Seensa İimaanaa-Kutaa 1

Offline dubbisuf

Akka lugaa Arabiffaatti iimaana jechuun tasdiiq (dhugoomsu) fi dhugaan amanuudha. [1] Akka shari’aatti immoo imaanni dubbii qalbii fi arrabaa, hojii qalbii fi qaamaa kan of keessatti hammateedha. Dubbii qalbii yommuu jennu wanta Rabbiin beeksise dhugoomsu fi dhugaan itti amanuudha. Fakkeenyaf, Jireenya fi tokkichummaa Rabbitti amanuu, Qiyaamatti amanuu fi kkf. Hojii qalbii yommuu jennu immoo kanneen akka jaallachuu, iklaasa qabaachu (niyyaan Rabbiif ta’uu), obsuu, Rabbiin irratti hirkachuu, galata galchuu, sodaachu fi kkf. Dubbii arrabaa jechuun immoo wanta qalbiin amanan labsuu, dubbachuu, itti waamu fi eegudha. Fakkeenyaf, ash’hadu an laa ilaah ila Allah wa ash’hadu anna Muhammadan rasuulullah jedhanii ragaa bahuu fi namoota itti waamu, zikrii gochuu fi kkf. Hojii qaamaa yommuu jennu immoo kanneen akka salaataa, karaa Rabbii irratti qabsaa’u, namoota dadhaboo gargaaru, namootaf tola oolu fi kkf. [2]

Kuni seensa imaanati. In sha Allah dameewwanii fi hundeewwan isaa gara fuunduraatti kan ilaallu ta’a. Yeroo baay’ee imaanni geeybi (wantoota ijaan hin mul’annee fi fagoo) waliin kan wal qabatee fi irratti hundeefameedha. Namni wantoota geeybi kanatti yoo dhugaan amane, hojii fi adeemsi isaa daandii qajeelaa irra ta’a. Geeybitti amanuuf nafsee teenya qopheessu fi xurii geeybitti akka hin amanne nu taasisan irraa qulqulleessu qabna. Kana gochuuf qaamolee miiraa, sammuu fi wantoota naannoo keenyatti argaman beeku qabna. Barreefamni armaan gadi kuni kitaaba “al-aqiidatul Islaamiyyatu wa ususuhaa”[3] jedhu irraa kan cuunfamedha. Haa jalqabnu…

Dandeetti Hubannaa Ilma namaa
Ilma namaa keessa dandeetti hubannaa guddaatu jira. Garuu wantoonni hubataman kunniin baay’een isaanii keessa namaatii kan burqan osoo hin ta’in alaa kan dhufaniidha. Kanaafi, dandeettin hubannaa namaa foddaa (maskooti) wantoota alaa ittiin ilaalu qaba. Foddaawwan kunniin qaamolee miiraa shanani. Isaaniis: qaama miira argitu- ija, qaama miiraa dhageetti (gurra), qaama miira fuunfachuu (funyaan), qaama miiraa dhandhamuu (arraba) fi qaama miiraa tuquu (gogaa). Wantoota qaamoleen miiraa kunniin gara daandeetti hubannaatti dabarsan irratti hundaa’e sammuun boca wanta sanii uuma, ni hubata, ni ijaara, bu’uura waliigalaa lafa kaa’a, wantoota wal fakkaatan wal bira qaba. Kanaan alaa fi wanta kana caalu gochuu hin danda’u.

Fakkeenyaf, namoonni ballaa ta’anii dhalatan osoo hanga feene haallu barbaanne itti finne, fakkii haallu kanaa sammuu isaanii keessatti kaasu hin danda’an. Adiin, gurraachi, diimaa fi kkf maal akka ta’an waan hin beekne fi ijaan waan hin argineef.Haaluma kanaan namoonni gurri isaanii hin dhageenyi sagalee addaan baafachu hin danda’an, foddaan sagalee seensisu waan cufameef.

Gabaabumatti nafseen wantoota addunyaa keessa faca’an kan hubattu karaa foddaa ishiitin. Foddaa kanaan addunyaa naannawa ishii jiran ilaalti. Osoo foddaan kuni jiraachu baate silaa homaa hubachuu hin dandeessu, wallaalummaa guutuu keessatti hafti turte. Foddaan kunniin qaamolee miiraa shanani.

Hanqinnaa Qaamolee Miiraa nu bira Jiran
Qaamoleen miira nuti qabnu hanqinna baay’een kan marfamaniidha. Wantoota hunda addunyaa keessa jiran qaamolee kanniin qofaan beeku hin dandeenyu. Fakkeenyaf, osoo meeshaan hamma ho’aa argisiisu (termometriin) jiraachu baate, silaa akkamitti hamma ho’aa (tempirechara) beeknaa? Osoo miykiroskoopin jiraachu baate silaa akkamitti jarmiwwan xixxiqoo ijaan hin mul’anne jiraachu isaanii beeknaa? Wanti meeshaan ammayyaa fi qaamoleen miiraa keenya bira hin geenye lakkaawame hin dhumu. Osoo uumamtoota hundarra caalle jirru ee baay’ate hanqinni keenya!

