Shakkii Qur’aanaa Qulqullessuuf-2- Qur’aana fi Saayinsi

Offline dubbisuf

Kutaa darbee keessatti Qur’aanni jecha Rabbii (subhaanahu wa ta’aalaa) ta’uu ragaalee agarsiisan ilaalle jira. Ammas itti fufun ragaa afraffaa ilaalla. Innis:
4.Wantoonni Qur’aana keessatti dubbataman wanta jiruun wal qunnamu
Wantoonni Qur’aana keessatti dubbataman haala nama ajaa’ibsiisuun saayinsii ammayyaati fi muxannoo namaa waliin kan wal simatanii fi walitti galaniidha. Saayintistoonni yeroo ammaa wanta Qur’aana keessa jiru yommuu argan, Qur’aanni kitaaba Rabbiin irraa bu’e malee kitaaba namni barreesse akka hin taane mirkaneessanii jiru.  Mee amma Qur’aana irraa Aayaata (keeyyattoota) muraasa saayinsi ammayyaatin wal qabatan haa ilaallu.

1.Guddinna Miciree ilma namaa ilaalchise Qur’aanni maal jedhaa?

Miciree (embryo) jechuun dhalachuun dura marsaa guddina ilma namaa fi beeladootati. Qur’aana keessatti Rabbiin Olta’aan marsaa guddinna miciree ilma namaa ni dubbata.

23:12

“Dhugumatti, Nuti ilma namaa cuunfaa dhoqqee irraa ta’e irraa uumne.

23:13
Sana booda iddoo tasgabbaa’aa fi eeggamaa (gadaamessa) keessatti coba bishaan saalaa isa taasifne.
23:14
Sana booda bishaan saalaa alaqah (dhiiga ititaa) taasifne; ergasii dhiiga ititaa mudghah (wanta alanfame yookiin muraa foonii) taasifne; ergasii mudghah lafee taasifne; ergasii lafees foon itti uwwisne. Sana booda uumama biraa [daa’ima] isa goone. Rabbii uumtota hunda caale tolti Isaa baay’atte.” Suuratu Al-Mu’iminuun 23:12-14

Rabbiin abbaa ilma namaa kan ta’e Aadamin biyyee irraa uume. Achin booda sanyii isa coba bishaanii irraa uume.

Jechi Arabiffaa “Alaqah” jedhu hiika sadii qaba. Isaanis: (1) dhulaandhula, (2) wanta rarra’e fi (3) dhiiga ititaa.

Marsaa alaqah irratti dhulaandhula miciree namaa waliin yommuu wali bira qabnu,akkuma fakkii 1 irraa mul’atutti isaan lamaan jidduu wal fakkeenya ni argina. Marsaa kanatti micireen soorata isaa dhiiga haadhaa irraa argata akkuma dhulaandhulli dhiiga wanta biraa soorattu.

Figure 1

Fakkii 1: Marsa alaqatti fakkii wal-fakkeenya dhulaandhula (leech) fi miciree ilma namaa jidduu jiru agarsiisu.

Hiikni lammataa alaqah “wanta rarra’eedha“. Kuni wanta yeroo marsaa alaqah gadaamessa haadhaa keessatti rarra’iinsa miciree Fakkii 2 fi 3 irraa arginuudha.

Figure 2 (Click here to enlarge)Figure 3

Fakkii 2: Fakkii jalqabaa irraa rarra’iinsa miciree gadaamessa haadhaa keessatti ni argina.
Fakkii 3: suuraa maaykiroskooppin kaafame irraa yeroo marsaa alaqah gadaamessa haadhaa keessatti rarra’insa miciree (Bakka B) ni argina.

Hiikni sadaffaan alaqah dhiiga ititeedha. Marsaa alaqaa irratti bifni alaa miciree fi qaraxiixiin isaa dhiiga ititeen wal fakkaata. Sababni isaa, marsaa kana irratti dhiigni baay’een miciree keessatti ni argama. (Ilaali fakki 4) Akkasumas, yeroo marsaa kanaa, hanga dhuma torbaan sadaffaatti dhiigni miciree keessa hin naanna’u. Kanaaf, marsaa kana irratti micireen dhiigaa ititaa fakkaata.

