İimaana jechuun maal jechuudhaa?

Offline dubbisuf

Baay’een keenya waa’ee iimaanaa ni haasofna. Iimaanaa dabalachuuf ni carraaqna. Garuu ma’anaa (hiika) isaa ni beeknaa? Dhugumatti, iimaanaa jechuun maal jechuudhaa? Iimaanni qalbii qofa irratti daangeefamu danda’aa? Namni hiika iimaanaa madda sirrii irraa yoo beeke fi hojii irra oolche, jireenya gammachuu fi mi’aawa jiraata. Sababni isaas, namni mi’aa iimaanaa argate, jireenya tasgabboofte jiraataa. Mi’aa iimaanaa dhandhamuuf hiika isaa beeku fi hojii irra oolchuf tattaafachuu qabnaa miti ree? Har’a yoo Rabbi fedhe, madda sirrii fi hayyoota Islaamaa beekkamoo wabii godhachuun hiika iimaanaa beekuf ni tattaafanna. Kanaafu imaanaa jechuun maal jechuudhaa?
Dhugummaan (haqiiqan) wanta tokko karaa sadiin beekkama. Takkaa karaa afaanitiin fakkeenyaf “aduu”, takkaa immoo karaa shari’aatiin fakkeenyaf “iimaana, Islaama”, takkaa immoo karaa aadaatin fakkeenyaf “qabuu”. Hiikni shari’aan jecha tokkoof kennu takkaa hiika afaanitiin walitti galuu danda’a takkaa immoo garagara ta’uu danda’a. Hiikni shari’aa hiika lugaa (afaanii) caalaa hiika bal’aa kennu danda’a.Kanaafu kana irratti hundaa’un hiika iimaanaa karaa lamaan ilaalu dandeenya.

1ffaa: Iimaana akka lugaatti

Akka Afaan Arabiffaatti iimaanni hiika lama qaba. Tokkoffaa iimaana jechuun“Al-Amnu (nageenya)” jechuudha. Hundeen nageenyaa (al-amnu)-tasgabbii nafsee fi sodaan qalbii irraa deemudha. Kana jechuun nageenya fi faallaa sodaa kan ta’ee tasgabbii argachuudha.  Faallaan “Isaaf nageenye kenne” jedhu, “Isa sodaachise ta’a.” Rabbiin ni jedha:

106:4

[Gooftaa] beela irraa isaan nyaachisee fi sodaa irraa isaan tasgabbeesse.” Suuratu Qureesh 106:4

Akka lugaatti آمَنَ-Aamana ” jechuun tasgabbii fi nageenya keessa seenee jechuudha.
Namni dhugaan Rabbitti amane “Mu’mina” jedhamee kan moggaafameef addunyaa fi Aakhiratti adabbii (azaaba) Rabbii irraa lubbuu ofii nagaha waan taasisuufi. Kana jechuun namni mu’mina ta’ee lubbuu ofii azaaba Rabbii irraa baraara. Akkasumas, maqaalee Rabbii keessaa tokko “Al-Mu’min”. Kana jechuun Rabbiin subhaanahu wa ta’aala gabroota Isaa isaan miidhu irraa isaan tasgabeessa. Rabbiin ilma namaa gonkumaa hin miidhu, namootatu of miidha malee.

Akka Afaan Arabifatti hiikni lammataa “Iimaanaa”- Tasdiiq (dhugoomsudha). Kana jechuun dubbii isaa hojiin kan dhugoomsu (dhugaa taasisuudha).
Faallan dhugoomsu kijibsiisudha.
Namni tokko “Rabbiin Gooftaa ta’utti amanee jira” yommuu jedhu “Rabbiin dhugoomse jira” jechuu isaati.Dhugoomsun akkuma qalbiin ta’uu arrabaa fi qaamanis ni ta’a. Imaam ibn Al-Qayyim ni jedha:
“Imaanni dhugoomsudha. Garuu dhugoomsu jechuun nama odeefanno beeksiseef osoo hin masakamin dhugaa ta’uu isaatti amanu qofaa miti. Osoo imaanni dhugummaa wanta tokkotti amanuu qofa ta’e silaa sheyxaanni, fira’awni, ummanni Saalih, Yahuudonni Nabii Muhammad (SAW) Ergamaa Rabbii ta’uu sirritti beekan, mu’mintoota fi dhugoomsitoota ta’uu turan. (Garuu warroonni kunniin Nabiyyi isaanitti ergameef waan hin masakamneef ykn hin ajajamneef mu’mintoota miti). Dhugoomsun dhimma lamaan guuttama. (1) Dhugummaa wanta tokkotti amanuu fi (2) qalbiin jaallachuu fi isaaf masakamuu (ajajamuudha).”[1]

Sheykul Islaam Ibn Teymiyaan (Rabbiin rahmata isaaf haa godhu) akka lugaatti “imaanni hiika ‘iqraar (mirkaneessu)’ jedhu qaba” jedha.
Kanaafu akka lugaatti hiikni filatamaan iimaanaa “Al-Amnu (nageenya), dhugoomsu fi mirkaneessu” jedhu qaba.[2]

