Gooftaan Kee Eenyu-Kutaa 2ffaa

Offline dubbisuf

Kutaa darbee irraa itti fufuun Gooftaan keenya eenyu akka ta’e ni ilaalla. Namni addunyaa irraa gara Aakhiraatti erga godaane booda gaafin jalqabaa inni gaafatamu, “Man Rabbuka (Gooftaan kee eenyu)” kan jedhuudha. Namtichi nama dhugaan Rabbitti amanee fi itti bule yoo ta’e, Gooftaan kiyya Rabbii anaa fi wanta hundaa uumedha jechuun deebisa. Nama Rabbitti kafaree ykn munaafiqa yoo ta’e immoo, “Ha, ha! ha!..laa adrii (ani hin beeku)” jedha. Kanaafi, Rabbitti amanuun hundee amantiiti. Akkuma yeroo darbee jenne Rabbitti amanuun wantoota afur of keessatti qabata. Isaan keessaa tokkoffaa ilaalle jirra. Har’a immoo lammaffaa ni ilaalla.

2. Gooftummaa Rabbiitti amanuu (al-Imaanu birubuubiyyatihi)

Rabb jechuun maal jechuudha? Akka afaan Arabiffaatti jechi Rabb jedhu jecha tarbiyaa  jedhu irraa kan fudhatameedha[1]. Tarbiyaa jechuun kunuunsu, guddisuu fi barsiisudha[2]. Akka lugaatti jechi Rabb jedhu hiika baay’ee qaba. Isaan keessaa Murabbii (kan guddisuu fi kunuunsu), Maalik (Mooti), Sayyid (Bulchaa), Mudabbir (Qindeessaa), Mun’im (kan waa hunda qananiisu)[3]

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa lubbu-qabeenyi hundaa qananii fi tola Isaatiin ni kunuunsa, ni guddisa, kaayyooo uumamaniif isaan qopheessee jira. Wanta barbaadan hunda isaaniif dhiyeessee jira. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa haasawa Nabii Muusaa fi Fira’awn jiddutti taasifame haala kanaan hima:

[Fira’awn] ni jedhe, “Yaa Muusaa! Gooftaan keessan eenyu?”
[Muusaanis] ni jedhe, “Gooftaan keenya Kan wanta hundaaf bocaa fi uumama isaa kenneefii ergasii qajeelchedha.” Suuratu Xaahaa 20:49-50

Kana jechuun Gooftaan keenya uumamtoota hundaa Kan uume fi uumamaa fi boca isaaniif maluu kan kenneedha. Garii guddaa, garii xiqqaa, garii furdaa, garii qal’aa fi kkf godha. Bocaa fi suuraa garagaraa irratti uumamtoota uume. Ergasii wanta isaan barbaadanii fi fayyadutti ni qajeelche.

Kanaafu Rabb (Gooftaan) Kan wanta hundaa uumu, bulchu, too’atu, kunuunsu fi guddisu, qindeessu, nyaachisu, obaasu, Mootii wanta hundaa, ajajni hundii kan Isaa kan ta’eedha. Kaaliqni (Uumaan) Rabbiin malee hin jiru, Mootiin Isa malee hin jiru, Kan wanta hundaa ajaju Isa malee hin jiru. Fakkeenyaf, ilma namaa kan uumu Rabbiin malee jiraa? Bishaan samii irraa roobsun biqiltoota kan biqilchu Rabbiin malee ni jiraa? Ilmaan namaa walitti qabamanii samii irraa bishaan ni buusna osoo jedhanii gonkumaa buusu hin danda’an.

Gooftummaa Rabbiitti amanuu jechuun Rabbiin qofti Uumaa, Mootii, nyaachisaa fi obaasaa, Qindeessaa fi Too’ataa wantoota hundaa akka ta’e amanuudha[4]. Rabbiin ni jedha:

Dhugumatti, Gooftaan keessan Rabbiidha, Kan samii fi dachii guyyoota jaha keessatti uumee ergasii Arshii irratti olta’iinsa Isaaf maluu ol ta’eedha. Ariitiin kan isa barbaadu ta’ee guyyaa halkaniin haguuga. Aduu, ji’a fi urjiwwanis kan ajaja Isaatiin laafiffaman ta’anii [isaan uume]. Dhagayaa! Uumuunii fi ajajni kan Isaati. Rabbiin Gooftaa aalamaa ta’e toltuun Isaa baay’atte.” Suuratu Al-A’araaf 7:54

