Shakkii Qur’aanaa Qulqulleessuf-kutaa 3ffaa

Offline dubbisuf

Kutaalee darban keessatti waa’ee Qur’aanaa ilaalchise shakkii qalbii namaa keessatti uumamaniif karaalee ittiin qulqulleessan ilaalle turre. Har’as itti fufuun shakkii namoonni qalbii namaatti darban deebii quubsaa waliin ilaalla. Seenaa keessatti Qur’aanni jireenya namootaa irrati jijjirrama guddaa akka hin finneef adduwwiin (diinni) Islaamaa tooftaalee adda addaatti fayyadamanii jiru. Tooftaalee sanniin keessaa sababa fi gaafilee adda addaa dhiyeessun namoota dhamaasudha. Sababa ykn gaafilee isaanii keessaa isaan gurguddoo ta’an deebii waliin mee haa ilaallu.

1ffaa- Qur’aana Nabii Muhammadtu (SAW) barreessee?
Yeroo durii irraa kaase hanga ammaatti namoonni Qur’aana shakkan, “Qur’aana Nabii Muhammadtu macaafa qulqulluu irraa garagalche” jedhu. Deebii kana karaa lamaan ilaalu dandeenya.

1ffaa-Haala Nabii Muhammad (SAW) ilaalu- Akkuma seenaa fi Qur’aana irraa hubannutti Nabi Muhammad (SAW) barreessu fi dubbisuu hin danda’an. Kana ilaalchise Rabbii (subhaanahu wa ta’aalaa) ni jedha:

29:48

Ati [Yaa Muhammad] [Qur’aana] dura kitaaba tokkollee kan dubbistuu fi harka keetinis kan barreessitu hin turre. Osoo akkas taate, silaa warri soba hordofan ni shakku turan.” Suuratu Al-Ankabuut 29:48

Osoo Nabiyyiin kan barreessu fi dubbisu ta’ee, silaa warri soba hordofan, “Qur’aana madda biraa irraa gargalche.” jechuu turan. Garuu Nabiyyiin barreessu fi dubbisuu waan hin dandeenyef Qur’aana madda biraa irraa hin garagalchine. Kana irra, Qur’aanni haqaan Rabbiin irraa gara isaatti kan bu’eedha.

Ammas, tarii namni tokko “Nabiyyiin erga du’anii booda namoonni isa booda dhufan Qur’aana jijjiru danda’u.” jedhe shakkuu danda’a. Shakkii kanaaf barruulee darban keessatti deebii quubsaa ilaalle turre. Yaadachisaaf akka ta’u Aaya tana eerun ni danda’ama. Rabbiin ni jedha:

15:9

Dhugumatti, Numatu Qur’aana buuse, dhugumatti Numatu isa tiiksas.” (Suuratu Al-Hijr 15:9.) Kanaafu, eenyullee Qur’aana jijjiruu hin danda’u.

2ffaa-Haala Qur’aanaa ilaalu- shakkii, “Qur’aana Nabiyyitu macaafa irraa garagalche.” jedhuuf karaan lammaffaan ittiin qulqulleessan haala bu’iinsaa fi qabiyyee Qur’aanaa ilaaludha. Tokkoffaa, haala bu’iinsa Qur’aanaa yommuu ilaallu boqonnaaleen baay’een isaanii Nabii Muhammad (SAW) makkaan keessa yommuu jiran bu’an. Makkaan keessa immoo Kiristaanonni ykn Yahuudonni hin jiranii turan. Yeroo san Makkaan keessa kan jiraatu mushrikoota (warroota taboota) gabbaruudha.  Kanaafu, yeroo fi bakka kanatti Nabiyyiin akkamitti kitaaba Kiristaanaa ykn Yahuudotaa irraa garagalchuu danda’aa? Kuni waan hin danda’amne. Lamaffaa qabiyyeen Qur’aanaa fi kitaaba Kiristaanaa hundi isaanii wal hin fakkaatan. Fakkeenyaf, Kitaabni kiristaanaa waa’ee ummata Aad, Samuudi fi ummata shu’eeyb hin dubbatu. Garuu Qur’aanni waa’ee ummata kanaa irra deddeebi’e dubbata. Kanaafu, Nabiyyiin Qur’aana kitaaba kiristaana ykn yahuudotaa irraa garagalchu hin danda’an. Sababni isaas, Nabiyyiin dubbisuu fi barreessu hin danda’an.

