Islaama fi Iimaana

Offline dubbisuf

Kutaa darbee keessatti hiika iimaanaa ilaalle turre. Caalatti ifa gochuuf har’as fakkeenya waliin ni ilaala. Fakkeenya waliin ilaalun salphatti waa’ee iimaanaa fi Islaamaa akka hubatan nama gargaara. Fakkeenya kanatti seenun dura mee garaagarummaa fi wal-fakkeenya Islaama fi iimaana jiddu jiru haa ilaallu.

Akka Lugaatti: Islaama jechuun Rabbiif harka kennu fi ibaadadhaan Isaaf gadi jechuudha. İimaana jechuun immoo dhugoomsu fi mirkaneessudha.

Akka shari’aatti immoo Islaama fi iimaanaa haala lamaan ilaalu dandeenya.

Haala 1ffaa:[1] Jechi Islaama fi iimaana” jedhu bakka garagaraatti dhufuu Islaamni fi iimaanni hima ykn keeyyata keessatti kophaa kophaa yoo dhufan hiikni isaanii wal fakkaata. Kana jechuun Islaamni hima ykn keeyyata tokko keessatti dubbatamee iimaanni waliin yoo hin dubbatamin ykn iimaanni dubbatamee Islaamni waliin yoo hin dubbatamin, yoosan hiikni Islaamaa fi iimaana tokko ta’a. Lamaan isaanitu hundee fi damee amantii guutuu, dubbii fi hojiwwan keessaa fi alaa of keessatti qabatu. Rabbiin Qur’aana keessatti ni jedha:

3:85

“Namni Islaaman alatti amantii biraa barbaade isarraa hin qeebalamu (hin fudhatamu). Aakhirattis inni warra hoonga’an irraayi.” Suuraa Aali-imraan 3:85

Namni iimaanatti kafare, hojiin isaa jalaa badee jira. Inni Aakhiraatti warroota hoonga’an irraa ta’a.” Suuratu al-Maa’ida 5:5
Namni Islaaman ala amanti biraa barbaade kana jechuun Islaama keessaa bahe ni hoonga’a. Islaama keessaa kan bahu yommuu imaanatti kafaruudha. Iimaanatti kafaruu jechuun Rabbitti, Guyyaa Qiyaamatti, Ergamatoota Isaatti fi hundee imaanaa birootti amanuu diduudha.

Dabalataan Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:
Iimaanni dameewwan torbaatamaa ol yookiin jahaatamaa ol qaba; isaan hundarra kan caalu jecha “Laa ilaah illallah” dha. Gadi aantun immoo wanta nama rakkisu karaa irraa kaasudha. Qaanin (hayaan) damee iimaanaa irraayyi.Sahih Muslim 35 b

Kanaafu, asitti iimaanni amanti guutuu of keessatti hammataa jechuudha. Bakka waan fudhatuufi malee hadiisa biraas dhiyeessun ni danda’ama.

Arabiffa keessatti jechoonni bakka garagaraatti yommuu dhufan hiika wal fakkaataa qaban ni jiru. Fakkeenyaf, jechoonni faqiir fi miskiin jedhan bakka garagaraatti yommuu dhufan hiikni isaanii tokko ta’a. Hima tokko keessatti yoo dhufan immoo hiikni isaanii garagara ta’a. Akkasumas, at-taqwaa fi al-birr, al-ism fi al-udwaan. Haaluma kanaan Islaamni fi iimaanni bakka garagaraatti yoo dhufan hiikni isaanii tokko ta’a. Kanaafi, kutaa darbe keessatti hojii fi dubbiin iimaana irraayyi jenne.

Haala 2ffaa[2]: Islaamni fi iimaanni bakka tokkotti dhufuu– Islaamni fi iimaanni yoo wal-qabsiifaman hiikni isaanii garagara ta’a. Kana jechuun hima yookiin keeyyata tokko keessatti jechi Islaama fi iimaana jedhu yoo dubbataman hiikni isaanii kan armaan gadi ta’a:

Islaamni hojii alaa fi dubbii kanneen akka shahaadateyn, salaata, zakaa, sooma, hajjii fi kanneen biroo of keessatti qabata.