“’Ariitiin kan isa barbaadu ta’ee guyyaa halkaniin haguuge.’ kana jechuun dukkanni halkanii ifa guyyaatin deema, ifni guyyaa dukkana halkaniitin deema. Halkanii guyyaan ariitiin wal duraa duuban dhufu. Tokko tokkorraa duubatti hin hafu.” Tafsiir ibn Kasiir 3/427

Inni halkan guyyaa keessa seensisa; guyyaas halkan keessa seensisa. Aduu fi ji’a ni laaffisa, hunduu hanga beellamaa beekkamaa ta’etti ni fiigu. Suni Gooftaa keessan Allaah dha; mootummaan kan Isaati. Isaan isin Rabbii gaditti kadhattan wanta hanga qoola haphii ija timiraallee hin qaban.”  Suuratu Faaxir 35:13

Halkan guyyaa keessa seensisa; guyyaas halkan keessa seensisa jechuun tokko tokko keessa seensisa, akkuma tokko dhufuun kan biraa ni deema; tokko dheeratee, kan biraa immoo ni gabaabbata. Fakkeenyaf, Biyya Turkii keessatti yeroo bonaa guyyaan ni dheerata halkan ni gabaabbata, yeroo gannaa immoo halkan ni dheerata guyyaan ni gabaabbata. Fkn, Ji’a kana keessa (June) aduun kan baatu gara sa’aati 11:00 yoo ta’u kan dhiitu immoo galgala gara sa’aati 2:00 ti. Amma Turkitti waqtiin bona.

Kuni hundi ajiiib nama jechiisisa. Dhugumatti, kan akkanatti qindeessu fi sirreessu Rabbiin malee ni jiraa? Asi guyyaa yommuu ta’u biyyaa biraatti immoo dukkana.

Rabbiin Gooftaa wantoota hundaati. Kana jechuun Kan isaan uume, Mootiin isaanii, Kan dhimma isaanii foyyeessu fi sirreessu, qananii Isaatiin, Ergamtoota erguun, Kitaabban buusun Kan isaan guddisuu, kunuunsu fi barsiisu, hojii isaaanitiif jazaa (mindaa) guutuu kan isaaniif kafalu Rabbii Tokkicha.  Namni tokko Gooftaan kiyya Rabbi yommuu jedhu, “Kan na uume, na nyaachisu fi obaasu, dhimma kiyya Kan qindeessu fi sirreessu, Kan na qananiisu, Kan na kunuunsu fi guddisu Rabbii Tokkicha.” jechuu isaati.

Hubannaan jecha “Rabb (Gooftaa)” jedhu namoota jaallatan biratti maal ta’inna laata?
Rabbiin subhaanahu wa ta’aala uumamtoota, Isa tokkichoomsu fi Gooftaa isaanii beeku irratti uume. Ni jedha:
30:30
“Karaa haqaatti dabuun fuula kee amantiif sirreessi. Fixrah Rabbii kan namoota hundaa irratti uume [qabaadhaa]. Uumama Rabbii jijjiruun hin jiru. Santu amanti qajeeladha. Garuu irra hedduun namoota hin beekan.” Suuratu Ruum 30:30

Wantoota Rabbii gaditti gabbaraman dhiisun gara Rabbii Tokkicha gabbaruutti fuula kee qajeelchi. Fixrah Rabbii jechuun amantii qulqulluu Rabbiin namoota irratti uumeedha. Amantiin kunis Rabbiin beeku fi Isa tokkichummaan gabbaruudha. Maqaa amantii kanaa Islaama jennaan. Islaama jechuun Rabbiif harka kennuu fi Isa qofa gabbaruu (waaqefachuu)dha. “Uumama Rabbii jijjiruun hin jiru.” kana jechuun amantii Rabbiin namoota irratti uume jijjiruun hin jiru. Amantiin qulqulluun sunis Islaama. Santu amanti qajeelaa Rabbitti nama geessudha. Garuu namoonni baay’een amanti qajeelaa kana hin beekan. Rabbiin dhiisanii wanta biraa waaqefatu.

