Sababoota Gammachuu fi Milkaa’innaa

Offline dubbisuf

Sababoota Laafinnaa, Gammachuu fi Milkaa’innatti nama geessan.
Akkuma halkanii fi guyyaan, dhiira fi dubartiin garagaraa, hojiin ilma namaas garagara (adda adda). Qur’aana keessatti:

92:5

Namni kennatee Rabbiin sodaate

92:6

Al-Husnaa dhugoomse

92:7

Karaa laaftu isaaf ni laaffisna.” Suuratu Al-Layl 92:5-7

Hojii fi niyyaa isaanii irratti hundaa’e akkasuma jazaan (mindaa ykn adabbiin) isaanii garagara.Ergasii Rabbiin (Subhaanahu wa ta’aala) sababoota gara laafinnaa fi milkaa’innaatti nama geessan dubbate. Sababoonni kunnis sadii. Isaaniis:
1). Kennaa (i’ixaa’a)- kennaa yommuu jedhu qabeenya qofa osoo hin ta’in wantoota gaggaarii hunda of keessatti hammata. Namni kuni wanta itti ajajamee fi nafseen isaa itti gammadde ni kenna. Fakkeenyaf, qabeenya irraa zakaa ni baasa, sadaqaa ni kenna, wantoota gaggaarii adda addaa irratti qabeenya isaa ni baasa. Kuni al-ibaadatul maaliyyah (ibaada qabeenya) jedhama. Ammas namni kuni salaata ni salaata, sooma ni sooma fi kkf ni hojjata. Kuni immoo al-ibaadatul badaniyyah (ibaada qaamaa) jedhama. Lamaan kanniin kan of keessatti qabate hajjii hajjuu, umraa gochuu fi kkf dha. Ammas, kana qofa miti, beekumsa namaaf ni kenna, Rabbii galata ni galcha, hojii keessatti iklaasa ni qabaata. Kuni hundi kennaadha. Namni kana hunda godhu akka burqaa bishaanii namoonni irraa fayyadamaniiti. Ofillee fayyadee namootas fayyada. Namni eebbifamaan kuni bakka gahe hundatti wanti faaydi qabu isaaf ni laafa. Akkuma nafseen isaa waa kennachutti laaftu taate, mindaan isaa Rabbiin karaa laafaa isaaf laaffisa.
2. Sababni lamaffaan Taqwaadha- asitti taqwaa jechuun wanta Rabbiin irraa dhoowwe dhiisu fi irraa fagaachudha. Kuni sababa hundarra guddaa gara laafinnaatti nama geessudha. Namni taqwaa qabuu dhimmii (amriin) duniyaa fi aakhiraa isaaf laafti. Namni wanta Rabbiin irraa dhoowwe dhiisu, jireenyi ni laaftif, qalbiin isaa gammachuu fi tasgabbiin guuttamti. Garuu namni wanta Rabbiin irraa dhoowwe hojjatu jireenyi itti hammaatti, qalbiin isaa gammachuu fi tasgabbii hin qabdu.
3. Sababni sadaffaan al-husnaa dhugoomsu (dhugaan itti amanuu)– kana jechuun “Laa ilah ilallah” fi wanta aqiida guutu of keessatti qabatte fi mindaa argamu dhugoomsudha. Rabbiin jiraachu, Gooftummaa Isaa, Isa malee gabbaramaan haqaan gabbaramuu akka hin jirre fi Maqaalee fi Amaloota Isaatti namni dhugaan amanu, dhugoomsu, labsuu fi hordofuu qaba. Ammas al-husnaa Jannataan hiikamte jirti. Kana jechuun namni mindaa guddaa kan taate Jannanni jiraachutti amanu, hojii Jannata nama seensisuu hojjachuuf ni carraaqa.
Namni sababoota armaan olii kanniin hojjate Rabbiin dhimma isaa ni laaffisaaf, keeyrii hunda akka hojjatu isaaf laafaa godha; sharrii hunda akka dhiisu isaaf laaffisa.
Mee itti xinxalli wanta jechoonni sadan tunniin of keessatti qabatte!
Dhugumatti amantiin Islaamaa bu’uuraalee sadii irra naannaa’a. Isaaniis: Wanta itti ajajaman hojjachuu, wanta irraa dhoowwaman dhiisu fi odeefannoo Rabbiin irraa dhufee dhugoomsudha. Kanaafu, amantiin Islaama jechoota sadan kanniin irra naannaa’a jechuudha. Isaanis: 1.kennaa– kuni wanta itti ajajaman hojjachuu of keessatti qabata. 2.Taqwaa– wanta irraa dhoowwaman dhiisu of keessatti hammata. 3.Dhugoomsu– odeefannoo Rabbiin irraa nama gahe kanneen akka waa’ee Guyyaa Qiyaamaa, Jannataa fi Jahannam itti amanudha.
Namni wantoota sadan kanniin guute, dhimmii fi hojiin isaa isaaf laafa. Namni wantoota sadan kanniin hin guutin ykn hanqinna qabu, laafinni dhimmaa fi hojii isaa akkasuma hanquu ta’a. Ragaan kanaa:

92:8

Nama doy’oome fi of gahe

92:9

Al-Husnaa kijibsiise

92:10

[Karaa] jabduu (rakkoo) isaaf laaffisna.” Suuratu Al-Layl 92:8-10

Kana jechuun namni qabeenya karaa Rabbii irratti baasu didee fi doy’oome, Rabbiin gabbaruu irraa of tuule fi Isaaf gadi jechuu dide, akkasumas, odeefannoo dhugaa Rabbiin irraa dhufetti amanuu dide, gara badii fi rakkootti qajeelfama. Badii fi cubbuu hojjachuun isaaf laaffata. Ergasii jireenya rakkoo fi dhiphinnaa jiraata. Fuggisoo kanaa, namni wanta qabu kennate fi waan gaarii hojjate, wanta badaa irraa of eege fi dhugaan amane, gara karaa laafinnaa fi gammachuutti qajeelfama.
Maddoota: Bidaa’u al-Tafsiir-3/318-320, by Ibn Al-Qayyim, Mana maxxansaa ibn Jawzi
Taysiral Kariimul Rahmaani fii tafsiiri Kalaamil Mannaani– fuula 1094-Abdurahmaan Naasir Sa’dii- Daarus salaam

Xahaaraa fi salaata nama rakkoo fincaanii fi dhiigaa qabuu
Sharxiwwan (ulaagaalee) Salaataa
Offline dubbisuf

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.