Imaanni immoo hojii keessaa kanneen akka Rabbii olta’etti amanuu, Malaykoota Isaatti, kitaabban Isaatti, Ergamtoota Isaatti, Guyyaa Qiyaamatti fi qadaa wal qadariti amanuu, obsuu, tawakkula, sodaa, Rahmata Rabbii kajeelu fi kkf of keessatti qabata.

Hiika armaan olii kana hadiisa Jibriliin ifa gochuu dandeenya.
Hogganaa mu’mintoota kan ta’e Umar ibn al-Khaxxaab (Rabbiin isarraa haa jaallatu) akkana jedha:
“Gaafa tokko osoo Ergamaa Rabbii (SAW) bira teenyu, namtichi uffata adii qulqulluu uffate, rifeensi isaa garmalee gurraacha ta’e nu fuunduratti mul’ate. Mallattoon imalaa isarraa hin mul’atu, nu keessaa eenyullee isa hin beeku. Dhumarratti, Ergamaa Rabbii (SAW) waliin jilbifate taa’e. Ganaa isaa sarbaa irra gochuun akkana jedhe, “Yaa Muhammad! Waa’ee Islaamaa natti himi.” Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhan: “Islaamni Rabbiin malee haqaan kan gabbaramu akka hin jirree fi Muhammad Ergamaa Rabbii ta’uu ragaa bahuu, salaata sirnaan salaatu, zakaa kennuu, Ramadaana soomu, wanta ittiin hajjituun yoo qabaatte hajjii hajjuudha.” Gaafataan ni jedhe, “Dhugaa dubbatte.” Umar ni jedhe, “Isa ni ajaa’ibsifanne! Ni gaafata ergasii dhugaa ta’uu isaa mirkaneessaf.” Gaafataan ni jedhe, “Waa’ee iimaana natti himi.” Ergamaan Rabbiis ni jedhan, “[Imaana jechuun] Rabbitti, Malaykoota Isaatti, kitaabban Isaatti, Ergamtoota Isaatti, Guyyaa Dhumaatti fi keyriis ta’e sharriis ta’e qadara (wanta murteefametti) amanuudha.” Gaafataan ni jedhe, “Dhugaa dubbatte.” Itti aanse, “Waa’ee ihsaanaa natti himi.” jedhe. Ergamaan Rabbis (SAW) ni jedhan: “[Ihsaana jechuun] Akka waan Isa argituutti Rabbiin gabbaruudha. Osoo ati Isa arguu baatteyyuu dhugumatti Inni si arga.” Gaafataan ni jedhe, “Waa’ee Guyyaa Qiyaamaa natti himi.” Ergamaan Rabbis (SAW) ni jedhan, “Gaafatamaan gaafataa caalaa waa’ee Qiyaamaa kan beeku miti.”  Gaafataan ni jedhe, “Mallatoolee ishii (Qiyaamaa) natti himi kaa.” Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhan, “Yommuu gabrittiin bulchaa ishii deessu, al-hufaata (miila duwwaa kophee hin qabne), al-uraata (qullaa), hiyeeyyi fi tiikse re’ootaa kanneen ta’an gamoo dhedheeroo ijaaruf [yommuu] wal dorgoman argituudha.” Umar ni jedhe, “Ergasi gaafataan ni deeme. Ani yeroo dheeraaf ni ture.” Ergamaan Rabbis (SAW) akkana nan jedhan, “Yaa Umar! Gaafataan eenyu akka ta’e beektaa?” Anis ni jedhe, “Rabbii fi Ergamaan Isaa hundarra beeku.” Ni jedhe, “Inni Jibriili. Amantii keessan isin barsiisuuf kan dhufeedha.Sahih Muslim 8 a

Hadiisa kana keessatti Islaamni fi iimaanni dubbatamanii jiru. Kanaafu, hiikni isaanii akkuma hadiisa keessatti dubbatame garagara ta’a. Kana ifa gochuuf mee fakkeenyan haa ilaallu.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aala Qur’aana keessatti iimaana muka yeroo hundaa firii kennuun wal fakkeessa.

14:24

Rabbiin akkamitti jecha gaarii akka muka gaarii hundeen ishii gadi dhaabbataa ta’ee fi dameen ishii samii keessatti [ol dheeraa] ta’etti fakkeenya akka godhe hin argine?

