalbiin yommuu duutu miidhaa fi cunqursaa raawwate kanaaf akka adabamu (azzabamuu) isatti hin dhagahamu. Garuu fuggisoo kanaa namni qalbiin imaanaan guuttamte yoo ajjeefame, In sha Allah namoota milkaa’an irraa ta’a. Kanaafu, amma of haa gaafannu, zaalimaan qaamni namaa du’uu wayya moo, sheyxaanan qalbiin namaa du’uu wayyaa?

Akka ifa ta’uuf fakkeenyan haa ilaallu. Namoota kuma kudhan (10,000) iimaana (amantii dhugaa) kan qaban haa fudhannu. Namoota kanniin keessaa waraanni ka’uun namoota 5000 fixe (ajjeese) haa jennu. Namoonni hafan bakka adda addaatti baqatan. Namoota baqatan kanniin keessaa gariin isaanii, “Rabbiin akkamitti akkana hojjata?” jechuun yoo kafaran, fitnaa kamtu irra guddaadhaa? Namoonni ajjeefamuudha moo namoonni kafaruudhaa? Kanneen ajjeefaman imaana irratti yoo ajjeefaman, in sha Allah Jannata seenu. Warroonni kafaran immoo kufrii irratti yoo du’an gahuumsi isaanii ibidda. Rabbiin kanarraa nu haa tiiksu. Kanaafu, ibidda waraanatu caalaa moo fitnaa sheyxaanatu caala ree?

Rabbiin yommuu akkana jedhu dhuguma dubbate:
Fitnaan ajjeechaa caalaa hamaa (badaa) dha.” (Suuratu Al-Baqarah 2:191)

Hayyoonni Qur’aana ibsan akka jedhanittii, aayaa tana keessatti fitnaa jechuun kufrii fi shirkiidha. Kanaafu, kufrii fi shirkiin ajjeechaa caalaa jechuudha. Dhumti nama kafaree fi shirkii hojjatee ibidda waan ta’eef.

Gara waraanaa fi fitnaa yeroo ammaatti yommuu deebinu, lamaan isaanitu bakka lamatti qoodu dandeenya. (1) Waraana meeshaati fi waraanaa sammuu, (2) fitnaa keessaati fi fitnaa alaa. Waraanaa meeshaa yommuu jennu meeshaa waraanaa kanneen akka taanki, boombii, qawwee fi kkf nin walitti duuludha. Waraanaa sammuu yommuu jennu immoo sammuu laamshessuu fi daandii haqaa irraa jallisuuf odeefannoo sobaa fi yaada jallataa tamsaasu ykn raabsudha. Fakkeenyaf, “Qullaa deemun qaroominna, amanti hordofuun duubatti haftummaadha” jechuun yaada fokkuu tamsaasu. Filmii badaa sammuu laamshessu hojjachuu (fkn, pornografi) , yaadotaa fi gochoota fokkuu biroo babal’isu. Kan jalqaba qaama yommuu ajjeesu, kan lamataa immoo sammuu ajjeesa. Sammuun sirnaan akka hin yaanne hojiin ala taasisa.

Fitnaa keessaa fi alaa yommuu jennu immoo qormaata qalbii nama hurgufaniidha. Fitnaan keessaa sheyxaanni waan badaa namatti hasaasun daandii sirrii irraa jallachuu ykn asi fi achi reeqqisudha. Fakkeenyaf, kufrii, nifaaqa fi kkf. Fitnaa alaa yommuu jennu immoo badii guyyaa guyyaan bakka adda addaatti arginuudha. Fakkeenyaf, zinaan (sagaagalummaan) baay’achu, alkooli, dubartiin qullaa yaa’u fi kkf.

