Gooftaan Kee Eenyu?-Kutaa 3ffaa

Offline dubbisuf

Dhugumatti Rabbii ofii beekanii itti amanuu fi itti buluun burqaa gammachuu eessattu hin argamneedha. Aarifoonni (warroonni Rabbiin sirritti beekan) gariin akkana jedhu, “Jiraattonni addunyaa tanaa wanta garmalee mi’aayaa (gaarii) ta’ee osoo hin dhandhamin addunyaa tana gadi dhiisanii deeman.” Wanti garmalee gaariin (mi’aawan) suni maali? jedhamanii yommuu gaafataman, isaaniis akkana jechuun deebisan, “Rabbiin beekuu fi jaallachuudha.” Dhuguma jedhan, namni akkuma Rabbiin beeku fi jaallatuun tasgabbiin qalbii isaa keessa diriira. Yommuu namoonni dhiphinnaa fi sodaan gubatan inni immoo jireenya gammachuu jiraata. Kanaafu, jireenya tana keessatti tasgabbii fi milkaa’inna barbaanne argachuuf Gooftaa keenya beeku fi jaallachuuf carraaqu qabnaa miti ree? Kutaa darbee irraa itti fufuun har’as burqaa gammachuu kan ta’e Rabbitti amanuu ni ilaalla. Akkuma yeroo darbe jenne Rabbitti amanuun wantoota afur of keessatti qabata. Isaan keessaa tokkoffaa fi lammaffaa ilaalle jirra. Har’a immoo sadaffaa ni ilaalla.

3.Tokkichummaa fi haqaan kan gabbaramu Rabbiin qofa akka ta’e amanuu (Al-Iimaanu bi-uluuhiyyatihi)

Kana jechuun gabbaramaan haqaa Rabbii olta’aa akka ta’e, Isa malee gabbaramaan biraa akka hin jirre, Isaan ala wantoonni gabbaraman (waaqefataman) hundi soba akka ta’an jala muranii amanuu fi guutumaan guututti mirkaneessudha. Jecha biraatin gabbarrii (ibaadaa) hunda keessatti Rabbii Tokkicha, shariika hin qabnee tokkichoomsuu fi Isa qofa gabbaruudha. Fakkeenyaf, salaata, qalma, gargaarsa fi birmannaaf kadhachuu, sooma, hajjii, sadaqaa, sodaa, kajeellaa fi gosoota ibaada biroo keessatti Rabbiin tokkichoomsudha. Kana jechuun hojiwwan kanniin Isa qofaaf jedhanii hojjachuudha.

Tawhiida gosa kanaatin tawhiidul uluuhiyyah jennaan. Jechi “Uluuhiyyah” jedhu jecha, “Ilaah” jedhu irraa kan dhufeedha. “Ilaah” jechuun jaalalaa fi kabajaa guddaan kan gabbaramuu jechuudha. Jechi ilaah jedhu gabbaramaa dhugaan gabbaramuu fi gabbaramaa dhugaan hin gabbaramne ni hammata. Gabbaramaan dhugaan gabbaramu Uumaa, wantoota hundaa irratti Danda’aa, kan nyaachisuu fi obaasu, kan qindeessu, wantoota hundaa kan too’atu fi bulchuu ta’uu qaba. Kan akkana hin ta’in osoo gabbaramellee gabbaramaa dhugaa ta’uu hin danda’u. Kanaafu, wantoota hundaa kan uumu, too’atu, nyaachisu fi obaasu, waa hundarratti danda’aan Rabbiin malee waan hin jirreef gabbaramaan dhugaan Rabbiin qofa jechuudha. Wantoonni Isaan alatti gabbaraman hundi gabbaramaa sobaati jechuudha. Rabbiin akkana jedha:
22:62
Suni sababni isaa, Rabbiin Isumatu Haqa, wanti isaan Isaa gaditti gabbaran hundi immoo soba (baaxila) kan ta’eedha; dhugumatti Rabbiin Olta’aa Guddaadha.” Suuratu Al-Hajj 22:62

Kana jechuun gabbaramaan haqaa gabbarriin ta’uufi qabu Rabbiin malee hin jiru. Sababni isaas, Inni Abbaa motummaa guddaati, wanti Inni fedhe ni ta’a, wanti Inni hin fedhin immoo hin ta’u. Wanti hundi haajaa ofii Isarraa barbaadu, Isa fuunduratti gadi xiqqaattota. Wanti namoonni Rabbii gaditti gabbaran (waaqefatan) hundi soba (baaxila). Sababni isaas, wantoonni kunniin nama fayyadu fi miidhu hin danda’an.”