14:25

Yeroo hundaa hayyamaa Gooftaa ishiitiin firii ishii ni kenniti. Akka gorfamaniif jecha Rabbiin namootaf fakkeenya dhiyeessa.” Suuratu Ibraahim 14:24-25

Amma mee Islaama fi iimaana muka gaarii kanaan wal bira haa qabnu.[3]
1.Hiddi mukaa lafa keessatti gadi lixe harkaana iimaanaa qalbii keessa jiruun wal fakkaata. Akkuma hidda mukaa yoo dachii qonne malee ijaan hin argine iimaanni qalbii namoota biroo keessa jiruus nutti hin mul’atu. Harkaana (hundeewwan) iimaanaa jechuun Rabbitti, Malaykoota Isaatti, kitaabban Isaatti, Ergamtoota Isaatti, Guyyaa Dhumaatti fi keyriis ta’e sharriis ta’e qadara (wanta murteefametti) amanuudha.

2.Muka irraa fuula dachii irratti wanti mul’atu hojii Musliimni hojjatuun wal fakkaata. Hojiin kuni iimaana qalbii keessatti lixe irraa kan burquudha.

3.Jirmi hidda mukaatin wal-qabate shahaadateyn labsuun wal fakkaata. Sababni isaas, akkuma dameewwan mukaa jirma irratti hirkatan, hojiin Muslimni hojjatu hundii shahaadateyn irratti kan hirkateedha. Shahaadateyn jechuun “Laa ilaah illallah Muhammadan rasuulullah.”Rabbiin malee kan haqaan gabbaramu akka hin jirree fi Muhammad Ergamaa Isaa ta’uu” ragaa bahuudha.

4.Dameewwan gurguddoon muka irra jiran harkaana (hundeewwan) Islaamaa hafanii fi dirqamoota birootin wal fakkaatu. Kanneen akka salaataa, zakaa, sooma fi hajjii.

5.Dameewwan xixxiqoon dameewwan gurguddoo irratti bahanii fi baalli damee irra jiru; murtiwwan biroo, beekumsa, akhlaaqa fi naamusa Islaamatiin wal fakkaatu.

6.Bishaan hidda irraa ka’e hanga baalaa gahu niyyaa Musliimni hojii isaa keessatti qabuun wal fakkaata. Akkuma bishaan qaamolee mukaa guutuu keessa naanna’u, niyyaan Muslimas hojii isaa keessa naanna’a. Niyyaan isaa gaarii yoo taate, iimaanni isaa ni cima.

7.Firiin mukni yeroo hundaa hayyama Rabbitiin kennitu, kaayyoo ykn milkaa’inna Muslimni bira gahuun wal fakkaata. Kaayyoo kanatti amantii, gochaa fi niyyaa isaa qajeelcha. Kaayyoon ykn milkaa’inni kuni Jaalala Rabbii argachuu, Jannata seenu, addunyaa keessatti jireenya tasgabbii jiraachudha. Kuni firii iimaanati.

8.Mukni hidda hin qabne muka jedhamu hin danda’u. Haaluma kanaan hojiin namni hojjatu iimaana irratti yoo hin hundaa’in Rabbiin biratti fudhatama hin argatu. Akkasumas, mukni bishaan keessa hin naannofne firii kennu hin danda’u. Haaluma kanaan hojiin namni hojjatu keessatti niyyaan isaa Rabbiif yoo hin ta’in, hojiin isaa firii kennu hin danda’u.

9.Mukni yeroo garii bubbee hamaaf saaxilamu danda’a. Garuu mukni hiddi isaa lafa keessatti gadi lixe, bubbeen cimaan jabeenya dabalaaf malee bakkaa hin buqqisu. Haaluma kanaan mukni iimaanaa qalbii keessatti lafa qabate rakkoo fi qormaata adda addaatif yommuu saaxilamu, jabeenyi ni dabalamaaf. Mukni sirritti lafa hin qabanne immoo bubbeen salphatti buqqistee iddoo fagootti darbiti. Haaluma kanaan imaanni sirritti qalbii keessatti gadi hin lixne, rakkoo fi qormaanni salphatti kuffisa.

10.Hiddi mukaa albuuda fi nyaata lafa keessaa gara qaamolee mukaatti dabarsa. Ergasii hiddi fi mukni kuni ni guddatu. Akkasumas, damee fi baalli nyaata, aduu fi qalleensa irraa fuudhun gara qaamolee mukaa birootti dabarsu. Haala kanaan mukni ni jabaata, ni guddata.

