Ibidda Waraanaa fi Fitnaa Sheyxaanaa-2

Offline dubbisuf

Ibiddi waraanaa fi fitnaan sheyxaanaa wantoota lama nageenya addunyaa fi tasgabbii dhuunfaa booressaa fi jeeqaa jiraniidha. Gar-tokkeen addunyaa ibidda waraanatiin yommuu reebamtu gara biraatin immoo fitnaa sheyxaanatiin jeeqamti. Ibiddi waraanaa haaluma beeknuun boombii fi rasaasan namoota fixu fi qabeenya barbadeessu yommuu ta’uu, fitnaan sheyxaanaa immoo bifa lakkaawamee hin dhumne qaba.  Sheyxaana jechuun ajaja Gooftaa isaa didee namoota gara badiitti kan waamu jechuudha. Kanaafu, sheyxaana kan ijaan mul’atu fi hin mul’anne jechuun bakka lamatti qoodu dandeenya. Kan ijaan hin mul’anne gosa jinni yoo ta’u, karaa namni hin beeknen namatti dhufuun gara badiitti nama waama. Fakkeenyaf, namni tokko akka kafaruu keessa isaatti hasaasu, waan badaa akka hojjatu isatti miidhagsu fi itti kakaasu. Kan ijaan mul’atu immoo gosa ilma namaa irraa yommuu ta’u, zaahiraan (ifaan) namatti dhufuun gara wantoota fokkuutti nama affeera. Fakkeenyaf, TV, interneeti, fi kkf irratti wantoota fokkuu agarsiisuun namoota jallisu.

Akkuma fakkeenyota kanniin irraa hubannutti lamaan isaanitu wanta Gooftaan “Hin hojjatina!” jedhee ajaje diduun wantoota fokkuutti namoota waamu. Namoonni sheyxaanota kanniinif tolee yoo jedhan adabbii hangana hin jedhamne dhandhamu. Rabbiin abbaa ilma namaa kan ta’e Adaamin (aleyh salaam) erga uume booda  ibliisa (sheyxaana Jinnii) fi Malaaykota Adaamif akka sujuudan ajaje. Malaaykonni tolee jechuun ajaja Rabbii (tabaaraka wa ta’aalaa) fudhatan. Ibliisni garuu oftuulun nama suphee irraa uumamef hin sujuudu jedhe dide. Sababa kanaan Jannata keessaa ni bahe. Sababa Aadamiin Jannata keessaa waan baheef gadoo (haalo) baafachuuf warroota amananii fi iklaasa qaban malee ilmaan Adaam hunda isaanitu nan jallisa jechuun dhaadate.

Ibliisni (Sheyxaanni) abaarramaan erga Jannata keessaa ari’ame booda “Yaa Rabbii hanga guyyaa kaafamanii na tursiisi” jedhee kadhate. Rabbiinis, “Dhugumatti ati warroota tursiifaman irraayyi hanga guyyaa yeroo beekkamaatti” Jechuun kadhaa isaa deebiseef. Ibliisnis ni jedhe “Jabeenya Keetin kakadhe! Hunda isaanitu nan jallisa. Gabroota kee irraa isaan filatamoo (ykn qulqulleefamoo) ta’an malee.” (Suuratu Saad 38:79-83) Warroonni filatamoo fi qulqulleefamoon warroota imaanaa fi iklaasa qabaniidha. Akkuma isaan Rabbiif hojii qulqulleessan Rabbiis sharrii sheyxaanaa irraa isaan qulqulleessa ykn eega.

Sheyxaanni karaa adda addaatin nama jallisa. Isaan keessaa gurguddoon yeroo toltuu fi rakkoo carraa argateetti fayyadama. Yeroo toltuu wanta fokkuu namatti miidhagsuun karaa irraa nama jallisa. Yeroo rakkoo fi gaddaa immoo abdii akka kutanii fi Rabbitti kafaran nama taasisa. Wantoota yeroo rakkoo nama muudatan keessaa waraanni, ajjeechan, hidhaan, godaanu fi kkf tarreessun ni danda’ama. Addunyaa Muslimaa irratti wanti yeroo ammaa adeemsifamaa jiru, namoota jallisuuf sheyxaanaaf carraa guddaa ta’a. Sheyxaanni carraa kanatti fayyadamuun, “Kaafirtoonni qananii keessa jiraatu. Muslimoonni Rabbitti amananii osoo jiranuu akkamitti akkana dararamuu?” jechuun hasaasa badaa qalbitti afuufa. Namni hasaasa kana caqasuus imaanni isaa yoo gadi hin dhaabbatin sheyxaana duuka bu’uun amanti gadi dhiisu danda’a. Mee amma gaafii armaan olii haa deebisnu. Addunyaa tana keessatti Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) kaafiroota Isatti kafaranii fi badii babal’isan kan qananii isaaniif baay’isuuf isaan jaallateeti? Qabeenya addunyaa isaaniif kennuun jaalala Isaa ni agarsiisaa? Akkasumas, namoota wanta isaan jibbaniin qoruun jibba isaa ni agarsiisaa?