2ffaa- Qur’aanni maaliif galmee ykn waraqaa irratti katabamee hin buufamnee?
Yeroo Qur’aanni bu’u mushrikoonni Makkaa “Kitaaba dubbisnu nuuf fidi.” jechuun Nabiyyi gaafataa turan (Al-Qur’an 17:93). Gaafin isaan gaafatan kuni amanuuf osoo hin ta’in itti baacuf ykn itti of tuuluf ture. Rabbiin subhaanahu wa ta’aala niyyaa isaanii waan beekuf wanta isaan barbaadan hin goone. Rabbiin Qulqullaa’an Olta’e akkana jedha:

6:7
Osoo kitaaba waraqaa irratti barreefame sirratti buufnee fi harka isaanitiin tuqanii, silaa warri kafaran, “Kuni sihrii (falfala) ifa ta’e malee homaa miti.” jedhu turan.”   Suuratu Al-An’aam 6:7

Osoo Rabbiin kitaaba waraqaa irratti barraa’e samii irraa buusee, silaa warri kafare, “Akkamitti Rabbiin sirratti kitaaba waraqaa irratti barreefame buusaa? Kuni sihriidha” jechuun nabiyyitti baacu turan. Garuu Rabbiin wanta isaan yaadan waan beekuf, kitaaba waraqaa irratti barraa’e hin buufne. Bakka kanaa, Qur’aana dhawaata dhawaatan jechaan gara Nabiyyiitti buuse. Ergasii, Qur’aanni Nabiyyi irratti buufamee erga xumuramee booda dhaloota itti aanuf akka darbuuf, haala amma arginu kanaan galmee tokko keessatti walitti qabame.

3ffaa- Seenaalee, waadaa fi Akeekachisa Qur’aana keessaa
Seenaan ummata darbee, waadaan Jannataa fi akeekachiisni ibidda Jahannam yommuu warroota kafaran irratti dubbifamu, “Kuni oduu duriiti.” jechuun Qur’aana kijibsiisu. Wanti isaan hubachuu dadhaban “Yeroon bakka saditti qoodamudha.” Qur’aanni wantoota yeroo sadan keessatti adeemsifamu of keessatti kan qabateedha. Gosoonni yeroo sadan kunniniis: Yeroo darbee, yeroo ammaa fi yeroo dhufu.

Yeroo Darbee
Qur’aanni yeroo darbee keessa seenaa ummata darbee nutti himuun, barnoota fi gorsa nuuf kenna. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
Dhugumatti, seenaalee isaanii keessa warra sammuu qabaniif gorsatu jira. Inni (Qur’aanni) oduu lafaa kaafamee odeefamee miti. Garuu dhugoomsaa [kitaabban] isa duraati. Addeessaa wantoota hundaati; ummata amananiif qajeelfamaa fi rahmata.” Suuratu Yuusuf 12:111

Yeroo Ammaa
Qur’aanni wantoota ammatti ija namaa fuunduratti mul’atan ifa godha. Fakkeenyaf, haala uumama samii, dachii, urjilee, aduu, ji’a, ilma namaa fi kkf irratti akka xinxallanii Rabbitti amanan namoota affeera. Akkasumas, murteewwanii fi seeroota hin jijjiramne lafa kaa’a. Fakkeenyaf, Rabbiin qofa gabbaruu, salaata salaatu, zakaa baasu, sooma soomu, walitti dhufeenya hawaasummaa fi maatii, sirna bulchiinsa motummaa, haala daldalaa fi kkf ni addeessa (ifa godha). Kana ilaalchise Rabbiin ni jedha:

7:52
“Dhugumatti, Nuti Kitaaba (Qur’aana) beekumsa wajjiin addeessine isaaniif finne- ummata amananiif qajeelfamaa fi rahmata.” Suuratu Al-A’araaf 7:52

Qur’aana kana keessatti wanta namoonni barbaadan Rabbiin ibsee jira. Yeroo fi bakka kamittu wanta isaniif tolu fi hin tolle hunda waan beekuf, namoota amananiif Qur’aana kana qajeelfamaa fi rahmata godhe. Qur’aana kanaan warroonni amanan jallinna irraa baraaramuun qajeelcha argatu, haqaa fi sobni isaaniif ifa ta’a. Akkasumas, rahmata argatu. Kana jechuun addunyaa fi aakhiratti, keeyri fi gammachuu argatu; jallinni fi daraaran isaan irraa ka’a.

Qur’aanni bakkaa fi yeroo kamittu dhaloota yeroo san jiruuf akka aduu ifa ta’aaf. Akkuma ifni aduu hanga Qiyaamaa hin dhaamne, ifni Qur’aanas hin dhaamu.

Yeroo Fuunduraa
Qur’aanni waadaa namoota amananii fi hojii gaggaarii hojjataniif galamee fi akeekachisa namoota kafaranii fi badii hojjataniif qophaa’e irra deddeebi’e dubbata. Waadaan Rabbii Jannata fi wantoota achi keessa jiraniidha. Akeekachiisni immoo adabbii Jahannami. Namoota kafaraniif ykn shakkii keessa jiraniif waa’ee Jannataa fi Jahannam yommuu dubbifamu, “Erga duunee booda lamuu ni deebifamnaa?” jechuun jireenya du’aan boodaa kaadu (itti amanuu didu). “Guyyaan Qiyaamaa isin jettan yoomi, maaliif hin dhufne?” jechuun qoosu. Wanti isaan hubachuu dadhaban “Wanti hunduu yeroo isaa eeggate dhufa.” Rabbiin ni jedha:

6:67
Oduu hundaaf yeroo itti mirkanaa’utu jira. Gara fuunduraatti ni beektu.” (Suuratu Al-An’aam 6:67)
Wanta Rabbiin beeksise dhibbaan dhibbatti yeroon wanti suni itti mirkanaa’u ni jira.
Qur’aanni akkuma wantoota yeroo darbee fi ammaa of keessatti qabatu, wanta gara fuunduraatti uumamu ni hima. Wantoonni himaman kunnin Guyyaa tokko ni dhufu. Guyyaan sunis Guyyaa Qiyaamati. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) ni jedha:

7:53
Sila isaan xumura isaa malee maal eegu? Guyyaa xumurri isaa dhufu, warri san dura isa dagatan, “Dhugumatti, Ergamtoonni Gooftaa keenyaa dhugaan dhufaniiru. Sila araarsonni nuuf araarsan jiruu? Yookiin dalagaa hojjataa turreen ala kan biraa hojjannaa [gara addunyaatti] deebifamnaa?” jedhu. Dhugumatti, lubbuu isaanii hoongessanii jiru. Wanti isaan kijibaan uumaa turaniis isaan jalaa badee jira.” Suuratu Al-A’araaf 7:53

“Sila isaan xumura isaa malee maal eegu?” kana jechuun wanta Qur’aanni beeksise dhufuu malee maal eegu?[1] Rabbiin Qur’aana keessatti Guyyaa Qiyaamaa warroota amananiif Jannataa, warroota kafaraniif immoo adabbi Jahannam waadaa galee jira. Sila namoonni waadaa fi akeekachisni kuni guuttamu malee maal eegu? Guyyaan waadaa fi akeekachisni kuni guuttamu ykn dhufu Guyyaa Qiyaamati. Guyyaa kana namoonni Qur’aana dagatanii fi itti hojjachuu dhiisan akkana jedhu, “Dhugumatti, Ergamtoonni Gooftaa keenyaa dhugaan dhufaniiru. Sila namoonni shafa’aa (araarsota) nuuf ta’anii adabbii irraa baraaramnu jiru? Yookiin hojii badaa duraan hojjataa turreen ala hojii gaggaarii akka hojjannuuf gara addunyaatti deebifamu dandeenyaa?” Garuu kuni yeroon waan irra darbeef wanta ta’u miti. Qur’aana waan dagatanii fi wanta isa keessa jirutti waan amanu didaniif of hoongessani (kasaarsanii) jiru. Adabbii hamaaf of saaxilanii jiru.

