Zinaa Irraa Akkamitti Tawbatanii?

Offline dubbisuf

Zinaan (sagaagalummaan) hojii fokkuu ta’ee fi miidha hangana hin jedhamne geessudha. Dubartin akka durbummaa fi kabaja dhabdu, sanyiin akka wal dhayuu taasisa. Dubartiin zinaadhaan yoo ulfoofte hangam salphinni ishii akka haguugu tilmaamun nama hin dhibu. Daa’imni kuni yoo dhalate jireenya akkami akka gaggeessu itti haa xinxallinu. Dhibee gadaa kanaa HIV Eedisiin akka saffisaan babal’atuuf balbala kan banu zinaadha. Kanaafi, adabbiin isaa addunyaa fi aakhiratti guddaa ta’e. Akka seera Islaamatti addunyaa tana keessatti dubartii hin heerumne fi dhiirri hin fuune zinaa yoo raawwatan si’a 100 reebamu. Kan fuudhe ykn tan heerumte yoo taate, dhagaan buruqfamuun ajjeefamu. Miidhan zinaan hawaasa irratti fidu guddaa ta’uu isaa namni beeku, adabbiin kuni nama zinaa raawwatuuf kan malu ta’uu isaa ni hubata.

Namni zinaa irraa yoo hin tawbatin ykn adabbii armaan olitiin yoo hin adabamiin, adabbiin isaa Aakhiratti guddaa ta’a. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) Qur’aana keessatti ni jedha:

Ammas isaan (Gabroonni Ar-Rahmaan) Rabbiin wajjiin waan biraa hin gabbarre (hin kadhanne), kan lubbuu Rabbiin ajjeesuu haraama godhe haqaan alatti hin ajjeefnee fi hin sagaagalleedha (zinaa hin raawwannedha). Namni hojii gadhee kanniin raawwate, adabbi ni qunnama. Guyyaa Qiyaamaa adabbiin [Jahannam] dachaa isaaf taasifama. Isa keessatti salphifamaa ta’ee yeroo hundaa jiraata. Nama tawbatee, amanee fi dalagaa gaarii hojjate malee. Isaan san Rabbiin hamtuu isaanii gaaritti jijjiraaf. Rabbiin araaramaa, rahmata godhaa ta’ee jira.  Suuratul Furqaan (25):68-70

Namni hojii fokkuu sadan armaan olii irraa yoo tawbate, amanee fi hojii gaarii hojjate, Rabbiin hojii badaa gara gaariitti jijjiraaf. Rabbiin araaramaa fi rahmata godhaa waan ta’eef.

Akkasumas, hadiisa keessatti adabbiin nama zinaa raawwate dhufee jira. Hadiisa Mi’raaj jedhamuun kan beekkamu keessatti, Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhan“… [Anaa fi Malaykoonni] deemsa keenya itti fufuun wanta Tannuur (midijjaa (boollo) daabboon keessatti tolfamu) fakkaatutti dhufne”. Hadiisa kana kan odeesse ni jedhe, “Ergamaan Rabbii (SAW), akkana waan jedhe natti fakkaata, “Tannuur san keessa iyyansaa fi sagalee baay’etu jira.” Ergamaan Rabbiin (saw) itti fufuun ni jedhan: “Achi keessa yommuu ilaallu dhiirota fi dubartoota qullaa labooban ibiddaa jala isaaniitii isaanitti dhufu argine. Yommuu labooban kuni isaan dhaqqabu, garmalee iyyan. Ani “Isaan kunniin eenyu?” jechuun [Malaykoota lamaan] gaafadhe. …. “Sitti ni himna.” naan jedhan… [dhumarratti malakyoonni lamaan waa’ee namoota armaan olii Ergamaa Rabbiitti yommuu himan akkana jedhan]: “Dhiironni fi dubartoonni qullaa ijaarsa tannuur (midijjaa ibiddaan guuttame) fakkaatu keessa jiran, isaan sun dubartoota zinaa raawwatanii fi dhiirota zinaa raawwataniidha.” (Sahiih al-Bukhaari 7047)