Kanaafu, dhalli namaa kanniin hunda akkamitti too’achu danda’aa? Furmaanni kanniin hundaa gara Rabbii deebi’uun Isa qofa gabbaruudha. Wanta Rabbiin itti ajaje hojjachuu fi wanta Inni irraa dhoowwe dhiisun malee wanti addunyaa tana fooyyeessu tokkollee hin jiru. Fasaanni (wanti badaan) hundii dachii kana irratti kan uumamu sababa namoonni ajaja Rabbii fi Ergamtoota Isaa faallessuun wanta badaa hojjataniifi. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) ni jedha:

65:8

Magaalota irraa heddutu ajaja Rabbii ishii fi Ergamtoota Isaa faallessitee qormaata cimaa ishii qormaanne, adabbii fokkataas ishii adabne.” Suuratu Ax-Xalaaq 65:8

Magaalota yommuu jennuu namoota achi keessa jiraataniidha. Namoonni yommuu ajaja Rabbii faallessan, qormaata cimaa fi adabbii fokkataan Rabbiin isaan qaba. Fakkeenyaf, hoonge, jireenyi itti dhiphachuu, beela, dachiin socho’u, lolaan magaalatti balleessu, waraanaa fi kkf.

Namni tokko “kaafironni kunoo badii fi wanta fokkuu ni hojjatu, maaliif hin adabamne?” jechuun gaafachu danda’a. Yoo gara Rabbii deebi’anii of hin foyyeessin ni adabamu, hin muddamin. Rabbiin ni jedha:

22:48

Magaalota meeqa osoo ishiin miidhaa raawwattu Ani yeroo kenneef, ergasii adabbiin ishii qabe. Deebiin (gahuumsi) garuma Kiyya.” Suuratu Al-Hajj 22:48

Namoonni yommuu badii fi miidhaa adda addaa raawwatan, akka gara Isaa deebi’aniif Rabbiin yeroo ni kennaaf. Gara Isaa deebi’uu baatanii badii isaanii yoo itti fufan tasa adabbii cimaan isan qaba. Kuni sunnaa (karaa) Rabbiiti. Kanaafu, kaafirota badii hojjataniin gowwoomu hin qabnu.

Waraanni hundi fitnaadha (qormaata). Garuu fitnaan hundi waraanaa miti. Akkuma duratti jenne fitnaan guddaan fitnaa kufrii fi shirkiiti. Wanti mata duree kana akka barreessu na kakaase keessaa tokko akkuma fitnaan (qormaanni) baay’atuun namoonni amanti irraa fagaacha ykn gadi dhiisaa jiru. Waraana bakka adda addaatti baay’atu yommuu ilaalan, “Rabbiin maaliif kana addunyaa irratti hayyama?” jechuun Isatti kafaru. Islaama gadi dhiisu ykn ni shakku. Yoo kafaran, sila Rabbiin waan miidhan isaanitti fakkaataa? Kafaruu fi amanti keessaa bahuun deebii ni argatuu? Rabbiin ni jedha:

Namni isin keessaa amantii isaa (Islaama) irraa garagalee fi kaafira ta’ee du’e, warri suni addunyaa fi Aakhiratti dalagaaleen isaanii baddee jirti. Warri sun warra ibiddaati; isaan achi keessatti hafoodha.” Suuratu Al-Baqara 2:217

Dhugumatti Islaama irraa garagaluu fi kafaruun fitnaa akkam badaa ta’eedhaa! Hojiin gaariin hojjatan hundi addunyaa fi aakhiratti ni baddi. Ergasii gara ibidda cimaatti seenu. Kanaafu, namni yoo kafare mataa ofii malee eenyun miidha ree? Namoonni kan kafaran waraana qofa ilaalanii osoo hin ta’in namoota naannoo fi badii hojjataniinis amanti gadi furu. Isaan keessaa hiriyyaa badaa, miidiyaa, ergamtoota qarshiin nama jallisan (missionaries)fi kkf. Namoota meeqatu sababa peenxetitiin Islaama gadi furu. Islaamni ifa ta’e fi peenxen baaxila ta’ee osoo jiru.  Ammas aaya biraa isiniif haa dabaluu.

