Gooftaan Kee Eenyuu?-Kutaa 4ffaa

Dhalli namaa jireenya keessatti keessa ofii faayun jireenya gammachuu fi milkaa’innaa gaggeessu barbaada. Salphinnaa fi xiqqeenya irraa baraaramuun fiixee kabajaa fi sadarka ol’aana irra gahuuf namni kamiyyuu ni hawwa. Kana galmaan gahuuf hundi keenya karaa adda addaatiin ni carraaqna. Garuu baay’een keenya wanta yaanne kana galmaan osoo hin gahin ni hafna. Sababni kanaa maal akka ta’ee beeknaa sila? Sababni kanaa guddaan karaa sirrii gammachuu, kabajaa fi fiixee milkaa’innatti nama geessu hordofu dhiisudha. Namni tokko addunyaa tana keessatti kabajamee fi gammachuun jiraachuuf lubbuu (nafsee) ofii beeku qaba. “Ani eessaa dhufee? Eenyutu na uumee? Maaliif addunyaa tana keessa jiraadha? Eessa deemaa jira? Hanqinni ani qabu maalii?” jechuun of gaafata. Kuni hundii gara kaayyoo guddaa tokkotti isa dhiiba. Innis, “Gooftaa isaa beekudha.” “Man arafa Rabbahu arafa nafsahu (namni Rabbii ofii beeke lubbuu ofii beeke)” jedhan gamnoonni. Sababni kanaa, namni akkuma Rabbii ofii beekuuf carraaqun, eessa akka jiruu fi maaliif akka jiraatu beekaa adeema. Kuni immoo fiixee milkaa’innaa fi gammachuu inni gonkumaa hin yaannetti isa geessa.

Kanaafu, har’as itti fufuun Rabbii nu uumee, qananii Isaatiin Kan nu guddisuu fi nu kunuunsu, bishaan samii irraa buusun Kan nu nyaachisuu fi nu obaasu, guyyaa akka hojjatannuuf ifa, halkan akka boqannuuf dukkana taasise beekuuf carraaqna. Faaruu fi galannii daangaa hin qabne Isaaf haa ta’u.

Akkuma kutaalee darban keessatti jenne Rabbitti amanuun wantoota afur of keessatti qabata. Isaan keessaa sadan jalqabaa ilaalle jirra. Har’a immoo kan dhumaa ni ilaalla.

4.Maqaalee fi Amaloota Isaatti amanuu  (Al-Iimaanu bi-asmaa’ihi wa sifaatihi)
Kana jechuun Rabbiin maqaalee gaggaarii fi amaloota guutuu olta’an akka qabu jala muranii itti amanuu fi mirkaneessudha. Rabbiin amaloota guutuu hundaan ni ibsama (ni wassafama), amaloota hanquu irraa qulqulluudha. Rabbiin olta’aan amaloota guutuu qabaachu fi amaloota hanquu irraa qulqulluu ta’uun uumamtoota hunda irraa addaa fi fakkaataa Kan hin qabne ta’a.[1] Amaloota dhibbaan dhibbaatti guutuu ta’an kan qabuu Rabbiin malee hin jiru, amaloota hanquu hunda irraa qulqullu kan ta’e Rabbiin malee hin jiru.

Rabbii keenya kan beeknuun sifaata (amaloota) gugguutuu Qur’aanaa fi sunnaah Ergamaa Isaa (SAW) keessatti dhufaniini. Maqaalee fi sifaata Rabbiin Qur’aana fi sunnaah Ergamaa Isaa (SAW) keessatti ittiin of ibse (wassafe) osoo ta’axiila, tahriifa, takyiifa fi tamsiila hin godhiin haala Isaaf maluutiin ni mirkaneessina. Jechoonni armaan olii kunnin hiika cimaa qabuu hordofaa. Sababa kanaan seenaa keessatti namoonni baay’een karaa sirrii irraa jallatan.
Ta’axiila– jechuun sifaata (amaloota) Rabbii fudhachuu diduudha. Yookiin garii isaanii mirkaneessanii garii isaanii mirkaneessu dhiisudha.
Tahriifa– jechuun hima hiika isaa ykn jecha isaa jijjiruun hiika ifaa (zaahiraa) irraa fageessudha. Gara afaan keenyatti yommuu deebisnu “Hima Micciruu” jechuudha.
Takyiifa– jechuun haala sifaanni (amaloonni) irra jiran ibsu (“Akkana jira, akkana jira” jedhanii dubbachuudha).
Tamsiila jechuun wayitti fakkeessu jechuudha