Daangaa Qaamolee Miiraa
Wantootaa naannoo keenya jiran beekuf karaan tokkichi itti fayyadamnu qaamolee miirati. Garuu qaamoleen miiraa kunniin foddaa gababoo ta’aniidha. Hammaa fi akkaatan kanneen daangefamaniidha. Kanaafu, “ijaan waan hin argineef ykn sagalee waan hin dhageenyef, ykn qaamolee miiraa birootin waan wal hin qabanneef” qofa wantoota haqaan addunyaa keessa jiran, “Hin jiran.” Jechuun mormii kijibaa mormuun nuuf sirrii miti. Qaamoleen miira keenya hammaa fi akkaatan daangefamoo waan ta’aniif.

Hammaan daangeefamoo yommuu jennu wanti tokko fageenya qaamolee miiraa keenyaf hayyamamee keessaa yoo bahe, qaamoleen miira keenya wanta san hubachuu irraa dadhaboo ta’u. Fakkeenyaf qaama miiraa argituu (ija) irraa akkuma wanti tokko fagaatun, hammi wanta sanii ija keenya keessatti xiqqaataa adeema hanga ilaalcha keenya irraa badutti. Garmalee yoo nurraa fagaate san booda arguu hin dandeenyu. Qaamni miira dhageettis haaluma kanaani.

Akkaataan daangefamoodha yommuu jennu immoo karaa qaamolee miiratin wanta tokko hubachuuf ulaagaaleen (haal-dureewwan) guuttamu qaban jiraachu qabu. Fakeenyaf qaamni miira argituu wanta tokko arguuf ifa barbaachisa. Ifni yoo dhabame wanta san arguun hin danda’amu.

Addunyaa tana keessa qaamolee miiraa keenyan kallatiin osoo wal hin qunnamiin wanti tokko jiraachutti dhugaan kan itti amannuu baay’etu jiru. Jiraachu wanta kanaatti kan amannu karaa guduunfaatin (conclusion). Kana jechuun sababa wanta tokkoo erga itti yaanne booda, wanti akkanaa ni jira jennee guduunfu ykn goloobudha.  Fakkeenyaf, osoo mana keessa jirtu, namni wayii balbala mana keeti dhadhaya (rukuta). Rukuttaa kana dhagayuun namni wayii ni jira jechuun guduunfita (goloobda). Sagalee namticha kanaa hin dhageenye ykn isa hin argine. Akkamitti namni jiraachu beekte ree? Karaan ati ittiin beektu, balballi ofiin of rukutuu waan hin dandeenyef namni wayii akka jiru dhugaan ni amanta.

Asitti namoota sammuun isaanii xiqqoo taate odeefannoo hundee hin qabne fi dhugaa hin taane irratti hundaa’un dhugaa jiru fudhachu didan osoo hin ilaalin bira hin dabarru. Akkana jedhu: nuti wanta qaamoleen miiraa keenyan bira hin geenye jiraachu isaa hin amannu ykn harka hin kennuunifi.” Akka waan qaamoleen miiraa isaanii wantoota addunyaa guutuu keessa jiru haguuganii fi beekan isaanitti fakkaata. Mee seenaa kana haa ilaallu:

Mulhidoota (warroota jallatanii) gowwummaa isaanii keessa dhama’an kanniinif mucaan xiqqaan ifa uumama isaatiin deebii gahaa deebiseef. Akkana jedhe namtichi jallataan (eetistiin): wanta tokko hanga ijaan arginutti jiraachu isaatti hin amannu. Hanga isa biratti argamnutti malee harka hin kenninuufi.” Hanga jiraachu Rabbii bira gahuutti fakkeenya kijibaa dhiyeessu itti fufe. Ergasii akkana jedhe: Nuti Khaaliqa (Rabbiin) hin arginu. Kanaafu Inni hin jiru.” Mucaan cal’isaan caafi teessummaa irra taa’u, nama jallataa kanaan akkana jedhe, “Yaa barsiisaa! Sammuu ati ittiin yaadaa jirtu hundi keenyaa argaa hin jirru. Kanaafu ati sammuu hin qabdu jechuudha.” Namtichi kafaree achumaan dhama’ee moo’atame. Rabbiin namoota zaalimtoota hin qajeelchu.

Al-Khayaalu wa Huduuduhu (Boca wanta tokko sammuu keessatti kaasu fi daangaa isaa)
Wanta tokko kan fuundura keenyatti hin argamne yaadan ijaaru fi fakkii isaa sammuu keenya keessatti bocu dandeenya. Haa ta’uu malee, nuti hanga feene fakkii (suuraa) barbaanne sammuu keenya keessatti haa bocnu, kutaalee qaamaa addunyaa keessa jiran walitti maxxansuu malee wanta biroo hojjachuu hin dandeenyu. Kutaalee kanniin karaa qaamolee miiratin arginee jirra. Garuu kutaalee qaama walitti maxxansuun boca ykn suuraa addaa fi tokko ta’e sammuu keessatti kaasna.