Sunnaan (karaan) Rabbii akkana: namoonni gara Isaatti deebi’uun akka of gadi qaban hiyyummaa, dhibee fi kkf nin ni qora. Qormaata kana irra barnoota fudhachuun gara Isaa yoo hin deebi’in, qananii addunyaa tanaa itti gadi fura. Ergasii tasa adabbii cimaan isaan qaba. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) ni jedha:

Maaliif yeroo adabbiin Keenya isaanitti dhufe hin warwaannee? Garuu qalbiin isaanii ni gogde. Sheyxaannis waan isaan dalagaa turan isaaniif miidhagse. Yeroma isaan waan ittiin gorfaman dagatan, balbala waan [gaarii] hundaa isaanitti banne. Yeroo isaan waan isaaniif kennametti gammadan [osoo isaan hin beekne adabbiin] tasa isaan qabne. Isaan yoosu abdii murattoota ta’an.” (Suuratu Al-An’aam 6:43-44)

Qataadan akkana jedha: Ajajni Rabbii tasa namootatti dhufa. Rabbiin gonkumaa namoota adabbiin hin qabne osoo isaan machii cubbuu, of gowwoomsu fi qananii keessa jiraatan malee. Kanaafu, [obsaa] Rabbitiin hin gowwoominaa. Namoota finciltoota malee eenyullee [obsa fi dhiifama] Rabbitiin hin gowwoomu.”  Tafsiir ibn kasiir 3/256 (Xaayba)

Kanaafu, warroota kaafirtootatiin gowwoomu hin qabnu. Rabbiin ni jedha:

3:178

Warri kafaran [adabbii] isaaniif tursiisuun gaarii isaaniif ta’uu akka hin yaanne. Kan Nuti isaaniif tursiisnuuf akka badii dabalataniif qofa. Isaaniif adaba xiqqeessatu jira.” Suuratu Ali-Imraan 3:178

Mee keeyyattoota armaan olii sirritti itti haa xinxallinu. Addunyaa amma keessa jiraannu tana keessatti biyyoonni guddanne jedhan yommuu badii adda addaa raawwatan, inumaa qabeenyi isaaniif dabalama. Kanaafu, wanti kanarra hubannu Rabbiin qananii isaaniif kan dabalu isaan qoruufi malee isaan jaallateeti miti. Ergasii adabbii nama salphisu addunyaa fi Aakhiratti isaan adaba. Hadiisa Ahmad gabaase keessatti, Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Namticha badii osoo hojjatu addunyaa irraa wanta inni jaallatu Rabbiin isaaf kennu argitu, suni istidraaja (suuta suutan isa qabuufi) [akka ta’e beeki]. Ergasii Ergamaan Rabbii (SAW) ni qara’e “Yeroma isaan waan ittiin gorfaman dagatan, balbala waan [gaarii] hundaa isaanitti banne. Yeroo isaan waan isaaniif kennametti gammadan [osoo isaan hin beekne adabbiin] tasa isaan qabne. Isaan yoosu abdii murattoota ta’an.” (Tafsiir ibn kasiir 3/256)

Akka fakkeenyatti, Ameerikaa keessatti Ji’a onkololeessa 1 bara 2017 keessa namoota 22,000 bashannan muuziqaaf walitti qaban irratti namni Stefen Paddok jedhamu, rasaasa dhukaasun lubbuu namoota 58 galaafate. Namoonni 851 immoo ni mada’aan. Ammas Istaanbul keessatti Ji’a Amajji 1 bara 2017 keessa namoota nightclub (garee halkan sirbanii fi wanta badaa hojjatan) irratti namni tokko dhukaasa banuun, namoonni 39 du’an, 78 immoo ni madaa’an. Osoo isaan badii keessatti lixanu Rabbiin gara isaan hin beekne irraa isaan qaba. Rabbiin ni jedha:

7:99

Sila tooftaa Rabbii irraa nageenyi isaanitti dhagahame? Tooftaa Rabbii irraa ummata hoonga’an malee eenyuttillee nageenyi hin dhagahamu?” Suuratu Al-A’araaf 7:99

“Sila tooftaa Rabbii irraa nageenyi isaanitti dhagahame?” yommuu jedhu sila adabbii Rabbii irraa, osoo isaan of dagatanii fi badii keessatti lixani osoo jiranuu tasa isaan qabuu irraa ni tasgabbaa’anii? “Badii hojjanuuf hin adabamnu, akka feene yoo taane kan nu qabu hin jiru” jechuun ni yaadu?  Namoota hoonga’oo malee eenyullee adabbii Rabbii irraa hin tasgabbaa’u.

Kanaafu, namni tokko adabbii Rabbii sodaachun yeroo hundaa of eegganoon tarkaanfachu qaba.

Gara gaafii lamaffaa “Muslimoonni Rabbitti amananii osoo jiranuu akkamitti akkana dararamuu?” jedhutti yommuu deebinu immoo,  Rabbiin warra amanne jedhan karaa adda addaatin ni qora. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) ni jedha:

29:2

Sila namoonni ‘Amanne’ jechuudhaan osoo hin mokkoramiin dhiifamu yaadu? (Suuraa Al-Ankabuut 29:2)

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa namoota amanne jedhan osoo isaan hin qorin akka hin dhiisne ni beeksisa. Osoo isaan qoruu baate fi akkanumatti isaan dhiise, silaa dhugaan soba irraa, namni haqaa nama kijibaa irraa adda hin bahu ture. Garuu seerri Rabbii uummattoota darbanii fi kan ammaa, fayyaa fi dhibeen, nageenya fi waraanan, durummaa fi hiyyummaan fi kkf nin qora. Qormaanni kunniin haala shakkii fi fedhii lubbuutin imaanaa namticha ni qoru. Namni yeroo toltuu fedhii lubbuu irraa of qabuun wanta Rabbiin itti ajaje hojjate fi wanta Inni irraa dhoowwe dhiisu, qormaata darbuun imaanni isaa ni jabaata. Akkasumas, namni yeroo rakkoo shakkii qalbii isaa irratti bu’u ofirraa ittisuun imaana irratti gadi dhaabbatu, qormaata kana ni darba.

Fuggisoo kanaa namni yommuu shubahaata (dhugaa fi sobni walitti naqaman) shakkiin qalbii isaa kan miidhu yoo ta’e, hanqinna imaana isaa argisiisa. Akkasumas, yeroo toltuu fedhii lubbuu hordofuu fi ajaja Rabbii irraa garagaluun badii hojjatu, hanqinna imaana isaa agarsiisa. Mee akka fakkeenyatti waggoota darban kanniin keessatti wanta biyya keenya keessatti dhalate haa ilaallu.

Kanaafu, yeroo toltu fi rakkoo wantoonni lama nama qoruu jechuudha. 1ffaa yeroo rakkoo Shakkiin namatti bu’u, 2ffaa yeroo toltuu Fedhiin Lubbuu (shahwaat) nama hurgufuudha. Inumaa yeroo toltuu shakkiin itti dabalamuun qormaanni akka ulfaatu taasisa. Lamaan isaanii irratti obsa barbaachisa. Rabbiin gadi dhaabbannaa nuuf haa kennu.

Akkuma yeroo ammaa arginu kana Muslimoonni gara tokkoon durummaan qoramu, gara tokkoon hiyyummaan qoramu, gara biraatin immoo waraanaan qoramaa jiru. Nuti wanti nurraa eeggamu, “Rabbiin maaliif kana hojjata?” jechuun gaafachu osoo hin ta’in, obsa qabaachu, furmaata barbaadu fi gara Isaatti deebi’uun araarama kadhachuu qabna. Namoota qoruun seera Rabbii kan hin jijjiramnee waan ta’eef. Qur’aana keesatti, “Karaa Rabbii keessatti jijjirama wayitu hin argitu” (suuratu al-Ahzaab 33:62) Rabbiin ni jedha:

21:23

Inni waan dalaguu irraa hin gaafatamu, isaan immoo ni gaafatamu.” Suuratu Anbiyaa 21:23

Rabbiin wanta hundaa beekumsaa fi ogummaan waan hojjatuuf eenyullee Isa gaafachu hin danda’u. Mootii fi Gooftaa addunyaa ta’ee osoo jiru mootummaa Isaa keessatti eenyutu Isa gaafataa? Namoonni gabroota Isaa waan ta’aniif wanta hojjataniif ni gaafatamu.