Namni Rabbii olta’aatti amanu amaloota Rabbiin ittiin of ibse (wassafe) hundaa fudhachuu (itti amanuu) qaba. Amaloota kanniin micciruu, akkana akkana jiran jedhe dubbachuu hin qabu, wayittis fakkeessuun isarra hin jiru. Mee amaloota Rabbii keessaa tokko “dhageetti fi arguu” haa ilaallu. Rabbiin subhaaanahu wa ta’aala wantoota hundaa ni dhagaha, ni arga. Garuu haalli Inni itti dhagahuu fi arguu homaanu wal hin fakkaatu. Dhageetti fi argituun Rabbii dhageetti fi argituu ilma namaatiin gonkumaa wal hin fakkaatan. Ilmi namaa “Rabbiin akkanatti arga, akkanatti dhagaha” jedhee gonkumaa dubbachuu hin danda’u. Akkaataa Rabbiin wantoota hundaa itti arguu fi dhagahu waan hin beeknef. Akkasumas, Rabbiin Tokkicha fakkaataa hin qabne waan ta’eef. Rabbiin Subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Wanti Isa fakkaatu tokkollee hin jiru. Inni Dhagahaa, Argaadha.”  Suuratu Ash-Shuura 42:11

“Kana jechuun uumamtoota Isaa irraa wanti Rabbii olta’aa fakkaatu tokkollee hin jiru. Zaata Isaatiin, maqaalee Isaatiin, amaloota Isaatiinii fi hojii Isaatiin wanti wal fakkaatu tokkollee hin jiru. Sababni isaas, maqaaleen Isaa hundii gaggaariidha, amaloonni Isaa hundi amaloota guutuu fi guddaa ta’aniidha; Rabbiin olta’aan hojiwwan Isaatiin umamtoota gurguddaa shariika (gargaaraa) tokko malee argamsiise. Rabbiin olta’an gama hundaan guutuu ta’uudhaan addaa fi tokkicha waan ta’eef wanti Isa fakkaatu tokkollee hin jiru. “Inni Dhagahaadha”,lugaan (afaan) hanga fedhe garagara haa ta’uu, haajaan hanga fedhe haa baay’atu Rabbiin sagalee hundaa ni dhagaha. “Argaadha” halkan garmalee dukkanaa’aa ta’e keessatti mixii gurraatti lafa irra deemtu ni arga.”[2] Akkuma wantoota samii ol jiran hundaa argu, wantoota dachii irra jiranii fi dachii jala jiran hunda ni arga. Arguu irraa wanti Isa dhoowwu ykn haguugu tokkollee hin jiru. Wanti Isarraa dhokatu tokkollee hin jiru. Subhaanahu wa ta’aala (Inni hanqinna hundarraa Qulqullaa’e, Olta’e)!

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
7:180
Rabbiif maqaalee gaggaaritu jira, kanaafu isaaniin Isa kadhaa. Warra maqaalee Isaa jallisaniis dhiisaa. Waan dalagaa turaniif fuunduratti jazaa ni argatu.” Suuratu Al-A’araaf 7:180
Rabbiin maqaalee gaggaarii qaba. Kanaafu maqaalee kanniiniin Isa kadhaa. Kan akka Ar-Rahmaan, Al-Ghaffaar, Al-Waduud, Al-Basiir, As-Samii’i fi kanneen biroo. Maqaalee gaggaariin kunniin amaloonni (sifaanni) Rabbii guutuu ta’uu agarsiisu. Fakkeenyaf, Al-Aliim (Beekaa). Maqaan kuni Rabbiin beekumsa wantoota hunda marsee akka qabu agarsiisa. Samii fi dachii keessatti wanti beekumsa Rabbii keessaa bahu tokkollee hin jiru, Inni wantoota hundaa takka takkaan beeka.