Kanaafu, namni tokko wanta Guyyaa Qiyaamaa uumamu kan Qur’aana keessatti waadaa galame, hin dhufu jechuun shakkuu ykn kijibsiisu hin qabu. Yoo kijibsiise Guyyaa Qiyaamaa bu’a wanta hojjatee ni dhandhama. Guyyaan Qiyaama yeroo itti dhufu qaba. Yeroon dhufnaan gara duubatti harkisuunis gara fuunduraattis butuun hin jiru. Rabbiin ni jedha:

11:104
[Guyyaa Qiyaamaa] yeroo lakka’ameef (murtaa’ef) malee hin tursiisnu.” Suuratu Huud 11:104
Kana jechuun ajalli (yeroon) addunyaa tanaa fi umamtoota ishii keessa jiran yoo xumurame, Rabbiin gara ganda Aakhiraatti isaan ceesisa. Murtii mindeessu fi adabu isaan irratti dabarsa. [2] Sababni isaas, Guyyaan Qiyaamaa guyyaa wanta hojjataniif mindaa ykn adabbii itti argataniidha.

Guduunfaa
✐Nabi Muhammad (SAW) dubbisuu fi barreessu waan hin dandeenyef, Qur’aana madda biraa irraa garagalchu hin danda’an.
✐Akkasumas, boqonnaalee (suuraleen) Qur’aanaa baay’een Makkaan keessatti bu’an. Makkaan keessa Kiristaanonni ykn Yahuudonni hin jiranii turan. Kanaafu, Kitaaba isaanii irraa Qur’aana garagalchuun waan hin danda’amneedha.
✐ Qur’aanni osoo waraqaa irratti barreefame buufame silaa warri kafare “Kuni sihrii (falfala)” jechu turan. Kana irra Qur’aanni namoota barsiisu fi rakkoo furuuf, waggaa 23f dhawaata dhawaatan jechaan buufame. Ergasi dhaloota dhufuuf akka darbu galme tokko keessatti walitti qabame.
✐ Qur’aanni wanta yeroo darbe, yeroo ammaa fi gara fuunduraatti uumamu haqaan waan of keessatti qabateef, ilmi namaa ykn Malaykoonni ykn jinnooni barreessu hin danda’an. Wanta darbe, ammaa fi gara fuunduraatti uumamu hunda kan beeku Rabbiin qofa waan ta’eef. Kanaafu, Qur’aanni kitaaba Rabbiin irraa bu’eedha.
✐ Seenaaleen Qur’aana keessa jiran barnoota fi gorsa guddaa namootaf ta’u.
✐ Wanti gara fuunduraatti ni dhufa jedhamee Qur’aana keessatti waadaa galame, wanta haqaan dhufuudha. Yeroon dhufnaan sa’aati, daqiiqaa fi sakandii murtaa’e keessatti ni dhooya. Kunis Guyyaa Qiyaamati.
✐ Kanaafu, namni Qur’aana irraa garagaluun ykn wanta waadaa galame kijibsiisun of hoongeessu hin qabu.

Wa Aakhiru daw’aana anilhamdulillahi Rabbil aalamiin

Kitaabban wabii:
[1] Taysiiril Kariimil Rahmaani fii tafsiiril Kalaamil Mannaani-By Abdurahmaan Sa’diyy fuula 327, Akkasumas, Tafsiir ibn Kasiir 3/425
[2] Madda oli fuula 449,

Qur'aanatti Amanuu
Shakkii Qur'aanaa Qulqullessuuf-2- Qur'aana fi Saayinsi
Offline dubbisuf

2 comments

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.