Kanaaf wanta addaa addunyaa keessa hin jirre mee akka fakkeenyatti haa dhiyeessinu. Suuraa beelladaa adda ta’e sammuu keessatti haa kaasnu. Suuraan kuni koola 20 qaba, gariin isaanii sinbirroo irraa, gariin isaanii nyaata irraa, gariin isaanii immoo baalaa irraa, gariin isaanii immoo warqii, meeti fi kkf irraa haa jennu. koola hunda jiddu ija qaba. Ijji tunniin aannanii fi damma irraa kan ijaarramteedha. Ammas, suuraa addaa kana hanga feete kutaalee qaamaa adda addaa itti dabaluun adda taasisi. Amma suuraa yaadaa kana kutaalee isaa akka siif ibsinu koottu. Hundee uumama suuraa kanaa irraa yommuu kaanu, kutaalee qaamaa tokkollee kan addunyaa keessa hin jirree fi qaama miiraa keetin hin hubanne bocu ykn kaasu hin dandeenye. Hunda isaatu wanta argite irraa kaate suuraa addaa kaaste.

Wanta darbe kana yommuu guduunfinu: suuraan (fakkiin) sammuu keenya keessatti bocamu, wantoota qaamoleen miiraa hubataniin kan daangefameedha. Hanga feene dandeettin suuraa addaa sammuu keessatti bocu nuuf haa kennamu, haqiiqaa (dhugaa) wanta tokko hanga naamunaa (fakkeenya) isaa arginutti bocu hin dandeenyu.

Kanarraa ka’uun suuraa dhugaa Malaykootaa, Jinnii fi kkf sammuu keessatti bocuu fi kaasu hin dandeenyu. Sababni isaas, qaamolee miiraa keenyan wanti argine hin jiru. Zaatni Rabbii (subhaanahu wa ta’aalaa) immoo kan kana hunda caaludha. Akkamitti Zaata Rabbii olta’e, fakkaata hin qabne fi waa hundarra Guddaa ta’e sammuu keenya keessatti yaadu dandeenyaa? Kanaafi,gamnoonni durii akkana jedhu: “Kullu maa khaxara bibaalika fallahu bikhilaafi zaalika- wanti hundi sammuu kee qaxxaamuru, Rabbiin faallaa wanta saniiti.” Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa fakkaataa wayitu hin qabu. Wanta sammuu namaa qaxxaamuruun gonkumaa wal hin fakkaatu.

Sammuu fi daangaa isaa
Sammuun addunyaa miiratin kan daangefameedha. Addunyaa geeybi irratti murtii hin qabu. Wanta ijaan hin argine ykn gurraan hin dhageenye “akkana akkana jira” jedhe murteessu hin danda’u. Akkasumas, ragaa malee, “Wanta ijaan hin mul’anne hin jiru” jechuun mormuu hin danda’u. Sammuun wanta addunyaa guutuu keessa jiru hubachuu waan hin dandeenyef. Wanti inni hubatu fi beeku baay’ee xiqqaadha. Fakkeenyaf, samiin tuni daangaa qabdi moo hin qabdu? jechuun of gaafanna. Sammuun daangaa samii dhaqqabuu hin danda’u. Kanaafu, wanta ijaan argan guutumaan guututti hubachuu irraa dadhabaa kan ta’e, wanta geeybi hubachuu irratti akkamitti dandeetti qabaa? Imaamu Shaafi’iin (Rabbiin rahmata isaaf haa godhuu) akkana jedha: “dhugumatti akkuma ijji daangaa dhumaa qabdu, sammuunis daangaa dhumaa qaba.” Akkuma wanti tokko yommuu garmalee fagaatu ijji arguu hin dandeenye, wanti sammuu irraa fagoo ta’ees sammuun bira gahuu hin danda’u.

Wanta darbee haala armaan gadiitin guduunfun ni danda’ama:

  1. Qaamoleen miiraa nu bira jiran daangefamoo waan ta’aniif wantoota jiran hunda bira gahu hin danda’an.
  2. Dandeettin suuraa sammuu keessatti kaasu wanta qaamoleen miira nutti fidan irratti kan hundaa’e fi daangefameedha.
  3. Sammuun keenyas akkasuma daangefamaadha. Qaamolee miira fi sammuu daangefamaa kanatti fayyadamuun, haqa addunyaa keessa jiru ” ijaan waan hin argineef” hin jiru jedhanii mormuun wanta ilma namaatif maluu miti.

Kanaafu, akkamitti wanta ijaan hin mul’annee fi fagoo ta’ee (geeybii) jiraachu isaa beeknaa? Karaa adda addaatin beekna. Isaan keessaa: sababa ilaalun guduunfaa irra gahuu, odefannoo dhugaa, uumamaanii fi kan biroo. In sha Allah torbaan bal’innaan ilaalla.

Kitaabban Wabii:
[1] Nuurul iimaanii wa zuluumatu nifaaqi-fuula 7 
[2] Madaarija saalikiin-1/114, Imaam ibn al-Qayyim
[3] al-aqiidatul Islaamiyyatu wa ususuhaa By Abdurahmaan Hasan Madiniyyi, fuula 15-24

Seensa İimaanaa-kutaa 2
Offline dubbisuf

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.