Figure 4 (Click here to enlarge)

Fakkii 4:Marsaa alaqah irratti fakkii sirna onnee fi hidda dhiigaa miciree agarsiisu.Marsaa kanatti dhiigni baay’een miciree keessatti waan argamuuf bifni alaa miciree fi qaraxiixiin isaa dhiiga ititeen wal fakkaata.

Kanaafu,yeroo marsaa alaqah hiikni alaqah sadan ibsa micireetin sirritti walitti gala ykn wal simata.

Marsaan itti aanu aaya keessatti dubbatame marsaa mudghah jedhuudha. Jechi Arabiffaa mudghah jedhu hiika “wanta alanfame” qaba. Osoo namni tokko maastikaa afaan keessa kaa’ate alanshee, ergasii marsaa mudghah irratti maastikaa alanshe san micireen wal bira qabee, micireen wanta alanfame saniin wal fakkaata jenne goloobu (guduunfu) dandeenya. Sababni kanaa somaayitiin dugda miciree irratti argamu “wanta alanfame san bakka ilkaan cinineen” wal fakkaata. (Ilaali fakkii 5 fi 6)

Figure 5Figure 6 (Click here to enlarge)

Fakkii 5 (jalqaba irratti kan argamu)- Marsaa mudghah irratti suuraa miciree umriin isaa guyyaa 28 gahe agarsiisu.
Fakkii 6 (kan itti aanu):Marsaa mudghah irratti gubbaan ijaarsa miciree maastikaa alanfameen yommuu wal-bira qabamu, isaan lamaan jidduu wal fakkeenya argina. A) Fakkii miciree (Embryo) kaafame agarsiisa. B) Suuraa maastikaa (gum) alanfamee agarsiisa. (Iddoo gadi baqaqaa dugda miciree A irratti argamu mee ilaalaa. Akka waan ilkaan cininee fakkaata. Haala kanaan maastikaa alanfameen bakka ilkaan cinineen wal fakkaata. Ammas guutuu miciree kanaa yommuu ilaallu muraa foonitiin kan wal-fakkaatudha. Sababni isaas, harka, luka fi qaamole biroo guutuu hin baafanne.)

Amma of haa gaafannu, Nabii Muhammad (SAW) bara 1400 dura akkamitti kana hunda beeku danda’e, osoo saayintistoonni dhiyooma kana meeshaa ammayyaa fi maaykirooskoppi baay’ee cimaa yeroo san hin jirretti fayyadamuun wanta kana (marsaa miciree) argatan?

Pirofessar Emeritas Kiiz L.Muur fiildi anatomi fi micireetin saayintisti addunyaa irratti beekkame fi kitaaba gara afaan sadeetitti hiikame “The Developing Human” jedhu kan barreessedha… Piroofesarri kuni bara 1984 tti badhaasa addaa J.C.B Grant Award jedhamu fiildi anaatomitiin Waldaa Anaatomota Kanaadaa irraa argate.

Bara 1981 tti Koonfiransi Meedikalaa 7ffaa Sa’uudi Arabiya magaalaa Dammaam keessatti adeemsifame irratti Piroofessarri Emeritas Kiiz L.Muur akkana jedhe, “Qur’aana keessatti waa’ee guddinna ilma namaa ilaalchise himoota jiran akka ifa ta’uuf gargaaru kootif gammachuun natti dhagahama. Himoonni kunniin Rabbiin irraa gara Muhammad kan dhufan ta’uu ifa naaf ta’ee jira. Sababni isaas, beekumsi kuni hundi jaarraa baay’een booda malee hin argamne. Kuni Muhammad Ergamaa Rabbii ta’uu akka qabu naaf mirkaneessa.”