Tolee namni tokko badii guddaa qixaaxni isaa hangana gahu yoo hojjate, tawban isaaf ni jiraa? Eeti sirritti jira. Rabbiin nama badii zinaa caalaa hojjatee ergasi gara Isaatti deebi’eef kan araaramu, akkamitti nama zinaa hojjatee gara Isaatti deebi’eef hin araaramnee? Badiin zinaa caalu maal akka ta’e beektu? Badiin zinaa caalu kufrii fi shirkii (Rabbitti qindeessudha.) Rabbiin nama kufrii fi shirkii dhiisee gara Isaatti deebi’ef ni araarama. Haaluma wal fakkaatun wanta shirkii gadi ta’e kan akka zinaa irraa nama gara Isaatti deebi’eef ni araarama.  Mee gara sharxii tawbatti seenun dura, Tawbaa fi Istighfaarri maal akka ta’an haa ilaallu.
Tawbaa jechuun “badii hojjatan amanuun, gaabbuun, irraa buqqa’uuni fi gara funduraatti akka itti hin deebinee ijjannoo qabaachun cubbuu itti lixan irraa gara Rabbii deebi’uudha.”
Gabaabumatti tawbaa jechuun dhugaadhaan badii irraa gara Rabbii deebi’uun Isaaf ajajamuudha.

Istighfaara jechuun immoo “Rabbiin irraa araarama barbaadu, Rabbiin cubbuu darbee akka namaaf dhoksuu fi haaqu kadhachuudha. Sababa cubbuu saniin akka nama hin adabne itti warwaachudha. ”
Kanaafu, Istighfaarri waa sadii qabataa jechuudha
1. Rabbiin irraa araarama barbaadun Jaalala Isaa argachuu
2. Rabbiin cubbuu akka namaaf dhoksuu fi haaqu kadhachuu
3. Sababa cubbuu saniin akka nama hin adabne itti warwaachudha.

Namni tokko dukkanaa fi xurii zinaa keessaa tawbaa fi istighfaaran bahuuf, sharxiwwan guuttamu qabantu jiru. Fakkeenyaf, namni tokko uffanni isaa yoo xuraa’e, maal fa’a isa barbaachisaa? Saamunaa, bishaani fi wanta keessatti miicu isaa barbaachisaa miti ree? Xiqqaate xiqqaatu bishaan yoo hin jiraatin uffata ofii sirritti qulqulleessu danda’aa? Qulqulleessu hin danda’u. Haaluma Kanaan xurii zinaa irraa tawbaan qalbii ofii qulqulleessuf sharxiwwaan (ulaagaaleen) armaan gadii ni barbaachisu. [1]

  1. Iklaasa
  2. Badii zinaa irraa buqqa’uu
  3. Gaabbu
  4. Gara fuundarratti badii kanatti deebi’u dhiisuu
  5. Duuti yookiin aduun dhiyaan bahuun dura tawbachuu

Sharxiwwan tawbaa armaan olii kunniin badii kamifiyyuu kan ta’aniidha. Haqa ilma namaatin kan wal-qabatu yoo ta’e sharxiin jahaffaan itti dabalama. Innis, haqa namaaf deebisu ykn araarama gaafachudha. Sharxiwwan armaan olii tokkon tokkoon yommuu ibsinuu kana fakkaata:

1.Iklaasa– Iklaasa jechuun hojii tokko Rabbiif qofa jedhanii hojjachuu ykn dhiisudha. Namni tokko hojii badaa kan akka zinaa kan dhiisu, qabeenyaf ykn dubartii fuudhuf ykn dhiiratti heerumuf jedhee osoo hin ta’in, Rabbi qofaaf jedhe hojii badaa san dhiisu qaba. zinaan hojii fokkuu fi jibbamaa Rabbiin biratti dhoowwamaa akka ta’e beekun namni hojii fokkuu kana dhiise fi dhugaan gara Rabbii deebi’e, iklaasa qabaa jechuudha. Gabaabumatti, wanti hojii badaa kana akka dhiisu isa kakaase, Rabbiin zinaa waan dhoowwe fi adabbii guddatti waan nama geessufi. Akkasumas, xurii kana irraa qulqullaa’un gara Rabbii dhiyaachu waan barbaadefi.