Rabbiin tokkichoomsu fi gara Isaatti garagaluun dhimma uumamaan nama keessa jiruudha. Rabbiin waliin waan biraa gabbaruu fi Isatti qindeessuun dhimma haarawa adeemsa namaa keessatti argameedha. Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhan: “Daa’imni kamiyyuu hin jiru fixraah (uumama) irratti kan dhalatu yoo ta’ee malee. Ergasii abbaa fi haati isaa gara Yahuudaa yookiin Kiristaana yookiin Majuusaatti jijjiru.” Sahih al-Bukhari 1359

Namni osoo uumama irratti uumame irratti dhiifamee, silaa gara Rabbiin tokkichoomsutti ni qajeela, wanta Ergamtoonni ittiin ergamaanii fi kitaabban ittiin bu’an ni fuudhataa türe. Garuu guddinni karaa sirrii irraa jallatee fi naannoon badaan adeemsa daa’imaa jijjiruu. Ergasii daa’imni haadhaa fi abbaa jallinna isaanii keessatti isaan akkeessa.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aala hadiisa Qudsii keessatti ni jedha, “Gabroottan koo hunafaa’a gochuun isaan uume. Garuu sheyxaanonni amantii qajeelaa irraa isaan jallisan.Sahih Muslim 2865 a

Hunafaa’a jechuun wantoota Rabbii gaditti gabbaraman dhiisun gara Rabbii Tokkichatti qajeeludha. Jecha biraatin Rabbiin qofa gabbaruudha.
Sheyxaanni Rabbii gaditti wanta biraa akka Gooftaatti akka gabbaran isaan taasise. Rabbiin tokkichoomsu irraa isaan garagalchuun gara shirkiitti isaan qajeelche. Jallinnaa fi badiinsa keessatti kufan, garagara ta’an. Warra jallatan hundii isaanitu Gooftaa dhugaa tokkicha dhiisanii gooftaa mataa ofii godhatan. Sababni kanaa, yommuu isaan Gooftaa haqaa dhiisan, gooftolii sobaa gooftaa godhachuun qoraman. Akkuma Rabbiin jedhe,
10:32
“Sun Allaah, Gooftaa keessan Kan haqaati. Dhugaa booda jallinna malee maaltu jiraa? Akkamumatti irraa garagalfamtu?” Suuratu Yuunus 10:32

Gariin namootaa Rabbii tokkicha dhiisani taabota gabbaru, gariin nama du’e, garin immoo Nabiyyootaa fi awliyaa’oota gabbaru. Wantoonni kunniin gara Rabbii nu dhiyeessu ykn shafa’aa (araara) nuuf ta’u jechuun gabbaru. Yookiin wantoonni kunniin badii nurraa deebisuu fi waan gaarii nuuf fidu irratti dandeetti qabu jechuun amanu. Kuni hundi baaxila (kijiba).

Muraasni mushrikoota Arabaatii fi Kiristaanonni wantoonni isaan gabbaran kunniin ilma Rabbitti jechuun yaadu. Mushrikoonni Arabaa Malaykoonni intaloota Rabbiiti jedhanii waan yaadaniif malaykoota ni gabbaran. Kiristaanonnis Iyyasuus (Iisaan) ilma Rabbiiti jedhanii waan yadaniif Iyyasuusin ni gabbaran (ni waaqefatan).

Deebii Yaada sobaa (baaxilaa) kanaaf kenname
Rabbiin subhaanahu wa ta’aala yaada sobaa kanaaf deebii quubsaa kenneef. Mee isaan keessaa tokko haa ilaallu. Deebii namoota Malaykootaa fi Iyyasuusin waaqefataniif kenname:
Rabbiin akkana jechuun namoota kanarratti deebisa:
23:91
Rabbiin ilma hin godhanne. Isa waliiniis gabbaramaan tokkoyyuu hin jiru. [Osoo jiraatanii] silaa gabbaramaan hundi waan uumee fudhatee deema; gariin isaanii garii irratti olta’uu turan. Rabbiin waan isaan itti fakkeessan hunda irraa qulqullaa’e.” Suuratu Al-Mu’minuun 23:91
6:101
Argamsiisaa samii fi dachiiti. Niiti kan hin qabnee fi waan hundaa uumee osoo jiru akkamitti ilmoon Isaaf ta’aa? Inni waan hundaa beekaadha.” Suuratu Al-An’aam 6:101

Rabbiin wanta hundaa “Ta’i” jechuun kan uumu, ilma maal irraa godhaa? Ilmi namaa ni du’a. Sababa kanaaf sanyiin isaa akka itti fuftuuf ilma barbaada. Rabbiin immoo Tokkicha sanyii hin qabne, yeroo hundaa Jiraataa hin duunedha. Kanaafu, ilmoo maal irraa godhaa? Dabalataan, namni ilmoo kan barbaaduf yeroo dullummaa akka isa gargaarufi. Rabbiin Tokkicha Of danda’aa gargaarsa hin barbaannedha. Kanaafu, ilmoo maal irraa godhaa?