Itti aanse, Piroofesarri kuni gaafi kana gaafatame, “Kana jechuun Qur’aanni jecha Rabbii ta’utti ni amanta jechuudhaa?” Innis akkana jechuun deebise, “Kana fudhachu keessatti ulfaatinna homaatu hin argu.” (Kana jechuun, Qur’aanni jecha Rabbii ta’utti amanuu wanti natti ulfaatu hin jiru. Jecha Rabbii ta’utti nan amana.)

2. Qur’aana waa’ee gaaraa ilaalchisee maal jedhaa?

Rabbiin ni jedha:
78:6
Sila Nuti dachii firaasha hin goonee?
78:7
Gaarreenis shikaali [hin goonee]?” Suuratu An-Naba 78:6-7

Aaya jalqabaa irratti “dachii firaasha hin goonee?” yommuu jedhu “diriirtu fi mijooftu hin goonee?” jechuu Isaati.

Saayinsiin ammayyaa gaarreen lafa jalatti hidda gadi fagoo akka qaban mirkaneesse jira. Hiddi kuni dachaa baay’ee dheerinna gaaraa lafaa oliitin wal-qixxaatun lafa keessatti gadi lixu danda’a. Kanaafu, odeefannoo kana irratti hundaa’un jechi gaarreen ibsuuf garmalee mijaa’a ta’e jecha “shikaali” jedhuudha. Sababni isaas, shikaalin baay’een yoo sirnaan lafa qabate, lafa jalatti kan dhokateedha. (Hiddi shikaali gadi fagoodha. Gubbaa irraa wanti mul’atu xiqqaadha. Haaluma kanaan gaarris hiddi isaa gadi fagoodha.)

Figure 9 (Click here to enlarge)

Fakkii 7: Garreen akkamitti hidda gadi fagoo akka qabanii fi bocni isaanii shikaalin akka wal-fakkaatu fakkii kaafame. (Earth Science, Tarbuck and Lutgens, p. 158.)

Seenan saayinsi akka nutti himutti tiyoorin gaarreen hidda gadi fagoo qabaachu agarsiisu bara 1865 keessa Astronomara Royal, Sir Joorj A’eri jedhamuun jalqabame.

Akkasumas, gaarreen dachiin akka hin sochoone tasgabbeessu keessatti gahee ol’aanaa taphatu. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) ni jedha:

Akka [dachiin] isiniin hin sochoonef dachii keessatti gaarreen godhe…” (suuratu An-Nahl 16:15)

Haaluma kanaan tiyoorin Pilet tektooniks jedhamu “gaarreen dachiin akka hin sochoonef tasgabbeessuf akka fayyadan.” yaada jedhu qabatee jira. Beekumsi gahee gaarreen dachii tasgabbeessu keessatti qaban, baruma 1960 keessa Pilet tektooniks wiirtu godhachuun hubatamu jalqabe. (Pilet tektooniks (Plate tectonics) jechuun tiyoori baqana dachii lisosfeer jedhamu qoratuudha.)

Yeroo Nabii Muhammad (SAW) eenyutu boca dhugaa gaarreeni beeku danda’aa? Gaarri guddaan namni tokko of fuundarratti arguu lafa keessatti gadi lixuu fi akkuma saayinsiin mirkaneesse hidda cimaa qabaachu isaa eenyutu yaadu danda’e? Jiyoolijiin ammayyaa haqa keeyyata Qur’aanaa mirkaneesse jira. (Jiyooloji jechuun damee saayinsi waa’ee dachii qoratuudha.)