2.Badii zinaa irraa buqqa’uNamni arraba qofaan “Astaghfirullah” jechuun badii hojjachuu kan itti fufu yoo ta’e, hin tawbanne jechuudha. Tawbaa jechuunu badii irraa buqqa’anii gara Rabbii deebi’u fi Isaaf ajajamuudha. Namni zinaa irraa tawbadhe jedhus, zinaan hojii fokkuu akka ta’e beekun guutumaan guututti irraa buqqaa’un isarraa eeggama. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) warra badii akka zinaa hojjatanii ergasii gara Isaatti deebi’an akkana jechuun faarsa:

3:135

“Isaan warra yeroo faahishaa (waan fokkataa kan akka zinaa) hojjatanii yookiin lubbuu ofii miidhanii Rabbiin yaadatanii ergasii badii isaanitiif araarama kadhataniidha. Rabbiin malee eenyutu badii araaramaa? Isaan osoo beekanu waan hojjatanirra (cubbuu ofitirra) kan hin turreedha.” Suuraa Ali Imraan 3:135

Argitanii wanti aayanni ittiin xumurame! “Isaan osoo beekanu waan hojjatanirra (cubbuu ofitirra) kan hin turreedha.” Dafanii Rabbiin yaadatanii cubbuu irraa buqqa’uun gara Isaa deebi’u. mindaan namoota akkanaa maal ta’inna ree laata? Mindaa armaan gadi kanaan gammadaa namoonni cubbuu/dillii irraa buqqa’uun gara Rabbii deebitanii fi araarama kadhattan:

3:136

“Isaan sun mindaan isaanii araarama Gooftaa isaanii biraa ta’ee fi Jannata laggeen ishee jala yaatudha. Isaan ishee keessatti hafoodha.Mindaan hojjatootaa [Jannata ta’uun] waa tole.” Suuraa Ali Imraan 3:135

Kanaafu namni zinatti yoo kufe abdii kutu hin qabu. Rabbiin yaadate yoo hidda onnee jalaa araarama kadhate, mindaan armaan olii isaaf/ishiif  jira.

3.Gaabbu namoonni wanta badaa hojjataniif yoo hin gaabbin, carraan wanta badaa sanitti deebi’u guddaadha. Namni yommuu zinatti kufe, “Maal ta’e hojii badaa akkana hojjadhe? Ammaan booda hojii fokkuu kanatti hin deebi’u…” jechuun yommuu gaabbu, xurii zinaatti hin deebi’u. Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhu:

‏”‏ النَّدَمُ تَوْبَةٌ ‏ Gaabbin tawbadha.” Sunan ibn Maajah

4.Gara fuunduratti badii kanatti deebi’u dhiisu kuni galma kan gahuu ulaagaaleen armaan olii sadan yoo guuttamaniidha. Namni iklaasa yoo hin qabaatin, cubbuu darbe irraa hin buqqa’inii fi hin gaabbin, borumtaa ittuma deebi’a. kanaafu, namni zinaa irraa tawbadhe jedhu, badii fokkuu kana gara fuunduraatti itti deebi’u hin qabu.

5.Duuti yookiin aduun dhiyaan bahuun dura tawbachuu- namni du’a osoo yaadate gara zinaa hin dhiyaatu ture. Osoo zinaa raawwatu duuti osoo itti dhufte maal ta’inna laata? Nama meeqatu osoo zinaa raawwatu duuti itti dhufte. Dhuma akkanaa irraa Rabbiin nu haa tiiksu. Du’aan ala wanta biraas yaadachu danda’a. Osoo zinaa raawwatanuu lamaan isaanitu osoo walitti maxxanfamanii walitti goganii eenyutu isaan addaan baasaa? Salphinna akkamii! Kanaafu, namni duuti kokkee gahuun dura yookiin aduun dhiyaan bahuun dura, tawbachuun isarra jira.