Qormaata yeroo ammaa adeemsifamu yommuu arginu aaya tana yaadachuun tasgabbii nuuf kenna:

2:214

Sila osoo [qormaanni] fakkaataa warra isin dura darbanii isinitti hin dhufin Jannata seenuu ni yaadduu? Hiyyummaa fi rakkinni hamtuun isaan tuqxe; hanga Ergamaa fi warri isa waliin amanan “Sila gargaarsi Rabbii yoom [dhufa]?” jedhan gahanitti shororkeeffaman. Eeyyen! Dhugumatti, gargaarsi Rabbii dhiyoodha.” (Suuratu al-Baqarah 2:214)

Qormaanni ykn rakkoon akkuma warra isiniin duraatti dhufetti isinittis osoo hin dhufin Jannata waan seentan isinitti fakkaataa? Hanga Ergamaa fi warri isa waliin amanan “Sila gargaarsi Rabbii yoom dhufa?” jedhan gahanitti hiyyummaa fi rakkoon isaan sochoose (shororkeesse) jira. Dhagayaa! dhugumatti gargaarsi Rabbii dhiyoodha.

Garuu gargaarsi Rabbii kan dhufu yommuu obsa qabaanne fi badii keenya amanne gara Isaa deebinedha. Jannani Rabbii meeshaa qaalii (baay’ee wuddii) waan taatef obsa nu barbaachisa.

Guduunfaa
✒ Sheyxaanni yeroo toltuu baditti nama kakaasun, yeroo rakkoo immoo abdii nama murachisuun nama qora.
✒ Namni gamni yeroo toltu fedhii lubbuu hordofuu irraa of qabuun, yeroo rakkoo obsa qabachuun injifannoo fi milkaa’inna argata.
✒ Rabbiin qabeenya kaafiroof kan baay’isuuf isaan jaallate osoo hin ta’in isaan qoruu fi yoo badii isaanii irraa hin deebi’in, adabbii nama salphisu tasa isaan qabuufi.
✒ Nama badii hojjatu fi qananiin isaaf dabalamu yommuu argitu, Rabbiin tasa isa qabuuf akka ta’e hin dagatin. Kanaafu, qananii isaatin hin gowwoomin.
✒ Dhugaa fi soba, wanta gaarii fi badaa addaan baasuf namoota amanne jedhan Rabbiin olta’e karaa adda addaatin isaan qora.
✒ “Wantoonni lama qalbii balleessu. Isaaniis; Shubahaata (dhugaa fi sobni wal fakkaachu ykn shakkii) fi shahwaat (fedhii lubbuu). Shakkiin beekumsaa fi aqiidaa balleessa, fedhii lubbuu hordofuun immoo niyyaa nama jalaa balleessa.” Ibn Al-Qayyim

Abshiir, yeroo rakkoo dallanuu fi yeroo toltuu fedhii lubbuu hordofuu irraa obsi, kan moo’atu fi milkaa’u sihi! Abshiir, Rabbiif ajajamuu irratti obsi boodden gaariin warra obsanii fi Rabbiin sodaataniifi. Warroota Jannata seenan akkana isaaniin jedhama:

13:24

Waan obsitaniif nageenyi isin irratti haa jiraatu; gandi boodaa waa tole!” Suuratu ar-Ra’ad 13:24

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa qormaata irratti akka nu jabeessu fi nu gargaaru nan kadha.

Kitaabban wabii
Tafsiir ibn kasiir, Tafsiir Qurxuubi, Tafsiir Abdurahmaan Naasir Sa’diyy fi legacy.quran.com itti fayyadame jira.

Sharxiwwan (ulaagaalee) Salaataa
Ibidda Waraanaa fi Fitnaa Sheyxaanaa-kutaa-1
Offline dubbisuf

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.