dhugumatti Rabbiin Olta’aa Guddaadha” –Zaata Isaatin Rabbiin uumamtoota hundaa oli[1], wanti hundi injifannoo fi mootummaa Isaa jala jira, Isa malee haqaan gabbaramaan hin jiru, Gooftaan Isa malee hin jiru. Sababni isaas, Inni Guddaadha, wanti Isa caalaa guddaa ta’e hin jiru; Inni olta’aadha, Isaa ol wanti olta’e hin jiru. Wanta zaalimoonni (miidhaa raawwattoonni) jedhan irraa Rabbiin Olta’e, Qulqullaa’e  (Tafsiir ibn Kasiir 5/449)

Ammas Rabbul Aalamiin ni jedha:
2:163
Gabbaramaan keessan Gabbaramaa Tokkicha. Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru. [Inni] akkaan mararfataa, rahmataa godhaadha.” Suuratu Al-Baqarah 2:163

Kanaafi, Ergamtoonni Rabbii hundi ummata isaanitiin, “Rabbiin qofa gabbaraa, Isa malee gabbaramaan biraa isiniif hin jiru.” jechaani turan. Garuu warroonni Rabbitti waa qindeessan (mushrikoonni) kana diduun Rabbiin ala gabbaramaa biraa godhachuun Isa waliin gabbaru. Gargaarsa fi birmannaa gabbaramtoota sobaa kana irraa barbaadu.

Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) wanti mushrikoonni gabbaran kijiba ta’uu ragaalee sammuu lamaan saaxila.

1ffaa– wantoonni mushrikoonni akka gabbaramaatti godhatan kunniin amala gabbaramaa wanta jedhamu hin qaban. Wantoonni isaan gabbaran kunniin uumamtoota homaa uumu hin dandeenyedha, nama isaan gabbaruuf faaydas fiduu hin danda’an, miidhas irraa deebisu hin danda’an. Jiraachisuu fi ajjeesu irrattis humna hin qaban. Dachii fi samii keessatti waa too’achuu fi horachuu hin danda’an, kana keessattis qooda fuudhachuu hin danda’an. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
25:3
[Kaafiroonni] Isaa gaditti gooftolee homaa hin uumne kan isaanu uumaman, ofiif miidhaa deebisuu fi faayda fidu kan hin dandeenye, ajjeesuu, jiraachisuu fi du’a irra kaasuus kan hin dandeenye gabbaramoo godhatan.” suuratu al-Furqaan 25:3

Wanti nama ajaa’ibsiisu kaafiroonni kunniin Rabbii gaditti wanta homaa uumu hin dandeenye gooftaa godhachuun gabbaran (waaqefatan). Wanti isaan gabbaran (waaqefatan) kunniin wantoota uumamaniidha yookiin inumaa kan harka namaatin bocamaniidha. Mataa ofiitiin miidhaa namarraa deebisuu fi faaydaa namaaf fiduu hin danda’an. Inumaa, ofirraa miidhaa deebisu fi ofiif faaydaa fidu hin danda’an. Nama ajjeesus, jiraachisuus, kan du’es du’a irraa kaasu hin danda’an. Kanaafu, kaafiroonni wanta homaa hojjachuu hin dandeenye akkamitti gooftaa godhachuun gabbaran (waaqefatanii)? Mee haa gaafannu warroota Rabbiin alatti wanta biraa gabbaran (waaqefatan): “Wanti isin waaqefattan wanta hundaa uumuu danda’aa? Fkn nama, samii fi dachii uumuu danda’aa? Yommuu kadhattan miidha isin irraa deebisuu fi faaydaa isiniif fiduu danda’aa? Fakkeenyaf, wanti isin waaqefattan Nabiyyii, Malaaykaa, taabota ykn nama du’e yoo ta’e, akkamitti kadhaa keessan isiniif dhagayuu? Osoo dhagayanillee miidhaa isin irraa kaasu ykn faaydaa isiniif fiduu danda’u? Kanaafu, Rabbii waa hundaa uume, jiraachisuu fi ajjeesu dhiistanii wanta homaa uumuu hin dandeenye, miidhaa namarraa deebisuu fi faaydaa namaaf fidu hin dandeenye akkamitti waaqefattu (gabbartuu)?”  Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Qur’aana keessatti ni jedha, hiikni isaa:
“Sila warra ofiifuu uumamtoota ta’anii waa tokko uumuu hin dandeenye Rabbitti qindeessuu? Isaan gargaarus ta’ee lubbuu ofii gargaaru hin danda’an.” Suuratu Al-A’araaf 7:191-192