Namni ulaagaalee armaan olii guutee keessa isaatti duwwummaan (emptiness) itti dhagahamu danda’a. Kanaafu, falli isaa maalii? Falli Hojii gaggaarii baay’ise hojjachuudha. Namni akkuma tawbaa (gara Rabbii deebi’u), istighfaara (araarama Rabbiin kadhachuu) fi hojii gaggaarii baay’isuun, hadhaan hojii badaa hir’ataa adeema, keessa isaatti gammachuun ni dhagahama. Rabbiin ni jedha:

5:39

Namni miidhaa raawwachuu isaa booda tawbatee fi [hojii isaa] fooyyesse, dhugumatti Rabbiin tawbaa isaa irraa qeebala. Rabbiin akkaan araarama, akkaan rahmata godhaadha.” Suura Al-Maa’ida 5:39

Kana jechuun namni hojii badaa erga hojjate booda tawbatee (badii irraa buqqa’uun gara Rabbii deebi’e) fi hojii gaggaarii hojjate, Rabbiin ni araaramaaf. Rabbiin akkaan araarama, akkaan rahmata godhaa waan ta’eef. Hojii gaggaarii keessaa wanti jalqaba hojjatu qabu, salaata sirnaan salaatudha. Itti aanse, sooma soomu, sadaqa kennuu, Qur’aana qara’uu, namootaaf tola oolu fi kkf hojjachu danda’a.

Eeti zinaan hojii fokkuu fi jireenya namatti dukkaneessudha. Dukkana kana keessaa karaan tokkichi itti bahan, gara Rabbii deebi’uu, araarama kadhachuu fi hojii gaggaarii hojjachuudha. Adeemsa kana keessatti abdii kutuun namatti dhagahamu danda’a. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) gabroonni Isaa abdii akka hin kunne haala kanaan isaan waama:

“Jedhi,’Yaa gabroota kiyya kan lubbuu ofii irratti daangaa dabartan! Rahmata Rabbii irraa abdii hin muratinaa. Dhugumatti Rabbiin balleessaa hundaa ni araarama. Inni Araaramaa, Rahmata godhaadha.'” Suuraa Az-Zumar 39:53

Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) akkana jedha:

25:71

Namni tawbatee fi hojii gaarii hojjate, inni dhugumatti tawbaa gaariin gara Rabbii deebi’e jira.” Suura al-Furqaan (25):71

20:82

Dhugumatti nama tawbatee, amanee fi hojii gaggaarii hojjate, sana booda [hanga du’uu] karaa qajeela qabateef Ani akkaan Araaramadha.” Suuraa Xaahaa 20:82

Kanaafu, namni hojii badaa irraa gara Rabbii deebi’un, amane ykn imaana isaa cimsatee fi hojii gaggaarii dalagee ergasii hanga duuti itti dhuftu karaa qajeelaa qabate, Rabbiin ni araaramaaf. Rabbiin ni araaramaaf jechuun badii isaatiif addunyaa fi aakhiratti isa hin adabu. Kanaafu, Abshir! Abdii hin kutin.

Namni hojii badaa irraa yoo tawbate fi hojii gaggaarii hojjate, hojii fokkuu irraa ni qulqullaa’a. Khabiis (nama badaa) jedhamuun hin waamamu.Akkasumas, zinaa irraa erga tawbatee booda namootatti himuun of saaxilu hin qabu/ hin qabdu.