2ffaa- Hiika Iimaanaa Akka Shari’aatti

Akka shari’aatti iimaana jechuun dubbii fi hojiidha.Kana jechuun imaanni dubbii qalbii fi arrabaa, hojii qalbii, arrabaa fi qaamaa of keessatti hammata. Kanaafu imaanni wantoota shan irraa ijaarramee jechuudha. Isaaniis: dubbii qalbii, hojii qalbii, dubbii arrabaa, hojii arrabaa fi hojii qaamati. Mee tokkoon tokkoon hiika isaanii haa ilaalu.
1.Dubbii qalbii- kana jechuun qalbiin haqa beeku, haqarratti hidhamu, dhugoomsu, mirkaneessu fi shakkii tokko malee itti amanuudha. Fakkeenyaf, namni Rabbiin malee dhugaan kan gabbaramu akka hin jirre ni bara. Ergasii beekumsa kanaa qabaachuu, dhugoomsu fi shakkii tokko malee itti amanuun isarra jira. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
39:33
Inni dhugaan dhufee fi kan isa dhugoomses, isaan sun warra Rabbiin sodaataniidha.” Suuratu Az-Zumar 39:33
49:15
Mu’mintoonni warroota Rabbii fi Ergamaa Isaatti amananii ergasii hin shakkinee fi qabeenya isaaniitii fi lubbuu isaanitiin karaa Rabbii keessatti qabsaa’aniidha. Isaan sun isaanumatu warra dhugaati.” Suuratu Hujuraat 49:15

Hadiisa Jibriil jedhamuun kan beekkamu keessatti Ergamaan Rabbii (SAW) waa’ee iimaanaa ilaalchise akkana jedhe: “Rabbitti, Malaaykota Isaatti, Kitaabban Isaatti, Ergamtoota Isaatti, Guyyaa Dhumaatti fi keyriis ta’e sharriis ta’e qadara (wanta murteefametti) amanuudha.” Sahiih Musliim

Dhugoomsu fi amantii kana waliin ajaja Rabbitiif buluu fi ajajamuun jiraachu qaba. Rabbiif ajajamuun, buluun, jaallachu fi kabajuun yoo hin jiraatin, kuni iimaanaa hin jedhamu. Sheykul Islaam ibn Teymiyaan akkana jedha:(Hojiin qalbii yoo hin jiraatin qalbiidhaan haqa beekun qofti nama hin fayyadu. Fakkeenyaf, qalbiin jaallachuu, qalbiin hordofuu. Inumaa Guyyaa Qiyaamaa namni namoota hunda caalaa adabamu nama beekaa beekumsa isaatti hin fayyadamneedha. Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jechaa turan:
“Yaa Rabbii! Beekumsa nama hin fayyanne irraa, qalbii hin sodaanne irraa, nafsee hin quufne irraa fi kadhaa deebii hin arganne irraa Siin tiikfama.” (Sahiih Musliim

2.Hojii Qalbii– kuni niyyaa qalbii, fedhii, harka kennuu, iklaasa, itti buluu, masakamuu, hordofuu, gara Rabbitti deebi’uu, Isarratti hirkachuu, rahmata Isaa kajeelu, Isa sodaachu, Isa kabajuu, Isa jaallachuu, Isaaf gadi jechuu, Rabbiif jedhanii Jaallachuu fi jibbuu, obsuu, galata galchuu fi kkf of keessatti qabata. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
Warra Fuula Isaa barbaaduf ganamaa galgala Gooftaa isaanii kadhatan hin ari’in.” Suuratu Al-An’aam 6:52
“Mu’mintoota yoo taatan Rabbiin irratti hirkadhaa.” Suratu Al-Maa’ida 5:23

Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Yaa tuuta arrabaan amanee imaanni qalbii isaa hin seenne hoo! Muslimoota hin hamatinaa, awraa isaanii (wanta dhoksatti hojjatan isaan salphisuuf) hin hordofinaa…Sunan Abi Dawud 4880

3.Dubbii Arrabaa-kana jechuun shahaadateyn dubbachuu fi wanta barbaachisu mirkaneessudha. Shahaadateyn yommuu jennu Rabbiin malee kan haqaan gabbaramu akka hin jirree fi Muhammad Ergamaa Isaa ta’uu ragaa bahuudha. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) ni jedha:
[Yaa warra amantan akkana] Jedhaa “Nuti Rabbitti amannee jirra; waan gara keenyaatti buufame, waan gara Ibraahim, Ismaa’il, Is’haaq, Ya’aquubi fi Asbaaxatti buufames [amanne jirra]. Wanta Muusaa fi Iisaaf kenname fi waan Nabiyyootaaf Gooftaa isaanii irraa kennamettis [amannee jira]. Isaan irraa tokko fi kan biraa jiddu garagara hin goonu. Nutis warra Isaaf bitameedha (Muslimoota).” Suuratu Al-Baqaraa 2:136
Asbaaxa jechuun sanyii ilmaan Ya’aquub kudha lamaan