39:7

Yoo kafartan dhugumatti Rabbiin isin irraa Dureessa. Garuu gabroota Isaatiif kufrii hin jaallatu. Yoo galateefattan, san isiniif jaallata. [Lubbuun] dillii (cubbuu) hojjattu tokko dillii nama biraa hin baadhattu. Ergasii deebiin keessan gara Gooftaa keessaniiti. Innis waan isin dalagaa turtan isinitti hima. Dhugumatti, Inni Beekaa waan qoma keessaati.” Suuratu Az-Zumar 39:7

Namni yoo Rabbitti kafare, gonkumaa Rabbiin miidhu hin danda’u. Rabbiin dureessa fi of gahaa waan ta’eef. Garuu gabrootaf kufrii hin jaallatu, kufriin ibiddatti waan nama geessuf. Kana irra, akka Isa galateefatan ni jaallata, Isa galateefachuun Jannatatti waan nama geessuf. Namni wanta zaalimman (cunqursitoonni fi miidhaa raawwattoonni) hojjatan ilaalun yoo kafare ykn cubbuu hojjate, badii kufrii ykn cubbuu isaa eenyullee irraa hin baadhatu; isumatu baadhata. Ergasii ilmi namaa hundi gara Rabbii deebi’uun wanta hojjataa ture hundi isatti himama. Rabbiin wanta hundaa ni beeka waan ta’eef. Inuma wanta qoma (laphee) keessatti dhoksan hunda ni beeka. Laphee fi qaamolee namaa hunda kan uume Isa ta’ee osoo jiruu, iccitii namni qalbii keessatti dhokse akkamitti hin beekne ree? Namni kufrii, shakkii, yaada badaa fi yaada gaarii adda addaa qalbii keessatti yoo dhokse, Rabbiin kana hundaa ni beeka. Rabbiin ni jedha:

64:4

[Rabbiin] wantoota samii fi dachii keessa jiran hunda ni beeka. Akkasumas, waan isin dhoksitanii fi waan isin ifa baastan ni beeka. Rabbiin waan qoma keessaa Beekaadha.” (suuratu at-Taghaabun 64:4)
Kanaafu, wanta yaannu fi hojjannu of eeggachu barbaachisa.

Guduunfaa
✍ Addunyaan tuni iddoo qormaatati. Aakhiraan immoo iddoo firii (bu’aa) itti arganiidha.
✍ Qormaata jechuun wanta jibbaniin qoramu qofa osoo hin ta’in wanta gaariniis qoramuun ni jira. Inuma wanta badaan qoramu irra wanta gaariin qoramuutu ulfaatadha. Namoota meeqatu yommuu hiyyooman Rabbiif galata galchu. Garuu yommuu durooman Rabbitti kafaranii daangaa Isaa darbuu. Rabbiin nu haa tiiksu
✍ Badiin waraanaan dhufu baay’ee guddaadha. Garuu fitnaan (qormaanni) sheyxaanaan dhufu badii waraanaa caala.
✍ Fitnaan sheyxaanaa namoota kafarsiisun ibiddatti isaan geessudha. Badiin waraanaa immoo dhiiga namaa dhangalaasu fi qe’ee irraa ari’uudha.
✍ Namni yoo kafaree dhumti isaa ibidda. Fuggisoo kanaa, namni imaana qabuu waraanaa irratti obsuun yoo du’e, in sha Allah manni isaa Jannata ta’a.
✍ Namni tokko qananii kaafirota fi daraara Muslimoota ilaalun yoo kafare, mataa ofii malee eenyullee hin miidhu.

Fitnaa kana akkamitti akka jala darban torban In sha Allah ni ilaalla.

Ibidda Waraanaa fi Fitnaa Sheyxaanaa-2
Dukkana Keessaa Ifatti-Lakk.2
Offline dubbisuf

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.