Namni zinaa raawwate ergasii tawbaa dhugaa sharxii armaan olii qabdu tawbate, dubartii qulqulluu fuudhu danda’a ykn dhiira qulqulluutti heerumu dandeessi. Shekh Muhammad ibn Ibraahim dubarti zinaa raawwatte fuudhuu ilaalchise ni gaafatame. Innis akkana jedhe: dubartii zinaa raawwatte hanga tawbatuutti fuudhun hin danda’amu… namni tokko [erga tawbattee booda] ishii fuudhu yoo barbaade, nikaha hidhachuun dura marsaa laguu (heydii) tokkootiin ulfa irraa qulqulluu ta’uu ishii mirkaneefachu qaba. ulfaa’un ishii ifa yoo ta’e, nikaha hidhachuun isaaf hin hayyamamu; hanga deessutti malee…” Ilaali al-Fataawa al-Jaami’ah lil-Mar’ah al-Muslimah, 2/584-[2]

Wanti armaan olitti itti dabalamu, dhibee daddarbaa kan akka HIV Eedisi irraayis qulqulluu ta’uu mirkaneefachun barbaachisadha. Dhiirris dubartiinis zinaa raawwate /tte, ergasii tawbatee fi fuudhu barbaade ykn heerumu barbaadde, dhibee armaan olii irraa qulqulluu ta’uu mana yaalatti mirkaneefachu qabu. Osoo beekanuu dhibeen nama nagaha galaafachuun, badii zinaa caalu hojjachuudha. Rabbiin suuratu An-Nisaa lakk. 93 keesatti “Namni osoo beeku mu’mina ajjeese, adabbiin isaa jahannami, achi keessatti kan hafuudha. Rabbiin isa irratti dallane, isas abaaree jira. Adaba guddaas isaaf qopheesse.” Jedha.

Guduunfaa
✑Zinaan hojii fokkuu fi karaan isaa adabbii hamatti nama geessudha.
✑Zinaa irraa qulqullaa’uf filannoo lamatu jira. 1ffaa: Haddi (adabbii seera Islaamaa) adabamuu 2ffaa: Tawbachuu fi hojii gaggaarii hojjachu. Namni dhoksatti zinaa hojjate ergasii qaadi ykn imaama bira deemun “haddi narratti dhaabaa” jechuun isarratti dirqamaa miti. Kan isaaf caalu badii isaa dhoksee tawbachuudha. Yeroo namtichi Maa’iz jedhamu zinaa raawwachuun ergamaa Rabbii bira dhaqee “[haddi narratti dhaabun] na qulqulleessaa.” jedheen, Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhaniin, “Ee badii kee! Deebi’i Rabbiin araarama kadhu, gara Isaatti tawbadhu (deebi’i).”
Kana ilaalchise Hafiz ibn Hajar ni jedha: Seenaa Maa’iz irraa akkuma hubatamutti, namni akkuma isaa zinatti kufee ergasi badii isaa amane, gara Rabbii deebi’uu, of dhoksuu fi eenyutillee himu dhiisun isaaf irra jaallatamaadha (mustahhab) .” https://islamqa.info/ar/23485 ykn https://islamqa.info/en/23485 irraa fudhatame
✑ Badii kamiyyuu irraa tawbachuuf xiqqaate xiqqaatu sharxiin shan guuttamu qabu. (1) Iklaasa, (2) Badii irraa buqqa’u (3) gaabbu (4) Gara fuundaraatti baditti deebi’u dhiisu (5) Du’aan ykn aduun dhiyaan bahuun dura tawbachuu
✑ Hojii gaggaarii baay’isanii hojjachuu fi istighfaara baay’isuun hadhaa zinaa fi badii biroo balleessa.

Kitaaba fi websaayitii wabii
[1] Sharih riyaadu saalihin Jiildi.1 fuula 86-91, ibn Useymiin
[2] https://islamqa.info/en/14381https://islamqa.info/ar/14381

Isa Gorsitee ishii galateefachuuf dhufee Zinatti kufan
Dubartiin Zinaa Dhiira Qulqulluutti Ni Heerumti?
Offline dubbisuf

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.