Kana jechuun sila wanta homaa uumuu hin dandeenye Rabbiin waliin gabbartuu? Akkuma Rabbiin Qur’aana keessatti jedhe, hiikni isaa:

Yaa namoota! Fakkeenyi dhiyeefamee jiraa dhageeffadhaa. Dhugumatti, isaan isin Rabbiin alatti kadhattan (gabbartan) osoo isaaf walitti qabamaniillee tiisisa tokko hin uuman. Yoo tiisisni waan tokko isaan harkaa bute, waan san [tiisisa] harkaa buusu hin danda’an. Barbaadaa fi barbaadamaniis dadhaboodha. Kabaja dhugaa Rabbiif maluu hin kabajne. Dhugumatti, Rabbin Jabaa Injifataadha” Suuratu Al-Hajj 22:73-74

Yaa namoota! Hundi keessanu fakkeenya isiniif dhiyeefamu kana mee dhageeffadhaa. Taabota ta’i, Nabiyyii ta’ii, Malaaykaa ta’i wanti Rabbiin alatti gabbartan (waaqefattan) osoo tiisisa uumuuf walitti qabamanii gonkumaa tiisisa uumuu hin danda’an. Inuma osoo tiisisni wanta baay’ee xiqqaa isaan harkaa bute, wanta kana tiisisa harkaa buusu hin danda’an. Kanaafu, tiisisa uumuu kan hin dandeenye, inuma tiisisa harkaas waa buusu kan hin dandeenye akkamitti akka isaan nyaachisu fi gargaaruf kadhatanii (gabbaranii)?

Wantoonni isin gabbartan (waaqefattan) kunniin isin gargaaru hin danda’an, mataa ofillee gargaaru hin danda’an. Kanaafu, wanta mataa ofiitu gargaaru hin dandeenye akkamitti gargaarsa irraa barbaaddu?

Dhugumatti namoonni Rabbii gaditti wanta biraa gabbaran “Kabaja dhugaa Rabbiif maluu hin kabajne” Sababni isaas, wanta karaa hundan hiyyeessaa fi dadhabaa ta’ee, Rabbii karaa hundaan Dureessaa fi Jabaa ta’een wal qixxeessan. Wanta ofiifis ta’ee nama biraa faayyaduu fi miidhu hin dandeenye, ajjeesu, jiraachisuu fi du’aan booda kaasu hin dandeenye, Rabbii fayyaduu fi miidhu irratti danda’aa ta’e, Kennaa fi Dhoowwataa ta’ee, Mootii moottotaa ta’ee, mootummaa Isaa keessatti akka fedhetti jijjiruu fi hojjachuu Kan danda’uun wal qixxeessan. “Dhugumatti, Rabbin Jabaa Injifataadha” kana jechuun humnaa fi jabeenyaa guutuu kan qabuudha, injifannoo guutuu kan qabuudha. Humni, Jabeenyi fi injifannoon Isaa guutuu ta’uu irraa kan ka’e sammuun uumamtoota hundaa Harkaa Isaa jirti. Kan socho’u hin socho’u, kan bakka tokko qubatu hin qubatu fedhii Isaatin yoo ta’ee malee. Wanti Rabbiin fedhe ni ta’a, wanti Inni hin fedhin immoo hin ta’u. Ammas, Humni fi Jabeenyi Isaa guutuu ta’uu irraa kan ka’e, samii fi dachiin akka hin banne ni qaba (samiin dachii irratti kufuu irraa ni eega). Humni fi Jabeenyi Isaa guutuu ta’uu irraa kan ka’e, jalqaba irraa kaasee hanga dhumaatti uumamtoota du’an hundaa iyyansa takkaan ni kaasa.”[2]

Ragaan lammaffaan wantoonni mushrikoonni gabbaran kijiba ta’uu itti mirkaneessan-mushrikonni kunniin Rabbiin qofti Gooftaa, Uumaa, Mootii wanta hundaa akka ta’e ni mirkaneessu. Kuni immoo akkuma isaan Gooftummaan Isa tokkichoomsan, ibaadaa (gabbarrii) keessattis Isa tokkichoomsu akka qaban isaanitti agarsiisa. Rabbiin olta’aan Qur’aana keessatti ni jedha, hiikni isaa:

Yaa namoota! Akka [Rabbiin] sodaattaniif jecha Gooftaa keessan kan isinii fi warra isiniin duraa uume qofa gabbaraa. Kan dachii afaa, samii immoo ijaarsa gubbaa (xaaraa) isiniif taasisee fi samii irraa bishaan buusee ergasii isaan (bishaan kanaan) soorata akka isiniif ta’u samaraata (fuduraaf kuduraa, midhaan) baasedha. Kanaafu, osoo beektanuu Rabbiif sharikoota hin godhinaa” Suuratu Al-Baqara 2:21-22

Jedhi, “Eenyutuu samii fi dachii irraa isin sooraa? Yookiin dhageetti fi argituu eenyutuu dhuunfataa? Ammas, eenyutu jiraataa du’aa irraa baasaa, du’aas jiraataa irraa baasaa? Eenyutu dhimma hundaa qindeessaa? ‘Rabbiidha.” ni jedhu. Kanaafu jedhiin, “Sila Rabbiin hin sodaattanii ree?” Sun Allaah, Gooftaa keessan Kan haqaati. Dhugaa booda jallinna malee maaltu jiraa? Kanaafu, akkamumatti irraa garagalfamtu?” Suuratu Yuunus 10:31-32

Kanaafu, Uumaan wantoota hundaa, bishaan samii irraa buusun oomisha midhaanii adda addaa lafaa Kan baasu, jiraataa irraa du’aa Kan baasu, (fakkeenyaf, lukkuu irraa killee lubbuu hin qabne baasa), du’aa irraa jiraa kan baasu (fkn, killee irraa caacuti baasa), dhimma hundaa Kan qindeessu Rabbiin qofa akka ta’e namni beeku, Rabbiin qofa gabbaruu qabaa jechuudha. Sababni isaas, wantoonni Rabbii gaditti gabbaraman hundi wantoota armaan olii hojjachuu hin danda’an.

Guduunfaa

Ilaah jechuun jaalalaa fi sodaan kan gabbaramuudha. Gabbaruu jechuun sodaa fi kajeellan, jaalalaa fi kabaja guddaan, gabbaramaaf gadi jechuu fi gadi of xiqqeessudha.
✒Gabbaramaan gabbaramaa dhugaa (haqaa) ta’uuf amaloota guutuu qabachuu fi amaloota hanquu irraa qulqulluu ta’uu qaba. Wantoota hundaa kan uumu, nyaachisu fi obaasu, too’atu, qindeessu Rabbiin malee Gooftaan biraa hin jiru. Kanaafu, Rabbiin Ilaah (Gabbaramaa) haqaati jechuudha.
✒Wantoonni Rabbii gaditti gabbaraman hundi gabbaramaa sobaati. Sababni isaas, wantoota hundaa uumu, nyaachisu, obaasu, too’atu fi wantoota Kaaliqni qofti hojjatu biroo hojjachuu hin danda’an.
✒Wanti Rabbii gaditti gabbaramu tiisisa xiqqoo tana uumuu kan hin dandeenye akkamitti gooftaa gabbaramuu (waaqefatamu) ta’uu danda’aa?
✒Wanta hundaa kan uume, nyaachisu fi obaasu, kan jiraachisu fi ajjeesu Rabbiin qofa akka ta’e namni beeku, Isa qofa gabbaruu qabaa jechuudha. Sababni isaas, Rabbiin ala wanta biraa yoo gabbare (waaqefate), faayda homaatu wanta gabbaru san irraa hin argatu. Wanti inni gabbaru suni miidhaa namarraa deebisu fi faayda namaaf fidu waan hin dandeenyef.

Wa aakhiru daw’aanaa anilhamdulillahi Rabbil aalamiin

Kitaabbilee wabii:
Al-Imaanu haqiiqatuh, khawaarimuh, nawaaqiduh inda ahli sunnati wal jama’a-fuula 243 Abdullah bin Abdulhamid Al-Asarii
Arabic: Sharih Usuuli salaasa Fuula 85-87 Ibn Useymiin
English: Explanation of the Three Fundamental Principles of Islaam Page 68-71
[1] Taysiral Kariimul Rahmaani fii tafsiiri Kalaamil Mannaani–Abdurahmaan Naasir Sa’dii, fuula 635

[2] Madda olii-fuula 638

Gooftaan Kee Eenyuu?-Kutaa 4ffaa
Gooftaan Kee Eenyu-Kutaa 2ffaa
Offline dubbisuf

One comment

Leave a Reply

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.