Warra maqaalee Isaa jallisaniis dhiisaa.” Maqaalee Isaa jallisuun kan ta’u- takkaa maqaalee kanniinin wanta biraa waamuu, takkaa immoo hiika maqaalee kanniinii diigu fi micciruudha. Yookiin maqaalee kanniin maqaalee birootin wal fakkeessudha. Wanti dirqama ta’e ilhaada (maqaalee kanniin jallisuu) irraa of eeggachuudha. Namoonni maqaalee Rabbii jallisan gara fuunduraatti jazaa ni argatu. Kana jechuun ni adabamu.[3]

Maqaalee fi sifaata Rabbii ilaalchisee gareen lama jallatanii jiru.
1ffaa-al-Mu’uxxillata kan jedhamaniidha. Gareen kuni maqaalee fi sifaata Rabbii hunda ykn muraasa isaanii hin fudhatan. Maqaa Rabbiin ittiin of waame hiika isaa ni micciru. Kanaafu, garee akkanaa irraa of eeggachuun ni barbaachisa. Fakkeenyaaf, ahbaash, Ash’aari, Mu’tazilaa fi kkf

2ffaa-al-Mushabbihata- gareen kuni maqaalee fi sifaata Rabbii hunda mirkaneessanii fi fudhatanii garuu Rabbiin uumamtoota Isaatiin wal fakkeessu. Rabbii olta’aa uumamtootan wal fakkeessun baaxila (soba). Rabbiin Tokkicha fakkaataa hin qabneedha. Rabbiin ni jedha:
16:74
Rabbiif fakkeenya hin godhinaa. Dhugumatti Rabbiin ni beeka, isin hin beektan.” (Suuratu An-Nahl 16:74)

Gareewwan lamaan kanaaf deebii kan ta’u Aaya suuratu ash-shuura jalqabarratti eerredha. “Wanti Isa fakkaatu tokkollee hin jiru. Inni Dhagahaa, Argaadha.”  Suuratu Ash-Shuura 42:11

Warroota Rabbiin uumamtootaan wal-fakkeessan, Rabbiin akkana jechuun deebii kenneef, “Wanti Isa fakkaatu tokkollee hin jiru.” Warroota maqaalee fi sifaata (amaloota) Isaa hin fudhanne immoo akkana jechuun deebii kenneef, “Inni Dhagahaa, Argaadha.”  Kanaafu, namni nageenya fi milkaa’inna barbaadu garee kanniin lamaanii fi yaada isaan qabatan irraa of eegu qaba. Yaanni isaan qabatan Qur’aanaa fi sunnaan waan wal faallessuuf.

Yeroo tokko ilmi Ja’afar Suleymaan Haashimiyy waa’ee Rabbii ni dubbata, ni ibsa, wayitti fakkeessa. Ergasii Aalimni (hayyuun) Islaamaa Abdurahmaan bin Mahdiyyi jedhamu gurbaa kanaan akkana jedhe, “Yaa ilma koo! Jalqaba irratti hanga waa’ee uumamtotaa dubbannuu mee suuta jedhi. Nuti uumamaa (makhluuqa) [hubachuu] irratti dadhabaa yoo taane, Khaaliqa [hubachuu] irratti kana caalaa dadhabaa taana. Hadiisa Shu’ubahn, Sheybaana irraa natti odeesse mee natti himi. Sheybaan akkana jedha, Sa’iid bin Jubeeyri akkana kan jedhu dhagahe: “Dhugumatti, inni (Muhammad (SAW)) mallatoolee Gooftaa isaa gurguddoo irraa argeera.” (suuratu An-Najm 53:18) Aayaa (keeyyata) tana ilaalchise Abdullah ni jedhe, “Nabii Muhammad (SAW) Malaykaa Jibriliin koola dhibba jaha (600) kan qabu ta’ee arge.” Ergasii gurbaan kuni yaada keessatti lixee hafe. San booda, Abdurahmaan gurbaa kanaan ni jedhe, “Yaa ilma koo! Gaafi siif haa salphisu. Koola 597 sirraa buusa. Uumama kana koola sadiin naaf ibsi. Koola sadiin kana bakka lama Rabbiin hin godhin gochuun naaf ibsi.
Gurbaan ni jedhe: Yaa abbaa Sa’iid uumamaa (makhluuqa) ibsuu irraayyu dadhabne jirra. Amala (sifata) Khaaliqa (Uumaa) ibsuu irraa kana caalaa dadhaboodha (gonkumaa sifata Isaa “akkana akkana jiran ykn kana fakkaatan” jennee ibsu hin dandeenyu). Ani san (wayitti fakkeessuu) irraa deebi’u koo ragaa nan baha. Rabbiin araarama kadha.”[4]