3.Qur’aanni waa’ee galaanaa fi laggeeni maal jedhaa?
(Girdoo jechuun wantoota lama kan addaan baasu fi akka walitti hin makamne kan dhoowwudha.)
Saayinsiin ammayyaa bakki galaanonni lamaan itti wal-qunnaman girdoon isaan lamaan jiddu akka jiru argatee jira. Girdoon kuni galaanota lamaan tempireechara, hamma ashaboo fi rukkinna mataa ofii qaban addaan baasa. Fakkeenyaf, bishaan galaana Meditiraaniya fi bishaan Garba Atlaanitikii wal-bira yommuu qabnu, bishaan galaana Meditiraaniyaa hoo’aa, ashaboo kan qabuu fi rukkinni isaa xiqqaadha. Galaanni Meditiraaniyaa qarqara Jibraltar irraan garba Atlaantik yommuu seenu, gadi fageenya meetira 1000 tin garba Atlaantik keessa kiloometrii baay’eef amaloota ofii hoo’aa, ashabawaa fi rukkinna xiqqaa qabatee adeema. Bishaan Meditiraaniyaa gadi fageenya kana irratti ni tasgabbaa’a (bakka ofi qabatee tura)- fakkii armaan gadi ilaali

Fakkii 8: Bishaan galaana Meditiraaniyaa amaloota hoo’aa, ashabawaa fi rukkinna ofii qabatee garba Atlaantik seena. Sababni isaas, girdoo isaan lamaan addaan baasu isaan jidduu jira. (Marine Geology, Kuenen, fuula 43)

Danbaliin guddaan, yaa’insi cimaa fi sochiin jabaan galaanota kanniin keessa haa jiraatuyyu malee, walitti hin makaman yookiin girdoo kana hin darban. Qur’aanni waa’ee kanaa yommuu dubbatu akkana jedha:

55:19

Galaanota lama kan wal-qunnaman taasise gadi lakkise.
55:20
Gidduu isaani girdootu jira, [tokko tokko irratti] daangaa hin darbu (walitti hin makaman).
55:21
Kanaafu, tola Gooftaa keessanii irraa kamiin kijibsiiftu?” (suuratu Ar-Rahmaan 55:19-21)

Kitaaba armaan gadi irraa keeyyattota saayinsiin wal-qabatan muraasa isaanii qofa asitti dhiyeesse. Namni barbaade kitaaba guutu buusun dubbisu danda’a.

Guduunfaa
✍Qur’aanni haala nama ajaa’ibsisuun marsa uumama ilma namaa ni hima. Jalqaba Rabbiin Aadamiin biyyee irraa uume. Ergasii sanyiin isaa marsaa uumama kanaa qabu:
1.Nuxfa (coba bishaan saalaa)2.Alaqah (dhiiga ititaa)3.Mudghah (wanta alanfame ykn muraa foonii)4.Mudghah irraa lafee uume5.Lafee foon uwwise…ergasii nama godhee uume.

Ä°lgili resim

Rabbii akkanitti ilma namaa uume qulqullaa’e, toltuun Isaa baay’atte.
Eenyutu waggaa 1400 dura yeroo meeshaan ammayyaa hin jirretti kana qorate, marsaalee kanniin himu danda’aa? Kanaafu, Qur’aanni jecha Rabbii akka ta’e shakkii wayitu hin qabu.

Fakkiin armaan olii embryology.med.unsw.edu.au irraa fudhatame.

✍ Garreen hidda gadi fagoo akka qabanii fi hojiin isaanii dachii akka hin sochoone eegu akka ta’e Qur’aanni waggoota 1400 dura dubbatee jira.
✍Galaanni lamaan wal-qunnamuun wal keessa yaa’an walitti hin makaman. Isaan jidduu girdoon (barrier) hin mul’anne waan jiruf.
Hubachiisa: Copy-paste osoo gochuu baattani bareeda. Sababni isaas, Aayaatni Qur’aana fi fakkiwwan armaan olitti mul’atan fesbuuki irratti hin bahan. Bakka kanaa share gochuun dubbistoonni sirritti akka hubatan gumaacha godhaa.

Madda:
A Brief Illustrated Guide to Understanding Islam Fuula 6-18 Kitaabni kuni online irrattis ni argama.
https://www.islam-guide.com/ch1-1-a.htm
https://www.islam-guide.com/frm-ch1-1-a.htm

Shakkii Qur’aanaa Qulqulleessuf-kutaa 3ffaa
SHAKKII QUR’AANAA QULQULLEESSUF-Kutaa 1ffaa
Offline dubbisuf

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.