Dhugumatti, “Rabbiin ilma qaba” jechuun Isa arrabsuu fi kijiba guddaa uumudha. Ilmoon fakkaataa wanta irraa dhalatee ta’a. Rabbiin immoo fakkaataa fi dorgomaa hin qabu. Rabbiin ni jedha:

112:2

“Rabbiin Of danda’aa hirkoo waa hundaati.” Suuratu al-Ikhlaas 112:2
Assamad jechuu-Of danda’aa hirkoo waa hundaati. Kana jechuun Rabbiin Of danda’aa homatti hin hajamneedha. Garuu uummamtoonni hundi Isarratti hirkatu, haajaa isaanii Isarraa barbaadu.
112:3
“Hin dhalle hin dhalannes.” Suuratu al-Ikhlaas 112:3
112:4
“Qixxaatan (fakkaatan) tokkollee Isaaf hin jiru.” Suuratu al-Ikhlaas 112:4
(Kana jechuun wanti Rabbiin qixxaatu fi fakkaatu tokkollee hin jiru. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa fakkaataa ykn hiriyyaa wayitu hin qabu.)

Rabbiin wanta hundaa kan uumedha. Inni samii fi dachii garmalee gurguddatan kanniin kan uume nama akka fedhetti uumuu irratti danda’aadha. Kanaafu, Rabbiin ilmoo qabaachu irraa qulqullaa’e, olta’e. Subhaanallahi ammaa yasifuun.

Guduunfaa

⌨Gooftummaa Rabbiitti amanuu jechuun Rabbiin qofti Uumaa, Mootii, nyaachisaa fi obaasaa, Qindeessaa fi Too’ataa wantoota hundaa akka ta’e amanuudha
⌨Rabbiin Gooftaa wantoota hundaati. Gooftaa (Rabb) jechuun Kan wantoota hundaa uumu, kunuunsu fi guddisu, bulchuu, qindeessu, too’atudha. Uumamtoonni Gooftaa ta’uu hin danda’an. Kanaafu, Iyyasuus, Malaykoonni fi wantoonni gabbaraman biroo gooftaa ta’uu hin danda’an. Sababn isaas, isaan kunniin uumamtoota waan ta’aniif wantoota hundaa uumu, nyaachisu, obaasu, too’achu hin danda’an.
⌨Gooftaan kiyya Rabbi yommuu jennu, “Kan na uume, na nyaachisu fi obaasu, dhimma kiyya Kan qindeessu fi sirreessu, Kan na qananiisu, Kan na kunuunsu fi guddisu Rabbii Tokkicha.” jechuu keenya. Kana yoo beekne Rabbiin qofa akka gabbarruu fi Isa qofarraa gargaarsa akka barbaannu nu taasisa.
⌨Ilmaan namaa kamiyyuu Rabbiin beeku fi Isa qofa gabbaruu irratti dhalatan. Garuu sababa maatii fi naannootin Rabbiin irraa garagaluun wanta biraa gabbaru (waaqefatu).
⌨Rabbiin Gooftaa Tokkicha wantoota hundaa uumeedha. Hin dhalle, hin dhalannes. Fakkaataa fi hiriyyaa hin qabu. Ilmi namaa fi uumamtoonni biroo fakkaataa fi hiriyyaa qabu. Kanaafu, isaan Gooftaa haqaa ta’u hin danda’an.

Kitaabban wabii
[1] Sharih Usuuli salaasa-fuula 46, 84
[2] https://www.almaany.com
[3] Al-Imaanu haqiiqatuh, khawaarimuh, nawaaqiduh inda ahli sunnati wal jama’a-fuula 241 Abdullah bin Abdulhamid Al-Asarii
[4] Aqiidatu tawhiid wabayaanu maa yudaaduhaa-fuula 22-29, Saalih bin Fawzaan
Taysiral Kariimul Rahmaani fii tafsiiri Kalaamil Mannaani–Abdurahmaan Naasir Sa’dii- Daarus salaam
Bidaa’u Tafsiir-1/142-143 ibn Al-Qayyim

Gooftaan Kee Eenyu?-Kutaa 3ffaa
Gooftaan Kee Eenyuu?-Kutaa 1ffaa
Offline dubbisuf

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.