Gonkumaa Khaaliqa makhluuqan (wanta uumameen) wal fakkeessun hin danda’amu. Sababa wal-fakkeessutiin namoonni “Iyyasuus gooftadha” jechuun waaqefatan, akkasumas namoonni taabotaa fi wantoota biroo gabbaran daandii sirrii irraa jallatanii jiru. Rabbiin Guddaadha. Wanti Isa caalaa guddaa ta’e hin jiru. Kanaafu, akkamitti fakkaataa qaba ree? Maaliin wal fakkeessun danda’amaa? Samii fi dachii hangana gurguddatan Kan uume akkamitti fakkaataa qabaa? Gonkumaa fakkaataa hin qabu. Rabbiin Tokkicha Of danda’aa fakkaataa hin qabneedha.

Namni sifaata Rabbii hin fudhannee fi umamtootaan wal-fakkeessu urgaa iimaanaa hin urgeefatu, mi’aa isaa hin dhandhamu. Akka nama qufaan qabee ta’a. Namni qufaan qabe urgaa gaarii urgeefachuu fi mi’aa gaarii dhandhamuun itti ulfaata.

Yommuu sheyxaanni wanta hin taane qalbii keessatti darbu waa lama gochuun nama baraara.
1ffaa– gara Rabbiitti fiigun eeggumsa barbaadu. Rabbiin ni jedha, hiikni isaa:
“Yoo garagalchaan (hasaasni badaan) sheyxaana irraa sitti dhufe, Rabbitti maganfadhu. Dhugumatti Inni Dhagahaa, Argaadha.” Suuratu Al-A’araaf 7:200
Fakkeenyaf, a’uuzu billaahi mina sheyxaani rajiim jechuu. Suuratu An-Naas (qul a’uuzu birabbi naas) irra deddeebi’anii dubbisuu. Wanta badaa sheyxaanni namatti darbu qalbii keessaa akka baasu Rabbiin kadhachuu.

2ffaa– jecha Rabbii olta’aa yaadachu fi arrabaan jechuu,

Wanti Isa fakkaatu tokkollee hin jiru. Inni dhagahaa, argaadha.” Suuratu ash-shuura 42:11

Guduunfaa
Maqaalee fi Amaloota Rabbitti amanuu jechuun Rabbiin maqaalee gaggaarii fi amaloota guutuu olta’an akka qabu jala muranii itti amanuu fi mirkaneessudha.
✒Maqaalee fi amaloota Rabbii osoo hin micciriin, wayittuu hin fakkeessinii fi akkana jiran osoo hin jedhin akkuma Qur’aanaa fi sunnaa keessatti dhufanitti fudhachuun karaa nageenya fi milkaa’innatti nama geessudha.
✒Rabbiin gama hundaan guutuu waan ta’eef wanti Isa fakkaatu tokkollee hin jiru.
✎Namni amaloota Rabbii osoo wayitti hin fakkeessinii fi ‘akkana jiran’ jedhe osoo hin dubbatin fudhatu, dhugumatti mi’aa iimaanaa ni dhandhama.
✎Waa’ee Rabbal aalaminaa ilaalchisee sheyxaanni waan badaa yommuu sitti darbu gara Rabbii keeti fiigi, najaa (nagaha) baatati.

Kitaabban wabii
[1] Al-Imaanu haqiiqatuh, khawaarimuh, nawaaqiduh inda ahli sunnati wal jama’a-fuula 247 Abdullah bin Abdulhamid Al-Asarii
[2] Taysiral Kariimul Rahmaani fii tafsiiri Kalaamil Mannaani–Abdurahmaan Naasir Sa’dii, fuula 888
[3] Gabaabbinnaan madda olii- fuula 351-352 irraa fuudhatame
[4] Hayatu Salafi; beyna al-qawli wa al-amali fuula 27
Sharih Usuuli salaasa Fuula 88-89 Ibn Useymiin

Print Friendly, PDF & Email
Gooftaan Kee Eenyuu?-Kutaa 5ffaa
Gooftaan Kee Eenyu?-Kutaa 3ffaa

Leave a Reply