Isaan “Gooftaan keenya Allaah dha” jedhanii ergasii san irratti gadi dhaabbatan, sodaan isaan irra hin jiru; isaan hin gaddanis.” (Suuratu Al-Ahqaaf 46:13)

4.Hojii Arrabaa- kuni hojii arrabaan malee wanta biraatin hin hojjatamneedha. Fakkeenyaf, kan akka Qur’aana qara’uu, zikrii gochuu, du’aayi gochuu, namoota barsiisu fi kanneen biroo. Kunniin hundi iimaana irraayyi. Rabbiin ni jedha:
35:29
Dhugumatti, isaan kitaaba (Qur’aana) Rabbii dubbisan, salaata sirnaan salaatanii fi waan Nuti isaaniif kennine irraa dhoksaa fi ifatti [sadaqaa] kennan, daldala kasaaraa hin qabne kajeelu.” Suuratu Faaxir 35:29
Kitaaba irraa wanta gara keetti buufame dubbisi. Jechoota Isaatiif jijjiraan hin jiru. Isa malee iddoo itti baqattu hin argattu.” Suuratu Al-Kahf 18:27
Yaa warra amantan! Faaruu baay’een Rabbiin faarsaa. Ganamaa fi galgalas faaruudhaan Isa qulqulleessaa.” Suuratu Al-Ahzaab 33:41-42

5.Hojii qaamaa- Kuni hojii qaaman malee wanta biraatin hin hojjatamneedha. Fakkeenyaf, salaata keessatti dhaabbachuu, ruku’a bu’uu, sujuudu, sadaqaa kennuu, jaalala Rabbiif deemu kan akka gara masjiida deemu, gara hajjii fi jihaadaa deemu fi kkf. Rabbiin ni jedha:
22:77
Yaa warra amantan! Ruku’a bu’aa, sujuudas bu’aa, Gooftaa keessanis gabbaraa. Akka milkooftaniif toltuu hojjadhaa.” Suuratu Al-Hajj 22:77

Wantoota armaan olii shanan kutaalee sadii jalatti guduunfun ni danda’ama. Isaanis: Amantii qalbii, mirkaneessu arrabaa fi hojii qaamati. Akka ahl sunnaah wal jama’aatti iimaanni kanniin sadan of keessatti qabata. Namni sadan kanniin dhufe, imaanaa ofii guute. Namni lamaanin dhufee garuu sadaffaa hanqise imaanni isaa sirrii hin ta’u.[4]
Guduunfaa
✍Akka lugaatti iimaana jechuun nageenya, mirkaneessu fi dhugoomsudha. Wanti asirraa barannu namni tokko dhugaan Rabbitti yoo amanee fi Isaaf ajajame, nageenyaa fi tasgabbii qalbii argata.

✍Akka shari’aatti iimaana jechuun qalbiidhaan dhugaan amanu fi itti buluu, arrabaan dubbachuu fi qaaman hojjachuudha.Wantoota armaan olii sadan ifa akka ta’uuf bakka shanitti qoodun ni danda’ama:

1.Dubbii qalbii -Rabbii fi wanta Rabbiin irraa dhufe beeku, dhugoomsu, shakkii tokko malee itti amanudha.
2.Dubbii Arrabaaarrabaan shahaadateyn dubbachuudha. “Ash’hadu an laa ilaah illallah wa ash’hadu anna Muhammadan abduhu wa rasuuluhu.” jechuudha.
3.Hojii qalbii– niyyaa, iklaasa, sodaachu, obsuu fi kkf of keessaa qaba.
4.Hojii arrabaa– Qur’aana qara’uu, zikrii, du’aayi gochuu fi kkf of keessaa qaba.
5.Hojii qaamaawanta qaaman hojjatamuudha. Fkn, salaata, hajjii…
Amantiin qalbii keessa jiru hundee wantoota birooti.
✏Iimaanni hojii gaarii hojjachuun ni dabala, hojii badaa hojjachuun ni hir’ata.

Wa Aakhiru daw’aanaa anilhamdulillahi Rabbil aalamiin

Fakkii armaan olii guutu isaa ilaaluf wal-qabsiistu tana tuqaa.Fakkii armaan olii
Kitaabban wabii:
[1] Al-Imaanu haqiiqatuh, khawaarimuh, nawaaqiduh inda ahli sunnati wal jama’a-fuula 69-70, Abdullah bin Abdulhamid Al-Asarii
[2] Madda olii- fuula 74
[3] Commentary on the Forty Hadith of An-Nawawi-vol 1-fuula 176-180, Jamaal Zarabozo
Ziyaadatu İmaanii wa nuqsaanihi-fuula 37-40, Abdurazzaq bin AbdulMuhsin Badri
[4] Madda jalqaba fuula 84

Islaama fi Iimaana
Arkaana Salaataa
Offline dubbisuf

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.