Haaluma wal fakkaatun, mukni iimaanaa hiddi isaa qalbii keessatti lafa qabate adeemsa fi hojii isaatiif nyaata dabarsa, ni cimsa. Kana jechuun harkaanni iimaana jahan qalbii keessa jiru yoo sirritti qalbii keessatti lafa qabate, namni hojii gaarii hojjatutti ni fiiga.

Akkasumas, hojiin gaariin mul’atu muka iimaanaa guutu jabeessa. Namni akkuma hojii gaggaarii iklaasan hojjatu fi beekumsa barbaadun iimaanni qalbii keessa jiru ni cima.

Guduunfaa

Tuqaalee kurnaan armaan olii irraa tuqaalee garmalee ijoo ta’an afur guduunfun ni danda’ama.
1.Harkaanni (hundeewwan) iimaanaa jahan hidda hojii namni hojjatuuti. Hundeewwan kunniin qalbii keessa yoo hin jiraatin, hojiin Rabbiin biratti fudhatama hin argatu. Kanaafi, Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) hojii gaarii kaafirotaa fi munaafiqotaa akka daaraa jalaa bittineessa. Hojiin isaanii Rabbitti amanuu fi harkaana iimaanaa biroo irratti waan hin hundeefaminiif.

2. Hojii fi iimaanni gonkumaa addaan bahuu hin danda’an. Akkuma hiddi jirmaa fi damee hin qabne firii hin kenninee, iimaanni qalbii keessa jiru hojiin yoo wal hin qabatin firii kennu hin danda’u. Kanaafi, Qur’aana keessatti Rabbiin iimaana fi hojii gaarii wal-qabsiisa.
3.Akkasumas, mukni firii kennuuf bishaan, qilleensa fi aduu isa barbaachisa, iimaannis firii kennuuf iklaasa (hojii Rabbiif jedhanii hojjachuu) fi sunnaah hordofuu barbaachisa. Hojiin iklaasa hin qabnee fi sunnaah hin hordofne fudhatama hin argatu.
4. Akkuma mukni kunuunsa yoo argate hiddi isaa lafa keessatti gadi lixuu fi dameen isaa samii keessatti ol dheeratu, akkasuma iimaanni kunuunsa yoo argate hundeen isaa qalbii keessatti gadi lixa. Dameen isaas kana jechuun hojiin namni hojjatu ni dabala. Iimaana kunuunsuf hojii badaa irraa dheessu, hojii gaggaarii hojjachuu, tafakkura gochuu (wantoota Rabbiin uume irratti xinxalluu) fi beekumsa barbaadudha.
Barruu armaan olii irra deddeebi’anii dubbisun daran yaad-rimee keessa jiru akka hubatan nama taasisa.
Wamaa tawfiiqii illaa billaah- milkaa’inni kiyya Rabbiin yoo gargaarsifadhe malee kan ta’u miti.

Kitaabban wabii
[1] Al-Imaanu haqiiqatuh, khawaarimuh, nawaaqiduh inda ahli sunnati wal jama’a-fuula 211-214, Abdullah bin Abdulhamid Al-Asarii
[2] Madda olii-fuula 207-210
[3] al-aqiidatul Islaamiyyatu wa ususuhaa By Abdurahmaan Hasan Madiniyyi, fuula 77-78
Dabalataan kitaabban kanniinis ilaalun ni danda’ama
Commentary on the Forty Hadith of An-Nawawi-vol 1-fuula 199-200, Jamaal Zarabozo
Ziyaadatul İmaanii wa nuqsaanihi-fuula 279, Abdurazzaq bin AbdulMuhsin Badri

Iimaanaa fi Barbaachisummaa Isaa
İimaana jechuun maal jechuudhaa?
Offline dubbisuf

One comment

  • Mashaa Allah Mashaa Allah Mashaa Allah Mashaa Allah Mashaa Allah Mashaa Allah Mashaa Allah Mashaa Allah Mashaa Allah Mashaa Tabarakaallaa Tabarakaallaa Tabarakaallaa Tabarakaallaa Tabarakaallaa Tabarakaallaa Tabarakaallaa Tabarakaallaa Rabbii isiin irraa hajaalatuuu inshaallaah
    Jaazaa keessani Jannaantuuli firdoosii haa godhii Rabbii inshaallaah

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.